Qondaaltonni TPLF 15 caalan har'a mana murtiitti dhiyaatan

Madda suuraa, bbc/Fana
Qondaaltonni TPLF sababa lola Tigraayiin to'annoo seeraa jala oolan 15 ol ta'an har'a, Jimaata 29, 2021 mana murtii Sadarkaa tokkoofaa Federaalaa, ramaddii Araadaa Dhaddacha yeroo beelamaatti dhiyaatan.
Hundeessaa TPLF kan ta'an Obbo Sibhaat Naggaa, Afa-yaa'iin duraanii Mana Maree Federeeshinii fi Pirezidaantiin duraanii Naannoo Tigraay Obbo abbaay Wolduu kanneen mana murtiitti dhiyaatan keessaati.
Qondaaltonni TPLF wayita mana murtiitti dhiyaatan hedduusaaniif kun yeroo lammaffaadha.Mootummaan akka jedhutti miseensonni gameeyyiin TPLF kunneen yakka biyya ganuu, raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa banuu fi hookkara meeshaa waraanaan deeggarame kaasuutiin himatamaniiru.
Namoonni kunneen gareedhaan himati kun irratti banamuurraan kan hafe dhuunfaadhaan himati irratti dhiyaate hanga yoonaa hin jiru.Lola Tigraay booda akkaan adamsamaa kan turanii fi akka karaa nagaan humna waraanaa biyyattiitti harka kennataniif gaafatmaa kan turan qondaaltonnii fi miseensonni gameeyyiin TPLF hedduun humnaan to'atamanii kaan ammoo ajjeefamaniiru.
Waggoota dheeraaf ministira dhimma alaa Itoophiyaa kan turan Obbo Siyyum Masfin fi hundeessitoota dhaabichaa keessaa tokko kan ta'e Obbo Abbaay Tsahaayyee kanneen ajjeefaman keessaati.Qondaaltonni kunneen harka kennuu diduun kaayyoosaaniirratti cichanii lubbuudhaan wareegaman.
Kanneen akkaan barbaadamaa jiran keessaa Pirezidaantii Naannoo Tigraay fi dura taa'aa TPLF kan turan Dabratsiyoon Gabramikaa'el hanga yoonaa eessa buuteensaanii hin baramne.Mootummaan Itoophiyaa humni waraanaa naannoo Tigraay buufata raayyaa ittisa biyyaa kaaba biyyattii jiru haleeleera jechuun erga tarkaanfii waraanaa fudhatee ji'a lama ta'eera.Daafoon waraana kanaa waan salphaa hin turre, hedduun lubbuu dhaabanii kaan qe'eerraa buqqa'aniiru.Jaarmiyaaleen gargaarsaa lammiileen naannoo Tigraay jiran hedduun deggersaaf harka namaa ilaalaa jiraachuu himuun namoonni beela'an miiliyoonaan kan lakkaa'aman waan ta'aniif yaaddoo guddaa akka itti uume himu.

Ka'umsi maal ture?
Lolli Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale.
Isaan boodas haleellaa buufata waraana federaalaa irratti raawwatame keessaa kanneen harka qabu jedhamuun shakkaman, aanga'oonnifi qondaaltoonni waraanaa akka to'annoo jala oolfamaniif ajajni itti bahee adamsamaa turan.
Kana hordofees muraasni to'atamuun kaan irratti ammoo tarkaanfiin fudhatamu motummaan biyyatti yeroo garaa garaatti beeksiseera.
Qoondaaltoonni TPLF har'a mana murtiitti dhiyaatanis kanneen to'annoo jala oolfaman jedhaman keessaayi.
Lola kanaan namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman yoo ajjeefaman kanneen kumootaan lakkaa'aman ammoo qe'ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa'aniiru.
Kana malees erga lolli kun eegalee kaasees lammiileen Itoophiyaa 56,000 caalan daangaa qaxaamuruun gara Sudaan baqataniiru jedha odeeeffannoon UNHCR irraa bahe.
















