Lagannaa nyaataa: Seenaa mormii karaa laagannaa nyaataa fi bu'aa inni buuse

Mahatma Gandhi in 1941

Madda suuraa, Getty Images

Maloota ittiin mufii fi mormii dhiyeeffatan keessaa tokko lagannaa nyaataati. Namoonni siyaasaa, hojjettoonni biiroo fi qaamoleen hawaasaa kaan mala kanaan mormii wayita dhiyeeffatan ni mul'ata.

Indiyaa keessatti gama mormii karaa lagannaa nyaataatiin taateen addaa mudatee ture.

Rogeessi gameessi Indiyaa seera farra-shororkeessummaa haarawa karaa lagannaa nyaataa mormuuf qindeessaa ture osoo mormiin hin eegalin hidhameera. Garuu lagannaa nyaataatiin mormii gaggeessanii maal buufatu?

Duula lagannaa nyaataa gaggeessuudhaan mormiin adeemsifamu irra jireessaan sababa siyaasaaf ta'uu seenaa addunyaa keessatti ni beekama.

Seenaa lagannaa nyaataan mormii gaggeessuurratti jalqaba biyya Inidyaatti kan barreeffame waa'ee obboleessa mootii Indiyaa Raamaa ture.

Mootiin baqatee biyya alaa ture, obboleessi ammoo hagabuu taa'ee(soomee) inni akka deebi'uu dirqamsiisuu yaadee ture.

Marga qulqulluudhaan gara lukasaa haguugee dhaabbatee achii socho'uu dide, nyaachuu fi dhuguun hin jiru.

Taatee sanarratti 'mormiin karaa lagannaa nyaataa' ni kufe. garuu yaadichi ittuma fufe. Inumaa bara pre-Christian Ireland, keessa akka seeraatti ilaalama ture.

Nama tokko mufachiistee, achii booda balbala keerratti beelaan yoo du'e itti gaafatamummaa situ fudhata.

Mormiin karaa lagannaa nyaataa gaggeeffamu akka mormiiwwan gosa kaanii qaama mormamu kallattiin hin miidhu.

Kan mormutu dararama, ofii beelaan suukannaa'aa galmasaanii bira ga'uuf namoota kaayyeffataniidha, kanneen karaa nyaata lagachuun morman.

Pirofeesar Sharman Apt Russel barreessaa dhimma beelaa(xannee) ti, yeroo dhiyoo as lagannaan nyaataa dirree siyaasaa keessatti mormii isa cimaa ta'uun haaromee as ba'eera jedhan,

Yaadrimeen bara durii ture kun jalqaba jaarraa 20ffaa keessa dubartoota UK sababa mirga filuu fi filamuu dubartootaaf qabsaa'aniif hidhamaniin deebi'ee akka haaraatti eegale.

Bara 1909 keessa doktarri tokko dubartii haala kanaan hidhamte kan maqaanshee Marion Wallace-Dunlop jedhamuun irbaata maal nyaachuuf jirta jedhee gaafannaan, ija jabinaan akkas jettee deebisteef: ''Kutannoo fi murteessummaa koo''

Gaandiin seenaa keessatti namoota jajjaboo lagannaa nyaataa gaggeessuun mormii isaanii dhageessisaa turan keessaa daran kan beekamaniidha.

Ireland gama kaabaatti hidhamtoonni miseensota Rippaabilikaanotaa baroota 1980 fi 1981 keessa dhimmi isaanii akka dhageettii argatuuf lagannaa nyaataa gaggeessaa turan.

"Jaarraa 20ffaa keessa lagannaan nyaataa maloota mormii ittiin haqa barbaaddatan keessaa isa ijoo ta'ee as ba'eera'' jedhan Pirofeesar Russel.

mormiin karaa lagannaa nyaataa gaggeeffamu karaa nagaa fi karaa humnaas ta'uu danda'a.

Namoonni lagannaa nyaataatiin mormii gaggeessan jijjiirama akeekan fiduurratti bu'aan buusan adda adda ta'a.

Namoota mormii lagannaa nyaataan milkaa'an

Dubartoonni akka filanii fi filatamaniif kan qabsaa'aa turte Marion Wallace-Dunlop nama yeroo jalqabaaf bara 1909 lagannaa nyaataa gochuun sa'atii 91 booda mana hidhaa Holloway jedhamurraa gadi dhiifamteedha.

Qabsoo karaa nagaan walabummaa Indiyaa fi nageenya addunyaaf aarsaa kan kaffalan Mahatma Gaandii soomaa fi lagannaa nyaataatiin gita bittaa Biriteen dura dhaabbachuun milkaa'an. Dhaloonni ammaa waan isaaf hin taane akka diduufis daandii saaqan.

Duree Yuuniyenii Ameerikaa fi Meeksikoo kan turan Cesar Chavez soomanii hagabuu mormii gaggeessuun nama maallaqa qonnaan bultoonni guyyaa guyyaan argatan fooyyessaniidha. Yeroo garaagaraaf kan soomaa turan namni kun bara 1968 keessa guyyaa 25 guutuu hagabuu taa'aniiru.

Bobby Sands namoota miseensa rippaabilikaan ta'an 10 bara 1981 mana hidhaa Maze kan Kaaba Ireland keessatti argamu keessatti sababa lagannaa nyaataa du'an keessaa tokko. Haalli qabiinsaa fi adeemsa hidhamtoota siyaasaa yaa sirratu jedhanii qabsaa'aa turan.

Taatoo fiilmii fi quuqamtuu mirga namoomaa kan taate Mia Farrow waraana Daarfuur bara 2009 eegale mormuuf lagannaa nyaataa eegalte.

Yuuniversitii Oksifoorditti qorataan damee hawaasaa(sociologist) Mikaa'el Biggs namoota jajjaboo lagannaa nyaataan beekaman yoo himu: Rippaabilikaanota Ireland bulchiinsa Biriiteen mormaa turan keessaa Toomaas Ashe bara 1917 nyaata didee osoo dirqamaan nyaachifamuu du'e, Terence Mac Swiney bara 1920 Landan keessatti lagannaa nyaataan du'e, Bobby Sands Long Kesh keessatti bara 1981 beelaan du'e.

Namoonni kunneen nyaata diduun maal buufatan?

Namoonni lagannaa nyaataan osoo mormii gaggeessan wareegaman kunneen gaaffiisaaniif mootummaarraa deebiin hatattamaa argatan hin turre.

Garuu fakkeenyaaf warri Ireland xiyyeeffannaa hawaasaa argataniiru, adeemsa Ireland rippaablika(biyya of dandeessee ofiin bultu) gochuurratti ilaalchi hawaasaa jijjiirameera, ifaajeen qabsaa'otaas hubatameera.

"Qabsoon namoonni kunneen hagabuu taa'anii gaggeessaa turan hawaasa Ireland irra darbee uummata Biriiteen keessattillee dhiibbaa uume qaba'' jedhan Aab Mikaa'el Biggs.

Biggs akka jedhanitti duulli lagannaa nyaataa Biriiteen keessatti dubartii mirga dubartootaaf qabsooftuun gaggeeffame xiyyeeffannoo miidiyaa argatee ture.

Qabsoo karaa nagaaf nama bu'uura kaa'an kan ta'an Gaandiin lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman karaasaanii hordofuun waanjoo kolonii Biriiteen ofirraa darbaniiru.

Har'a qabsoon lagannaa nyaataa Indiyaa keessa jira, garuu hedduunsaa mana hidhaan alattidha.

Qabsoon lagannaa nyaataa dhiyeenya kana Indiyaa keessatti karaa nama Anna Hazare jedhamuun seera farra malaammaltummaa irratti gaggeeffamaa jiru addadha, sababiinsaa inni kun mana hidhaa keessatti miti.

''Mana hidhaatti malli mormii biraan hin jiru. Mana hidhaatti mootummaan jireenya keef eegumsa taasisuuf dirqama qaba. Kanaaf yoo ati beelaan duute isatu itti gaafatama. Kanneen mana hidhaan alatti lagannaa nyaataan dhumaa jiran garuu hedduudha'' jedhan Biggs.

Dhalli namaa nyaata malee hagam tura?

Jaarmiyaa dhimma nyaataa Biriiteen irraa kan ta'e Kathy Cowbrough, namni nyaata malee guyyoota 60'f ni tura, garuu yoo bishaan dhugaa jiraateedha jedhan.

Bishaan hin dhugu taanaan dhalli namaa nyaata malee guyyoota 8 hanga 10 keessatti ni du'a jedhan.

Qaamni namaa bishaan dhabee gogiinsaaf yoo saaxilame hojii waan dhaabuuf ni du'a jedhu ogeessi kun.

Garuu haalli kun namaa namatti gargari, namni cooma(fat) hedduu qabu nyaata malee turuu danda'a, lagannaan nyaataa dhibeewwan hedduufis nama saaxila.

Namni lagannaa nyaataa gaggeessu bishaan, vaayitaaminii, giluukosii fi ashaboo ni fayyadama taanaan yeroo dheeraa turuu danda'a.