Lola naannooTigraay irratti qabxiilee jajjaboo muraasa

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Lolli Sadaasaa 4, 2020 naannoo Tigraayiitti eegale har'a guyyoota 100 lakkoofsiiseera.
Lola humnootii mootummaa federaalaafi naannichaa jidduutti gaggeeffameen miidhaan namoomaa olaanaan naannichatti mudachuusaa jarmiyaalee idil-addunyaa mirgoota namoomaaf hojjatan gabaasa isaaniin himaniiru.
Ka'umsi lolichaafi taateewwan gurguddaan lollichaa booda uumaman muraasa ilaaluuf yaalla.
Ka'umsa lolichaa
Wal dhabdeen mootummaa federaalaafi aanga'oota TPLF jidduutti uumame cimaa adeemuun lola Sadaasa 4 eegalerra qaqabuunsaa ni yaadatama.
ALI baatii Sadaasaa bara 2011 dhaabbanni ADWUI duraanii akka baquuf murteen dabarfamnaan TPLF kana mormuun dhaabicha keessa of baasun isaa ni yaadatama.
Booda dhaabni biyya bulchu baqee moggaasa Paartii Badhaadhiinaa jedhu argannaan, TPLF ammoo qofaatti naannicha bulchuu itti fufe.
Itti aanssee boordiin filannoo A L Itti baatii Bitooteessaa bara 2012 keessaa filannoo biyyaaleessaa Adooleessa keessa gaggeeffamuuf ture sababii koronaavaayirasitiin akka yeroo biraatti darbu taasifnaan, TPLF ammoo qofaatti filannoo sadarkaa naannootti gaggeessuuf murteessee.
Manni Maree Federeshinis murteedhuma boordii filannoo cimsuun aangoon mootummoota federaalaafi naannoolee akka dheeraatuuf murtee dabarse.
Murtee Mana Maree Federeshinii kanaan ''seera qabeessaa miti'' kan jedhe TPLF ammoo sadarkaa naannootti baatii Fulbaanaa keessa filannoo gaggeessuun sagalee olaanaan mo'achuu labse.
Mootummaan federaalaafi Manni Maree Federeshinii garuu filannoon TPLF gaggeesse seeraan alaafi fudhatama kan hinqabne ta'uu labsan.
Waldhabdeen kunis cimuudhaan lola Sadaasa 4, 2020 naannichatti eegalamerra gahe.
Lolli eegalamee torban sadii keessatti waraanni mootummaa federaalaa magaalaa Maqalee to'achuu Sadaasa 28, 2020 beeksiise.
MM Abiy Ahimadis guyyaadhuma wal fakkaatuutti, ''duulli seera kabachisuu'' injifannoon xumurameera. Kan hafe aanga'oota TPLF adamsuun to'annoo jala oolchuu qofaadha jechuun ibsan.
Haata'u malee, ammalleen naannichatti bakkeewwan garaa garaatti lolli gaggeeffamaa akka jiru ragaaleen mul'isan bahaa jiru.
Lola naannoo Tigraayiitti gaggeeffame kanaan gama lamaaniinuu loltoonni meeqa akka ajjeefaman ifatti kan beekame jiraachuu baatulleen humni namaafi qabeenyaa olaanaan barbadaa'utu tilmaamama.

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA
Aanga'oota TPLF to'atamaniifi ajjeefaman
Humnootiin mootummaa federaalaa akka beeksisanitti aanga'oonniifi hundeessitoonni TPLF hedduun to'atamuufi ajjeefamuu beeksiisaniiru.
Tarikaanfii raayyaan ittiisaa fudhateen kanneen ajjeefamuun himame keessaa ministirri haajaa alaa duraanii Ambaasaadar Siyyum Masfin ni argamu.
Kana malees, kanneen sadarkaa ministirummaan tajaajilan Abbaay Tsahaayeefi Asmallaash Waldasilaasees waliin ajjeefamaniiru.
Gama biraatiin ammoo aanga'aafi hundeessaa TPLF keessaa tokko kan ta'an Sibhaat Naggaa haadha warrafi obbooleetti isaanii waliin to'annoo jala oolfamaniiru.
Pirezidaantii naannichaa duraanii kan turan Obbo Abbaay Walduufi Itti-aannaa pirezidaantiifi miseensi koree hojii-raawwachiiftuu TPLF kan turan Dr Abrhaam Takastee kanneen to'annoo jala oolfamanii amma dhimmisaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru keesstti argamu.
Miidhaa namoomaa lolichi qaqabsiise
Lolli naanncihaatti gaggeeffamees ummata naannichaa irraan miidhaa namoomaa olaanaafi buqa'insa qaqabsiisuu qaamooleen mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa ibsaa jiru.
Nammoonni miliyoona 2.3tti siqan qe'eesaanii irraa kan buqqaafaman yoo ta'u, kanneen kuma 60 ol ta'an ammoo Sudaanitti baqataniiru.
Akka ragaa Mootummoota Gamtoomaniitti naannichatti ummanni miliyoona 4.5 ol deeggarsa nyaataafi wallaansaa atattamaa barbaada.

Manneen barnootaafi buufataalee fayyaa naannichaas tajaajila kennuu dhaabaniiru. Erga lolichi eegalee baatiiwwan lamaan booda hospitaalota shan qofaatu naannichatti tajaajila kennaa jira jedha ragaan Mootummoota Gamtoonirraa argame.
Naannichatti tajaajjilli intarneetiifi bilbilaa adda citusaatti waa'ee lolichaafi taateewwan naannicha keessatti mudatan irratti ragaa argachuun rakkiisaa ta'ee tureerra.
Tajaajjilli elektirikiis akkasuma adda cite ture. Jalqaba baatii Amajii irraa qabee garuu bakkeewwan muraasaatti tajaajjilli bilbilaafi geejibaa deebii'uun himameera.
Kana malees, baqattoonni Ertiraa naannicha keessatti kaampiiwwan baqattoota afur turan haala olaanaan balaaf saaxilamuun ibsameera. Sababii kaampiiwwan naannawa lolli itti gaggeefamuutti argamaniifuu deeggarsi qaqabuuf hin dandeenyee ture.
Mootummoonni Gamtooman, Gamtan Awurooppaafi Ameeriikaa dabalee miidhaa saalaa, ajjeechaa, butamuufi saamichi naannicha keessatti gaggeeffame qaama walbaatiin akka qoratamuuf waamicha dhiyeessaa jiru.

Hirmaannaa Ertiraa
Aanga'oonni TPLF borumtaa lolli eegalee kaase ture loltoonni Ertiraa raayyaa Itoophiyaa waliin ta'uun naannichatti haleellaa raawwataa jiru jechuun himannaa kan dhageessisan.
Gamtaan Awuroppaafi Ameerikaanis yeroo garaa garaatti Ertiraan atattamaan loltootashee Itoophiyaa keessaa akka baaftu ibsa baasanii jiru.
Ministirri Haajaa Alaa Ertiraa Obbo Usmaan deebii Rooyitarsiif kennaniin, Ertiraan dhimma Itoophiyaa keessaa akka hingallee dubbatanii ture. Mootummaan Itoophiyaas akkasuma loltoonni Ertiraa lola Tigraay irratti akka hinhirmaannee himeera.

Madda suuraa, Getty Images
Ajjeechaa jumlaa Maayikaadiraa
Ajjeechaan namoota 600 olii Magaalaa Maayikaadiraa kan Kaaba-lixa Itoophiyaatti argamtuutti raawwatamu gareewwan mirga namoomaa beeksiisan.
Haleellaan kunis caasaa nageenya bulchiinsa naannichaa 'Saamirii' jedhamuun beekamu akka ta'e gabaasni Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsee ture.
Komishinichis miidhaa mirga namoomaa olaanaa kana 'yakka namoomaafi waraanaatu raawwatamee' ta'u akka danda'u kan hime yoo ta'u, kanaafis gabaasa ballaafi qabiyyee seerasaa qorate gabaasa guutuu kan dhiyeessu ta'uu beeksiisee ture.
MM Abiy gama isaanitiin, mootummaan federaalaa Lixa Tigraay 'bilisa erga baaseen' booda hidhattoonni TPLF magaalaa Maayikaadiraatti namoota nagaa hedduu 'haala sukkaneessaan ajjeeseera' jedhan.
















