Ameerikaa: Tiraamp "Masriin Hidha Haaromsa Abbayyaa ni rukkutti" jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Masiriin Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ni rukkutti jechuun dubbatan.
Pirezidaantichi kana kan dubbatan Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdokiifi Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahoo waliin bilbilaan osoo kallattiin haasa'aa jiranii ture.
Itoophiyaan waliigaltee Hidha Haaromsaa Guddicha Abbayyaa dhiistee bahuu hin qabdu ture jedhan Tiraamp.
Yeroo bilbila kallattii kana Waayit Haawusirraa taasisanitti gaazexeessitoonni argamanii kan turan yoo ta'u, Ministirri Muummee Sudaanis Hidha Haaromsaa Guddicha ilaalchisuun yeroo dhiyootti biyyoota sadan gidduutti waliigalteen ni mallatteeffama jedhanii abdii akka qaban dubbataniiru.
Pirezidanti gaggeessitoota Sudaaniifi Israa'eliif kan bilbilaniif biyyootiin lameen hariiroo waliin qaban foyyeessuudhaaf waliigaluu isaanii ilaalchisuun ture.
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook, "Yeroo dhiyoo keessa waliigalteerra geenya," jedhan.
Bakka gaazexeessitoonni walitti qabamanii jiranitti gaggeessitoota lamaan kan dubbisan Pirezedaant Tiraamp garuu haalli Hidhaa Haaromsaa Masiriif balaa waan ta'eef "Hidhaa Haaomsaa Guddicha rukkutee dhoosuu dandeessi" jedhan.
Doonaald Tiraamp kaleessa yeroo gaazexeessitootatti dubbatan akka jedhanitti Itoophiyaan gara waliigaltee sanatti deebiyuu qabdi jedhan. "Masiriin yoo aarte itti hin murteeffamu; garuu hidhicha rukkutuu dandeessi," jedhan Tiraamp.
Waliigaltee Itoophiyaan dhiistee baate jedhan isa kam akka ta'e garuu waan jedhan hin qaban Tiraamp.
Maaltu ta'e?
Sudaaniifi Israa'el waliigaltee haaromsachuu ilaalchisuun kaleessa Waayit Haawusitti bakka gaazexeessitoonni jiranitti gaggeessitoota biyyoota lamaanii bilbilaan kallattiin haasofsiisaniiru Tiraamp.
"Hidhaan Itoophiyaan Abbayyarratti ijaaraa jirtu akkam ta'e?" jechuun Ministira Muummee Sudaan gaafatan Tiraamp. Itti fufuun, Hidhaan Haaromsaa kun biyyoota gara gadii jiran lagichi itti yaa'u akka bishaan hin dabarre gochuun miidha jechuun dubbatan.
'Qaama sadaffaa ta'uudhaan Itoophiyaafi Masirii waliin dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jirtu. Maalirra gahe?' jechuun itti dabaluun gaafatan Pirezedaant Doonaald Tiraamp.
Deebii Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook gaaffii isaaniitiif deebisan osoo hin eegiin, "Akka waliigalteerra gahan taasiseen ture. Itoophiyaan garuu waliigaltee sana dhiistee baate. Sana garuu gochuu hin qabdu ture.
''Dogogora guddaadha. Sababii kanaafis gargaarsa baayyee addaan kutneerra. Hanga waliigaltee sana hin fudhannetti yoomiyyu taanaan maallaqa sana hin argatan.
''Hidhaa akka bishaan gara laga Naayilitti (Abbayya) hin yaane godhu ijaaran; Masriin kanaan yoo aarte balaaleffatamuu hin qabdu. Akkam ta'aa jiraa? Maal beektuu?" jechuudhaan Ministira Muummichaaf gaaffii dhiyeessan.
Yeroo kanatti toora bilbilaarra kan turan Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahoo gidduu seenuudhan, Tiraamp gaafficha kan dhiyeesse Ministira Muummee Sudaaniif ta'uu isaa dubbataniiru.
Traamp, "Gaaffii kanaaf deebii kennuun kan barbaachisu [ministira muummee Sudaan] natti hin fakkaatu" erga jedhanii xiqqoo akka kolfuu ta'an.
"Waliigaltee hunda hirmaachiseefi hunda fayyaduu danda'urra yeroo dhiyootti geenya jennee yaadna," jedhan Ministirri Muummee Sudaan.
Tiraamp ammoo, "Akkas ta'uu hin danda'u sababiin isaas waliigaltee sana diiganiiru. Kun ammoo muddama guddaa uumeera. Masriin haala kanaan jiraachuu hin dandeessu. [Masiriin] rukutee dhooosuu dandeessi. Irra deebiyeen jedha, Masiriin Hidhicha rukkutee diiguu dandeessi," jedhan.
Waashingitan marii Itoophiyaa, Masriifi Sudaan kessummeessaa kan turte ta'us marii taasifame irratti Itoophiyaan dhuma irratti keessaa baateetti.
Itoophiyaan ergasii ibsa baasteen Yunaayitid Isteet gahee taajjabbuurra dabarte jechuun qeeqxee adeemsa isheen akka hin gammanne ibsiteetti.
Ameerikaan immoo Itoophiyaan mariirraa hafuu isheetiin 'mufadhe' jetteetti.
Ergasii as mariin dhimma Hidha Haaromsaa irratti biyyoota sadan gidduutti taasifamu Gamtaa Afrikaatiin akka gaggeeffamuuf gaaffii Itoophiyaan dhiyeessiteen taasifamaa jira.
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ammoo kanaan dura marii Hidha Laga Abbayyaa irratti waliigalteerra gahuuf taasifamaa ture furmaata akka argatuuf Ameerikaan akka hojjettu Pirezidantii Masrii Abdulfattaah al - Sisiitti bilbilaan himanii turan.
Xiinxaltoonni akkasumas Itoophiyaan Ameerikaan Masriif loogdi jechuun qeeqaa turuun ni yaadatama.

















