Filannoo Itoophiyaa: Boordiin Filannoo komii hiriira deeggarsaa MM Abiyiif Oromiyaatti bahameen walqabate ka'e irratti ibsa kenne

NEBE

Madda suuraa, NEBE

Ibsa waa'ee suuraa, NEBE

Boordiin Filannoo biyyaalessa Itoophiyaa dubbii fi dhaadannoowwan hiriira deeggarsaa MM Abiy Ahimadiif Oromiyatti bahame irratti dhagahame, kan labsii fi naamusa galmee paartilee siyaasaa cabsedha jedhe.

Hiriira deeggarsaa MM Abiyiif tibban magaalota Oromiyaa adda addaatti bahame irratti Paartiin Sosochii Biyyaalessa Amaaraa [ABIN], 'karaa sirrii hin taaneen yakkameera, kunis danbii naamusaa paartileen waliin mallatteessan kan cabsedha' jechuun boordii filannoo Biyyaaalessatti iyyachuusaa boordichi ibseera.

Boordichis kutaa miidiyaasaa waliin tahuun xinxala haguuggii midiyaaleen hiriirichaaf taasifame qorachuun, hiriiricha irratti hoggantoonni paartii Badhaadhinaa, deeggartootnii fi hoggansi mootummaa hirmaachuu mirkaneessera jedhe.

Dabalataanis boordichi haasaa miseensonni hoggansa mootummaa fi paartichaa taasisan miidiyaalee waa'ee hiriirichaa gabaasan irraa dhaggeeffachuufi argu hime.

Haaluma kanaanis dubbii hoggantoonni bulchiinsa godinaa fi magaalotaa muraasaa taasisaniifi dhaadannoowwan kan paartilee karaa boordii filannootti galmaa'uun mallattoo fudhatan irratti dhiibbaa qabuun ta'u hubachu ibse.

Dhaadannoon fi dubbiin kunis paartilee akka ABIN, Baldaras Dimokiraasii Dhugaaf fi ABO kan gocha jeequmsaa irratti hirmaachuun Juntaa jedhamee waamamu TPLF waliin tokko gochuudhaan, diina Itoophiyaatiifi seeraan alaadha jechuu kan labsii galmee filannoo, paartiilee siyaasaa fi dambii 1162/2011cabseedha jedhe boordichi.

Akkasumas dubbiin hiriiricha irratti dhagahamaa ture kan labsii 132 keewwata 2 [A] jalatti caqafame maqa balleessii fi labsiima kana irratti kan ibsame 143 [2] irratti paartileen siyaasaa yaada isaanii bilisaan akka hin ibsanne sodaa fi shakkii uumuu kan jedhu kan cabsuu tahuu isaa bira gaheera jedhe boordichi.

Dabalataan paartileen olitti ibsamanii fi paartiin biyya bulchu kan waliin mallatteessan Sanada kakuu keewwata 8 muraa 1 irratti kan ibsame ''paartileen hundinuu dhimma kam irrattiyyuu kaayyoo qabaachuu malan, garaagarummaa yaadaa ykn sanyummaa ykn dhimma biraa sababa godhachuun gochaa mirga paartilee kaanii kan faalleessu ykn dhiphisu irraa dirqama of qusachuu qabu'' kan jedhus cabsuu himeera.

Gochaan kun yeroo itti boordichi gabatee yeroo filannoo xumuraa baasuun ifatti hojii eegaletti raawwachuun isaa dorgommii filannoo irratti paartileen karaa wal qixa taheen mirga wal dorgomuu isaanii balaa irra waan buusuuf boordicha yaaddeessuu ibseera.

Hoggansi paartii biyya bulchaa jiruu sadarkaan jiru fi hoggansi mootummaa sadarkaa adda addaa irra jiru gochaa isaanii kana irraa akka of qusachuu qaban Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa ibseera.

Gara fuulduraattis akkaataa danbii seeraa fi naamusaa galmee paartilee siyaasaa 1162/2011 fi qajeelfamoota wal qabataniin sochii fi dubbii paartilee hordofuun tarkaanfii barbaachisaa hanga kaadhimummaa irraa haquutti akka fudhachuu danda'u ibseeraakeekkachiiseera.

MM Abiy ammoo hiriira deeggarsaa kutaalee Oromiyaa garaagaraatti bahame ture ergaa karaa fuula midiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin galateeffachuun isaanii ni yaadatam.

Itoophiyaan filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa dhuma Caamsaa gaggeessuuf qophiitti jirti.