Filannoo Itoophiyaa 2013 ፡ Paartileen duula filannoo eegaluu isaanii ifa taasisan

Izeemaa

Madda suuraa, EZEMA/FB

Paartileen siyaasaa filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa dhufaa jiruurratti hirmaatan sochii na filadhaa eegalaniiru.

Paartiin Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasummaaf [Izeemaa], Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa [ABIN], Baaldaraas Dimookiraasii Haqaaf [Baaldaraas] akkasumas Dhaabni Tokkummaa Itoophiyaa Hundaa [Ma'i'aad] kanneen eegalu ibsan keessaati.

Paartileen kuni magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee dabalatee sochii yeroo taasisan mul'ataniiru.

Dabalataan paartiin biyya bulchuus, Paartii Badhaadhinaa, maanifestoo dhaabichaafi mallattoo filannoo ittiin dorgomu ifoomsuun duula nu filadhaa torban darbe eegalu isaa beeksiseera.

Sagantaa kana irratti Dura taa'aan dhaabichaa MM Abiy Ahimad akka dubbatanitti ''fedhiin keenya ijoo filannoo Itoophiyaafi lammiileen Itoophiyaa irratti injifatan gaggeessuudha,'' jedhan.

Maal jechuu akka ta'e yoo ibsanis ''filannoo naga qabeessa, dimookiraatawaa, hunduu bilisummaan kan irratti hirmaatu, haala yaadni mo'ate itti injifatu yookiin itti mo'amu uumuudha,'' jedhan.

Akkaataa yeroo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa baasetti duulli na filadhaa torban darbe Wiixata Guraandhala bultii 08, 2013 eegalus ABO fi KFO'n garuu hoggantoonni isaanii hidhaa jiraachuufi wajjiraaleen cufamuu eeruun akka hin eegalle ibsanii turan.

Guraandhala 13, 2013 ''Lammii dammaqe, biyya mijooftu'' dhaadannoo jedhuun duula na filadhaa kan eegale Izeemaan ''filannoon kuni akka kana dura turan maqumaaf osoo hin taane yeroo jalqabaaf dimookiraatawaa akka ta'uf'' akka dirqama qaban dursaan paartichaa Pirof. Birhaanu Naggaa himaniiru.

Dura taa'aan dhaabichaa Obbo Yashiwaas Asaffaa filannichi biyyattii gara sirna tasgabbaa'etti kan geessu ta'u qaba jedhan.

Duula na filadhaa

Madda suuraa, ANM/FB

Dhaadannoo ''Yerichi amma!'' jedhuun filannoorra kan hirmaatu ABIN daandiilee magaalaa Finfinnee irratti duula filannoo yeroo taasisu mul'ateera.

Dura taa'aan dhaabichaa Obbo Ballaxaa Mollaa filannoon yaaddoo qofa osoo hin taane carraan akka fidu ibsanii ''hundi keenya filannoo duraarraa barannee filannoo dimookiraatawaa milkaa'e gochuu dandeenya,'' jedhaniiru.

ABIN Finfinneen ala Baahirdaar, Gondariifi Daseetti duula na filadhaa eegaluu isaa ibseera.

Filannoon biyyaalessaa bara 2012 taasifamuuf ture sababa weerara koronaavaayirasiin erga waggaa kanatti darbe booda dhuma baatii Caamsaafi jalqaba baatii Waxabajjii akka adeemsifamu boordiin filannoo ibseera.

Filannoo Naannoo Tigraayin alatti bakkeewwan hundatti taasifama jedhamee kanarratti ummata biyyattii keessaa walakkaa kan ta'u ni hirmaata jedhamee eegama.

Filannoo kanarrattis buufataaleen filannoo kuma 50 ol, ogeessota kuma 152 ol galmee filattootaa gaggeessaniifi raawwachiistoonni filannoo kuma 254 ol akka ramadaman ibsameera.