Jawaar Mahaammad, Baqqala Garbaa fi kaan guyyaa 12ffaa lagannaa nyaataarra jiru

Obbo Baqqalaa Garbaa, Jawaar Mahaammad fi Hamzaa Adaanaa lagannaa nyaataa irra jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Baqqalaa Garbaa, Jawaar Mahaammad fi Hamzaa Adaanaa

Obbo Jawaar Mahaammad, Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaanaa fi Shamsaddiin Xahaa nyaata lagachuu erga jalqabanii har’i guyyaa 12 tahuu maatii fi abukaatoowwan BBCtti himaniiru.

Himatamtoota afraniin alatti galmee Obbo Jawaar Mahammad jalatti kan argaman nyaata lagachuu akka jalqaban abukaatota keessaa tokko kan tahan Obbo Misgaanuu Mul’ataa dubbataniiru.

Obbo Jawaar Mahammad fa’iin kaleessa iyyaafachuu kan himan abukaatoon kun ''baayyee dadhabaniiru,’’ jechuun BBCtti himan.

Haati warraa Obbo Baqqala Garbaa Aadde Haannaa Raggaasaa abbaan warraa isaanii ammallee lagannaa nyaataarra akka jiran himan.

''Naanee jirra. Waan haasofnu hin qabnu. Du'uma keessa jiru. Erga nyaata didanii guyyaa 12 darbeera,'' jedhan Aadde Haannaan.

Abukaatoon akka jedhanitti immoo himatamtoota afran dabalataan eegdonni Jawaarii fi gaazexeessaan OMN Mallasa Dirribsaa nyaata erga lagatanii guyyaa ja’a darbuun ibsameera.

Haati warraa gaazexeessaa Mallasa Dirribsaa Taaddalach Margaa abbaan warraashee nyaata lagachaa akka jiruufi nyaata fuuteefi deemtu akka harkaa hin fuune dubbatteetti.

Herregni baankii abbaa warraa ishee, Mallasaa Dirribsaa fi kan dhuunfaa ishee akkuma duraan cufametti jiraachuu Aadde Taaddalech BBCtti himaniiru.

Abukaatoo hidhamtoota kanneenii keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloo, gaazexessaa Mallasaa Dirribsaa waan dadhabeeruuf gadi bahee nu hin dubbisne jedhan.

Obbo Kadir Bulloo kaleessa mana hidhaatti dubbisuu yeroo deeman waan haaraan hubanne ''Arafat Abubakarii fi kaan dadhabanii yaaliif hospitaala galaniiru'' jedhan.

Dabalataan Daawwit Abdataa kaleen na dhukkuba jedhee taa'uu hin danda'u jedhan. Obbo Kadir '' Jawaar dadhabeera. Hakiimonni isaas hospitaala galuu qaba jedhan. Sagalee baasee dubbachuu hin dandeenye. Laafeera, nu dubbisuuyyuu hin dandeenye,'' jedhan Obbo Kadir

Abukaatoon hidhamtoota kanneenii Obbo Misgaanuun dabalataan ‘’namoonni tokko tokko gargaarsaan manaa bahu. Keessumaa immoo warreen boodarra lagannaa nyaataa kanatti makaman dadhabaniiru,’’ jedhan.

Hakiimonni isaanii yaalii erga taasisaniifii booda ‘’bishaan yoo dhugan malee kutaan qaama isaanii tokko tokko hojii dhaabuu mala jedhamnaan booda bishaan fudhachuu jalqaban. Nyaata waan jedhamu afaan isaaniitti goraa hin jiru,’’ jedhan abukaatoon BBCtti haasa’an Obbo Misgaanuun.

Gaaffiin lagannaa nyaataa akka jalqaban taasise mootummaan hoggantoota paartilee mormituu hidhuun waajjiraalee jalaa cufsiisuun sirrii akka hin taane, haala qabinsi qondaala ABO koloneel Gammayyuu Ayyaanaa sirrachuu qaba kan jedhuu fi namootni dhaddacha irratti isaan dubbisuu deeman hidhamuu fi dhorkamuun sirrii akka hin taane ibsuuf.

Dabalataan qabsoo qeerroon gaggeesse jijjiramni biyyatti dhufe keessatti qooda ol aanaa bahanne har'a hidhamun keenya dhimma siyaasaafi yaada jedhus qabu.

Abukaatoon hidhamtootaa Obbo Kadir miidhaa isaan ira gahuuf itti gaafatama kan fudhatu mootummaadha. Gaaffii isaanii karaa kamiinuu tahu deebisuu kan qabu mootummaa waan taheef jedhan.

Lagannaa nyaataa kanas hanga yoomiitti itti fufu kan jedhuuf hanga gaaffiin keenya deebii argatutti nuun jedhan jechuun Obbo Kadir BBCtti himan.

Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo baqqalaa Garbaa fi hidhamtootni kaan sababa lagannaa nyaataa irra turaniif waan dadhabaniif jecha waakkii mana murtiitti dhiyeeffachuu waan hin dandeenyeef gaaffii dhiyeessaniin beellamni gaafa Gurraandhala 22 bara 2013tti qabameeraaf.

Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaa fi kaan namoota ajjjechaa artist Haacaaluu Hundeessaa booda to'annoo seeraa jala oolan keessaa isaan tokko.