Manni murtii galmee Obbo Jawaarfaa irratti 'jecha amantaafi waakkii' fudhachuuf beellame

Madda suuraa, Jawar Mohammed/FB
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti jecha 'amantaafi waakkii' himatamtootaa fudhachuuf har’atti beellamee turus iyyata himatamtootni dhiyyeeffatan sababeeffachuun jecha isaanii fuudhuuf beellama biraa qabateera.
Guyyoota torba darbanif lagannaa nyaataarra akka turan abukaatoofi maatiiwwan isaaniitin himamaa kan ture Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana /Booranaa/ fi Obbo Shamsaddiin Xahaa dhaddacha har’aa irratti argamaniiru.
Haa ta’u malee himatamtootni kunneen lagannaa nyaataa guyyaa saddeetaffaarra akka jiraniifi dadhabbii guddaa keessa waan jiranif jecha kennuu akka hin dandeenye mana murtiitti iyyachuu isaanii abukaatoon isaanii Obbo Mahaammad Jimaa BBCtti himaniiru.
Haaluma kanaan himatamtootni jijjiirraan beellamaa akka kennamuf kan gaafatan yemmuu ta’u Abbaan Alangaa gama isaatin “namni jecha kennuuf fedhii hin qabne akka waakkateetti waan fudhatamuuf isaanis akka waakkatanitti fudhatamee gara falmii itti aanutti yaa ceenu” jechuun mana murtichaan gaafachuu isaanii himan.
Haa ta’u malee manni murtichaa yaada Abbaan Alangaa dhiyeesse kuffisuun Gurraandhala 22 bara 2013ti beellama biraa akka qabate Obbo Mahaammad Jimaa himaniiru.
Dhimma uuffata keelloofi dhorkamuu miidiyaalee…
Maatin himatamtootaa uuffata halluu keelloo qabu uffatanii gara mana murtii deeman dhaddacha seenuu kan dhorkaman yemmuu ta’u dhaddacha har’aa irratti poolisiifi abukaatoowwan irratti wal famaniiru.
Manni murtichaa yaada Akka abukaatoon himatamtootaa Obbo Mahaammad Jimaa BBCti himanitti manni murtichaa “uuffata keelloo hin uffatinaa hin jennu garuu uuffata mormiifi deeggarsa agarsiisu taanaan bilisummaa dhaddachaafis gaarii waan hin taanef akka hin uuffatamne jedhan” jechuun himan.
Gama biraatin dhaddacha har’aatin miidiyaalen oolmaa dhaddachaa gabaasuf dhaddacha seenanii turan poolisootaan dhaddacha keessaa akka bahanfi dhaddacha akka hin hirmaanne taasifamaniiru.
Dhimmi miidiyaalee kunis erga dhaddachi eegalameen booda ka’ee kan ture yemmuu ta’u manni murtichaa miidiyaaleen dhaddacharraa dhorkamuu akka hin qabne ajajeera.
Ji’a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf bahe, labsii burjaajii telekoomiifi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun himataman.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.
Galmeen himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Damee Lidataatti dhaddacha Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaattin ilaallamaa jira.
















