'Dhaabota dhiyeenya filannoorratti hirmaachuuf gaafataniif boordichi hayyamuu qaba' - MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad fi asxaa paartilee siyaasaa

Boordiin Filannoo Itoophiyaa ''dhaabota dhiyeenya filannoorratti hirmaachuuf gaafataniif hayyamuu qaba jedheen amana'' jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad.

Kibxata Bitootessa 23, Paarlaamaarratti dhiyaatanii gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf deebii kan kennan MM Abiy, dhimma filannoo ilaalchisee deebii kennaniin dhaabotni siyaasa KFO fi ABO filannoorratti hirmaachuu dhabuu isaanii waan ilaallatu irrattis dubbataniiru.

Filannoon biyyaalessaa jahaffaan hedduu murteessaa ammoo qormaatas kan qabuudhaa ''haala idileen kan gaggeeffamu miti'' jedhan.

''Wanti miidiyaalee hawaasaa jedhamu yeroon ani gara waajira kanaa dhufu biloogiwwan 270 cufamanii turan amma hunduu banaadha.

Kan isa qallabus qaba, bira qabaan dirreen siyaasaas bal'ateera, walirraa fageenyi seenessaas jira'' jechuun sababa filannichi hedduu murteessaafi qormaatas kan qabudha akka jedhan ibsan.

''Kaayyoon filannoo kanaa filannoon dimookraatawaa, naga qabeessi, paartileen hundi walqixaan kan keessatti hirmaatan Itoophiyaa keessatti ta'ee arguufii kanaanis Itoophiyaan injifattuu taatee yoo mo'atamnes yeroo jalqabaaf dhaabni biyya bulchu baga gammadde jedhee ce'umsi aangoo Itoophiyaa keessatti raawwatee arguudha'' jedhan.

Yoo injifatanis ''karaa seeraan malee korojoo hatuun akka hin taane'' kaabinoota isaanii kumoota dhibbaan leenjisuus dubbatan.

Yaaliwwan hedduu gochaa jiraniin filannoon kun ''Itoophiyaa injifattuu kan taasisu akka ta'u'' abdii akka qaban himan.

Dhimma KFO fi ABO

Ministirri Muummee Itoophiyaa dhaabota siyaasaa Oromoo filannoo kanarratti dhaaba isaaniitti morkattoota ta'u jedhamee yaadamaa ture KFO fi ABO kan torbanoota dura filannoo keessaa bahuu ibsan ilaalchisee akka filannoo keessaa hin baane ''karaa walakkaa ol deemanii kadhachuu'' himan.

''Dhaabota filannoo kanarrattii hirmaachuuf fedha qabaatanii, qophii godhanii filannoo keessaa bahan ilaalchisee mootummaan karaa walakkaa ol imaalee haasofsiiseera, kadhateera, deeggareera.

Dhaabota hin dorgomnu jedhan ani dubbiseera. Deggarsa isin barbaachisu isinii goona dorgomaa hin bahinaa jennee jaarsas itti ergineerra.''

''Yoo hin yaadattu ta'e humnoonni bahuu barbaadan jiru jedhee isinitti himeen ture'' jechuun miseensota Paarlaamaatti kan himan MM Abiy ''Fakkeenyaaf Oromiyaa keessatti KFO'n akka hin baane bakka jaarsi jirutti ani isaan dubbiseera,'' jechuun dubbatan.

MM Abiy maqaa dhahanii ABO hin jedhiin malee haasaa isaaniin dhaabotni filannoorratti hirmaachuuf boordichaaf gaaffii dhiyeessan gaaffiin isaanii boordichaan fudhatama argatee akka hirmaatan godhamuu qabu jedhanii akka amanan ibsan.

''Dhiyeenya Paartileen filannoorratti hirmaachuuf fedha qaban Boordii filannoof gaaffii dhiyeessaniiru. Boordiin Filannoo humnoota kana akka ofitti maku (accomodate) godhu abdiin qaba. Kana gochuus qaba jedheen amana'' jedhan.

Paartiin kamuu yoo fedha qabaate gargaarree akka dorgomu gochuu qabna. Seera wayii eerree dhorkuurra isa bannee galchuu waan wayyuuf jedhan.

''Boordiin Filannoos kana akka godhu jabeesseen amana, kana akka godhus abdiin qaba'' jedhan.

Filannoorratti hirmaachuuf paartileen gaaffii dhiyeessan eenyu?

Hanga ammaattii dhaabota siyaasaa Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaarratti hirmaachuuf ulaagaa boordichaa guutuun filannoof qophaayaa turanii torbanoota dura ''filannoo keessaa dhiibamnee baaneerra'' kan jedhan KFO fi ABO dha.

Dhaabbileen kun hoogganoonniifi miseensonni isaanii hedduun hidhamuu fi waajiraaleen isaaniis cufamuun filannicharratti akka hin hirmaanne isaan dirqisuus himatan.

ABO keessatti ammoo addatti waldhibdeen hooggansa gidduutti dhalatee Boordiin filannoo gidduu akka seenu dirqamee ture.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimma waldhabdee kana ilaalchisee dhaabichi Kora sabaa gaggeeffatee rakkoo keessoo isaa akka furus ajajee ture.

Gartuulee wal dhaban keessaas kan Hayyuu duree itti aanaa obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamu kora gaggeessee hooggansa filachuufi heera dhaabichaas fooyyessuu ragaalee ibsan Wiixata darbe Bitootessa 22, 2021 Boordichaaf dhiyeessuu Boordichi beeksiseera.

''Ragaalee kana qoradheen fuula duratti murtoo barbaachisaa ta'es dabarsa'' jechuunis Boordichi ibsa gabaabaa baaseera.

Gareen kun murteen ABO filannoo keessaa dhiibamee bahuu murteesse ''murtee sirrii miti, nu hin hirmaachifne akkasumas adeemsa keessa darbuu qabu hin guutne'' jechuun mormee Boordiin filannoo yoo hayyameef filannoorratti hirmaachuuf fedha akka qabu ibsee ture.

MM haasaa isaanii keessatti dhiyeenya ''dhaabonni'' fedha filannoorratti hirmaachuuf fedha qaban boordichaaf gaaffii dhiyeessaniiru haa jedhan malee BBCn hanga ammaa odeeffannoo harkaa qabuun dhaabni filannoo keessaa bahuu ibsee, dhiyeenyammoo gartuun hooggansa isaa tokko fedha qabaachuu boordichaaf ibse ABO dha.