Sanada Masriin hidhaa Abbayyaa mormuun Liigii Arabaaf galchite Sudaan mormite

Walgahii Liigii Arabaa guyyaa kaleessaa magaalaa Kaayirootti taasifamee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Walgahii Liigii Arabaa guyyaa kaleessaa magaalaa Kaayirootti taasifamee ture

Sanada Masriin hidhaa laga Abbayyaarratti Itoophiyaa mormuun Liigii Arabaaf dhiheessite Sudaan mormite.

Miidiyaan Masrii 'Ahram online' jedhamu gaafa Kamisaa akka gabaasetti, Sudaan murteen Liigiin Arabaa gama Masirii dhaabbachuuf murteessan kun Arabaa-Itoophiyaa walitti buusuu mala sodaa jedhu qabdi.

Dhimma waldhabdee Hidhaa Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ilaalchisee wixinee Liigiin Arabaa Masiriifi Sudaaniin deggaraniif gaafachuuf Masiriidhaan qophaa'e Sudaan "shakkiin irraa qaba" jechuun hin fudhatiin akka hafte burqaa oduu Masirii eeruun 'Aahrama online' ibseera.

Erga Itoophiyaan marii isa dhumaafi irratti walmallatteessu jedhamee eegamaa ture Ameerikaan Waashingiteenitti qopheessiterraa haftee dhimma Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayaarratti Itoophiyaafi Masiriin gara walgaareffachuutti ce'aniiru.

Marii ture jaarsummaatiin gidduu seenuun deggeraa kan ture Ministeerri Maallaqaa Ameerika osoo waliigalteen hin mallatteeffamiin pirojektii humna ibsaaa guddaa meggaawaatti 6,000 maddisiisu kana "bishaan guutuun jalqabuu hin qabu" jedheera.

Sudaanillee osoo bishaan guutuun hin jalqabamiin dura "akkaataa Hidhaa sana karaa nagaa ta'een akka hojjetu waliigaltee guutuurra" ga'amuu qaba ejjennoo jedhu qabsi.

Sudaan waa'ee wixinee yaada deggarsaa dhimma Hidhaa Haaromsaa ilaalchisuun biyyoota Arabaa irraa deggarsa argachuuf Liigii Arabaatiif dhiyaate dursitee dhageessee akka turte madden burqaa oduu MENA'tti himaniiru.

"Wixinee yaada deggarsaa biyyoonni Arabaa hunduu kan fudhatan ta'ullee Sudaan garuu fedhii hin garsiifne ture. Innumaayyuu Sudaan akka maqaan ishee wixinee deggarsa gaafachuu sana keessatti hin makamne gaafachuu," ishee madden kunneen ibsaniiru.

Sudaan wixineen deggarsa yaadaa argachuuf qophaa'e kun fedhii ishee akka hin taane ibsuun "kun Arabaa-Itoophiyaa akka waldhaban taasisuu mala sodaa jedhu," qabaachuu ibsiteetti.

Gartuun tokkummaa Arabaa kun atakaaroo akkasii kana keessa galuu hin qaban jetti Sudaan. Itoophiyaan "beekaa" marii dhimma Hidhaa Haaromsaa irratti gaggeeffamaa jiru gufachiisaa jirti jechuun Masriin himachuutti jirti.

Itoophiyaan garuu biyya keessatti irratti mariyadhee hin xumurre jechuun walga'ii dhumaa kana irratti akka hin argamin hafte ibsiteetti.

Sababiin Itoophiyaan himatte kun fudhatama hin qabu jechuun Masiriin ammoo akkaataa seerawwaniifi waliigalteewwan addunyaatiin kennamaniin mirgoota seenaa bishaan Abbayyaa irratti qabdu eegsifachuudhaaf tarkaanfiiwwan barbaachisan hunda fudhachuudhaaf amma qophiidha jetteetti.

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa hanga biyyoonni sadan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha irratti waliigalteerra ga'uun mallatteessanitti Ameerikaan gidduu galeessummaan mariisisuu akka itti fuftu ibseera.

Ameerikaan yaada gareen seeraafi teknikaa biyyoota sadanii dhiyeessan bu'uura godhachuudhaan akka sanadni waliigaltee qophaa'uuf haala mijeessaa kan turte yoo ta'u, Baankiin Addunyaa ammoo sanada waliigaltee sana ilaalchisee dhimmoota tekiniikaaf kan ta'an galtee kennaa tureera.

Itoophiyaan ibsa ministirri maallaqaa Ameerikaa baase loogii kan qabu waan ta'eef fudhatama hin qabu jetteetti. Hidha Haaromsaa Guddicha ilaalchisee wantoonni taasifaman martinuu fedhaafi faayidaa Itoophiyaa karaa eeguun qofa taasifamuu qabu jetti Itoophiyaan.

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp marii Hidha Laga Abbayyaa irratti waliigalteerra gahuuf taasifamaa jiru furmaata akka argatuuf Ameerikaan akka hojjettu Kibxata darbe Pirezidantii Masrii Abdulfattaah al -Sisiitti bilbilaan himani turan.