Torbee lamaaf lagannaa nyaataarra kan jiran Obbo Jawaar Mohaammad fa’a ammallee lagachuu hin dhaabnu jedhan

Madda suuraa, Kaamil Shamsuu
Torbee lamaaf lagannaa nyaataarra kan jiran Obbo Jawaar Mohaammad fa’a lagannaa nyaataa kana dhaabuuf fedhii akka hin qabne himan.
Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloo BBC’tti akka himanitti, ammaan dura matii isaanii abukaatoowwaniifi namoota isaan dhagahuu malaniin nyaata akka nyaatan gaafatamanis didaa turan.
Guyyaa har’aa ammoo gareen namoota siyaasaa jajjaboofi namoota amantii of keessaa qabu gara mana hidhaa Qaallittii deemuun himatamtoonni kunneen nyaata akka nyaataniif gaafatamanis, lagannaa nyaataa kana dhaabuuf fedhii akka hin qabne ibsuu himan Obbo Kadir.
“Ganama kana namoonni siyaasaa Oromoo jajjaboon kanneen akka Obbo Daawud Ibsaa, Obbo Leencoo Lataa, Obbo Battee Urgeessaafi namoonni amantii kanneen akka Ustaaz Kaamil Shamsuu mana hidhaa Qaallitti deemanii kadhatanii turan garuu nididan,'' jedhan.
Oromoon jijjiirama aarsaa guddaa itti kaffalee fidee siyaasa keessaa dhiibamee bahaa bakka jirutti, namoonni hedduun sababa siyaasaatiif jecha hidhamanii jiran hanga hin baanetti lagannaa nyaataa kana hin dhaabnu jechuun diduu isaanis himan.
Gama biraatiin sababa lagannaa nyaataa kanaan hidhamtoonni humna dhabuun gara hospitaalaa geeffaman akka jiranis himaniiru Obbo Kadir.
Obbo Jawaar fi Baqqalaadhaan alatti himatamtoonni lagannaa nyaataa irra jiran hundi sadarkaa yaaddessaarra akka jiranis dubbataniiru.
Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaafi kaan namoota ajjjechaa artist Haacaaluu Hundeessaa booda to'annoo seeraa jala oolan keessaati.
















