Filannoo Itoophiyaa 2021: Buufataaleen filannoo walakkaa ol hin banamne, Affaariifi Somaaleetti galmeen hin jalqabne

Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Aadde Birtukaan Miidhaksaa

Madda suuraa, NEBE/FB

Ibsa waa'ee suuraa, Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Aadde Birtukaan Miidhaksaa

Filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa marsaan 6ffaa gaggeeffamuuf yeroon baatii lamaa gadi ta'e hafee jiru kanatti buufataaleen filannoo walakkaa ta'an hin banamiin jiraachuu, Soomaleefi Affaaritti ammoo filattoota galmeessuun akka hin jarqabamiin Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hime.

Galmeen filattootaa torban sadii dura kan eegalame yoo tahu, buufataalee filannoo namoota sagalee kennaan galmeessu jedhamee karoorfame 50,000 keessaa 25,151 qofa galmeessaa jira. Buufataaleen hafan 24,000 caalan ammoo ammayyuu hojii galmeessuu kana hin eegalle.

Buufataaleen filannoo naannoo Affaari fi Somaalee galmee kanneen hin eegalle keessatti argamu.

Kunis kan ibsame Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa galmee filattootaa fi paartilee siyaasaa filannoorratti hirmaatanii maal irra akka jiru wayita himettidha.

Filannoo ji'a Caamsaa bara 2021 gara xumuraarratti naannoo Tigiraay irraa kan hafe, guutummaa biyyatti keessatti gaggeeffamuuf naannoolee filannoo 674 kan buufataalee filannoo 50,000 of keessaa qaban qophaa'aniiru.

Haa tahu malee buufataalee filannoo 50,000 keessaa walakkaa isaanii keessatti qofa galmeen filannoo eegalee jira.

Walitti qabduun boordii filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa Aaddee Birtukaan Miidhaksaa akka jdhanitti, buufataalee filannoo galmeen keessatti eegalame keessattis haala barbaadameen hojjetamaa hin jiru.

Akka fakkenyaatti kaan kaasan magaalaa Finfinnee kan jiraattoota miliyoona shanii ol qabdu yoo tahu magaalichatti erga galmeen jalqabee as hanga ammaatti namoota 200,000 tahan qofatu torban sadii keessatti galmaa'e.

Magaalichatti buufataaleen filannoo1,848 namoota sagalee kennan galmeessu jedhamee karoorfamullee, buufataaleen filannoo186 otoo hin banamiin akka jiran boordichi himeera.

Bitootessa 16 bara 2013 kan eegalame galmeen filattootaa xumuramuuf guyyootni kudhan qofa kan hafe yoo tahu guyyoota hafan keessatti hammi namoota galmaa'uu jedhamee eegamuu osoo hin galmaa'iin yoo hafan maaltu akka tahu ammatti hin baramne jedheera boordichi.

Filannoo fi haala nageenyaa

Walitti Qabduun Boordicha Aadde Birtukaan Miidhaksaa filattoota buufataalee filannoo hundatti galmeeessuun dadhabamuusaatiif sababoota adda addaa ibsan. Sababni tokkoo haala nageeenyati.

Buufataaleen filannoo 4,126 nageenyi dhabamuun filattoota galmeessuun akka dadhabame himan. Sababa kanaaf galmeen iddoo garaa garaatti saffisa barbaadameen raawwatamaa akka hin jirre Aadde Birtukaan ibsan.

Iddoowwwan baay'eetti rakkoo nageenyaa fi geejjibaatiin walqabatuun meeshaleen galmeef barbaachisan geessuun waan dadhabameef buufataaleen filannoo hin banamne jedhan.

Naannoo Oromiyaa godinaalee afur; Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horro Guduruu fi Qeellam Wallaggaatti sababii rakkoo nageenyatiin galmeen filannoo gaggeefamaa akka hin jirres himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa, Godina Addaa Saba Oromoo Kamisee, Argobbaa fi Waaagimiraa, Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkalii fi Kamaashii, akkasumas Naannoo Kibbaa Gurra Fardaa, Surmaa fi Zelmaamittis akka galmeen hin eegalle himan.

Isaan keessaa galmeen filattootaa bakkeewan itti eegalamee addaan cite akka jiru himuun, iddoo tokko tokkotti ammoo erga adda citee akka deebi'ee eeegalames himaniiru.

Rakkoo nageenyaatiin walqabatee filattoota galmeessuun iddoowwan dadhabame caalaa#, rakkoo geejjibaatiin meeshaalee filannoo qaqqabsiisuun iddoo dadhabamettii tattaaffiin barbaachisaan taasifamuun buufataaleen filannoo ni banamu jedhan Aadde Birtukaan.

Haata'u malee, Boordichi itti fufinsaan marii gaggeeffamurratti galmee filannoo fi dhimmoota kanaan walqabatan ilaalchisuun qooda fudhattoota wajjin akka akka mariyatuu himeera.

Itti dabaluun guutummaatti buufataaleen filannoo akka banaman tattafachuu himuun haala galmichaa ilaalchisuun guyyoota torban dhufan keessatti beeksisu himeera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad uummanni bakka bu'oota Mana maree sadarkaa biyyaalessaafi naannoo filachuuf dursee akka galmaa'u toora miidiyaa hawaasaarratti dhaaman.

''Lammileen mirga dimokitraasii isaanitti fayyadamuun dammaqinaaan akka hirmaatanitu eegama. Biyya keenyaatti dimokiraasii boruu murteessuun kan danda'amu har'a kaardii filannoo baasuudhaani. Kaardii baafachuuf boru hin jedhiina, Boru har'arraa eegala''jechuun waamicha dhiyeessan.

Filannoon biyyaleessaa filatamuuf torban torba qofti wayita hafe kanatti namoonni miliyoona 50 sagalee ni kennuu jedhamee eegamuulle, ammatti galmeen filattootaa hedduun sababoota garaa garaatiin galmee hin eegalle.

Guyyaan galmee filattootaa Bitooteessa 16, 2013 eegalame yoo hin dheereffamiin hafe A.L.I Ebla 15, bara 2013 goolama.

Filannoo bara 2013

Filannoon biyyaalessaafi naannoo bara darbe filatamuuf karoorfame sababii sodaa weerarri koronaavaayirasii uumeen baranatti erga dabarfame booda, Caaamsaa gara xumuraa fi Waxabajjii gara jalqabarratti akka filatamuuf karoofameef Boordiiin Filannoo qophii barbaachisaa gochuurratti argama.

Naannoo Tigiraayi irraan kan hafe iddoowwaan kaanitti uummata biyyatti keessa harka walakkaa kan ta'u, namoonni miliyoona 50 sagalee kennu jedhamee akka eegamu Boordiin Filannoo ibseera.

Paartiileen siyaaasa 47 filannoorrratti hirmaatan keessaa paartiin Badhaadhinaa kaadhimatoota 2,432 galmeessiisuun baay'inaa kaadhimtootaa galmeessiiseen sadarkaa duraarratti akka argamu ibsameera.

Paartiin EZEMA kaadhimatoota 1,385 dhiyeessuun yoo itti aanuu, Paartiin Ennaat kaadhimaamtoota 573 dhiyeeffateera. Paartilee sadan dabalatee, paartii fi dhuunfaan dorgomuuf kaadhimamtoonni 8,200 ol galmaa'uu Boordiin Filannoo himeera.