Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa mana hidhaatti Jawaar Mahaammad fa'a daawwachuu hime

Tartiibaan Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Hamzaa Adaane(Booranaa)

Madda suuraa, YADI PICTURES, BBC, HAMZA BORENA FACEBOOK

Ibsa waa'ee suuraa, Tartiibaan Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Hamzaa Adaane(Booranaa)

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa lagannaa nyaatarra kan jiran, himatamtoota galme Obbo Jawaar Mohammaad fa’aa jala jiran daawwachuu Jimaata kaleessaa beeksise.

Mana hidhaa Qaallittiitti lagannaa nyaataarra hidhamtoota jiran ilaalchisuun Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani’eel Baqqalaa,‘’fayyaa fi lubbuun hidhamtootaa balaa hamtuurraa akka hin buune hordoffii itti dhiyeenyaa akka barbaachisu himan.

Gaaffiiwwan lagannaaf sabababii ta’aniif deebii saffisaa kennuudhaan, namoonni hidhamtoota gaafatan mana hidhaattis ta’e mana murtiitti sirnaan keessummeeffamu qabu’’jechuusaanii ibsichi eereera.

A.L.I Amajjii 25, bara 2013 Komishinichi mana hidhaa Qaallitti fi Qilinxootti hidhamtoota argaman ilaaluu kan ibse yoo ta’u, Obbo Jawaar Mohaammad, Koloneel Gammachuu Ayyaana fi haala qabiinsa Xilahuun Yaamii irrattis hordoffiin akka barbaachisu komishinichi himeera.

Obbo Jawaar Mohaammad Amajjii 19 irraa qabee lagannaa nyaataarra akka turan kan ibse Komishinichi, kaayyoon lagannaa kanaa mootummaan uummaataafi paartiisaanii ukkaamsaa fi sarbamiinsa mirgaa qaqqabsiisu mormuu akka tahe hubanneerra jedhe.

Dabalataan haalli qabiinsa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa sirrii akka hin taanee fi dararamni irra qaqqabu akka dhaabatu gaafachuufi, akkasuma adeemsa dhaddachisaanii hordofuuf namoota gara mana murtii fi mana hidhaatti dhaqan hidhuu fi rakkisuun akka dhaabatu gaafachuuf’’ ta’u ibse.

Bulchiinsi mana hidhaa Qaallittii gaaffiin Obbo Jawaar fa’aa kaasan akka isaan hin ilaallanne komishinirechaaf ibsaniiru.

Namoota Obbo Jawaar gaafachuuf mana hidhaa dhaqan irra doorsifni qaqqabu akka hin jirre bulchiinsi mana hidhaa kun ibse.

Hidhamtoota lagannaa nyaatarra jiran keessaa lamaan isaanii dhukkubsatoo ta’uu fi sababa lagannaa nyaataan rakkoon fayyaa akka irra hin geenyee wal’aanamaa jiraachuusaanii argu Komisichinichi ibse.

Obbo Jawaar Mohaammad, Obboo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa(Adanaa) fi Shamsuddiin Xahaa lagannaa nyaataarraan kan ka’e dadhabanii dhaddacharratti yaadasaanii ibsachuu akka dadhaban abukaattoosaanii keessa tokko ta’an Obbo Mohaammad Jimaa BBCtti himuun isaanii ni yaadatama.

‘’Qaamni isaanii waan dadhabeef beellamni biraa akka kennamuuf gaafataniiru, isaan yaadasaanii ibsuu waan dhabaniif nuti yaadasaanii hubachiifneef,’’jedhan.

Himatamtoonnis’’of dadhabnee, of wallaallee deeggarsi wal’aansa kan nu barbaachisu yoo ta’ellee, hakiima nuti filanne qofti nu haa wal’aanu’’jechuun mana murtii gaafachuusaanii abukaatoon isaanii hubachiisaniiru.

Itti dabaluun, Komishinichi haala qabiinsa koloneel Gammachuu Ayyanaa fi Xilahuun Yaamii mirkaneeffachuu ibseera.

‘’ Hidhiamtoonni lamaanu naguma jiru’’ jechuun maddiitti, miidhaan qaamaa isaaniirra gahe akka hin jirre Komishinichi ibse.

Obbo Xilahuun Yaamii viidiyoon mana hidhaa keessatti waraabamee miidiyaa hawaasarratti gadhiifame walqabatee haala qabiinsarratti miidhaan irra qaqqabuu danda'a shakkiin jedhu haasa’amaa tureera.

Xilahuun Yaamii viidiyoo miidiyaa hawaasarra tamsa’e hordofuun mooraa itti hidhamee keessaa akka hin bane dhorkameera.

Yeroo mana hidhaa Qilinxoo keessa turetti reebichi fi sarbamiinsi mirgaa akka irra hin qaqqabne odeeffannoo na qaqqabeera jedha Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa.

Namootni kunneen ajjeefamuu Haacaluu Hundeessaa booda kanneen to'annoo jala oolan keessaatti argamu.