Haala qabatamaa amma jiruun beekamtiin biyyummaa Filisxeem ni milkaa'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Filisxeem rakkoo beekamtii biyyummaa hin qabdu. Itoophyiyaa dabalatee biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) 193 keessaa 157 kan ta'an Filisxeemif beekamtii kennaniiru.
Bara kana ammoo biyyoonni michuu Israa'el ta'an kanneen akka UK, Faransaayi, Kanaadaa, Awustiraaliyaafi biyyoonni Lixaa kaanis ija jabaatanii Filisxeem biyyi walabaa ni malaaf jechuun murteesaanii beeksisaniiru.
Afrikaarraa Filisxeemif beekamtii biyyumma kan hin kennine Ertiraafi Kaameeruun qofaa akka ta'e ragaaleen ni agarsiisu.
Biyyoota addunyaa keessaa harki sadi arfaffaan erga Filisxeemif beekamtii biyyummaa kennanii, Filisxeem hanga yoonaa maaf biyya ta'uu dadhabde? Bara kana kana keessa biyyoonni humna dippilomaasis ta'ee kan waraanaa cimaa qaban kanneen akka UK fi Faransaayi fa'aa Filisxeemif beekamtii kennuun kan kana duraarra waan jijjiiru qabaa?
Haala qabatamaa Baha Giddu Galaa keessa jiruun beekamtiin biyyummaa Filisxeem dhuguma ni milkaa'aa? Gaaffilee jedhan mee haa ilaallu.
Furmaanni biyya lamaa (two-state solution) maali?
Furmaata biyya lamaa jechuun rakkoo Israa'elifi Filsixeem gidduutti erga uumamee jaarraa tokkotti dhiyate furuuf furmaata waaraa hawaasi idiladdunyaa irratti wlaii galuudha.
Kunis Israa'eliifi Filisxeem biyya walabaa of danda'an lama ta'anii nagaan ollaa ta'anii akka jiraatan yaada furmaataa dhiyaatedha.
Weest Baankifi Gaazan bakka tokkotti Baha Yerusaalem magaala guddoo taatee biyyi Filisxeem wallaba taate akka jiraattu yaad-rimee furmaata biyya lamaati.
Israa'el yaada furmaata biyya lamaa waan jedhu hin fudhu jetti. Furmaanni waaran kan jiraatu Fiilisxeemif beekamtii kennuun osoo hin taane, waliigaltee Filisxeemota waliin godhamu booda waan ta'uu qabuudha jechuun falmiti.
Inumaayyuu rakkoo Filisxeem Israa'el waliin qabdu furuuf biyya walabaa ta'uun akka ulaagatti dhiyaachuu akka hin qabne ibsiti.
Addunyaarratti dhimmoota furuuf rakkisoofi wal-xaxaa ta'an akkasumas bara dheeraa lakkoofsisan keessaa keessaa tokko rakkoo Israa'elifi Filisxeem gidduu jiru akka ta'e himu dippilomaatonni.
Rakkoon Israa'eliifi Filisxeem kan dhalate Israa'el biyya taatee hundeeffamuun wal-qabata. Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda Filisxeem dabalatee Baha Giddu Galessaa harka caalu bulchaa kan turte Biriteen Yihudoonni biyya akka ijaarrataniif yaada dhiyeessiteen, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Filisxeem bakka lamatti hire.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'eel yaada UN dhiyeesse fudhachuun bara 1948tti biyya walabaa ta'uu labsite. Filisxeemonniifi biyyoonni Arabaa yaada Filisxeem bakka lamatti hiruu diduun Israa'eliifi Araboota gidduutti waraanni Israa'elifi Arabootaa inni jalqabaa baname.
Warana waggaa tokkoof gaggeeffameen Filisxeemonni walakkaa miliyeenaa ta'an biyyoota ollaa kanneen akka Yordaanos, Libaanosiifi Sooriyaa fa'aatti baqatan.
Rakkoon yeroo hundeeffama Israa'el uumame osoo hin furamin waraanni itti fufiinsaan Israa'eliifi biyyoota Arabaa gidduutti gaggeefamaa ture rakkoo Filisxeemotaafi Israa'el gidduu ture akkaan hammeesse.
Keessumaa Waraana Guyyaa Jahaa jedhamuun kan beekamu, bara 1967tti gageeffame, Israa'eel bakkeewwan Ijoo Filisxeemotaa akka qabattu taasise.
Waraana kanaan daangaan Israa'eel dachaan dabale. Bakkeewwan Filisxeemonni keessa jiraatan: Weest Baank, Gaazaafi Baha Yerusaalem to'annoo Isaa'el jala galan.
Kuni ammoo Filisxeemonni kaampiwwan garaa garaa keessa jiran gara qabsoo hidhannootti akka seenan isaan taasise.
Keessumaa Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) uumamuunsaa Filisxeemonni biyya walabaa akka ta'aniif qabsaa'uuf ture.
Ofii Filisxeem biyya walabaa akka hin taanef wantoonni danqaa ta'an maalidha?
Rakkoo keessoo Filisxeemotaa
Hawaasi idiladdunyaa rakkoo Israa'elifi Filisxeem gidduu jirutti xumura gochuuf furmaanni waaraan Israa'elifi Filisxeem biyya walabaa lama ta'anii nagaan ollaa walii jiraachudha kan jedhu erga dhiyeessuu eegalanii bubbuleera.
Haa ta'u garuu furmaanni biyya lamaa akka hin milkoofne kan godhe keessaa tokko rakkoo keessoo Filisxeemotatti dhalateedha.
Keessumaa bara 1990oota booda Israa'eliifi PLO gidduutti Waliigalteen Osloo erga mallattaa'ee booda, humnoota Filisxeem gidduu muddamni jiru ni hammaate.
Filisxeem bakka bu'uun waliigalticha kan mallatteesse Yaasiir Arafaat Filisxeemota kaan biratti balaaleffatamee ture. Sababni isaa akkaataa waliigaltichaatin PLOn Filisxeem akka biyya taate fudhachuu dirqama qaba waan ta'eef.
Warraaqsa Filisxeemotaa jalqabaa (First Intifada) bara 1987tti ka'uu hordofee kan hundaa'e Hamaas garee Weest Baank bulchaa jiru Faataa wajjin wantoota irratti walii hin galle keessaa tokko Israa'elif beekamtii kennuufi kennuu dhiisudha.
Faataan biyyummaa Israa'el kan haalu miti. Gaazaa, Weest Baankifi Bahi Yerusaalem bakka tokkotti biyya walabaa Filisxeem ta'uu qabu jedhee amana.
Hamaas garuu ilaalcha kanarraa adda ta'e qaba- Israa'elif beekamtii hin kennu. Filisxeem daangaa bara 1948 dura jirtutti deebi'uu akka qabdu amana.
Gama biraan ammoo paartileen Filisxeem gurguddoon lamaan: Hamaasifi Faataan waliisaanii gidduuttuu rakkoo hanga ammaa hin furamne qabu.
Bara 2007 Gaazaa eenyu haa bulchu kan jedhurratti lamaansaanii lola cimaa guyyootaf ture gaggeessanii ture.
Filannoo Gaazatti gaggeeffameen kan mo'ate Hamaas humnaan Faataa Gaazaa keessaa baase. Ergasii lamaansaanii walitti araarsuuf yaalin garaa garaa godhamus waliigalteerra gahuu akka hin dandeenye ragaaleen garaa garaa ni agarsiisu.
Filisxeem biyya yoo taate, akkamitti? eessatti? eenyutu gaggeessa? kan jedhuufi gaaffilee kaan irratti qaamolee Filisxeem gurguddoo lamaanifi kaan gidduutti garaa garummaatu jira.
Qubsuma seeraan alaa Israa'eliifi leellistummaa mootummaa Israa'el
Haala qabatamaa amma jiruun biyyummaa Filisxeemitti wantoota danqaa ta'an keessaa tokko qubsuma seeran alaa Israa'el Weest Baankifi Baha Yerusaalem keessatti gaggeessituufi mootummaa Israa'el keessa qondaalonni leellistoota ta'an heddummachuu isaaniti.
Israa'el bara 1967tti erga humnaan Weest Baank fi Baha Yerusaalem humnaan qabattee hanga ammaa Israa'el Yihudoota 700,000 ta'an Weest Baank keessa qubsiiftetti.
Qubsumni Israa'el gaggeessuti kun egeree biyyummaa Filisxeemitti gaaffii guddaa uumera. Sababni isaa akkaataan qubsumaa Israa'el gaggeessitu Weest Baankifi Baha Yerusaalem gargar kutuun yoo ta'u, Filisxeemonni Baha Yerusaalem magaalaa guddoo godhachuun biyya walabaa ijaarrachuudha abjuunsaanii.
Qubsumni kun akka babal'atuufi abjuu biyyummaa Filisxeem danqaa taasisa wantoota jedhamu keessaa tokko mootummaan Israa'eel namoota siyaasaa leellistoota ta'aniifi qubsuma Weest Baank fi Baha Yerusaalem keessatti gaggeeffamu kallattiin deeggaraniin guutamuusaati.
Keessumaa Ministiirri Nageenyaa Israa'el Beengiviirifi Ministiirri Faayinaansii biyyattii Bizaali'eel Simootirich "abjuu biyyummaa Filisxeem ni awwaalla" jedhanii warra dhaataniidha.
Keessumaa Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas Israa'el irratti haleellaa banuu hordofee namoonni siyaasaa Israa'el leellistoota ta'an Weest Baank keessatti qofaa osoo hin taane Gaazaa keessattis qubsumni akka gaggeeffamuuf duula gaggeessaa jiru.
Dani'eellaa Waayis waggoota 50 darbaniif Weest Baank fi Baha Yerusaalem keessatti qubsuma gaggeessufi deeggaruun beekamti.
Inumaayyuu "Giiftii Qubattootaa" jedhamuun beekamti. Walakkaa jaarraa oliif qubsuma Yihudootaa Filisxeemota buqqisuun gaggeeffamu keessaa qooda qabaachuu kan himtu Daani'eellaan, lakkoofsa qubattootaa gara miliyeena tokkotti ol-guddisuun abjuu biyyummaa Filisxeem danquu akka barbaaddu miidiyaa Israa'el Haaretz jedhamutti himte.
"Falaasamni kiyya [Israa'elota Weest Baank keessa qubsiisuu] olaantummaa argachuusaatti gammachuutu natti dhagahama; akkasumas yaada furmaataa biyya lama jedhu akka hin milkoofne godhee jira," jechuun dubbatte.
Qubsuma Yihudootaa gaggeessuusheef bulchiinsa Netaaniyaahuu irraa deeggarsa qabaachuu kan himtu Daani'eellaan, kaayyonshee guddaan Filisxeemonni akka biyya mataasaanii hin ijaarrane Weest Baank keessatti qubsuma baay'isuun haala rakkisaa uumuu akka ta'e himti.
Weest Baank keessa Israa'elota heddu qubachiisuusheerraa kan ka'e "Filisxeemonni bakka kamitti biyya mataasaanii ijaarratu?" jechuun qabatamaan lafarratti hojiin qubattoonni akka ishee hojjatan Filisxeem biyya walabaa akka hin taanef karaa cufee akka jiru ibsiti.
Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuus, keessumaa biyyoonni akka UK fa'aa beekamtii biyyummaa Filisxeemif kennuusaanii hordofee "Filisxeem biyya akka hin taanef humnaan dura dhaabbanna" jechuun ifatti beeksisee ture.
Ijjannoo mootummaa Israa'el hamma jiruu, namoonni siyaasaa leellistoota ta'aniifi biyyummaa Filisxeem morman haala qubsuma Weest Baank keessatti gaggeeffamuu wajjin wal-bira qabamee gaafa ilaalamu, haala qabatamaa amma jiruun Filisxeem biyya ta'uuf ammayyuu fagoo akka ta'e himu xinxaaltonni.
Filisxeemonni gaggeessafi mootummaa cimaa dhabuusaanii
Gaazaafi Weest Baank haala teessuma ji'ogiraafin erga gargar bahanii waggaa 77 guutera. Siyaasan ammaa garee Faataafi Hamaasitti erga gargar bahanii ganna 18 ta'eera.
Lamaansaanituu gaggeessaa waloo hin qaban. Hamaas Filisxeemota biratti Faataa caalaa fudhatama akka qanu ragaaleen ni agarsiisu; garuu hawaasa idiladdunyaa biratti fudhatama kan qabu Weest Baank bulchaa kan jiru Abbaa Taayitaa Filisxeem kan Mohaammud Abbaasin hogganamuudha.
Lolli Gaazatti gaggeeffamaa jiruun Israa'el qondaalota olaanoo Hamaas ajjeessun Filisxeemota Gaazaa jiraatan gaggeessaa cimaa malee hambisteetti.
Weest Baank kan bulchu Abbaan Taayitaa Filisxeem malaammaltummaafi rakkoo wal-xaxaa heddu keessa akka jirutu himama.
Erga bara 2006 as Filannoon gaggeeffamee hin beeku. Qabsoo Filisxeemotaa keessatti heddu kan beekamuufi ajandaa Filisxeem hawaasa idiladdunyaatti heddu beeksiseera kan jedhamu Yaasiir Arafaat erga du'ee booda aangoo kan harkaa qabu Muhaammud Abbaas dullumni itti jabaattetti.
Garaagarummaa siyaasaa Hamaasifi Faataa gidduu jiruun alatti Filisxeemonni gaggeessaa "cimaa" akka Yaasiir Arafaat dhabuunsaanii walabummaa Filisxeem milkeessuu dhabuuf wantoota danqaa ta'an keessaa akka ta'etu himama.
Ijoollummaan qabsoo Filisxeemotaatti kan dabalame Maaruwaan Barguutii Yaasiir Arafaat bakka bu'uun egeree Filisxeemotaa qajeelcha jedhamee abdiin irra kaa'amee ture.
Umurii dargaggummaatti beekamtii kan horate Maaruwaan Warraaqsa Filisxeemotaa qindeessuun haleellaa Israa'el irratti gaggeeffamee tureen lammiilee Israa'el ajjeefaman kan ajjeechise isa jechuun Israa'el bara 2002tti to'achuun hidhaa itti murte.
Maaruwaan Bargutii waggoota 20 oliif mana hidhaa Israa'el keessatti dulloomaa jira. Dargaggeessa Filisxeemotaaf abdii ta'e jedhamee kan ijji irra kaa'ame Maaruwaan Barguutii amma innuu ganna 66 ta'ee jira.
Rakkooleen keessoo Filisxeemotaafi fedhii dhabuun Israa'el sababoota kaan waliin walitti ida'amuun biyyummaan Filisxeem akka galma hin geenye danqaa ta'u jedhamee sodaatama.
Gama biraan ammoo biyyi Israa'el bara 1948tti Israa'el akka hundooftu shoora olaanaa taphatte UKn walakkaa jaarratii ol booda Filisxeemif beekamtii biyyaa kennuun hiika guddaa akka qabutu amanama.
Keessumaa biyyoonni michuu cimoo Israa'el ta'an kanneen akka UK, Faransaayi, Kanaadaafi Awustiraaliyaa fa'aa beekamtii biyyummaa Filisxeemif kennuunsaanii, Israa'el akka kana duraa dhiibbaa hawaasa idiladdunyaa jalaa miliquu akka hin dandeenye agarsiistudha jechuun abdiin Filisxeem biyya ta'uu akka jiru kan akeekanis jiru.












