Lola Tigraay: Deeggarsii naannichatti daa'immaniif taasifamu xiyyeeffannaa argachu qaba jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbileen gargaarsaa UN lola Tigraay baatii sadii lakkoofsise deeggarsa namoomaa geessuuf haalli rakkisaa tahuufi namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman hanqinni nyaataa isaan mudachuu akka danda’u ni ibsu.
Gabaasa Kaawunsiliin Baqataa Noorweey torbee darbe baaseen haadholii fi daa’imman miiliyoonaan lakkaa’aman akkasumas dhiirotaafi baqattoonni gargaarasaafi eegumsa barbaadu jechuunsaa ni yaadatama.
Kanaafis dhorkaa malee gara naannichaa akka galaniifi gargaarsa akka kennaniif haalli akka mijatuuf gaafachaa turan.
Guyyaa kaleessaa Daariktarri Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deevid Beeslay fuula Tiwiitarii isaanii irratti mootummaan Itoopiyaa karaalee murteessoo tahanirratti eeyyamuu ibsuun ‘’namoota miiliyoona sadii gargaarsa keenya eegan ni qaqqabna yeroon gubnu hin jiru,’’ jedhaniiru.
Mootummaan gama isaatiin hanga yoonaa namoonni miiliyoona 1.8 tahan deeggarsa namoomaa fi meeshaaleedhaan isaan qaqqabuu ibsuun uummata miiliyoona 2.5 gargaaruuf qophii akka qabu himeera.
Haa tahu malee lolli kun qe’ee dhaa buqqa’uu lammiilee, haleellaa saalaa qaama walabaan hin mirkanoofne fi mancaatiin biroo qaqqabsiisuufi akkasumas daa’imman haalaan miidhamuun isaanii himamaa ture.
Itoophiyaatti bakka bu’aan UNICEF Mikaa’el Sarvaadii ibsa kennaniin haala naannicha jiruun deeggarsi namoomaa akka barbaachisu, manneetii barnootaa hundi cufaa tahuu, rakkoon xiinsammuu hawaasaa akka jiru fa’I ibsaniiru.
‘’Naannichatti daa’imman miiliyoona 1.3 tahan barnooti isaanii addaan citeera. Manneetii barnootaa baayyeen yoo barbadaa’an kaan immoo buqqaatonni kuma kudhan tahan keessatti dahataniiru.
‘’Sababa lola kanaan rakkoo xiinsammuu qaqqabe dhinsuuniyyuu deeggersa barbaada,’’ jedhu.
Haalli barnootaa fi daa’immanii durumaa qabee naannichatti yaaddessaa akka tahe kan himan Mikaa’el daa’imman hanqina nyaataan miidhaman lakkoofsi isaanii akka dabalu sababa taheera jedhu.
‘’Naannoo Tigraayitti durumaa qabee rakkoon nyaata madaalawaa jira ture. Lola kana dura fayydamtoonni baayyeen jiru ture. Koronaavaayirasii, hoomaa awwaannisaa dubbii itti abaasee, daa’imman %34 tahan rakkoo nyaata madaalawaa guddaa qabu ture. Lola kanaan booda immoo ni dabala jedhan.
Hospitaala Maqalee irraa ogeessi fayyaa odeeffannoo nuu kenneen daa’imman hanqina nyaataan miidhaman yoo gara wiirtuu fayyaa dhufan qoricha isaaniif tahu argachuun rakkoo akka tahe hima.
‘’Nyaata fudhachuun isaan rakkisee, garaan isaanii bokokee,madaa’anii daa’imman dhufan jiru. Sababa kanaan garaa kaasaa fi koronyoon sombaa isaan miidha. Kuni hanqina nyaataarraan kan dhufu dha.
Yeroo isaan gaafannu bataskaana jaala dahannee turre, gammoojjii keessatti waan nyaannu hin arganne waan jedhaniif hanqina nyaataa tahuu agarsiisa,’’ jedha
Daa’imman kuma saddeet tahaniif nyaatni saamsamaa kuma saddeet gara naannichaa ergineerra kan jedhu UNICEF gahaa akka hin taanes ibsa.
Naannolee baadiyyaa qaqqabuun akka rakkisu himu,’’ hojjettoonni fayyaa 600 tahan gara Maqaleetti buqqa’aniiru. Hospitaalota 40 keessaa 14 saamamaniiru,kanneen tajaajila kennan afur tahuu odeeffannoo qabna,’’ jedhaniiru.
Yaaddoo xiinsammuu hawaasaa
Lolli Tigraay meeshaa waraanaa sasalphaa fi gurguddaan akka adeemsifameefi ammallee itti fufee jiraachuu kan himamu rakkoo qaamaa,hawaasaa fi xiinsammuu akka uumu ni yaadama.
Magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee magaalawwan naannichaa haleellaan meeshaalee waraanaa gurguddaa akka ture ragaa baatonni ni dubbatu.
Haadha ijoollee sadii akka taate kan himtu jiraattuun magaalaa Maqalee Lattabirhaan Gideey daldala xiqqoon ijoollee guddisaa akka turte himti.
Lola kana booda xiinsammuu ijooolleeshee iddootti deebisuun akka ishee rakkise himti.
‘’Keesumaa mucaan koo inni xiqqoon sagaleen dhohinsaa dhagahaa ture ammallee isa hin gadhiisne. Sagalee guddaa gaafa dhagahu na jalaa boo’a,bobaa koo jalaa bahuu hin fedhu,’’ jetteetti.
Baha Tambeenitti haleellaan cimaa qilleensarraa akka ture kan himtu shamarreen ganna 29 Tirihaas torbee baayyeef lafoo erga imalteen booda Maqalee akka geesse himti.
‘’Hanga har’aatti kan tahe dhiisiitii mucaan koo asitti sagalee qilleensaa gaafa dhageessu natti dhufe jettee naati. Dhiisi isheen kuni kan keenya jedhee sossobuun hojii koo taheera,’’ jetti.
Mikaa’el ‘’Tigraayitti namoonni kuma 220 tahan buqqa’aniiru, mirkaneessuu baannus haleellaan saalaa qaqqabeera gabaasonni jedhan nu yaaddessu. Kanaafi ijoolleef deeggarsaa fi yaalii taasisuun gara mana barumsaatti deebisuun barbaachisa dha amantii jedhu qaba,’’ jedhu.
Yunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa Soshaal Woork kan tahe Biinagaa Haayilasillaasee daafaan waraanaa kanaa hawaasarra miidhaa baayyee dhaqqabsiisa jedha.
‘’Yeroo amma ijoolleen naasuu keessa jiru, sagaleen dhukaasaa fi dhohinsaa ijoollee irratti yaadannoo gaarii hin taane dhiisanii darbu,’’ jedha
Rakkoo akkasii deeggarsa xiinsammuu kennuun sirreessuun yoo hin danda’amne gara rakkoo sammuutti akka guddachuu danda’uufi dhibeee gaggabsuu fiduu mala jedha.
Kanaafis hatattamaan ijoollee irratti yoo hin hojjenne booda itti ulfaachuu mala, manneetiin barnootaa cufamuunis dandeetti barnoota fudhachuu isaanii irratti dhiibbaa fiduu danda’as jedhaniiru.
‘’Oolmaa daa’immanii hanga kutaa 12ffaa manneetiin barnootaa jiran cufaa dha. Barnooti idilee hin jiru. Guddinni sammuu daa’ima tokkoo hanga wagggaa torbaati. Kanaaf yeroon daa’imman sammuun isaanii qaramu ni darba jechuu dha,’’ jechuun hubachiisa.
Fedhiin baayyee akka jiru kan himan Mikaa’el lola garaagaraan saaxilamoo daa’imman tahan jiraachuu himuun warreen lola irratti hirmaatan ijoollee fi namoota nagaa haleellaa irraa akka eegan himaniiru.
Dabalataanis naannolee tasgabbiin itti mul’atutti manneetiin barnootaa akka banamaniifi daa’imman haleellaan irra gahe deeggarsa akka argatan ni eegan jedhan. Kanaaf karaan haaraan akka banamu fedhii isaanii akka tahe himu.













