Filannoo Itoophiyaa 2021: Abdiifi gufuun jiru maalfaadha?

Korojoo filannoo

Madda suuraa, Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Itoophiyaan A.L.I Caamsaa 28 fi Waxabajji 5 bara 2013 filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf guyyaa qabattee jirti. Galmeen kaadhimamtootaa naannolee hundaatti A.L.I Guraandhala 08, 2013 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Akkaataa sagantaa Boordii Filannootiin galmeen namoota filatanii Wixata har'aa (A.L.I Guraandhala 22, 2013) jalqaba.

Oromiyaa keessatti paartileen mormituu gurguddoon Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n hogganooti fi miseensonni isaanii jalaa hidhamuu fi bakka adda addaatti waajiraaleen isaanii jalaa cufamuu eeruun filannoo kanarratti hirmaachuuf akka rakkatan ibsaa jiru.

MM Abiy Ahimad filannoon erga isaan gara aangootti dhufani booda yeroo jalqabaaf gaggeeffamu kun diimokiraatawaa, bilisaa fi haqa qabeessa akka ta'u irra deddeebiin waadaa galaa turan.

Paartileen mormituu akka KFO fi ABO miseensonni isaanii manni murtii mirga wabii akka eegamuuf murteesse, akkasumas kan bilisaan gadhiise jiraatanillee akka hidhaatii hin hiikamiin ibsuun irra deddeebiin komii qaban qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuu himu.

Miseensonni isaanii kunneen hanga hin hiikamiinitti akkasumas mirgi walabaan socho'uu isaanii hanga hin kabajamiinitti filannoo irratti hirmaachuuf akka rakkatanis himu.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa mirga wabii manni murtee kennu akka kabajamuuf kanaan dura gaafatee ture.

Torban darbe keessas dabalataan ibsa baaseen hidhamtoonni mirgi wabii eegameefii ammallee hidhaa jiran akka gadhiifamaniif hubachiiseera.

Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD) dhimmi kana ilaalchisee, "Oromiyaa keessatti ajaja mana murtii kabajuu dhabuun yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe baay'ee yaaddessaa waan ta'eef furmaata atattamaa barbaada," jedheera.

Filannoon itti aanu kanneen kanaan dura gaggeeffamanirraa adda ta'uu danda'aa?

Dhaabbata Maaks Pilaankitti barataa kan ta'e qorataan Heera mootummaa Barihuun Addunyaa (PhD) filannoo baranaa kan Itoophiyaan kanan dura gaggeessaa turterraa adda kan taasisu haala biyyattiin yeroo ammaa keessa jirtudha jedha.

Namoonni hedduun filannoo bara kanaa akkuma kanaan duraa gaaffilee dimokiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii kan furu qofaa osoo hin taane rakkoo siyaasaa fi hawaasummaa biyyattiin keessa jirtu kan hiiku godha jedhanii eegu.

Kanaaf, jijjiiramni biyyaalessaa bu'uura ta'e ni barbaachisa kan jedhurratti waan waliigalamuuf adda taasisa jedhee dubbata Barihuun (PhD).

Mootummaanis filannoon kun bu'uurarraa filannoo barbaachisaa ta'uu itti yaaduu qaba jechuun yaada isaa kenna.

Filannoon kun yoo akkuma filannoowwan kanaan duraa miti ta'ee fi filannoo bu'uurarraa barbaachisaa ta'edha ta'e, "[Mootummaan] partilee mormitootaa waliin waliin ta'uun hojjechuu qaba, qophaa isaa wanti gochuu danda'u hin jiraatu," jedha.

Filannoowwan shan darban bulchiinsa ADWUI jalatti kan gaggeeffamedha jechuun, filannoon biyyaalessaa ja'aaffaa kun ammoo bulchiinsa Paartii Badhaadhinaa jedhamu jalatti gaggeeffamuun isaayyu adda isa taasisa jechuun ibsa.

Dubartiin tokko yeroo sagalee kennaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Akka Barhuun (PhD) jedhutti, filannoon kun akka filannoowwan kanaan duraa guutummaa biyyattii keessatti gaggeeffamuu dhabuun isaa adda isa taasisa.

Biyyattii keessatti bakka gara garaatti nageenyi boora'ee jiru filannoo kana yaaddoo fi abdii waliin akka gaggeffamu wantota taasisan keessaa tokko ta'uu isaa dubbata.

Filannoo wayita oduun jijjiirama siyaasaa fi ce'umsa siyaasaa dhaga'amanitti kan gaggeeffamu ta'uun isaas adda akka taasisuu kaasa qorataan heera mootummaa kun.

Filannoo kana kan kanaan dura turerraa adda ykn adda miti kan jechisiisu biraan ammoo kan murtaa'u yaada paartileen siyaasaa dhiyeessanidha akka Barihuun jedhutti.

Paartileen siyaasaa waggoota shanan itti aananitti maal gochuu barbaadu kan jedhu murteessaasaa ta'a jedha.

Miidiyaa hawaasaarratti mootummaa qeequudhaan kan beekamu Obbo Iyyaaspeed Tasfaayee gama isaatiin, filannoon biyyaalessaa kun filannoowwan kanaan dura marsaa shaniif gaggeeffamaa turerraa adda ta'a jedhee hin yaadu.

Obbo Iyyaaspeed yaadasaa kana yeroo ibsutti, filannoo ammaa kana keessattis kan kanaan dura bulchiinsa ADWUI jalatti marsaa shaniif gaggeeffamaa ture keessattis aadaan siyaasaa adda ta'e mul'achaa hin jiru jedha.

Filannoowwan kanaan dura taasifaman taateewwan filannoo duraa, yeroo filannoo fi filannoo booda mul'atan hir'ina hedduu kan of keessaa qaban akka ta'e hima.

Akka paartileen siyaasaa hin sochoone gochuu, miseensotasaanii hidhuu fi waajiraalee isaanii cufuun agarsiistuudha jedha Iyyaaspeed.

"Bakka duraan turretti deebinee jirra"

MM Abiy yeroo gara aangootti dhufan filannoon dhufu filannoowwan kanaan dura taasifaman shanan irraa adda ta'a kan jedhu abdii qabaachaa kan ture Iyyaaspeed, abdiin kun garuu adeemsa keessa akka bade dubbata.

Sababii itti abdii godhatee ture yeroo ibsus, dirreen siyaasaa kan kanaan dura turerra bal'achuu isaafi, aanga'oonniifi miseensonni paartilee siyaasaa mana hidhaa turan gadhiifamuu isaaniidha jedha.

Kana malees, sabaa himaaleen gara garaa akka fedhanitti socho'anii dhiibbaa tokko malee carraan itti hojjetan uumamee akka tures ni yaadata Iyyaaspeed.

Dhaabbileen filannoofi dimokiraasii waliin walqabatan namoota gaggeessan ilaalchisees ummata birattis ta'e paartilee mormitootaa biratti hanga tokko warren abdii irra godhatamu fiduu eeruun, filannoo itti aanu kana abdii kan qabudha jechuun eegaa turuu BBCtti himeera.

"Haata'u malee, kun martinuu duuba deebi'anii bakka duraan turretti deebinee jirra," jedha Iyyaaspeed. Dirreen siyaasaa dhiphachuu qofa osoo hin taane namoonni hedduu mana hidhaa keessa akka jiran ibsa.

Miseensonni paartilee siyaasaa Oromoo gara garaafi kan Baldaraas hidhamuu isaanii qofa osoo hin taane, gaggeessitoonni paartii mormituu Benishaangul Gumuz kanaan dura mooraa Boordii Filannoo keessatti akka hin sochoone ugguramuu boordichumtillee kan ibse ta'uu kaasa.

Haala kana keessatti dirreen siyaasaa dhiphatee, "filannoon haqa-qabeessaafi adda ta'e ni gaggeeffama jedhanii eeguun kan hin yaadamnedha," jedha.

Gaazexessitoota ilaalchisuun Iyyaaspeed yeroo dubbatu, dhaabbanni CPJ jedhamu Dr. Abiy gara aangootti yeroo dhufan Itoophiyaan biyya gaazexeessaan tokkollee hidhaa hin jirre kan jedhee ture, yeroo ammaa garuu biyya Belaaruus jedhamtutti aantee Itoophiyaan gaazexeessitoota hidhuudhaan biyya lamaffaa akka taate eeraa.

Barihuun (PhD) gama isaatiin namoonni siyaasaa mana hidhaa keessa osoo jiranii filannoon gaggeeffamu dhiibbaa yeroo dhiyoofi dheeraa qabaaata jedha.

Dhiibbaa yeroo dhiyoo qabaatu yeroo ibsus, filannichumayyu karaa nagaa gaggeessuu dadhabuu yoo ta'u, dhiibbaan yeroo dheeraa ammoo sirna siyaasaa filannoo booda dhufurratti dhiibbaa qabaachuu mala yaaddoo jedhu kaasa.

Rakkooleen paartileen nurra gahaa jira jedhan amma furuu dhabuun booddee filannoo gaggeessuudhaaf rakkoo nagaa fi tasgabbii uumuu danda'a jedha Barihuun Addunyaa (PhD).

Filannoon darbee boodas paartiin filannicha mo'ate imaammatawwanii fi seerota gara garaa yoo baase, heera fooyyeessuu yoo barbaade kan murtaa'u paartilee fi namoota paarlaamaa jiraniin ta'uun isaa humnoonni siyaasaa biyyattii kanaan ala ta'an walumaagalatti karaa hiika qabuun kan hin hirmaachiifne ta'a jechuun yaaddoo qabu ibsa.

Boordiin Filannoo ammoo filannoo haqaa fi bilisa ta'e gaggeessuu danda'aa?

Boordiin Filannoo jijjiiramawwan bulchiinsaa fi seeraa taasisuu hima qorataan heera mootummaa Barihuun.

Hogganootni boordii filannoo, filannoo itti aanu kana bilisaa fi haqa qabeessa taasisuudhaaf murannoo akka qaban "akka dhuunfaatti nan tilmaama" kan jedhu Barihuun, haalli waliigalaa yeroo ilaalamu garuu rakkoon jiru isaan olidha jedha.

Boordin Filannoo qophaa isaa waan raawwachiisu hin qabu kan jedhu Barihuun, mootummaa, manneen murtii, qaamoleen nageenyaa hunduu gahee ofii ni qabaatu jedha.

Aadde Birtukaan Miidhagsaa, Dr. Abarraa Dagafaa, Aadde Bizuuwarq Kattete, Obbo Wubishat Ayyalaa bitaa gara mirgaa

Madda suuraa, NEBE

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota Boordii Filannoo - Aadde Birtukaan Miidhagsaa, Dr. Abarraa Dagafaa, Aadde Bizuuwarq Kattete, Obbo Wubishat Ayyalaa bitaa gara mirgaa

Dhimma amma jiru Boordii Filannootiin olidha jedha. Mootummaa, mormitoonni, ummanni, qaamoleen haqaa hundumtuu waltumsuudhaan yoo kan hin hojjenne ta'e dhaabanni tokkichi filannoo kana sirnaan gaggeessuu danda'a jechuun ulfaataadha jechuun ibsa.

Kana ilaalcha keessa galchuudhaan Boordiin Filannoo haala amma jiru kanaan filannoo haqa qabeessaa fi bilisa ta'e "gaggeessuu hin danda'u" kan jedhudha.

Obbo Iyyaaspeen Boordiin Filannoo haqaan hojjechuurratti amantaan qabu akka hir'achaa dhufe ibsuun, waajiraaleen KFO fi ABO bakka garagaraatti cufamee osoo jiruu paartileen kunneen akkamiin filannoorratti hirmaachuu danda'u jechuun gaafata.

Rakkoowwan paartilee kanneenii furuudhaafillee Boordichi murannoo hin agarsiifne jechuudhaan ibsa.

Duula miidiyaa hawaasaarratti innii fi namoonni biroon gaggeessaniin, waajiraaleen ABO fi KFO essa eessatti akka cufaman hanga danda'an qaamaan deemanii ilaaluun, kaan ammoo odeeffannoo paarticharraa sassaabbachuudhaan Feesbuukii fi Tiwiitararratti baasuu isaanii yaadta.

Paartileen kunneen irra deddeebiin dhimma kana Boordii Filannootiif xalayaadhaan beeksisuu isaanii Obbo Iyyaaspeed kaaseera.

Yaaddoowwanii fi abdii filannichaa

Itoophiyaan filannoo kana kan gaggeessitu yaaddoo nageenyaa gara garaa keessa ta'uudhaani.

Dhimma marii Hidhaa Haaromsaa Guddichaa, atakaaroo dhimma daangaa Sudaan waliin jiru, rakkoo nageenyaa biyya keessa jiru furuuf "turulle filannoo gaggeessuun dhimma filannoo hin qabnedha," jedha Barihuun (pHD).

Filannoo biyyaalessaa itti aanu kana gaggeessitoota paartilee siyaasaa mana hidhaa jiran kana waliin marii dhugaa osoo hin taasisiin gaggeessuun "karaa biyyattiin kanaan dura keessa dabarte deebisuudha" jedha Iyyaaspeed ammoo.

Filannoo marsaa shanaffaa ADWUIn harka dhibbaan mo'achuu isaa kan yaadatu Iyyaaspeed, paartileen siyaasaa hangi tokko karaa nagaa akka hin sochooneef carraa cufuun gara filannoo biraatti geessuu mala soda jedhullee qabaachuu ibsa.

Filannichi dimokiraatawaa akka ta'uuf gaggeessitoota siyaasaa fi miseensota hidhamanii jiran dursanii hiikuun mariyachuu fi waliigaluu akka barbaachisu eera.

Filannoo biyyaalessaa ja'affaa faayidaa isaa caalaa miidhaa isaatu caala kan jedhu Iyyaaspeed, ummanni seerota sababoota gara garaatiin bakka buutonni isaanii itti hin hirmaannee fi keessa hin jirreen ba'aniin nuuf bula jedhanii yaaduun ulfaataa ta'uu mormiiwwan kanaan dura ta'an akka ragaatti kaasuun dubbata.

Paartii yeroo ammaa bulchaa jiruu fi paartiin filatamu rakkoowwan biyyattiin keessa jirtu hunda qophaa isaa kan deebisu miti kan jedhu Barihuun, filannoo duras ta'e booda waliin dubbachuun barbaachisaa ta'uu cimsee dubbata.

Mootummaan rakkoowwan jiran hin furu taanaan filannoo Waxabajjiin booda akkuma kanaan duraa rakkoon filannoo booda dhalatan akka hin uumamneef wabiin hin jiru jechuun akeekkachiisan.