Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoo biyyaalessaaf duulli filannoo eegalame

Asxaa Boordii Filannoo Itoophiyaa

Madda suuraa, Boordii Filannoo Itoophiyaa

Filannoo biyyaalessaa Waxabajjii dhufu gaggeefamuuf tartiiba ta'ii Boordiin Filannoo Itoophiyaa baaseen har'a guyya paartileen ifatti duula na filadhaa eegalanidha. Kaadhimamtoota filannoo galmeessuunis har'a eegalameera.

Guyyaa jalqabaa duula fiilannoo kanatti sochii paartilee jabaa akka hin taajjabne rippoortaroonni BBC Finfinnee jiran gabaasaniiru.

Hoogganaan waajira paartii Badhaadhinaa Obbo Binnaalf Aandu'aalam dhaabni isaanii dhaabbilee mormituu waliin miira waltumsuu fi walmorkuun hojjetaa jechuun dubbachuu fuula feesbuukii dhaabichaarratti maxxanfameera.

''Filannichi nagaa qabeessaa fi dimookraatawaa akka ta'u paartilee biroo wajjin waltumsuun filannicha injifachuuf ammoo miira walmorkiin'' akka hojjetan dubbatan.

Paartichi maanifestoo fi mallattoo filannoo isaa miseensota fi hooggantoota dhaabichaa biroof ifa godheera.

Ministirri muummee Abiy Ahimad kan pireezidantii paartii Badhaadhinaa ta'an ampooliin ifu mallattoo filannoo dhaaba isaanii akka ta'e ibsaniiru.

Dilbata kaleessaa magaalota lixa Oromiyaa Dambidoolloo, Shaambuu fi Ambotti hojiilee misooma daandii wayita eebbisanii fi hojii ijaarsaa eegalsiisanitti 'abbaa feetan filadhaa' jechuun uummatatti dubbatan.

MM Abiy erga aangotti dhufanii yeroo jalqabaaf kan taasifamu filannoon kun haqa qabeessa akka ta'uu fi paartiin isaanii kan injifataamu yoo ta'e rakkoo tokko malee aangoo akka gadi dhiisan MM Abiy dubbataa turan.

Haa ta'u malee paartileen mormituu akka ABO fi KFO'n hoogganoonnii fi miseensonni isaanii hidhamuu fi waajiraaleen isaanii Oromiyaa bakka garaagaraatti cufamanii kan jiran ta'uu irra deddeebiin komataa jiru.

'Haala kanaan filannicha keessatti hirmaachuuf ni rakkanna' jechuunis adda addatti ibsa baasuun isaanii ni yaadatama.

Hogganoonni siyaasaa jajjaboo mana hidhaa osoo jiranii filannoo gaggeeffamu amanamummaa isaarratti qaamoleen garagaraa gamanumaan gaaffii kaasaa jiru.

Hoogganoonni dhaaba KFO kan akka obbo Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad gaaffileen akka ''hidhamtootni siyaasaa Oromoo haa hiikaman, waajiraaleen keenya haa banaman akkasumas qabinsi maatii hidhamtootaa haa sirratu'' jedhu kaasuun diddaa nyaataa eegalan guyyaa 19'ffaa wayita qabatee jirutti duulli filannoo eegalame.

Filannoon bara darbe gaggeefamuun irra ture sababa weerara Koroonaavaayirasiin bara kanatti darbe. Kunis mormiin isa mudatee ture.

Dhaabni naannoo Tigraay bulchaa ture murtee filannichi dheereffamuu fudhachuu diduun filannoon ofiin naannicha keessatti gaggeesse hariiroo mootummaa Federaalaafi kan naannichaa amma lola waraanaan gaheef sababoota ijoo keessaa tokko ture.