'Jawaar Mohaammad haatisaa gaaffachuu deemtullee inni garuu beekuu hindandeenye'- KFO

Jawar Mohammad

Paartiin Kongirasii Federaalawaa Ooomo (KFO)n haalli fayyaa namoota mana hidhaa keessatti lagannaa nyaataarratti argamanii kan Obbo Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaafi Shamsaddiin Xahaafaa sadarkaa yaaddeessaarra jira jechuun ibsa baase.

"Mootummaan atattamaan lubbuu namoota kanaa haa baraaru,'' jechuunis ibsa kanaan gaafateera Paartichi.

''Miidhaa miseensota dhaabichaa mana hidhaatti lagannaa nyaataa irra jiranirra gahuuf mootummaan itti gaafatama ni fudhata,'' jechuun, ummanniifi hawaasni addunyaa mootummaa irratti dhiibbaa akka taasisuuf paartichi gaafateera.

Miseensi koree hojii-raawwachiiftuufi Itti-gaafatmaan Waajjira Mummee KFO Obbo Xurunaa Gamtaa, ''namoonni lagannaa nyaataa irra jiran kunneen dhukkubsatanii jiru. Kana caalaa nama adda baasuu hindanda'an. Dhaabbachuu hindanda'an. Lubbuunsaanii sadarkaa yaaddeessaa irratti argama,'' jechuun BBCtti himan.

Akkasumas, garee hakiimoota kanneenii keessaa tokko kan ta'an Dr Ilillii Jamaal Kamisa darbe haalli fayyaa namoonni mana hidhaatti lagannaa nyaataarratti argaman kunneenii baayyee yaadessaa ta'uu BBCtti himunsaanii ni yaadatama.

Obbo Xuraanis, Wiixta darbe namoota lagannaa nyaataarratti argaman wayita doowwataniitti, ''waa dubbachuu akka hindandeenyee hubadhera. Akkasumas, haatii Jawaar Mohaammad isa gaafachuu deemanii inni garuu adda isaan baasuu hindandeenyee,'' jedhan.

''Guyyaa Wiixataa argeera. Waa dubbachuu hindanda'an. Jawaar lafa qabatee ture kan gara kutaa mana hidhaatti ol deebii'e. Booheen biraa deebi'e'' jechuun haala namoonni lagannaa nyaataarratti argaman kunneen keessa jiran himan Obbo Xurunaan.

Kanaafuu, abbaan alangaa, waldaaleen siivilii, dhaabbileen mirga namoomaafi qaamooleen kaaniillee mana hidhaa deemuun Obbo Jawwar faa akka gaafataniifi mootummaa irratti dhiibbaa akka taasisaniif gaafataniiru.

''Seenaa Itoophiyaa keessatti mallattoo gurraacha ta'uu hubachuun mootummaadhaaf yaada akeekkachiisaa barbaachisaa kennuu danda'us,'' jedhan.

''Akka amantaa keenyaatti miseensonni keenya yakka tokkollee osoo hin hojjetiin maqaa isaanii xureessuun sobaan waan himatamaniif mootummaan itti gaafatama dachaa qaba jenna,'' jedhan Obbo Xurunaan.

Kana malees ''mootummaan gaaffii namoonni lagannaa nyaataa irra jiranii kana deebisuun lubbuu isaanii baraaruu qaba,'' jedhu.

Obbo Jawaar Mohaammd, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee xaafaa dabalatee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman naannoo Oromiyaatti ajjeechaa Artiisti Haacaaluutiin booda to'annaa jala oolfaman keessaa ta'unsaanii ni yaadatama.

Ibsi KFO maal jedha

Paatichi ibsa isaatiin miseensonni isaa mana hidhaatti lagannaa nyaataa irra jiran lubbuu isaaniirra yaaddoo cimaa waan qaqqabsiiseef, mootummaan tarkaanfii saffisaa fudhatee lubbuu namoota kanneenii baraaruu akka qabu waamicha taasisuu hima.

Mootummaan nama to'annaa isaa jala jiru hafee, nageenya lammii kamiiyyu eeguuf itti-gaafatama qaba kan jedhan Obbo Xurunaa Gamtaa, miidhaa miseensota isaanii to'annoo jala jiran irra gahuufis mootummaan itti-gaafatama fudhata jedhan.

Mootummaan gaaffiin namoonni kunneen gaafataa jiraniif deebii kennuun hidhaatiis gadi lakkisuu qaba jedhan.

Obbo Xurunaan itti dabaluunis, waajjira ministira muummeef xalayaa barreessaa akka turan himuun, ''to'annoo isaanii jala waan jiraniifis ni beeku jennee amanna,'' jedhan.

Haata'u malee, ''mootummaan kana dura karaa kamiinuu deebii nuuf kennee hinjiru. Mootummaan biyya kanaa gaaffii paartilee dafee deebii hin kennu. Yookaan ammoo erga yeroon isaa darbee deebisa. Hanga ammaatti boordii filannoo qofaatu deebiidha jedhee xalayaa tokkittii nuuf deebiise,'' jedhan Obbo Xurunaan.

Dhaabichi hoggantootaafi miseensota isaa amma hidhaa jiraniif gahee hojii qooduun filannoo dhufu irratti karoorsee akka ture kan himan Obbo Xurunaa Gamtaa, haatahu malee amma ''yakka hin hojjenneen himatamanii'' mana hidhaa jiru jedhan. Kanaaafuu, mootummaan gaaffii jara kanaatiif deebii atattamaa kennuu qabas jedhan.

Fayyaan isaanii maalirra jira?

''Amma nyaata nyaachuu miti, dhukkubsataa tahaniiru. Namoota isaan ilaaluu deeman ol jedhanii ilaaluu hin danda'an. Muka qabataniiyyuu ka'uu hin danda'an. Iji isaanii arguu, gurri isaanii dhagahuu dadhabeera,'' jedhan.

''Jawaar Mohaammad kan kana dura burraaqu suun amma fuulli isaa shuntuuree, goggogee jira. Sagaleensaa hin jiru. Hamzaa Booranaa kan dur kolfee nama taphachiisu, fiigee hojii hojjetu har'a hin jiru,'' jechuun waan ofiin dhaqanii hubadhe jedhan BBCtti himan Obbo Xurunaan.

Ibsa kanas kan baasan lubbuu namoota kanneenii baraaruuf dirmannaa mootummaa, uummata Itoophiyaafi hawwaasa adunyaa waan barbaannuuf jedhan.

''Yoo lubbuun isaanii baraaramuu baate mootummaan seeraanis seenaanis gaafatamuu danda'a,'' jedhan.

Gama mootummaan dhimma kana irratti ifatti waanti jedhame jiraachuu baatus torban darbee keessa paartilee siyaasaa kaaniifi abbootiin amantaa adda addaa hidhamtoota kanneen bira dhaqanii lagannaa nyaataa kana akka dhaabaniif gaafatanii ture.

Obbo Jawaar fa'aas hamma gaaffiin isaanii deebii gahaa argatutti dhaabuuf akka fedha hin qabne dubbachuutu namoota isaan doowwatan irraa dhagahame.

Namoota siyaasaa fi abbootuu amantaa

Madda suuraa, Kaamil Shamsuu

Maaliif nyaata lagataa jiru?

Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaafi qondaalonni ABO hidhaa jiran keessaas dabalatee lagannaa nyaataa kanarra akka turan abukaatonni isaanii BBC'n dubbise dubbachaa jiru.

Gaaffiin jarri kun kaasan keessaattis yeroo darbe dhaddacha hordofuuf namoonni uffata keelloo uffachuun deeman maaliif hidhamu, qabinsa koloneel Gammachuu Ayyaanaa sirreeffamuu qaba kan jedhuu ni argamu.

Kana malees ''oabsoo biyyattiitti jijjiirama guddaa fide keessatti qooda ol aanaa bahannee osoo jirruu mootummaan yakka keenya malee nu hidhuun sirrii miti',' kan jedhus akka kaasan abukaatoo isaanii keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloo BBC'tti himaniiru.

Itoophiyaan Caamsaa dhufu keessa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa gaggeessuuf jetti.

KFOn namoota akka Jawaar Mohaammad, Dajanee Xaafaafi Obbo Baqqalaa Garbaa fa'iif hojii qoodee kallattii hundaan socho'anii filannoof qophii akka taasisaniifi karoora akka qaban himan Obbo Xurunaa Gamtaa.