Lola Tigraay: Namni qaro-dhabeessa ta'an, Asmallaash, ajjeefamuun waa'ee lola Tigraay maal hima?

asmelash

Namni qaroo ijaa fi harka tokko hinqabne, Asmalaash Waldasillaasee aanga'oota TPLF tarkaanfii humnootii federaalaatiin naannoo Tigiraayitti fudhatameen ajjeeffaman keessaa tokko.

Ajjeechaan nama kanaas tarkaanfiin naannichaatti fudhatamaa jiru hangam cimaa ta'u kan mulliseedha.

Asmalaash bara TPLF hundeeffamu 1975 keessa kan dhaabichatti makame yoo ta'u, agartuu isaa lamaanis tibba lola riphee loltummaa gaggeessaa turaniitti haleellaa boombii gaarreen Imbaa Alaajeetti ture kan dhabe.

Qobsoo riphee loltummaa TPLF bara 1975tti eegaleen ture bara 1991tti magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee to'achuun bulchiinsa Mangistu Haayila Maariyaam aangoorraa kan kufte.

Isaan boodas Asimalaash, waraana daangaa bara 1998 keessaa motummaa TPLFn ogganamuufi Eritiiraa jiduutti gaggeefameen haleellaa xiyyaaraa Maqaleerratti raawwatameen harkasaa biraa dhabe.

Lola tibbanaa kanaan ammoo Asimalaash, miseensa koree hojii raawwachiiftuu TPLF kan ture, qondaaltoota TPLF soorama bahan- Ministira Haajaa Alaa duraanii Siyyum Masfin fi Ministira Dhimmoota federaala duraanii Abaay Tsahaaye waliin ajeeffaman.

Manakosee gadaamii Aksuum- Abbaa Paantelewoon kana jaarraa 6 keessa hundeefame, asiin gadii ilaalaa wayita jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tigraay naannoo baayinaan gaarreen guutamteedha

MM Abiy Ahimad, gaheessi waggaa 44, kan tarkaanfiin waraanaa akka TPLF irratti fudhatamuuf ajajan, osoo bara 2018tti gara aangootti hindhufin dura garuu motummaa waloo dhaaba siyaasaa afuriin biyya bulchaa ture keessatti TPLF waliin hojjataa turan.

Amma garuu Abiyiifi TPLF waliif diina waan ta'aniif lolatti galan. Isaan boodas naannoo Tigraay kan Sudaaniifi Eertiraan wal daangeessitu akkasumas seensa buufata Galaanaa Diimaa to'achuuf lola gaggeessan.

Pirezidaantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqiin tarkaaniin waraanaa Itoophiyaan taasisuu cimsuuf loltoota isaa erguutu gabaafame.

Kaan ammoo siriiyyuu haaloo inni tibba waraanaa daangaa bara 1998-2000tti gaggeefameetti harka TPLFn bahuuf jedhu.

Waraana daangaa sanaanis namoonni gara 100,000 ta'an akka ajjeefaman himama.

Tigiroonni, lammiileen Eertiraa hedduun fi motummaan US loltoonni Eertiraa Tigraay galaniiru jedhan illeen, motummoonni Ertiraas ta'e kan Itoophiyaa himannaa kana ni haalu.

Abiy erga waraanni federaalaa magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to'ateen booda Muddee 28tti ture injifannoo kan labsan.

Haata'u malee humnootii TPLF kan ajaja isaa jalatti loltoota gara kuma 250 ta'an qabuu to'achuuf tarkaanfiin kan itti fufu ta'uu himan.

Harka cancalaan hidhameefi butute

Haalli maanguddoonni sadan; Asimalaash, Siyuum fi Abaay itti ajjeefaman ifa hinture. Kaan ganda keessatti itti dhokaafamuun ajjeefaman jedhu.

Haata'u malee, ibsi motummaan kenname ammoo holqa keessa harka akka kennataniif gaafatamanii didnaan ajjeefamuu ibsa.

Ajjeechaa namoota kanneenis Sibihaat Nagaa dabalatee to'atamuu qondaaltoota TPLF hordofuun kan dhagahameedha.

Sibihaati harki cancalaan hidhamuun baayyee bututee ture kaameeraan kan mul'ate.

Kunis kan taatee hogganaa Iraaqi duraanii Saadaam Husseen bara 2003tti wayita to'atamu kan yaadachisu ture.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Fayisaal Robilee Insititiyuutii Qorannoo Dhimmmoota Gaanfa Afriikaa kan UStti bu'ureeffatee irraa akka jedheetti, deeggartoonni Abiy carraa namoota dhaaba siyaasaa hanga mormii ummataatiin kufiifamee Abiy gara aangootti dhufuutti olaantummaan biyyattii bulchaa tureen hidhata qaban kenneen, mudateetti gammadaa jiru.

''TPLF arganneera. Barbadeessaa jirra jedhaa jiru. Gonkumaa deebii'anii nu dararuu hindanda'an jedhu.''

''Haata'u malee kanneen gonkumaa TPLF hinjaalannee dabalatee, Tigroonni akkas jechaa jiru: 'Asimalaash nama ija hinqabnee, Siiyuum nama wallaansa baqaqasanii yaaluun dugdaa raawwatameef socha'uuf rakkatuu, Abbaay kan wallaansa baqaqsanii yaaluun onnee taasifameef ajjeessuun, akkasumas ammoo Sibihaatii kan sadarkaa ol bahu hindandeenye salphiftan. Isaan gootoota keenyaa'.''

A child reads some English words during his class at the school inside the Um Rakuba camp on January 8, 2021 in Um Rakuba, Sudan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoonni naannoo Tigraay gara 60,000 ta'an kaampiiwwan dahoo Sudaan keessa jiru

Rogeessi mirgoota Namoomaa Ertiraa kan baqannaarra jiru, Phaawuloos Tasfaagorgiis lola baatiiwwan sadan darban keessaa haleellaan dirooniin irratti gaggeeffame fi waraana loltoonni Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas humnootiin naannoo Amaaraa irratti qooda fudhataniin TPLF miidhaa olaanaan irra gahuun isaa shakkii hinqabu jedha.

''TPLF buufataasaa hedduu, hoggantoota isaa hedduu, looltoota isaa hedduufi meeshaa waraanaa cicimoo hedduu dhabeera. Amma meeshaa waraanaa jiddugalaafi xixiiqqaa qofaa qaba. Kanaafu Ertiraan haalaa ta'ee kanaan keessatti hirmaachuun waan irraa eegamaa ture jedhee hinyaadu,'' jedha.

"Isaayaas tarsimoo isaa dubatti hafaa diina irratti baayyina looltoota, taankiiwwan, meeshaalee waraanaa fi boombiitiin hordofa,''jedha Mr Phaawolos.

Itti dabaluunis, ''Haata'u malee TPLF hindhumne. Loola walitti fufaa waraane. Ammas, garuma lafaafi eddoowwan baadiyaa Tigraay duraan beekuutti, gaarreenifi randawwan lola riphee loltummaa keessatti lolaa tureett deebii'e.''

Namtichi lola Tigraay Itoophiyaa irraa Sudaaniitti baqate wayita kaampii Tenedbaa kan Maafaazaa keessa gahuutti siree baatee ture, Amajjii 8, 2021tti erga jiddugala itti simatama irraa dabarfamaniin booda.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tigroonni hedduunis miilaafi bidiruun gara Sudaaniitti ce'an

Maanchil Masarati Yunvarsitii Gondatii oggeessa akkaadaamii kan ta'an, adeemsi TPLF erga ''humna qabu hundaan'' waraanaa Itoophiyaarratti saaxuun riphe loltummaatti geedarame, isaanuma irratti balaa buuse.

''Gareewwan hidhatootaatiin, hidhataan boombii ajjeessee du'u tokkichi mataansaa du'a hedduuf sababa ta'u danda'a. Dhimma TPLFtiif ammoo, looltoota hafan muraasa qabu. Ammalleen naannoolee gaarreen muraasaa keessatti lolaa akka jiran gabaasni jira. TPLF konkolaataawwan gargaarsaa osoo hinhafne daandiiwwan irratti aleellaa raawwataa jira,'' jedhan.

Mr Phawuloos motummaan beelaa akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa akka jiru amana.

''Loltoonni motummaa midhaan Tigrootaa gubaniiru. Lolichis waqxii miidhaan walitti qabamuutti gaggeeffame. Loomsaanis jalaa qalamaniiru. Kunis wayita motummaan naannichatti malawwan quunnamtiin guutuummaatti adda kute sana raawwatame. Nyaanni seenu tokkoo hinturre. Ammma mataasaa, baayyinni gargaarsaa baayyee daangeeffamaadha.

"Namoonni beelaan du'aa jiru. Beelli seenuuf akeekkachisni kennamaa jira. Kunis beenyaa malee gatii waraanaati. Kunis jecha Mangistu na yaadachisa: 'qurxummii ajjeesuuf, haroo gogsi.' Kanaafuu TPLF dadhabsiisuuf, motummaan Abiy namoota nagaa beelleessuun dabalatee dirqiin of jala oolchuuf yaalaa jira,'' jedha Mr Phaawulos.

An Ethiopian refugee, who fled the Tigray conflict, walks in the Tenedba camp in Mafaza, eastern Sudan on January 8, 2021, after being transported from the reception center

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbileen gargaarsaa gama isaanitiin, lolli tibba weerara koronaavaayirasiifi awwaansin miidhaan miidheetti umamee, haalicha caalaa 'harbeessuu' himu.

Akka dhaabbilee gargaarsaa UN'tti:

  • Namoonni miliyoona lamaa olii deeggarsa barbaadu turan
  • Buqa'iinsi ummataas akka tatamsa'ina Covid-19 bal'aa hinkaafneef sodaatameera
  • Hospitaaloota 40 keessaa shan qofatu argama
  • Maddeen bishaanii motoraan hojjatan 300 ta'an dhaabbataniiru
  • Gabaan gandaa dhabamuu ykn hafuutti dhiyaataniiru

Aanga'aan bulchiinsa haaraa naannoo Tigraayitti mudaman, midiaa biyya keessaatiin rakkoonni naannicha keessaa ''seenaa isaa keessatti cimaadha'' jechuun gabaafame.

Lakkoofsi namoota naannichatti deeggarsa namoomaa atattamaa barbaadanis miliyoona 4.5 ta'uufi kanneen bakka jireenaa isaanii buqqaa'an ammoo miliyoona 2.5 akka ta'an akka sumas namoonni 13 beelaan du'uu waajjirisaanii gabaasa qabaachuu akka dubatan gabaafameera.

Motummaanis himannaa beelaan ummataa adabaa jiraa jechu kan kufse oo ta'u, Obbo Maanaachile ''dhimma akkasiitiin motummaa himachuu ''gutummaatti dogondora'' jedhaniiru.

''Motummaan kuusaa nyaataa gahaa qaba garuu ammoo sababii TPLF konkolaachiftoota ajjeessuuf jecha naanawa baadiyaa geessuu hindandeene. TPLF ilaalcha idil addunyaa hawwachuufi dhimmasaatiif akka gaddamuuf waan barbaadeef dhimma beelaa akka qabxiitti itt fayadamu barbaade.

''TPLF qonnaan bultootaaf qawwee kennuun muraasa isaanis akka lolaniif dirqisiise. Sababii kanaatiif kan omishni barbadaa'aa jiru. Akkasumas TPLF bulchiinsoota motummaa magaaloota hundaa to'ateera. Waajjiraa;ee, hospitaalootaa osoo magaalaa hinbahiin dura barbadeessee'' jedhu Obbo Manaahiil.

Komishiniin Mirga Namoomaa motummaan hidhata qabus, jiraattoonni lixa Tigraay, Humaraa kan jidduugala qonnaa taa'ee manneeniifi daldalallii ballinaan garee dargaggoota Amaaraa, milishootaa, humnootii addaa akkasumas loltoota raayaa Itoophiyaafi kan Ertiraatiin saamamuu dubbatu.

''Saamtoonni kuusaa naataafi miidhaanii onsaniiru'' jechuun, itti dabaluun kan biraa hafee namoonni bulchiinsa haaraan akka isaan gargaaraniif eergaman mataansaanii hannicha keessatti hirmaataniiru jechuun himatu jiraattoonni.

2px presentational grey line

Odeessaalee walfakkaatan

2px presentational grey line

Xinxalaan dhimma Itoophiaa Garee Kiraayisis Addunya Itoophiyaa, Wiiliyem Daavisan, motummaan federaalaa bakkeewwan loltoonni isaa ykn humnootiin Amaaraa jiran, bakka baayyee to'atamuutti deeggarsa muraasa dhieessaa jira jedha.

Haata'u malee, bakkeewwan humnootiin Tigree ammalleen keessatti argamaniitti, sababii motummaan akka isaan deegarsicha akka hinarganneef barbaaduuf ykn boba'aa ykn meeshaa waraanaa geessuun akka hindanda'amne waan barbaaduuf deeggarsi qaqabaa hinjiru jedha.

''Sababii motummaan federaalaa to'achu hindandeenyeef ykn nageenyi baayeen hinjirreerreef, irra caalli baadiyaa Tigraay deeggarsa argataa hinjiran.

"Deeggarsi Maqalee, magaalaa guddoo naannichaatti, kibbaafi lixa naannichaa eddoowwan muraasa humnootiin federaalaa ykn Amaaraa to'atan ergamaa jira'' jedha.

'Loltoonni Eertiraa magaalaa yaaddessan'

Itti dabaluunis, Mr Daavisan bakkeewwan to'annoo loltoota Ertiraa jalatti argamaniitti gargaarsa erguun gama siyaasaatiinis ta'ee lojistiikiidhaan baayyee rakkisaadha.

Jiraattoonni BBC'tti akka himaniitti, loltoonni Ertiraa Aksuum, Wukroo kan Maqalee irraa km 45 qofaa faggaattu dabalatee, magaaloota gurguddoo hunda keessatti argamu.

Lafa dhalootaa pirezidaantiin Tigraay kan ture Dabratsiyoon Gabramikaa'el kan taate Shiree, humnootiin Itoophiyaa to'ataniif erga gargaaraniin booda, gadhiisaniiru. Haata'u malee ammalleen madarootaafi gandoota naannichaa keessa ammalleen jiru jedhu jiraattoonni.

'TPLF deeggarsa Sudaan barbaada'

Maartiin Plaat, Inistitiuutii Yunvarstii Landaniitti qorataa olaan kan ta'e, daangaawwan qabachuu jechuun eenyu akka mo'atee hinagarsiisu jedha.

''TPLF magaalootaafi eddoowwan qabachuun hinamanu. Garreenniifi tulluuwwan irraa lolaa jira. Diniin hanga tagabaa'uutti dhiise.

"Isaan booda haleellaa raawwachuun baqata. Haala kanaan baatiiwwaniifi waggoota keessatti diina dadhabsiisa. Riphee loltummaa kana duraatinis kan raawwatame kana ture. Riphee loltummaa cimaa gaggeessuu danda'uuf daandii dhiyeessitii meeshaa waraanaa, boba'aa fi nyaataa qabaachutu barbaachisa,'' Mr Daavisan.

"TPLF yeroo dhumaatiif dhiyeessitii kan argate karaa Sudaaniin ture. Amma Sudaan osoo Itoophiyaa waliin waldhabee daangaa keessa jiranu deebiitee kan raawwachu isheen gaaffii guddaadha, jedha Mr Daavisan. Itti dabaluunis, ''Lolichi kan yeroo dheeraa ykn kan gabaabaa ta'unsaatu murteessa.''