Waajjira MM: 'Dorsiifni dhimma Hidha Abbayyaarratti taasifaman seera idil-addunyaa kan cabsaniidha'

Madda suuraa, Simona Granati - Corbis
Dorsiifniiwwan dhimma Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Laga Abbayaa waliin walqabsisuun taasifamaan hubannoo dhabuurraa kan ka'aniifi seera idil-addunyaa kan cabseedha jedha Waajirri Ministeera Muummee Itoophiyaa.
Waajirichi ibsa dubbii Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Hidhicha ilaalchisuun dubbatan hordofuun baase kanaan "Itoophiyaa tuqee kan nagaan jiraate hin jiru," jedheera.
Pireziedant Tiraamp kaleessa Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdokii fi Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahoo waliin bilbilaan osoo kallattiin haasa'aa jiranii 'Masiriin Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ni rukkutti' jechuun dubbatanii ture.
Waajirri Ministeera Muummee Itoophiyaa ibsa Onokoloolessa 24, 2020 baaseen akka agarsiisetti, hidhaa kana ijaaruu cinaatti itti fayyadama bishaan Laga Abbayyaa haqa qabeessa akka ta'u murannoo biyyattiin ta'uu ibseera.
Itoophiyaan akka waliigaltee haqa-qabeessa hin taane keessa galtu, "yaadawwan dubbii kakkaasan fudhatama hin qaban," jedha ibsi Waajirichaa.
Dabalataanis walabummaa biyyattiirrattis kan aggaamamedha kan jedhu ibsi kun, "Itoophiyaan sodaachisa kamiifiyyu kan hin jilbeeffanneefi waliigaltee bara kolonii taasifameef beekamtii hin kennitu," jedheera.
Yeroo Sudaaniifi Israa'el waliigaltee isaanii tolfatanitti bilbila kallattiin Waayit Haawusirraa gaggeessitoota biyyoota lamaaniif taasisanitti Itoophiyaan waliigaltee Hidha Haaromsaa Guddicha Abbayyaa dhiistee bahuu hin qabdu ture jedhan Tiraamp.
Ministirri Muummee Sudaan ammmoo Hidha Haaromsaa Guddicha ilaalchisuun yeroo dhiyootti biyyoota sadan gidduutti waliigalteen ni mallatteeffama jedhanii abdii akka qaban dubbataniiru.
Ibsi Waajirri Ministeera Muummee kun yaadawwan walabummaa Itoophiyaa dhiiban kunnneen hubannoo dhabuurraa kan ka'an, bu'aallee kan hin qabneefi seera idil-addunyaa kan cabsan akka ta'e agarsiiseera.
Ummattoonni Itoophiyaa birmadummaa isaanii kabachiifachuudhaaf murannoo kan qaban ta'uu kan hime ibsi Waajira Ministeera Muummee, Itoophiyaan "gocha dubbii kaasan" kam keessattillee akka qooda hin fudhanne beeksiseera.
Itoophiyaan waliigaltee bara sirna gita-bittaa (kolonii) taasifameef akka hin bitamneefi mirgaafi faayidaashee ammoo dabarsitee akka hin kennine mul'iseera ibsichi.
Ammas taanaan waliigalteerra gahuudhaaf mariin dhimma Hidhaa Haaromsa Abbayyaarratti taasifaman karaa nagaan hiakka qabu kuttannoo biyyattiin qabdu agarsiiseera ibsi Waajira Ministeera Muummee Itoophiyaa kun.
Waayit Hawusitti Tiraam maal jedhan?

Madda suuraa, Getty Images
Jimaata galgala Waayit Haawusitti gaazexeessitootatti yeroo dubbatan Pirezedaanti Tiraamp, "Itoophiyaan gara waliigalteetti deebiyuu qabd; Masiriin aaruusheetiif balaaleffatamuu hin qabdu; Hidha sana rukkuttee dhoosuu dandeessi," jedhan.
Tiraamp waliigalteen Itoophiyaan dhiistee baate jedhan isa kam akka ta'e garuu kan adda baasanii jedhan hin qaban.
Sudaaniifi Israa'el waliigaltee haaromsachuu ilaalchisuun kaleessa Waayit Haawusitti bakka gaazexeessitoonni jiranitti gaggeessitoota biyyoota lamaanii bilbilaan kallattiin haasofsiisaniiru Tiraamp.
"Hidhaan Itoophiyaan Abbayyarratti ijaaraa jirtu akkam ta'e?" jechuun Ministira Muummee Sudaan gaafatan Tiraamp.
Itti fufuun, Hidhaan Haaromsaa kun biyyoota gara gadii jiran lagichi itti yaa'u akka bishaan hin dabarre gochuun miidha jechuun dubbatan.
'Qaama sadaffaa ta'uudhaan Itoophiyaafi Masirii waliin dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jirtu. Maalirra gahe?' jechuun itti dabaluun gaafatan Pirezedaant Doonaald Tiraamp.
Deebii Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook gaaffii isaaniitiif deebisan osoo hin eegiin, "Akka waliigalteerra gahan taasiseen ture. Itoophiyaan garuu waliigaltee sana dhiistee baate. Sana garuu gochuu hin qabdu ture.
''Dogogora guddaadha. Sababii kanaafis gargaarsa baayyee addaan kutneerra. Hanga waliigaltee sana hin fudhannetti yoomiyyu taanaan maallaqa sana hin argatan.
''Hidhaa akka bishaan gara laga Naayilitti (Abbayya) hin yaane godhu ijaaran; Masriin kanaan yoo aarte balaaleffatamuu hin qabdu. Akkam ta'aa jiraa? Maal beektuu?" jechuudhaan Ministira Muummichaaf gaaffii dhiyeessan.
Yeroo kanatti toora bilbilaarra kan turan Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahoo gidduu seenuudhan, Tiraamp gaafficha kan dhiyeesse Ministira Muummee Sudaaniif ta'uu isaa dubbataniiru.
Traamp, "Gaaffii kanaaf deebii kennuun kan barbaachisu [ministira muummee Sudaan] natti hin fakkaatu" erga jedhanii xiqqoo akka kolfuu ta'an.
"Waliigaltee hunda hirmaachiseefi hunda fayyaduu danda'urra yeroo dhiyootti geenya jennee yaadna," jedhan Ministirri Muummee Sudaan.
Tiraamp ammoo, "Akkas ta'uu hin danda'u sababiin isaas waliigaltee sana diiganiiru. Kun ammoo muddama guddaa uumeera. Masriin haala kanaan jiraachuu hin dandeessu. [Masiriin] rukutee dhooosuu dandeessi. Irra deebiyeen jedha, Masiriin Hidhicha rukkutee diiguu dandeessi," jedhan.
Waashingitan marii Itoophiyaa, Masriifi Sudaan kessummeessaa kan turte ta'us marii taasifame irratti Itoophiyaan dhuma irratti keessaa baateetti.
Itoophiyaan ergasii ibsa baasteen Yunaayitid Isteet gahee taajjabbuurra dabarte jechuun qeeqxee adeemsa isheen akka hin gammanne ibsiteetti.
Ameerikaan immoo Itoophiyaan mariirraa hafuu isheetiin 'mufadhe' jetteetti.
Ergasii as mariin dhimma Hidha Haaromsaa irratti biyyoota sadan gidduutti taasifamu Gamtaa Afrikaatiin akka gaggeeffamuuf gaaffii Itoophiyaan dhiyeessiteen taasifamaa jira.
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ammoo kanaan dura marii Hidha Laga Abbayyaa irratti waliigalteerra gahuuf taasifamaa ture furmaata akka argatuuf Ameerikaan akka hojjettu Pirezidantii Masrii Abdulfattaah al - Sisiitti bilbilaan himanii turan.
Xiinxaltoonni akkasumas Itoophiyaan Ameerikaan Masriif loogdi jechuun qeeqaa turuun ni yaadatama.















