Miidiyaaleen dhaddacha Obbo Jawaarfaa irratti akka hin hirmaanne dhorkaman

Madda suuraa, YADI PICTURES, BBC, HAMZA BORANA/FACEBOOK
Miidiyaalee fi dhaabbileen mirgoota namoomaa dhaddacha Obbo Jawaar Mahaammad fa'ii kan har'aa irratti akka hin hirmaanne dhorkamaniiru.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Damee Lidataatti dhaddachi Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaa galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 ilaaluf har'atti beellamee ture.
Haa ta'u malee hojjettootni miidiyaalee lakkoofsaan saddeet ta'an oolmaa dhaddachaa gabaasuf sakatta'amanii gara dhaddachaa erga seenanii booda dhaddachaa keessaa akka bahan taasifameera.
Miseensonni Poolisii Federaalaafi Poolisii Magaala Finfinnee miidiyaaleen dabalataan hojjettoota dhaabbilee mirgoota namoomaa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhaddacharraa ittisan.
Miidiyaaleen dhaddacharraa ittifamuu isaaniitif sababni kenname jiraachuu baatulleen, garuu poolisoonni tokko tokko "ajaja olii dhufe" jechuun miidiyaaleetti himan.
Ogeeyyin miidiyaalee prezidaantii Mana Murtii Olaanaa Federaalaafi itti aanaa isaanii haasofsiisaniiru. Prezidaantichis dhimmicha qulqulleefachuun deebii akka laatan dubbatan.
Beellama har'aa irratti haala kanaan dura hin turreen gaazexessitoonni miidiyaaleen bilbila qabatanii gara dhaddachaa qofa osoo hin taanee gara qe'ee mana murtichaa akka hin seenne dhorkaman.
Akkasumas lakkoofsi miseensota poolisii naannoo mana murtichaa turaniis kan yeroo biraarra dabaleera.
Gama biraatin guyyoota torbaaf lagannaa nyaatarra akka turan himamaa kan ture Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dhaddacha har'aa irratti argamaniiru.
Haata'u malee boodara abbootin seeraamiidiyaalen dhorkamuu akka hin qabne dubbachuufi fulduratti dhadacharratti argamanii gabaasuu akka danda'an ajaja kennuusaanii abukaatoo himatamtootaa kan ta'an Obbo Mahaammad Jimaa irraa BBCn odeeffateera.
Ka'umsi himannaa isaanii maal ture?
Ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa finfinneefi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture Obbo Jawaar Mahammad fa'i to'annaa jala kan oolfaman.
Isaan boodas Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Jawaariin dabalatee shakkamtoota 24 irratti himannaa banuunsaa ni yaadatama.
Dhiheenya kana ammoo himannaan isaan irratti banamee ture fooyya'ee akka dhiyyaatu taasifamun himannaawwan afur akka kufiifanam taasifamuunsaa ni yaadatama.
Obbo Jawaariifi Baqalaa Garbaa fa'is jijjirama siyaasaa akka biyyaatti dhufe keessatti qeerrofi qarree waliin adda durumaan hirmaataa turanilleen, haa tahu namoonni bebeekamoon ajjefamuun, isaan hidhaatti darbatamuun miidiyaalenis cufaman, dhaabbilee siyaasa Oromoo jalaa shiran eeyyama jalaa haqanii, KFO fi ABOn ammoo hoggansa isaanii hidhanii oromoo siyaasa keessa akka bahan mootummaan dhiiba godhera jechuun mormuuf nyaata lagachuu abbokaatoon isaanii Obbo Tuulii Baay'isaa BBCtti himanii ture.















