Filannoo 2021: Qabxiilee shan filannoo dhufu akka eegamu taasisan

Alaabaa Itoophiyaa fi mallattoo nama filatuu

Madda suuraa, Mustafa Ferhat Beksen

Filannoo A L I bara 2007 Itoophiyaatti gaggeeffameen ADWUIn teessuma mana maree guutummaan guutuutti mo'adheera jedhee labsee waggoota muraasa booda biyyattii bakkeewwan gara garaatti mormiin mootummaarratti ka'e.

Keessumaa ammoo mormiin Qeerrootiin Oromiyaatti jalqabame cimee itti fufuun Addichi dhiibbaa guddaa keessaafi alaan isa mudateen gaggeessaan isaafi ministirri muummee biyyattii akka fedhii isaaniitiin aangoo gadhiisaniif sababa ta'eera.

Mormii uummataa, akkasumas wal qooduu paartii biyya bulchaa jiru gidduutti dhalate ni fura jedhamee jijjiiramni eegameen, ministirri muummee yeroo ammaa Abiy Ahmad (PhD) A L I Bitootessa 18, 2010 dura ta'aa partichaa ta'uun filataman.

MM Abiy guyyaa mudamasaanii wantota ijoo nan raawwadha jedhan haasaa isaaniin dhageessisan. Haasaa isaanii kana keessattis mootummaan paartileen siyaasaa 'morkattootaa' waliin hariiroo qabu foyyeessuu, akkasumas sirna dimokiraasii gadi dhaabuu kan jedhu dhimma eerame ture.

MM Abiy haasaa biraa mana maree duratti taasisaniin filannoo ilaalchisee bulchiinsi isaanii murannoo akkamii akka qabullee ibsa bal'aa kennaniiru.

"Waggoota sadan darban ummanni Itoophiyaa daangaa haga daangaatti adeemsi keenya jijjiiramuu qaba, nagaafi dimokiraasii yaadneerra jechuun carraaqqii keessaanis alaanis taasiseen jiraachuufi jiraachuu dhabuu Itoophiyaatiif gaaffii kan ta'e dimokiraasii dhugaa ijaaruudhaaf filannoon itti aanu akka safartuu ijoo tokkootti fudhatameera," jedhanii turan.

Kanaaf, filannoon waadaa galame kana booda gaggeeffamu maaltu adda godhaa?

1px transparent line

Paartileen "shorokkeesummaan" farrajamanii turan kan irratti hirmaatan ta'uu

Filannoo biyyaaleessaa dhufu kana wantoota adda taasisan keessaa tokko paartileen hidhatanii socho'aa turan filannoo baranaa kanarratti aangoo qabachuuf dorgomuu isaaniiti.

Yeroo tokko mana maree bakka bu'oota ummataatti 'Shorokeessaa' jedhamuun farrajamanii kan turan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF), akkasumas Arbanyooch Ginbot 7 (kan baqee IZEMA ta'e) gara biyyatti deebiyanii filannoorratti hirmaachuudhaaf qophiirra jiru.

Bara 1973 kan hundeeffame ABOn bara 1991 qaama mootummaa ce'umsaa kan ture yoo ta'u, osoo baayyee hin turiin garuu mormuudhaan qabsoo hidhannoof bosona seene.

Waggootaaf erga qabsoo hidhannoo gaggeessaa ture waggaa sadiin dura MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee gara biyyaatti deebiyeera.

Qabsoo hidhannoo waggootaan booda yeroo jalqabaatiif filannoorratti hirmaachuuf kan qophaa'e ABOn, filannoo waliigalaa 6ffaa irratti paartileen siyaasaa tilmaamni ol-aanaan kennameef keessaa isa tokkodha.

Dhaabni kun rakkoo hidhaa gaggeessitoota koorra gaheera jedhu qabatee, seenaafi fudhatama guddaa ummata Oromoo biratti qabu qabatee filannootti deemaa jira.

Filannoo biyyaalessaa jalqabaarratti hirmaachuurra darbee filannoo naannoo mo'atee kan ture ONLF filannoo dhufurratti dorgomuudhaaf kaadhimamtoota qopheessaa jira.

ONLF gara qabsoo karaa nagaatti kan gale A L I Guraandhala 01, 2011 hidhattoota 1,740 hikkachiisee, caasaalee siviliifi nageenyaa naannoo Somaaleetti deebisuuf mootummaa naannichaa waliin waliigaluun ture.

Gaggeessitoonni paartichaa walii walii isaanii gidduutti, akkasumas mootummaa naannichaa waliin wal dhabdee ilaalcha siyaasaa gara garaa qabaatanillee miseensi addichaa tokkollee gara qabsoo hidhannootti kan hin deebine ta'uu paartichi BBCf ibseera.

Dura ta'aan paartichaa Abdiraahim Mahaadii waadaan yeroo gara Itoophiyaatti deebiyan galameefiif ture garri caalaan isaa raawwatamuuf baatulleen, paartiin isaanii qabsoo karaa nagaarratti abdii akka hin kutanneefi nagaan naannicha keessa jiruus akka milkaa'inaatti akka ilaalamu BBCtti himaniiru.

"Ummanni keenya kanaa booda gara lolaatti akka galu hin barbaadnu; kanaafidha garaa garummaan gara walitti bu'insaatti akka hin jijjiiramneef ga'ee keenya kan bahachaa jirru.

Filannoon dhufu dimokiraatawaa akka ta'uuf boordiin filannoofi mootummaan federaalaa maal akka hojjechaa jiran beekuu baannullee, mootummaan naannichaa garuu erga guyyaa gara biyyaatti gallee kaasee dhiibbaa inni nurraan geessisaa jiru yaaddessaadha," jechuun dubbata Abdiiraahiim.

Waajiraalee filannoo aanaa 400 ol banatee filannoo dhufuuf qophii taaasisaa kan jiru IZEMAn, paartileen ja'a walittti baqanii kan ijaaramedha. Isaan keessaa hidhannootiin kan qabsaa'aa ture Arbanyooch Ginbota 7 'shorokkeessummaan' farrajamee ture.

Obbo Adam sababii ukkaamsaa kanaan dura tureen bu'uurri siyaasa mormii ala akka ture ibsuun, paartileen kunneen garabiyyaatti deebiyuun abdii guddaafi yaaddoo qabatee kan dhufedha jedha.

Dubartiin tokko yeroo sagalee kennaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni siyaasaa hedduun osoo mana hidhaa jiranii gaggeeffamuu isaa

Itoophiyaa keessatti filannoo biyyaalessaa sadaffaatiin booda gaggeessitoonni paartileen mormitootaafi miseensonni isaanii hidhaa osoo jiranii filannoon gaggeeffamuun waan haaraa miti.

Safartuu kamiiniyyu filannoon biyyaalessaa ja'affaa, keessumaa filannoowwan A L I bara 2002 fi 2007 gaggeefamanirra kan foyya'e ta'ee gaggeeffamuu qaba jedha Adam. Filannoowwan lamaan sanarra kan hin foyya'iin gaggeessuun hin danda'amu jedha itti dabaluun.

Haata'u malee, safartuun isaa ta'uu kan qabu ulaagaaleen heerri mootummaafi seeronni gaafatan guutuu isaati. Akkaataa kanaan yoo ilaalame garuu hir'inawwan gosa hedduu qaba jedha ogeessi seeraa Adam.

Yeroo ammaa kana gaggeessitoonni ol-aanoo ABO, KFO fi Baaldaraas Dimokiraasii Dhugaaf hidhaa akka jiran beekamaadha.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) waajirasaa muummee Finfinnee jiru dabalatee waajiraaleen isaa 103 ta'an cufamuu isaanii BBCtti himeera.

Sadarkaa onaatti ammoo miseensonni isaa 989 kan jalaa hidhamanii jiran ABOn gaggeessitoonni giddu-galeessaa 145, akkasumas gaggeessitoonni ol-aanoo 32 hidhaa jiraachuuf BBCf ibseera.

Itti-gaafatamaan waajira KFO Obbo Xurunaa Gamtaa, gaggeessitoonni ol-aanoo paartichaa hidhamanii jiraachuu himuun, "Amma filannoorratti hin hirmaannu hin jennu. Haata'u malee, haala filannoorratti hirmaachuu hin dandeessifne keessa jirra," jedhu.

Itti gaafatamaan waajira Baldaraas Dimokiraasii Dhugaaf Obbo Galataaw Zallaqaa: "Filannoo keessa hin gallu kan jedhu amantaa hin qabnu. Garuu filannoon akka biyyaatti itti seennu haalla qabatamaa amma jiru nu yaaddessa," jechuun kanaan dura BBCtti himeera.

Dura ta'aan duraanii Sochiin Biyyaalessaa Amhaaraa (ABIN) miseensi ykn gaggeessaan paartii jalaa hidhame dhibullee, keessattuu waajiraaleen Oromiyaa keessatti argaman 20 ta'an jalaa cufamuu BBCtti himeera.

Paartileen tokko tokko walga'ii idileesaanii akka garaasaniitti gaggeeffachuudhaaf sadarkaa isaaniif hin hayyamamnerra ga'uu isaanii kan eeru Obbo Adam, paartiin biyya bulchu garuu seerota koronaa ittisuuf bahanillee hiriira hin kabajne gaggeeffachaa jiraachuu arguun ammallee sirni paartii biyya bulchaa jiruuf loogu jiraachuu agarsiisa jechuun ibsa.

"Mootummaan ammallee rakkooleen siyaasaa akka rakkoo nageenyaa godhee ilaaluun waan jiruuf, keessattuu yeroo filannoon dhiyaatee deemuufi ho'i isaa dabalaa dhufu mormitootarratti dhiibbaa dabaluu danda'a," jedhan.

Haala kanaan kan itti fufu yoo ta'e, filannoo dorgommiin irratti hin hayyamane ta'a jechuun yaaddoo qabu dubbata.

Filannoo TPLF hin hirmaachifne ta'uu isaa

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) filannoowwan biyyaalessaa shanan darban irratti dhiibaa ol-aanaa keessatti qabaataa ture keessatti komiin irratti dhiyaataa kan ture yoo ta'u, filannoo ja'affaarratti paartii mootummaa giddu-galeessaa keessaa baafamee ofii isaatiin komii dhiyeessu ta'eera.

Itoophiyaatti sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'een yeroon filannoo akka dheeratu murteeffamellee, TPLF garuu naannoo isaatti filannoo gaggeessuun mo'achuun isaa ni yaadatama.

Paartichi tarree paartilee siyaasaa Itoophiyaa keessaa kan haqame yoo ta'u, gaggeessitooni paartichaa ammoo lola naannicha keessatti jalqabameen hangi tokko lubuun isaanii darbee, kanneen biroon ammoo qabsoo hidhannoof gammoojjii kan jiran yoo ta'u hangi tokkos to'annoo seeraa jala oolfamaniiru.

Kanaaf, erga heerri mootummaa raggaasifamee booda TPLF haqamee filannoo gaggeeffamu isa jalqabaa ta'a.

Birtukaan Miidhaksaa

Mootummaan namoota isatti dhiyaatan gaggeessummaa boordiif filata jechuun maqaanshee paartii siyaasaa mormituu keessatti kan beekamtu Burtukaaniin akka fakkeenyaatti kaasuun paartileen siyaasaa dubbatanii turan.

Duraan haadha seeraafi nama siyaasaa kan turte boordiin filannoo haqa qabeessa miti jechuun kan himannaa bantee turte Birtukaan Miidhagsaa, walitti qabduu Boordii Filannoo ta'uun filannicha raawwachiisuuf qophiirra jiraachuunshee filannoo dhufu dhimmoota akka qalbiin eegan taasisan keessaa tokkodha.

MM Abiy gara aangootti dhufuu hordofee ture Birtukaan Miidhagsaa biyya itti baqattee jirtu Ameerikaarraa itti-gaafatamummaadhaaf gara Itoophiyaatti kan deeebite.

Boordichi Burtukaaniin dura walitti qabaa boordii sadii dabarsera. Erga Heerri mootummaa ragga'een booda walitta qabaa boordichaa kan ture Kamaal Badiriin A L I 1986-1997tti tajaajileera.

Itti aansuun ammoo Margaa Baqqaanaa A L I 1999-2009tti, akkasumas A L I 2010-2011tti Saamiyaa Zakkaariyaa boordicha gaggeessaniiru.

Burtukaan maaliin adda taate?

Burtukaan A L I bara 1997 filannoo biyyaalessaa sadaffaarratti paartii Qindoominaa bakka bu'uun dorgomteetti. Filannicha hordofees miseensotaafi gaggeessitoota paartilee mormitootaa yeroo hidhetti isheenis hidhamtee turte.

Hirmaannaa siyaasaasheetiif waggoota baayyee mana hidhaatti kan dabarsite Burtukaan, filannoo biyyaalessaa ja'affaa filatamtuu taatee dhiyaatti osoo hin taane dhaabbata filannoo raawwachiiftu gaggeessiti.

"Kaadhimamtuu ani har'a dhiyeessu mootummaafillee ta'e karaa dogogoraan harka kan hin kennine, seeraafi sirnaaf ejjennoo cimaa kan qabdu; ejjennoo cimaa qabaachuu qofa osoo hin taane kanaaf gatii barbaachisu kaffaluu keessatti qabatamaan ummata Itoophiyaatti agarsiiftedha," jechuun MM Abiy mana maree irratti waa'ee walitti qabduu boordii kanaa dubbataniiru.

Walitti qabduun haaraa kun erga dhuftees boordichi bifa seera ittiin hojjetu bifa adda ta'een jijjiireera.

Boordichi kanaan dura miseensota sagal kan qabu yoo ta'u, bu'uura labsii boordii filannoo hundessuu haaraatiin gara shaniitti gadi siqeera.

Seerri sadii Itoophiyaan filannoo ittiin gaggeesitu gara tokkootti cuunfamanii fooyya'insi gara garaa taasifamuun hojiirra ooleera.

Boordichi meeshaaleen kanaan dura itti fayyadamaa ture jijjiiruudhaan meeshaalaan haaraa beeksisuu erga jalqabee bubbuleera.

Birtukaan A L I bara 1996 haadha seeraa yeroo turterraa kaasee ejjennoo cimaa qabattuun beekamti.

Biyya baqannaan keessa turte Ameerikaatti barumsa dabalataa, keessumaa muuxannoowwan dimokiraasii waliin walqabatan argachuun ishee walitti ida'amee baardii filannoo dhufu raawwachiisu gaggeessuunshee amanamummaa filannootiif gahee mataa isaa ni qaba yaadonni jedhan irra deddeebiin ni dhaga'amu.

Heera mootummaafi dhimmoota filannoorratti qorannoo kan gaggeesse ogeessi seeraa Adam Kaasee, jabinni walitti qabduu boordii jabina boordichaarratti gahee gaarii akka qabaatu waliigalullee, nama dhuunfaarra walabummaa miseensota boordii, kanarra darbees jabinni dhaabbatichaa ni murteessa jechuun ibsa.

Filannoo walabaa gaggeessuudhaaf boordiin filannoo abbaa seeraa cimaa ta'uun isaa murteessaa ta'ullee, kun tumsa mootummaa malee filannoo bu'a qabeessa ta'e gaggeessuu dandeessisa jechuu miti jechuun ibsa Adam.

Paartileen siyaasaa gara garaa ammoo boordichi paartiin biyya bulchuu caasaa mootummaa fayyadamuun miidhaa nurraan geessisaa jiru nurraa hin dhorkine jechuun irra deddeebiin himatu.

Paartileen akka Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFOn), Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Baaldaraas Dimokiraasii Dhugaaf sadarkaa filannoo itti aanurratti hirmaachuurra hin jirru kan jedhan turaniiru.

KFO fi ABOn miseensonni keenya yeroo hidhamaniifi waajiraaleen keenya yeroo cufamanitti boordiin filannoo callisaan bira darba jechuun irra deddeebiin dhaga'amu.

"Boordiin filannoo hojii akka dhaabbataatti of jabeessuurratti fuulleefatee turuun, keessattuu mirgoonni gareewwan dorgomtootaa eegamuurratti qaawwi jiraachuu malu; haata'u malee kun iyyata ragaan boordichaaf dhiyaaterratti hundaa'a," jechuun BBCtti hime Adam.

Kanaaf ammoo boordichi iyyata paartiin biyya bulchu hiriira ummataarratti maqaa balleessiin jira jedhamee iyyata dhiyaatee tureef akeekkachiisa kennuu isaa akka ragaatti eera.

Haata'u malee, yeroo dhiyaachaa deemuttiifi ho'i siyaasaa yeroo dabalu, komiin akka kanaa ni dabalu, boordichis qoramaa deema jechuun ibsa.