Siyaasa Itoophiyaa: Namoonni Aanaa Jibaatitti to'ataman nyaata lagachuun 'of dadhabuu' maatiin himan

Madda suuraa, KFO
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaatitti namoonni ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda uummata hokkoraaf kakaasan jedhamuun shakkamanii mana hidhaa jiran 13 guyyoota 5f lagannaa nyaataarra jiru jechuun maatiin BBC'tti himan.
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Jibaat garuu namooti kun nyaata nyaachuu eegalaniiru jedhu.
Namoota hidhaman keessaa haati warraan Obbo Asaffaa Naggasuu Aadde Maarituu Alamuu erga gaafa mana murtii dhihaatanii hin nyaanne jechuun Kibxata Adoolessa 21, 2020 BBC'tti dubbatan.
''Har'aan guyyaa shanaffaadha. Mana murtiitti gaafa 10 dhihaatan. Gaafa mana murtiitti dhihaatanii kaasaniiti kan isaan nyaata lagatan.
''Qabeenyi biyyaas nagaan biyyaas osoo hin boora'iin yakkuma tokko malee nu qabdanii waan murtee laattan nutti himaa malee asitti nu hin darariinaa jedhaniiti kan isaan nyaata dhiisan.
''Kaleessas ta'e har'a baay'ee laafanii of dadhabanii nutti dubbachuu dhadhabanirra jiru,'' jechuun maatiin akka dhiphatan dubbatu.
Itti-gaafatamaan waajiraa KFO Obbo Xurunaa Gamtaa, namoota 13 lagannaa nyaataatti jiran keessaa 9 miseensotaafi deeggartoota dhaabasaanii ta'uu BBC'f himan.
Obbo Xurunaan namoonni hidhaman 'lubbuun isaanii akka hin baanef' ogeeyyii fayyaafi qondaaltota mootummaaf waamicha birmannaa gaafatan.
'Nyaatatti deebi'aniiru'
Maatiifi paartiin KFO kanneen hidhaa jiran lagannaa nyaataarra jiraachusaanii himanis, qaamni mootummaa shakkee isaan qorataa jiru garuu nyaata nyaachuu eegaluu isaanii hima.
Itti-gaafatamaan waajjirra Abbaa Alangaa Aanaa Jibaat Obbo Nigusee Guddisaa namooti hidhaarra jiran kun Wixarraa jalqabanii nyaata nyaachuu eegalaniiru jechuun BBC'tti himan.
''Guyyaa muraasa lagannaa nyaataa taasisanii turan. Haata'uuti, guyyaa kaleessaarraa kaase nyaatatti deebi'u isaanii nan beeka.
''Achuma waajjira poolisii deemeetan jira. Garuu, ati nyaattettaa ati hin nyaanne jedhee hin gaafanne,'' jedhan.
Sababa ittiin shakkamaniis yoo ibsan ''Yeroo dhukkuba koronaa hiriirris ta'e bakka tokkotti heddummaachuun yeroo dhorkamudha.
''Yeroo kana keessatti hiriira seeraan alaa qindeessuun ummata kakaasan kan jedhun kan shakkaman,'' jedhan.
Ajjechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara uumameen hanga ammaatti mootummaan namoota 7,000 ol to'achu isaa ibseera.
Kanneen keessaa Dura Taa'aa I/Aanaa KFO Obbo Baqqala Garbaa, Miseensa Koree Hojii Raawwachiftuu Obbo Dajanee Xaafaa, miseensota dhaabichaa Jawaar Mohaammad dabalate kanneen to'ataman keessa jiru.













