Filannoo Itoophiyaa 2021: Hidhamuu aanga'oota ABO irratti 'qaama dhimmi ilaalu waliin' dubbachaa jirra-Boordii Filannoo

Alaabaa Itoophiyaa fi mallattoo nama filatuu

Madda suuraa, Mustafa Ferhat Beksen

Walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhagsaa waa'ee hidhamuu aanga'oota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ilaalchisee 'qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin' dubbachaa jirra jette.

Walitti-qabduun Boordichaa kana kan jette kaleessa wayita galmee kaadhimamootaafi dhimmoota kanaan walqabatan irratti aanga'oota paartilee siyaasaa waliin marii taasistetti ture.

Marii sanarratti gaaffii aanga'oota paartilee siyaasaarraa ka'aniif deebii kan kennite Aadde Birtukaan, namoota siyaasaa mana hidhaa jiran dhimmisaanii mana murtiin ilaalamaa jiru filannoo dhufu irratti dorgomuudhaaf kaadhimummaan galmaa'uu hin danda'an jetteetti.

Marii ture kanarratti Dubbi Himaan ABO Obbo Battee Urgeessaa, miseensonniifi aanga'oonni ABO dhimmisaanii mana murtiin cufame, akkasumas kan abbaan alangaan himannaan irratti banu hin qabu ittiin jedhe garuu ammallee mana hidhaatii hin bane jiraachuu ibseera.

Miseensonni "kanneen mirgisaanii seeraan irraa hin fudhatamiin" garuu ammoo mana hidhaa jiran kaadhimummaan dhiyeessuun ni danda'amaa? jechuun Obbo Batteen gaafatee ture.

Walitti-qabduun Boordii Filannoo Aadde Birtukaan Miidhagsaa waa'ee miseensota ABO mana murtiirraa dhimma hin qabne garuu ammoo mana hidhaa jiranii 'qaama dhimmi ilaallatu waliin' dubbachaa jirra jetteetti.

"Hanga beellama hin qabaannetti [kan mana murtii] sababiin ittiin mana hidhaa turaniif hin jiraatu," kan jettu Aadde Birtukaan, dhimma kanarratti mootummaa naannoo Oromiyaa waliin dubbachaa jirra jechuun deebiste.

Haata'u malee, kanneen mana hidhaa jiraniifi dhimmisaanii mana murtiitiin ilaalamaa jiran kaadhimummaatiin dhiyeessuu akka hin dandeenye dubbatte.

Walitti-qabduun Boordii Filannoo kun, namoonni dhimmisaanii mana murtiidhaan ilaalamaa jiru kaadhimummaatiin galmeessisuudhaaf seerri filannoo akka hin hayyamne ibsiteettis.

Kana malees, bakka bu'aan Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) Ahmad Mohaammad mootummaan paartii isaaniirraan dhiibbaa gara garaa geessisaa akka jiru waltajjii marii kanarratti dubbateera.

Waajiraaleen isaanii cufamuufi qophii kaadhimamtoota qopheessuuf yeroo gara aanaaleetti deeman miseensonni paartichaa akka gara Jigjigaatti deebiyan taasifamaniiru jedhe.

Paartii biyyaa bulchaa jiru bakka bu'uun kan argame Alamuu Simee (PhD), "Namni seera malee hidhamuu hin qabu. Filannoo dammaqsuufi bareechuuf jedhamee ammoo ol-aantummaan seeraa cabuu hin qabu," jedhe.

Alamuu Simee (PhD), "Dhiibbaan miseensota paartii siyaasaafi deeggartootarra ga'aa jiru yoo jiraate bakka rakkoon mudateera jedhu sirriitti yaa eeramu nuti ammoo giddu-galeessarraa nama ni ramadna, bakkasaa deemuun tarkaanfii sirreessuu barbaachisaa ni fudhata. …Kun ammoo bakka biraatti akka irra hin deebiyamneef tarkaanfii sirreessuu fudhachuuf nuti qophiidha," jedhe.

"Naannoleerraa deeggarsa gahaa argachaa hin jirru"

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sochii filannoo barbaachisu taasisuudhaaf naannoleerraa deeggarsa gahaa argachaa akka hin jirre beeksiseera.

Tokkoo tokkoon naannolee hojjetoota Boordii Filannootiif konkolaataa akka dhiyeessaniif si'a afurii ol xalayaan gaafachuu kan dubbattu Aadde Birtukaan, hanga ammaatti deeggarsa barbaachisaa ta'e kan taasisan naannolee Amhaaraafi Somaalee qofaadha jette.

Hojjetoonni bakkaa bakkatti socho'anii hojiisaanii hojjechuu kan hin dandeenye yoo ta'e filannichi yeroo karoorfametti raawwachuun akka hin danda'amne kan akeekkachiifte walitti-qabduun Boordichaa, ta'e jedhamees ta'u dhibaa'ummaan tumsa bulchiinsaa argachuu dhabuun paartileefi Boordii Filannoof qormaata ta'eera jetti.

Kaadhimamtoonni hanga barbaachisu galmaa'uu dhabuu

Buufataaleen filannoo ifa ta'an irratti kaadhimamtoonni gahaan galmaa'aa akka hin jirre marii kaleessaa kanarrratti Aadde Birtukaan dubbattee jirti.

Ammas taanaan paartileen buufataaleen filannoo banaman irratti kaadhimamtoota akka galmeessaniif waamicha dhiyeessiteetti.

Haata'u malee, yeroo kaadhimamtoota galmessanitti hojimaanni walqixxaataa ta'e dhibuun rakkoo akka ta'e bakka bu'aan paartii Ye Itoophiyaa Zeegooch La Maahibaraawii Fitiih (IZEMAn) dubbateera.

Bakka bu'aa IZEMA kan ta'e Waasihun Tasfaayee, kaadhimamtoota galmeessuudhaaf ulaagaaleen Boordichi ifatti gaafateen ala kaadhimamtoonni ragaaleen dabalataa biroo akka dhiyeessaniif ni gaafatamu jedheera.

Hojjetoonni mootummaa kaadhimummaatiin galmaa'uudhaaf yeroo gara buufata filannoo deemanitti, waajira hojjetanii xalayaa akka hojii gadhiisan agarsiisu akka fidan gaafatamu jedha.

Aadde Birtukaan gamasheetiin kaadhimummaadhaan dorgomuudhaaf xalayaa hojii gadhiisuu dhiyeessuun kan isaanirraa eegamu, abbootii seeraa, abbootii alangaafi hojjetoota caasaa nageenyaa ta'uu kaasuun, kanarratti sirreeffamni akka taasifamu dubbatteetti.

Marii kaleessa turerratti bakka bu'oonni paartileen siyaasaa kan akka ABO, KFO, IZEMA, Badhaadhinaafi ONLF dabalatee kaneen biroo argamaniiru.

Akka Boordiin Filannoo baasetti galmeen kaadhimamtootaa A L I Guraandhala 8 hanga 21tti gaggeeffama.

Haata'u malee, dhiyeessi meeshaalee nannoleen tokko tokkotti buufataaleen hunda qaqqabsiisuu waan hin dandeenyeef, kana hordofee ammoo buufataleen filannoo hunduu banamuu dhabuusaaniitiin galmeen kaadhimamtootaa marsaa lammafaatiif A L I hanga Bitootessa 6tti akka dheerate ibsameera.