Boordiin Filannoo Itoophiyaa dhimma ABO irratti ragaalee qoradheen murtoo kenna jedhe

Madda suuraa, Getty, ONN fi Boordii Filannoo
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa dhimma dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irrattii ''ragaalee qoradheen fuula duratti murtoo kenna'' jedhe.
Ibsi Boordii Filannoo kun gartuun obbo Araarsoo Biqilaa hayyuu duree itti aanaa dhaabichaa ta'aniin hoogganamu kora sabaa gaggeessuufi hooggansa haaraa filachuu ibsee torbee tokko booda bahe.
ABO waggaa lama dura jijjiirama Itoophiyaa keessatti mula'te hordofee hooggansi isaa Eertiraatii deebi'ee osoo hedduu hin turiin hooggansa isaa gidduutti waldhibdeen dhalate.
Dhaabichi filannoo biyyaalessaa jahaaffaa irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuuf Boordii Filannoo Itoophiyaarraa beekamtii argatus, dhibdeen hooggansa gidduutti dhalate giddu seentumma Boordii filannoo dirqamsiiseera.
Hayyu Duree dhaabichaa obbo Daawud Ibsaa jalatti gareen taliigamuu mormu kan Hayyuu duree Itti aanaa dhaabichaa obbo Araarsoo Biqilaan dursan gidduu waldhibdee dhalate hordofee qaamoleen lachuu yeroo adda addaatti Boordichaaf xalayaa ergaa bahan.
Boordichi ji'oota dura murtee maayii dabarseen dhaabichi kora sabaa yaamee rakkoo keessoo isaa furee hoogganas filatee akka dhiyaatu beeksisee ture.
Boordiin Filannoo maal jedhe?
Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa ibsa gabaabaa Wiixata fuula feesbuukii isaa gubbaatti maxxanseen ABO obbo Araarsoo Biqilaarraa xalayaan isa qaqqabuu ibseera.
Xalayichi ''ABO Bitootessa 13 bara 2021 kora sabaa gaggeessee heera dhaabichaa fooyyeessuu, Gumii sabaa dhaabichaa filachuufi bulee isaa gaafa Bitootessa 14 ammoo Gumiin sabaa dhaabichaa hooggana olaanoo filachuu ragaalee hubachiisan'' Boordichatti galfameera jedha ibsi Boordii Filannoo Biyyaalessaa.
''Boordichi fuula duratti ragaalee kana qoratee murtoo barbaachisaa kan dabarsu ta'uu ibsa,'' jedheera.
Bitootessa 13 fi 14 kora sabaa gareen obbo Araarsoo Biqilaa fa'aa gaggeessan irratti bakka buutonni Boordii Filannoo Itoophiyaa lama argamanii adeemsa filannoo hooggansaa fi sirna guutuu hordofuu bara 2019'tti dubbii himaa dhaabichaa akka ta'an gaafatamni itti kennamee kan ture obbo Qajeelaa Mardaasaa BBC'tti himanii turan.
Adeemsa kora sabaa sana Boordiin filannoo tajjabuun isaa dhugaa ta'uu akka nuuf mirkaneessan dubbii himtuu Boordii filannoo aadde Soliyaanaa Shimallisitti irra deddeebiin bilbillus argachuu hin dandeenye.
ABO kan obbo Daawud Ibsaan hoogganamu Kora sabaa Bitootessa 13 fi 14 gaggeeffameefii Hayyu Duree fi Itti aantota Hayyuu duree akkasumas miseensota gumii shanee haaraa filate darbees heera dhaabichaa wayyeesseen ''seeraan ala, kan ABO bakka hin buune'' jechuun ibsa baasee ture.
Hoogganaan Sabqunnamtii dhaabichaa beekamtii obbo Daawuud qabu kan Sanbata darbe Buraayyuutti hidhamee obbo Battee Urgeessaa Kora Sabaa isaan ''seeraan ala, ABO bakka hin buune'' ittiin jedhan kana ilaalchisee Boordii filannoof xalayaa barreessuu isaanii ibsanii turan.
Boordichi komii gama obbo Daawudiin dhiyaate ilaalchisee ibsa isaa har'aa keessatti waan jedhe hin qabu.
ABO seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf filannoo Biyyaalessa bara kana gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophaa'aa akka tureefi sababa ''hooggantootni isaa hedduu hidhamanii jiraniifi waajiraalee isaa bakka hedduutti ugguramuuniif'' filannoo keessaa bahuuf dirqamuu ibseera.
Ibsa kana gareen obbo Araarsoo Biqilaa ''murtee sirrii hin taaneefi nu hin hirmaachifnedha'' jechuun Boordichi yeroo galmee kaadhimamtootaa kan dheeressuuf yoo ta'e bakka murtaahetti galmaahuun filannoorratti qooda fudhachuuf fedha qabaachuu ibsuun ni yaadatama.















