Ji'a lamaan booda sagaleen isaanii kan dhaga'ame Dura Ta'aan TPLF Dabretsiyon (PhD) maal jedhan?

Madda suuraa, Dimtsi woyane
Dura Ta'aan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) Dabretsiyon Gabiramikaa'el (PhD) ji'oota lamaan booda lafa baqannaarra jiranii kaleessa Amajji 30, 2021 karaa fuula Feesbuukiin Dimtsa Waayyaanee irratti ummata Tigiraayiifi hawaasa addunyaaf ergaa dabarsan.
Hogganaan TPLF baqarra jiran kunis, lola naannoo Tigiraayitti uumame hordofee addan citee kan ture fuula Feesbuukii Dimtsa Wayyaaneeraatti ergaa sagaleedhaan daqiiqaawwan 14'f dabarsaniin, miidhaa naannicha keessatti qaqabeera jedhan fi haala lolli itti jiruu ilaalchisuun dubbatan.
Haata'u malee sagaleen Dimtsa Wayaneen kan Ameerikaarraa darbaa akka jiru kan himamu, irratti dhagahame kunis dhugaatti sagaleen Dabretsiyoon ta'u, akkasumas eessaarraafi yoom akk waraabamee ilaalchisee BBCn qaama walabaarraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Dabratsiyoon Gabiramikaa'el hawaasni addunyaa miidhaa qaqabee jedhan akka gorataniif waamicha taasisan.
Motummaan Itoophiyaa garuu himannaan inni taasisee kan ''hinjirree'' fi ''yakkawwan sukkanneessaaf'' ittigaafatamoon humnootii isaatii jedhe.
Lolli naannoo Tigraayis erga humnootiin Dabratsiyoon buufata raayyaa ittisa biyyaa kan naannicha keessaa irratti haleellaa raawwatan booda ture.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad erga tarkaanfiin deebii humnootii TPLF irratti akka fudhatamu ajaja kennaniin booda raayyaan ittisa biyyaa Sadaasa 28, 2020 magaalaa guddoo naannichaa kan taate Maqalee to'achu beeksiise.
Wayita sana ture Dabratsiyoon loltoota TPLF waliin ta'un magaalaa Maqalee baqachuun, motummaan federaalaa naannicha akka hinto'anneef akka lolan kan ibsan.
Lolli kunis namoonni miliyoona lamaa olii bakka jireenya isaanii akka bu'an taasiseera.
Ofii Dabratsiyoon maal jedhee?
Dabretsiyoon Gabiramikaa'el, ifatti erga dubatee baatiiwwan lamaa ol ta'eera. Waraabbiin sagalee karaa feesbuukii Dimtsa Wayyaanee kan TPLFn gaggeeffamu irratti tamsa'e kunis dheerina daqiiqaa 14'f qaba.
"Uummanni Tigraay mirga ofiin of bulchii isaa qabatamaadhaan mirkaneeffachuudhaaf itti cichee waan qabsaa'eefi fiannoo dimokraatawaa gaggeessaniif jecha lolli hamaan irratti banamedha," jedhan.
Itti dabaluunis, ''Ajjeechaafi weerarichi itti fufeera, qabsoon ummata Tigraayis akkasuma gaggeefamaa jira,'' jedhan.
Hogganaan TPLF kun, taateewwan ajjeechaa, dirqiin gudeeduu, dararaafi beelaa baliinaan jiraachu dubbatan.
Waraabbiin sagalee kanaa yoom akka raawwatamee ifa ta'u baatulleen garuu, waan ajjeechaa qondaaltoota TPLF eereefu tarii dhiheenya ta'u agarsiisa.
Dabratsiyoon aanga'oota TPLF motummaan federaalaa ajaj irratti baasuun barbaadaa jiru keessaa tokko.
Aanga'oonni Itoophiyaas jalqaba baatii kanaa ture Ministira Haajaa Alaa biyyattii duraanii Siyyum Masifin dabalate, miseensoota TPLF olaanoo hedduu lolarratti du'uun kan beeksiisanii turan.
Dabratsiyoonis humni TPLF lola Tigraay keessaa ''mootummoonni afur'' itti hirmaataniiru. Sababii kanaan humni wal gituu dhabuun uumameera," jedhan.
"MM Abiy Ahmad loltoota Ertiraa dabalatee humnootiin afeeraman ummata Tigraay fixaa jiru. Ajjeechaan raawwatamees qoratamuun, qaamoolee gocha kana keessaatti hirmatanis ittigaafatamu qabuus'' jedhan.
Mootummoonni Itoophiyaa fi Ertiraa lamaanuu, kana dura lola naannoo Tigiraay keessatti waraanni Ertiraa akka hin hirmaatiin haalunsaanii ni yaadatama.
Garuu ammoo Isteeti Dippaartimentiin Ameerikaa loltoonni Ertiraa naannoo Tigiraay keessaa atattamaan akka ba'an jechuun kan gaafate torban darbe keessa ture.
Akka isaan dirqiin gudeeduufi saamicha dabalatee, sarbama mirgoota namoomaa keessatti hirmaatan "gabaasaalee amanamoon'' qabna jedhee ture ibsi Istet Dippaartimanti kun.
Dabratsiyoon motummooti afur keessatti hirmaataniiru haa jedhu malee kanneen hafan eenyuu fa'i akka ta'an maqaa hineerre. Somaaliyaanis loltoonni ishee humnootii Itoophiyaa waliin Tigraay keessatti lolaa turuu waakkachunishee ni yaadatama.
TPLF kanaan dura humnootii isaarratti dhokaasuuf dirooniiwwan Gamtaa Araba Imreetootaa (AUE) irraa dhufaniitti fayyadamaman jechuun himate ture. Motummaan Itoophiyaa garuu biyyi galoo galaanaa tun lolicha keessatti hinhirmaannee jechuun yaada kana kufiseera.
Waa'ee lolaa maal jedhan?
Dabretsiyon lolli Tigiraay kun, "gatii guddaa gaafateera" jedhan.
"Kanneen miseensota hundeessitoota TPLF jedhaman waggoota 45 darban kan qabsaa'aniifi kan gaggeessan, kan lolchiisaniifi injifannoo hedduu argamsiisan maanguddoonniifi qabsaa'onni buleeyyii lola kanaan harka diinaatti nu jalaa miidhamaniiru.
''Haarsaa guddaa kaffalaniiru. Ammalee kaffalaa jiru. Haarsaa gootota kanneenii murannoo caalaa nu kenna malee tasa qabsoo keenyarraa kan nu dhaabu hin ta'u," jedhan.
Yeroo ammaa kana lolli naannoo Tigiraay jiru kan itti fufeefi humna Iizzii Kaabaa naannicha keessa turerraa argataniitti fayyadamuun lolaa akka jiran kaasan. "Humni wal madaaluu dhabuu isaatiin yeroodhaaf ol-aantummaa lolaa waan argataniif madaallii kana jijjiiruudhaaf qabsoo qolachuu keenya cimsinee itti fufsiisaa jirra," jedhan.
Kanaan dura, lolli Tigiraay keessatti gaggeeffamu xumuramuufi tarkanfiin itti aanu gaggeessitoota TPLF adamsuun to'annoo jala oolchuu akka ta'e MM Abiy Ahimad dabalatee aanga'oonni mootummaa gara garaa ibsuun isaanii ni yaadatama.
Lolli erga naannoo Tigiraayitti eegaleen boodas Abbaan Alangaa Federaalaafi poolisiin Federaalaa gaggeessitoota waraanaafi siyaasaa TPLF hedduun akka to'atamaniif ajaja baasuu isaanii ni yaadatama.
Isaan keessa tokko Dura Ta'aa TPLF kan ta'an Dabretsiyon Gabremikaa'el (PhD) yoo ta'an, yeroo ammaa kana eessa akka jiran hin beekamu.
Badiinsa naannichatti qaqabe
Dabretsiyon mancaatiifi miidhaa naannicha keessatti qaqqabeera jedha, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa jira jedhan bal'inaan dubbataniiru.
"Dubartoonni Tigraay qofaa qofaafi dabooodhaan gudeedamu. Mirgoonni namoomaafi dimokiraasii namoota Tigiraay haala hamaa ta'een ni sarbamu; ni mulqamu.
''Ambaaleen gati jabeeyyiifi bakka buusuun hin dand'amne dabalatee, gandoonniifi waldaaleen amantaa, raayyaan Tigraay keessa jiraatus, dhibus osoo isaan hin dhibiin qiyyaafannaa boombiifi meeshaalee dhuka'anii ta'u'' jedhan.
Dabratsiyon yakka ummaticharratti raawwatameera jedhan ifatti akka mormaaniifi abaaraniif hawaasa addunyaaf waamicha dhiyeessaniiru.
Sababii midiyaan naannicha galuun rakkiisaa ta'eefi malliwwan komunikeshinii cufamaniifu, himannaa dararaa jedhaman kanneen qaama walabaa irraa qulleeffachuun baayee rakkisaadha.
Haata'u malee, Gamtaan Awurooppaa dhiyeenya kana karaa dippilomaatii olaanaa isaa Jooseef Booreliitiin ibsa baaseen, "Haleellaawwan eenyummaa irratti hundaa'an, ajjeechaawwan, gochawwan dirqamaan gudeeduufi baqattoota dirqamaan gara biyya isaaniitti deebisuufi gochawwan yakka waraanaa ta'uu danda'u jedhaman ilaalchisee odeeffannoon walitti fufinsaan nu qaqqaba," jedhanii turan.
Akkasumas Mootummoota Gamtoomaniitti gareen miidhaa saalaa tibba walitti bu'insaatti mudatu irratti xiyyeefatee hojjetuus, miidhaa saalaa naannoo Tigiraayitti raawwatamaa jiru akka dhaabbatuuf hubachiisuun isaa ni yaadatama.
"Magaalaa Maqalee keessatti himannaan gudeedamuufi walumaagalatti himannaawwan naannoo Tigiraay keessaa miidhaa saalaarratti hundaa'e dhaga'amu hedduu na yaaddeeseera," jedhe ture dhaabbatichi.
Motummaan maal jedhee?
Hasaa Dabretsiyon kana ilaalchisee yaada Pirees Sakreetariyaatiin Waajjira Ministira Mummee Billanee Siyyum BBC'f kennaniin, ''miira fedhii duwwaa humnootii yakkaa fuula feesbuukiitiif'' dubbachu akka hindendeenye jedhan.
''Gama tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachisuutiin ammoo, humnootiin yakkaafi bakka buutoonni addunyaa isaanii xiyyeeffannaa addunyaa geeddaruuf yaalii taasisaa jiru. Jalqaba Sadaasaa irraa kaasanis yakkaa TPLF haguuguuf himannaa duguggaa sanyii hinjirree dhiyeessaa turan,'' jette Billene Siyyum.
Itti dabaluunis, hawaasni addunyaafi midiyaan ''isaaniif haguugurra'' yaalii motummaa deeggaruun TPLF seera haqaatti dhiyeessuu qabu jette.
Ka'umsi maal ture?
Lolli Naannoo Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Izzii Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale.
Lola kanaan boodas aanga'oonni TPLF fi dureewwan humna waraana naannichaa haleellaa buufata Izzii kaabaa irratti raawwatamee keessaa harka qabu jedhaman, akka to'atamaniif Komishinii Poolisii Federaalaafi Abbaa Alanagaa federaalaatiin ajajni irratti baansuu isaanii ni yaadatama.
Kana hordofees aanga'oonni TPLF muraasni to'atamanii kaan ammoo ajjaafamuu motummaan yeroo garaa garaatti beeksisaa jira. Kanneen to'annaa jala oolfaman keessaas Abbooy Sibhaatiin dabalatee aanga'oonni TPLF 15 ol ta'an torban darbe yeroo lamataatiif mana murtiitti hidhaayanii turan.
Shakkamtoonni kunneenis biyya yakka ganuu, haleellaa buufata waraana Izzii kaabaa raawwachuufi meeshaa waraanaatti fayyadamuun fincilaafi hokkoora kakaasuu jedhuun himataman.
Aanga'oota TPLF to'atamuuf barbaadaa jiru keessaa tokko kan ta'an Dr Dabratsiyoon baatii lamaa oliif erga sagaleesaanii badeen booda Sanbata kaleessaa Amajjii 30, 2021 karaa bilbilaatiin raadiyoo Dimtsa Wayaanee irratti dhagahaman.
Kana malees erga lolli kun eegalee kaasees namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman yoo ajjeefaman, kanneen miliyoonotaan lakkaa'aman ammoo bakka jireenyaasanii buqa'aniiru.
Akkasumas lammiileen 56,000 caalan daangaa qaxaamuruun gara Sudaaniitti yoo baqatan, kan miliyoona 4.5 ta'an ammoo naannicha keessatti deeggarsa namoonaa kan barbaadan ta'u UN beeksiise.














