'Maastar Pilaanii' haaraan Ameerikaan Gaazaaf qopheessite maali? Akkamiin hojiirra oola?

Madda suuraa, Getty Images
US ''Gaazaa Haaraa (New Gaza)'' jechuun bifa haaraan lafaa kaastee Gaazaa ijaaruuf karoora qopheesiteetti.
Akkaataa pilaanii haaraa kanaan dacheen Filisxeem kun akka haaraatti ijaarama.
Maastar Pilaanii haaraa kanarratti barreeffamni dhihaate gamoowwan dhedheeroo fi akkaan ammayyaawoo ta'an hedduu handaara galaana Meediteraaniyaaniirratti mul'isa.
Manneen jireenyaa sadarkaasaanii eeggatan ammoo naannawa Raafaatti ijaaramu akka pilaanii haaraa kanaatti.
Kaartaa haaraan ijaarsa Gaazaaf qophaa'e kun manneen jireenyaa haaraa, lafa qonnaa fi iddoowwan indastirii marsaa marsaan uummata Gaazaa miiliyoona 2.1 ta'aniif akka ijaaraman agarsiisa.
Pilaaniin Gaazaa kun jalqabbii Kora Diinagdee Addunyaa Daavoos, Siwiizarlaand keessatti gaggeeffamerratti wayita sirni mallattoo Boordii Nageenyaa (Board of Peace) Tiraamp gaggeeffamu agarsiifame.
Hojiin boordii kanaa waraana Israa'el fi Hamaas gidduutti waggaa lamaaf ture xumuruu fi Gaazaa bifa haaraan ijaaruu kan hordofuudha.
''Gaazaa keessatti baayyee milkaa'uuf deemna. Hojii guddaa ijaan ilaaluuf namatti tolu ta'uuf deema,'' jedhe Tiraamp.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp waa'ee Gaazaa haaraa ijaaruu irratti akkas jedhe:
''An nama ijaarsa manneennii- Real Estate keessa turedha. Murteessaan argama bakka sanaati. Mee bakka handaara galaanaatti argamu kana ilaalaa! Qabeenya hawwataa kana ilaalaa! Namoota hedduuf hangam akka bu'aa buusu yaadaa!''
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Onkoloolessa darberraa hojiirra ooluu eegale jaarsummaan gidduu seenuun kan gargaaraa ture soddaan Tiraamp (intala Tiraamp kan fuudhe) Jared Kushner, Gaazaa qulqulleessuun hojii guddaa ta'uu dubbate.
Meeshaalee waraanaa gosa garaagaraa toonii kuma 90 ta'an dachee Gaazaa haguuganii jiranii fi caccabaa gamoowwanii toonii miiliyoona 60 Gaazaa keessaa qulqulleessuu barbaachisa jedhe.
Jalqaba iddoowwan Hamaas irraa bilisa ta'anii fi iddoowwan Hamaas keessa socho'u jechuun akka adda baasanii fi boodarra garuu Gaazaa guutummaatti akka haaraatti akka ijaaruu qaban murteessuu hime.
''Hamaas meeshaa hiikkachuuf waliigale, sana sirriitti hojiirra oolchuuf hojjenna. Namoonni karoorri lammataan jiraa jedhu. Karoora biraa hin qabnu,'' jedhe soddaan Tiraamp kun.

Madda suuraa, Reuters
''Maastar Pilaaniin'' haaraan Gaazaaf qophaa'e kun lafa tuurizimii handaara galaanaa akkaan bareedaa ta'e, gamoowwan akkaan dhedheeroo bilookii 180 akkasumas ''iddoo manneen jireenyaa'', indastiriiwwan, giddugala daataa fi odeeffannoo, manufaakchariingii sadarkaasaa eeggate, paarkiiwwan, bakka qonnaa fi ispoortii qabateera.
Lafa Gaazaa kallattii daangaa Masriitiin buufati doonii handaara galaanaarratti akkasumas buufati xiyyaaraa haaraan akka ijaaramu Maastar Pilaanii haaraa kanarratti ibsameera.
Daandiin Gaazaa, Israa'el fi Masrii walquunnamsiisus ni hojjetama.
Hojiin Gaazaa bifa haaraan misoomsuu kun marsaa afuriin hojjetama, jalqaba Raafaa irraa eegala, booda kallattii kaabaatti darbuun magaalaa Gaazaa misoomsuun itti fufa.
Maastar Pilaanii haaraa kanaan akka qophaa'etti daangaa Masrii fi Israa'el gidduutti lafti duwwaan hafee jira.
Kunis hanga Gaazaan guutummaatti tasgabbooftutti iddoo loltoonni Israa'el keessa turanidha.
Tiraamp wayita karoora nagaa qabxii 20 qabu baasu bakki loltoonni Israa'el keessa buufachuun nageenya eegsisan akka jiru ibseera.
Karoora haaraa kanarratti akkaataa misooma naannawa Raafaa irratti ibsi bal'aan kennameera. ''New Rafah'' jechuun moggaasan.
Bakka kanatti manneen gosa garaagaraa kuma 100, giddugala barnootaa 200 fi jaarmiyaalee fayyaa 75 ta'antu ijaaramu.
Iddoo kibba Gaazaatti argamtu kana keessa Filisxeemota kuma 280 ta'antu jiraataa turan, garuu haleellaa Israa'eliin buqqa'uun yeroo ammaa daangaa loltoonni Israa'el to'atan keessa jiraatu.
Kushner Raafaa haaraa waggoota lamaa hanga sadii keessatti ijaaranii xumuruun akka danda'amu dubbate.
''Caccabaawwan gamoo fi waan kaan dachee Gaazaa irraa kaasuu eegalleerra, kaanis diiguu eegalleerra. Kan itti aanu Gaazaa haaraaf ijaarsa eegaluudha,'' jedhe.
Torban itti aanan keessa kora dhimma kanarratti Waashingitan keessatti gaggeeffamuuf jedhurratti investaroonni carraa investimantii Gaazaa keessatti baname kanatti fayyadamuu barbaadan yaadasaanii akka dhiheessan ibse.
Dubbiin Tiraamp fi Gaazaa kun jalqaba kan eegale Guraandhala darbe keessa ture.
Yeroo sana Tiraamp akkuma aangootti dhufeen Filisxeemonni dacheesaanii Gaazaa keessaa baafamuun biyyoota ollaa keessa akka qubsiisfaman yaada dhiheesse.
Filisxeemonni dhaabbiidhaan biyyoota ollaa keessa erga qubsiifamanii booda Ameerikaan ammoo Gaazaa fudhachuun akka haaraatti akka misoomsitu ibse Tiraamp.
Gaazaa Riveeraa Baha Giddugaleessaa goona jedhe Tiraamp.












