Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoo itti aanutti paartilee isaan kamtu morkattoota ciccimoo ta'uu danda'u?

Hasxaa paartilee siyaasaa Itoophiyyaa

Madda suuraa, Fuula FB paartilee

Dhuma ji'a Caamsaafi jalqaba ji'a Waxabajjii keessa naannoo Tigiraay irraan kan hafe filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa guutummaa biyyatiitti gaggeeffamuudhaaf karoorfamee jiru irratti paartileen siyaasaa 52 ni hirmaatu jedhamee eegama.

BBCn seenaa dudduubaa paartilee, dhiibbaa uumuu gaggeessitoota isaaniifi sochii siyaasaa yeroo ammaa kana taasisaa jiran ka'umsa godhachuudhaan; paartileen siyaasaa sadarkaa mana maree federaalaa, naannoleefi bulchiinsa magaalotaatti carraa sagalee argachuu qabu jedhamanii tilmaamaman akka itti aanutti tarreesseera.

1px transparent line

Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)

Siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa dheeraa kan qaban Mararaa Guddinaa (piroofeesar)tiin kan durfamu KFOn, filannoowwan kanaan dura turan irratti hirmaatee ture.

Piroofesar Mararaan yeroo miseensa paarlaamaa federaalaa ta'anii turan keessatti yaadawwan kennaniin namoota hedduu biratti ni yaadatamu.

Irra deddeebiin hidhamaa kan turan Piroofeesar Mararaan, yeroo dhumaa hidhaatii wayita gadhiifamanitti deeggartoonni isaanii hedduun addabaabaayitti bahanii gammachuu isaanii ibsatanii ture.

Haaluma walfakkaatuun yeroo ammaa hidhaa kan jiran Itti-aanaan dura ta'aa KFO Obbo Baqqalaa Garbaas muuxannoo siyaasaa guddaa qabu.

Oromiyaatti keessumaa dargaggoota biratti fudhatama kan qabu Obbo Jawaar Mohaammad, KFOtti makamuun isaa ammoo dhiibbaa paartichi uumuu danda'u akka guddaa taasisu ni amanama.

Piroofesar Mararaa, Obbo Baqqalaafi Obbo Jawaar waggaa tokko dura naannoo Oromiyaa bakkeewwan gara garaa yeroo deemanitti simannaan isaaniif taasifame, filannoo baranaa kana keessatti KFOn morkataa cimaa ta'ee akka dhiyaatu kan agarsiisedha.

Filannoo Itoophiyaa keessatti muuxannoo kuufachuu isaan, akkasumas namoota siyaasaa buleeyyiifi jajjaboo qabachuun isaa [kanneen kaan hidhamanii jiranillee], KFOn filannoo itti aanu kanarratti paartii milkaa'inaaf eegamu isa taasisa.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

ABOn dhaabbilee siyaasaa erga hundeeffamanii waggoota dheeraa lakkoofsisan keessaa isa tokkodha.

Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hedduutti akka faajjii bilisummaatti kan ilaalamu ABOn bara 1973 ture kan hundeeffame.

ABOn bara 1991 qaama mootummaa ce'umsaa kan ture yoo ta'u, osoo baayyee hin turiin garuu mormuudhaan qabsoo hidhannoof bosona seene.

Waggootaaf erga qabsoo hidhannoo gaggeessaa ture waggaa sadiin dura MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee gara biyyaatti deebiyeera.

Qabsoo hidhannoo waggootaan booda yeroo jalqabaatiif filannoorratti hirmaachuuf kan qophaa'e ABOn, filannoo waliigalaa 6ffaa irratti paartileen siyaasaa tilmaamni ol-aanaan kennameef keessaa isa tokkodha.

Dhaabni kun rakkoo keessoofi hidhaa gaggeessitoota isaarra ga'e qabatee seenaafi fudhatama guddaa ummata Oromoo biratti qabu qabatee filannootti deemaa jira.

ABOn dhiibbaa mootummaan anarra geessisaa jira jedhuufi mufii keessoo gaggeessitoonnisaa qaban hirmaannaa filannoorratti dhiibbaa irratti taasisuu baannaan naannoo Oromiyaatti morkataa cimaa ta'uun isaa waan oolu miti.

Paartii Badhaadhinaa

Paartiin Badhaadhinaa kan filannoowwan shanan darban 'mo'adheera' jedhuufi waggoota 20 oliif bulchaa ture Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) keessaa dhufe.

Paartiin Badhaadhinaa erga ADWUIn baqee booda jijjiiramoota tokko tokko akka taasise dubbatamullee ADWUI kan TPLF keessaa hir'ifamedha kanneen jedhan hedduudha.

MM Abiy TPLFn alatti Addichi warra 'Aggaar' jedhaman waliin akka walitti makaman taasisuun paartii Badhaadhina jedhu uumeera.

Meeshaafi qabeenya ADWUI ammoo fudhateera. Yaadni 'Dimokiraasii Warraaqsaa' kan jedhu faalaasama pirezedaantii Paartichaa kan ta'an MM Abiy Ahmad (PhD)tiin bakka bu'eera.

Paartichi miseensota miliyoonaan lakkaa'aman guutummaa biyyattii keessaa qaba jedhuun, akkasumas caasaa cimaa waggoota dheeraa lakkoofsise qabuun filannoo itti aanuun akka eegamu taasiseera.

Jijiirama pirezedaantiin paartichaa Abiy Ahmad (PhD) fidaniiru jedhmuufi biyyattii keessatti bakka gara garaatti deeggarsa qaban, akkasumas naannoleefi bulchiinsawwan magaalotaa keessatti gaggeessitoota dhiibbaa uumu jedhaman paartiin qabate kun filannoo dhufurratti morkataa cimaa isa taasisa.

Sochii Biyyaalessaa Amhaaraa (ABIN)

ABIN seenaa qabsoo siyaasa dheeraa qabaachuu baatus waltajjii siyaasaa Itoophiyaa yeroo ammaa keessatti dhiibbaa inni qabu salphaa miti.

Sabboonummaa Amhaaraa bakka bu'ummaa jabaafi ifa ta'e hin qabu jedhamu bakka bu'uudhaan kan socho'u ABIN, A L I bara 2010 keessa hundeeffame.

Kaayyoon ijookoo 'faayidaafi mirga saba Amhaaraa kabachiisuudha' kan jedhu dhaabni kun, waggoota sadan darban keessa jabaachaa dhufuu danda'eera.

Paartiin kun naannoo Amhaaraatti dargaggoota biratti fudhatama akka qabu ni amanama. Naannicha keessattis bakkeewwan hedduutti waajiraalee banatee socho'aa jira.

Kanaaf, filannoo ji'oota shan booda gaggeeffamu irratti paartilee morkattoota ciccimoo ta'anii dhiyaatan keessaa ABIN tokko akka ta'u ni eegama.

Dura ta'aan dhaabichaa Ballaxaa Mollaa gaaffiifi deebii dhiyeenya kana gaazexaa tokko waliin taasisaniin, filannichaaf qophii duraa taasisaa jiraachuu ibsee ture. "Murtee ummataa fudhachuufi bu'aa isaa tole jechuun fudhachuuf" qophii ta'uu isaanii dubbateera.

ABIN naannoo Amhaaraatiin alattis kutaaleen Itoophiyaa dhalattoonni Amhaaraa baayyinaan jiranittis waajiraalee gurmeeffataa kan jiru yoo ta'u, kun ammoo filannicharratti morkataa akka isa taasisu ni amanama.

Baaldaraas Dimokiraasii Dhugaaf

Baaldaraas paartii nama duraan gaazexeessaafi falmaa mirga namoomaa ture Iskindir Naggaatiin durfamudha.

Baaldaraas 'Faayidaa Finfinnee eegsisuuf' jechuun sochii Iskindir hundeessedha.

Sochin kun Finfinnee bu'uura godhachuudhaan gara paartii siyaasaatti guddateera. Hokkara ajjeechaa Artist Haacaaluu hordofee dhalateen walqabatee gaggeessaa isaa Iskindiriin kan dhabe Baaldaraas, bulchiinsa magaalichaa keessatti gochawwan 'seeraan ala' jedhurratti akka qabsaa'u ibsaa tureera.

Ibsi gaazexaafi hiriirri Baaldaraas yeroo gara garaatti waamu sababawwan ifa hin taaneen yeroo haqaman ijoo dubbii ta'aa turaniiru.

Dhiibbaa paartichi yeroo gabaabaa keessatti Finfinnee keessatti argateefi maqaa Iskindir Naggaa siyaasa keessatti qabuun, Baaldaraas filannoo itti aanu kanatti magaalaa Finfinnee keessatti morkataa cimaa akka ta'u ni tilmaamama.

Lammilee Itoophiyaa Haqa Hawwaasummaaf (IZEMA)

IZEMAn namoota siyaasaa hirmaannaa filannoo A L I bara 1997 ture keessatti beekaman of keessaa qaba.

IZEMAn guutummaa biyyaatti haala jedhamuun waajiraalee filannoo 400 ol banateera. Siyaasa saba irratti hundaa'een karaa adda ta'een siyaasa 'lammummaa bu'uura godhate' akka adeemsisu kan ibsu paartiin kun, Itoophiyaatti haqa hawaasaa mirkaneessuun galma ijookooti jedha.

Paartichi dhimmoota siyaasaa, dinagdeefi hariiroo alaa irratti kan xiyyeffatan jedhu imaammata 40 akka qopheeffates ibseera.

Namoota siyaasaa filannoo A L I bara 1997 keessatti dhiibbaa uuman keessaa Birhaanuu Naggaa (Piroofesar) fi Andu'aalam Arraagee gaggeessitoota ol-aanoo paartichaati.

Samaayaawii Paartii gaggeessaa kan ture Yashiwaas Asaffaa ammoo dura ta'aa kan godhate IZEMAn paartileen ja'a walitti baquun kan ijaaramedha.

Isaan keessa hidhannootiin qabsaa'aa kan ture Arbanyooch Ginbota 7 ni eerama. Dhaabni kun biyya keessaafi alaa deeggartoota salphaa hin taane akka qabu ibsama.

Kanaaf, filannoo 2021 kana keessatti paartileen bu'aa argamsiisu jedhamanii eegaman keessaa isa tokko ta'uu danda'a jedhamee tilmaamama.

Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF)

ONLF sochii siyaasaa keessatti dhaaba umurii dheeraa lakkoofsisedha.

ONLF bu'uura isaa naannoo Somaalee taasifachuun waggoota 37 dura ture kan hundeeffame.

A L I bara 1986 hanga 2010tti sochii qabsoo hidhannoorra kan ture ONLF, qaamaa mootummaa ce'umsaa A L I bara 1983-87 ture.

A L I bara 1984 filannoo naannoo taasifamee ture irratti harka dhibba keessaa 87 mo'achuudhaan naannoo Somaalee waggoota lamaaf bulchee ture.

Haata'u malee, waldhabdee mootummaa giddu-galeessaa waliin uumameen ONLF akka lola hidhannootti seenu taasiseera. Kanarraan kan ka'eenis mana maree bakka bu'oota ummataatiin 'shororkeessaa' jedhamuun farrajamee ture.

Bara 2018 MM Abiy Ahmad gara aangootti dhufuu isaa hordofee, galmee shorokkeessummaarraa haqamee akka paartii seera qabeessatti galmaa'eera ONLF.

Mirga umattoonni naannoo Somaalee ofiin of bulchuu jedhu mirkaneessuun kaayyoo isaa ijookooti kan jedhu paartiin kun, filannoo itti aanu kanatti naannoo Somaaleetti morkataa cimaa akka ta'u ni eegama.

Aanga'oonni paartichaa A L I bara 2011 yeroo gara biyyaatti galanitti simannaan 'ho'aa' taasifameef dhaabichi ammallee fudhatama kan qabu ta'uu agarsiisuu qofa osoo hin taane, filannoo itti aanuufillee abdii inni qabu kan akeeku fakkaata.