Filannoo Itoophiyaa: Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimmi mirga namoomaa ajandaa filannoo ijoo ta’u qaba jedhe

Komishinera Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'eel Baqqalaa

Madda suuraa, Ethiotube

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Daani'eel Baqqalaa

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa mirgoota namoomaa ja’a paartileen siyaasaa yeroo filannoo hordofuu qabu jedhe ibse.

Komishinichi qabxiilee jahan kanneen kan ibse har'a yeroo filannoo bara 2013 A. L Itti gaggeeffamu ilaalchisuun mirgoota namoomaa kabajamuu fi eegamuu qabu jedhe ibsettidha.

Komishinirri Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani’eel Baqqalaa, paartileen filannoorratti qooda fudhatan kabaja mirga namoomaa ilaalchisee ''dhimmoota waadaa seenan akka beeksisanii fi mirga namoomaa kabajuuf akka socho’an gaafanna,'' jedhan.

A.L.I Caamsaa 2013 filannoo sadarkaa gaggeeffamurratti qooda fudhattoonni filannoo; qaamoleen mootummaa, paartilee mormitootaa, sivilii fi dhaabbileen miidiyaa ajandaale mirgoota namooma jahan kabajuu , raawwachuufi raawwachisuu qabu jechuun ibse.

Paartileen mormitootaa fi qaamoleen filannoo keessatti qooda fudhatan kabaja mirga namoomaa ilaalchisuun tarkaaffiwwan qabatamaan fudhatan beeksisuu, akka mirgi namooma eegamuuf dhaabachuu, filannoo dhimma koorniyaaf adeemsa deebii kennuu akka jiraatuuf xiyyeeffannoo akka kennan gaafatan.

Itti dabaluun, mirgi namoomaa akka kabajamu seerotaafi immaammata fooyyeessuuf waada akka seenan, akkasumallee mirga bakkaa bakkatti socho’uu, gurmaa’uu, odeeffannoo argachuu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu akka kabajamu gaafateera.

Akkasumas dubbiiwwan jibbaa jeequmsa kakaasan, tarkaanfii humnaa fudhachuurraa guutumaan guutuutti akka of qusatan ifatti waadaa seenan akka raawwatan Komishiniinichi gaafateera.

Kana dura Dr Daani'eel Baqqalaa qaama duula na filadhaa tahuu qaba jennee kan amannu dhimma kabaja mirga namoomaati'' jedhanii Itoophiyaa keessa baay'ee wal xaxaa fi rakkoon kabaja mirga namoomaa guddaa tahe jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa xumura ji'a Caamsaa keessa kan gaggeessitu yoo tahu paartileen tokko tokko magaalaa Finfinnee fi bakkeewwan biroottis duula na filadhaa jalqabanii jiru.

Naannoo Oromiyaa keessa paartileen socho'an kan akka ABO fi KFO gama biraan miseensotnifi hogganoonni jalaa hidhamuuf waajjiraaleen jalaa cufamuu himachaa turanii hanga ammaatti gara duula filannootti akka hin galle himaniiru.

Naannoo Tigiraay irraa kan hafe filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa Caamsaa 28 fi Waxabajji 15 gaggeeffama jedhamee eegama.