Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee hidhamtoonni nyaata lagachaa jiran haalaan dadhabuu hakiimni akeekkachise

Jawaar Mohaammadiifi Baqqalaa Garbaa dabalatee namoonni mana hidhaa keessatti nyaata lagachuun mormii gaggeessaa jiran, haalaan laafachuufi dadhabuusaanii qindeessituu garee hakiimotaa kan taate Dr. Ilillii Jamaal BBCtti himte.
Yeroo ammaa hidhamtoonni kunneen annisaa dhabaniiru kan jettu Dr. Ililliin, yeroo dheeraadhaaf nyaata lagachuurraan kan ka’een mallattooleen dhibee hir’ina nyaataa hedduun argamuu himteeti.
Qaamni isaanii akka hir’ateefi dadhabbiin guddaan akka irraa mul’atu kaasuun, laaboraatoorii tokko tokko guyyaa guyyaan hojjechiisuun ilaalaniinis hangi sukkaara dhiigasaanii keessa jiruu gadi bu’aa dhufeera jetti Dr. Ililliin.
Hir’ina sukkaaraa baayyeen uumamuu isaarraa kan ka’een ammoo kalee irrattis miidhaan gahaa akka jiru ibsiteetti.
Namoota mana hidhaatti mormii nyaata lagachuurra jiran keessaa Obbo Shamsaddin Xahaa baayyee giluukoosiinsaafi dhiibbaan dhiigaasaa gadi waan bu’eef hedduu dadhabnaan, hospitaala akka galu taasisuus dubbatte.
Akka Dr. Ililliin jettutti, dhalli namaa Oksijiinii malee daqiiqaa muraasa, bishaan mallee ammoo yoo xiqqaate guyyaa torba turuu danda’a, garuu nyaata malee hangi turuu danda’u akkana jedhamee ifatti hin beekamu.

Madda suuraa, OMN
Nyaata lagachuun rakkooleen dhufan maal fa'i?
Nyaata lagachuurraan kan ka’e rakkoon fayyaa walxaxaa hedduu akka uumamu kan ibsitu Dr. Ililliin, rakkoo fayyaa nyaata dhiisuun dhufan tokko tokko dafanii qaqqabanii wallaanuun danda’amus; tokko tokko ammoo rakkoo fayyaa dhaabbataa wallaanuun hin deebisnellee ta’uu danda’a jetti.
Nyaata osoo hin nyaatiin turuun rakkoolee uumaman keessaa fakkeenyaan yeroo ibsitu Dr. Ililliin, sirna argansuurratti, dhahannaa onneefi qaamota biroorratti rakkoo fida jetti.
“Nyaata dhiisuurraan kan ka’e dhahannaan onnee namaa dhaabbachuu danda’a ykn namni yeroo gabaabaa keessattillee du’uu ni danda’a.”
Namni akka amma hidhamtoota nyaata lagatanii kanatti yeroo dheeraadhaaf osoo hin nyaatiin turee yeroo deebiyee nyaachuu jalqabu, of eegannoon ta’uu baannaan amma lubbuu dabarsuuttillee ni qaqqabsiisa jetti Dr. Ililliin.
Yeroo nyaachuutti deebiyan of eeggannoodhaan, laaboraatooriidhaan ilaalamaa yoo hin taane miidhaa qaqqabsiisa jetti.
Yeroo namni nyaata lagatu kaleen ni miidhama, keessaayyu warri dhiibbaa dhiigaa qaban ni hubamu kan jettu Dr. Ililliin, torban darbe keessa dhibeen kun Obbo Baqqalaafi Obbo Jawaar irrattillee mullachuu ibsiti.
Namoota mana hidhaatti mormii nyaata lagachuurra jiran keessaa kanneen akka Obbo Dajanee Xaafaafaa itti cimee wallaansaaf hospitaala geeffamaniiru.
Garuu Obbo Baqqalaafi Obbo Jawaarfaa hospitaala deemanii wallaansa argachuu akka qaban torban darbe itti himamullee waan of hin wallaaleef didaniiru jetti Dr. Ililliin.
Namoonni nyaata dhiisuurraan du’an addunyaa gara garaarraa gabaafamaa akka ture seenaa ture yaadachuun, hidhamtoonni kunneen lagannaa nyaataa kanaan itti fufnaan carraan isaaniis kanarraan adda hin ta’u jetti Qindeessituu Garee Hakiimota Obbo Jawaarfaa Dr. Ilillii Jamaal.
Hidhamtoonni kun maaliif nyaata lagatan?
Torbee lamaaf lagannaa nyaataarra kan jiran Obbo Jawaarfaafi kaan, lagannaa nyaataa kana dhaabuuf fedhii akka hin qabne namoota siyaasaafi abbootii amantaa akka nyaataniif isaan kadhachuuf deemanitti himaniiru.
Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloos Kibxata BBCtti akka himanitti, ammaan dura maatii isaanii abukaatoowwaniifi namoota isaan dhagahuu malaniin nyaata akka nyaatan gaafatamanis didaa turan.
Oromoon jijjiirama aarsaa guddaa itti kaffalee fidee siyaasa keessaa dhiibamee bahaa bakka jirutti, namoonni hedduun sababa siyaasaatiif jecha hidhamanii jiran hanga hin baanetti; lagannaa nyaataa kana hin dhaabnu jechuun diduu isaanis himan.
Gaaffiin lagannaa nyaataa akka jalqaban taasise mootummaan hoggantoota paartilee mormituu hidhuun waajjiraalee jalaa cufsiisuun sirrii akka hin taane, haala qabinsi qondaala ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa sirrachuu qaba kan jedhuu fi namootni dhaddacha irratti isaan dubbisuu deeman hidhamuu fi dhorkamuun sirrii akka hin taane ibsuuf.
Dabalataan qabsoo Qeerroon gaggeessee jijjiramni biyyatti dhufe keessatti qooda ol aanaa bahanne har'a hidhamuun keenya dhimma siyaasaafi yaada jedhus qabu.
Abukaatoon hidhamtootaa Obbo Kadir miidhaa isaanirra gahuuf itti gaafatama kan fudhatu mootummaadha, gaaffii isaanii karaa kamiinuu tahu deebisuu kan qabu mootummaa waan taheef jedhan.
Lagannaa nyaataa kanas hanga yoomiitti itti fufu kan jedhuuf hanga gaaffiin keenya deebii argatutti nuun jedhan jechuun Obbo Kadir BBCtti himanii turan.














