Filannoo Itoophiyaa 2021: Boordiin Filannoo yeroo galmee filattootaa dheeresse

Madda suuraa, NEBE/FB
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo Caamsaa dhufu gaggeeffamuuf hanga ammaatti namootni miiliyoona 18 galmaahuu himuun, galmee filattootaaf yeroo dabalataa kenne.
Boordichi filannoo dhuma ji'a Caamsaa keessa godhamuuf galmeen filattootaa sagantaa idilee baheen Jimaata kaleessaa xumurame akka dheeratu kan beeksise ibsa guyyaa kaleessaa baaseeni.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa filannoo kanarratti namootni miiliyoona 50 ta'an filachuuf ni galmaahu jedhee kan tilmaame ta'us, hanga Kamisa darbeetti kan galmaahan miiliyoona 18,427,239 akka ta'an ibseera.
Buufataalee filannoo 50,000 ol keessaas galmeen kun buufataalee 41,659 tti gaggeeffamaa akka tures ibseera.
Galmeen filattootaa kun sababoota adda addaan danqaan waan mudateef bakka galmeen itti gaggeeffamaa turetti akkuma haalasaatti torbee lamaafi isaa oliif akka itti fufu murteessuu boordichi ibseera.
Dhiyeenya kana walitti qabduun boordichaa Birtukaan Miidhaksaa ibsa kennaniin, buufataalee filannoo galmee gaggeessu jedhaman 50,000 ta'an keessaa galmee gaggeessaa kan turan walakkaa gadi akka ta'an ibsanii ture.
Naannoo Affaariifi Somaaleetti galmeen filattootaa barfateetu eegalame.
Torbanoota galmeen filattootaa eegaletti kanneen galmaahan kan eegamuun gad ta'uufi torbanoota gara dhumaarra ammoo lakkoofsichi akkaan dabaluu Boordichi ibseera.
Amma yeroon galmee akka dheereffamu murtee Boordichi dabarseen bakka galmeen barfatee eegale Affaariifi Somaaleetti torbee sadiif dheereffame.
Kutaalee biyyaa kanneen biroo keessatti ammoo galmeen filattootaa torban lamaan dheereffameera.
Dabalataaniis rakkoo nageenyaan galmeen filattootaa ammallee bakka hin eegalle naannoo Oromiyaa godinaalee Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti galmee filattootaa eegalsiisuuf hojjechaa akka jiru boordichi ibseera.
Godinoota sadii Horro Guduruu, Wallagga Bahaa fi Lixa Wallaggaatti; Aliiboo, Kombolchaa, Gidaamii, Ayyaanaa, Galiilaa, Beegii fi Sanyoo Gabayaatti ''ammallee galmeen hin eegalamu'' jedheera.
Haata'u malee aanaalee biroo keessatti galmee filattootaa eegaluuf qophiin barbaachisu godhamaa akka jiru ibseera.
Haaluma walfakkaatuun Naannoo Beenishaanguul Gumuuz Godina Kamaashii aanaa Sadaal alatti galmeen akka gaggeeffamu ibsameera.
Sababa rakkoo nageenyaan galmeen filattootaa Naannoo Amaaraa godinaalee Shawaa Kaabaafi Saba Oromootti adda citee ture deebisee eegaluurratti fuula duratti ibsa akka kennus himeera.

Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa Caamsaa kana gaggeeffamu sagantaa idileedhaan bara darbe gaggeeffamuun kan irra ture ta'uus sababa weerara Koroonaatiin bara kanatti darbe.
Naannoo Tigraayiin alatti guutummaa biyyattii keessatti filannoo gaggeeffamu kana irratti paartileen Oromiyaa keessatti morkattoota dhaaba biyya bulchuu ta'an KFO fi ABO ''miseensotiifi hoogganoonni keenya hedduun hidhaa jiraachuun, waajiraaleen keenya cufamuun dhiibamnee baaneerra'' jechuun filannoo kanarratti hin hirmaatan.
Filannoo paartileen 45 irratti hirmaatan kanarratti Paartiin Badhaadhinaa kaadhimamtoota hedduu dhiyeessuun sadarkaa duraarra kan argamu oggaa tahu, dhaabni Izeemaa fi Innaat ammoo sadarkaa lammataafi sadaffaarra jiru.
Dhaabota siyaasaa fi dhuunfaan kan dorgoman dabalatee kaadhimamtoota 8,200 oltu galmaahe.

















