Gooldaa Meyiir: MM duraanii Israa'el dubartii jalqabaa Baha Giddu-galaatti gaggeessituu taate

Gooldaa Meeyir

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gooldaa Meeyir Ministiira Muummee Israa'el afraffaafi dubartii jalqabaa gaggeessituu Israa'el taatedha

Israa'el qofaatti osoo hin taane, Baha Giddu-galaatti dubartii jalqabaa biyya gaggeessite jedhamti. Gooldaa Moboovich maqaashee dhalootati; boodarra Gooldaa Meeyir jedhamuun maqaa abbaa warraasheen waamamte.

Muummee Ministiiraa Israa'e arfaffaa yoo taatu, dubartii jalqabaa Israa'el gaggeessiteedha. Ishee boodas dubartiin biraa gaggeessituu Israa'el taate hin jirtu.

Xinnummaan gidiraafi jireenyi baqaa ishee mudate. Qaama Sooviyeet Yuuniyeenii kan turte Yukireen magaalaa Kiiv keessatti bara 1898tti dhalatte. Hari'atamaafi jibba Yihudootarra gahaa ture "Pogrooms" jedhamee beekamuun maatiishee waliin umurii daa'imummaatti gara US'tti baqattee achitti guddatte.

Umurii daa'imummaan sochii Yihudoonni biyya mataasaanii ijaarrachuuf taasisanitti makamte. Sochii Dargaggoota Zayaanizimiitti makamuun Israa'el biyya akka taatuf warra adda dureen duula gaggeessaa turan keessaa tokko turte.

Sochii Zayaanistoonni biyya Israa'eel hundeessuf qaban galmaan gahuuf ganna 23tti gara Filisxeem deemun achi jiraachuu eegalte.

Yihudoonni jireeya "baqaa" keessatti mirga guutuu argachuu hin danda'an jechuun ijjannoo jabaa akka qabduti himama. Kanumaaf jecha lafa itti guddatte US irraa gara Filisxeem deemun Israa'el akka biyya taatuf warra adda dureen haala mijeessan keessaa tokko turte.

Biyyoota garaa garaa deemun hundeeffama Israa'eliif deeggarsa walitti qabuu, hawaasa Yihudootaa dadammaqsuufi maallaqa walitti qabuu keessatti adda dureen hirmaachaa turte.

Israa'el bara 1948tti gaafa hundeeffamtu, kanneen Labsii Hundeeffama Israa'el mallatteessan keessaa tokko turte.

Gooldaa Meeyir, keessumaa tarsiimoo alaafi keessoo Israa'el qajeelchuu keessatti shoora guddaa qabaachuusheetu himama.

Hundeeffama Israa'elii hanga ammaatti siyaasa biyyattii dhiirotaan to'atame keessatti waggaa 50 dura Gooldaa Meeyir dubartii jabduu biyya gaggeessite ta'uu kanneen waa'eeshee beekan ragaa bahu.

Phiniinaa Lahaav kitaaba seenaa jireenya Gooldaa Meeyir irratti xiyyeeffachuun barreessite The Only Woman in the Room jedhu keessatti Gooldaa Meeyir qophaashee dhiirota gidduudhaa hanga gaggeessituu biyyaa ta'uutti akka fullaate ibsite.

Siyaasa Israa'el dhiirotaan dhuunfatame keessatti qohaashee waan itti amante dubbachuufi hojjachuurraa duubatti jettee hin beektu.

Waraana Yoom Kippuur (The October War) gaggeessummaa Gooldaa Meeyi qore

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hundeeffama Israa'el booda Ministiira Muummee Israa'el afraffaa ta'uun kan filamte Gooldaa Meeyir, sana dura bara 1949tti ambaasaaddara Israa'el jalqabaa ta'uun Raashiyaatti ergamte.

Ministiira Dhimma Alaa, Ministiira Ittisaa fi gitawwan biroo heddu irratti muudamuun tajaajilaa turtee erga soorama baatee booda biyya akka gaggeessituuf waamichi hatattamaa godhameef.

Kunis Ministiira Muummee sadaffaa Israa'el kan ture Leevii Eshkool dhibee onneen bara 1969tti tasa du'uu hordofeeti.

Bara 1969'tti dubartii jalqabaa Ministiira Muummee Israa'el ta'uun filamte. Yeroo kanatti Israa'el Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day War) jedhamuun beekamu irratti biyyoota Arabaa waan mo'atteef 'biyya waraanaa jabduu' jedhamuun yeroo itti maqaanshee addunyaarratti faarfamu ture.

Israa'elis waraanicha mo'achuusheen 'kana booda namuu humnaan garagalee nu hin mil'atu' jechuun "of-tuulummaa" keessa turte kan jedhan jiru.

Haata'u garuu Waraana Guyyaa Jahaan Masiriifi Sooriyaan daangaasanii waan dhabaniif akkaataa itti deebifatan irratti qophii cimaa taasisaa turan.

Masiriin Gammoojii Siinaa Israa'el Waraana Guyyaa Jahaa bara 1967tti gaggeeffameen jalaa fudhatte deebifachuuf, Sooriyaan ammoo Gaarren Goolan deefachuuf karoorafi qophii waraanaa icciitiin gaggeessaa turan.

Onkoloolessa 6, 1973 Masiriifi Sooriyaan haleellaa tasaa Israa'el irratti banan. Kuni ammoo guyyaa Yihudoonni akka guyyaa qulqulluutti ilaalan "Yoom Kippuur" jedhamuttiidha. Loltoonni Israa'el hedduunsaanii daangaa ayyaanicha kabajuuf manasaanii jiru.

Loltoonni muraasni daangaa Masiriifi Sooriyaa irra jiran haleellaa tasaafi akkaan qindaa'aa ta'e irratti baname dandamachuu hin dandeenye.

Hedduunsaanii booji'amanii kaan du'an. Masirii Bo'oo Siwiiz cehuun Gammoojjii Siinaa bara 1967tti Israa'el irraa fudhatte keessa garmaamte.

Kaaban sa'aatii wal-fakkaatatti Sooriyaan duula lafoofi qilleensarraan loltoota Israa'el Gaarren Goolan irra jiran muddite.

Gooldaa Meeyir kaabinootafi ajajoota waraanaa walitti qabuun mariisfte. Dadhabbiifi kufaatii gaggeessummaashee akkasumas kan gaggeessitoota waraana booda itti deebina jedhanii tarkaanfii hatattamaa fudhachuu qabanirratti walii galan.

Xiyyeeffannoon jalqabaa humna Sooriyaa daangaa Kaabaa irra jiruufi dhiyeenyatti argamu dura dhaabbachuudha. Sa'aatii 24 keessatti humni eeggataa kumaatamaan lakkaa'amu adda waraanatti bobbaafame.

Humni eeggataa bobba'e loltoonni Sooriyaa Gaarren Goolan qaxxaamuranii akka hin dabarre dura dhaabbatan. Guyyoota jalqabaatti Israa'el loltoonni heddu jalaa du'anis, tarkaanfii deebisanii haleeluu fudhatteen loltoota Sooriyaa dubbatti deebisuun daangaa Sooriyaatuu dabaltee qabachuu eegalte.

Jeneraal Mooshee Dayaanifi MM Gooldaa Meeyiir

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministiira Muummee duraanii Israa'el Gooldaa Meeyirifi Ministiira Ittisaa duraanii Israa'el Jeneraal Mooshee Dayaan bara 1969tti wal bira dhaabbatanii

Humnoonni Sooriyaa deebisuu erga mirkaneeffattee booda humna dabalataa adda waraanaa Gammoojjii Siinatti deebiste.

Loltoonni Masirii kumaatamni heddu Gammoojjii Siinaa keessa osoo jiranii Israa'el kallattii biraan dabartee Bo'oo Siwiiz cehuun loltoota Masirii marfama keessa galchite.

Yeroo kanatti mootummaan Gooldaa Meeyir loltoonni Israa'el Bo'oo Siwiiz cehuun daangaa Masirii keessatti akka argamuufi loltoonni Masirii kumaatamaan lakkaa'aman duraafi duuban marfamuu beeksise.

Gooldaa Meeyir kana akka carraatti fayyadamuun Masiriif gaaffiin murteessaan akka dhiyaatu goote. 'Masiriin Israa'eliif beekamtii biyyummaa yoo kennite, Isaraa'el loltootashee boodatti akka deebisti' kan jedhuudha.

Masiriinis loltootashee kumaatamaan lakkaa'aman marfama keessa jiran baraaruf akkasumas Gammoojjiin Siinaa akka deebi'uuf waan feetuf, gaaffii Goldaa Meeyir simachuun Israa'eliif beekamtii kennuun biyyoonni lamaanuu waliigaltee waliif mallatteessan.

Akkaataa waliigaltichaan Israa'el Masirii irraa beekamtii biyyummaa argachuun Gammoojjii Siinaa guutummaan Masiriif deebifte.

Waraanni Yoom Kippuur (The October War) erga xumuramee "haleellaa tasaa Masiriifi Sooriyaa akkamiin dursinee baruu dhabne?" kan jedhu gaaffii guddaan keessoo bulchiinsa Gooldaa Meeyir keessatti ka'e.

Waraanichi xumuramee waggaa tokko booda Goldaa Meeyir doggora bulchiinsashee amanuun fedhiin aangoo gadhiiste.

Waraana bara 1973 Israa'el irratti baname deebistee qolachuurratti dandeettii agarsiifteen yoo jajamtu, torbanoota jalqabaa Masiriifi Sooriyaan haleellaa gaggeessanitti garuu loltoonni Israa'el kumaatamaan du'uufi booji'amuun akkasumas waraanicha dursanii ittisuu dhabuudhaan Gooldaa Meeyir heddu komatamti.

Fiilmii gaggeessummaa Gooldaa Meeyirifi addumatti Waraana Yoom Kippuur keessatti akkamiin Israa'el akka gaggeessite ibsuun hojjatame Golda jedhu keessatti taatoon badhaasa Oscar mo'atte Deem Helan Miiran akka Gooldaa Meeyiritti Ministiira Muummee ta'uun hojjatteetti.

Fiilmicha keessatti "humnoonni Arabaa magaalaa Tel Aviiv yoo gahan Israa'el kaartaa irraa baduusheeti" jettee dubbachuun hanga dhumaatti loluu akka qaban ajaja kenniti.

Ijannoo leellistummaa Gooldaa Meeyiriifi Filisxeem

Daa'imummaa kaastee sochii Zayaanizimii keessatti guddatte. Warra Israa'el akka biyya taatuuf adda dureen sochii taasisaniifi hundeessan keessaa tokkoodha.

Kanarraa ka'uun Zayaanizimii heddu akka leellistuufi inumaayyuu akka sabaatti "uummanni Filisxeem jedhamu hin jiru" jechuun irra deddeebin dubbataa turte.

Bara 1921tti yeroo Ameerikaarraa gara Filisxeem deemtu, naannichi bulchiinsa Biritiish jala ture.

Gooldaa Meeyir addatti "ummanni Filisxeem jedhamu hin jiru" jettee dubbachuusheen keessaafi alaa qeeqa guddaatu irratti ka'aa ture.

Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda Empaayeerri Otoman kufuun Biriitiish naannicha dhuunfatte. Gooldaa Meeyir akka jettutti, yeroo Ameerikaarraa gara Filisxeem deemtu bulchiinsa Biriitiish jalatti paastpaartii "Palestine" jedhamu akka qabdi turte.

Haa ta'u garuu Araboota, Yihudootafi saboonni garaa garaa bakka tokkotti Filisxeem jedhamanii akka waamamaniifi Kibba Sooriyaatii hanga Iraaqitti bakka tokkotti Filisxeem jedhamee akka waamamu falmiti.

Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda Biriitish naanicha Empaayera Otoman irraa fudhachuun gaafa bulchuu eegaltu lafti Galaana Medetiraaniyaaniidhaa hanga daangaa Iraaq jiru hunduu Filisxeem jedhamee akka waamamu kaasti.

Bara 1969 hanga 1974tti, Ministiira Muummee Israa'el ta'uun yeroo tajaajilaa turtetti, af-gaaffii miidiyaalee garaa garaa waliin taasistu irratti gaaffii uummata Filisxeem yoo gaafatamtu, "lafti addatti kan saba Filisxeem ta'e akka hin jirree" fi Araboonni, Yihudoonnifi saboonni kaan bakka tokkotti Filisxeem jedhamanii waamamaa akka turan kaasti.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Biriitiish naannicha gadhiistee gaafa baatu Filisxeem bakka lamatti akka hiramtu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif yaada dhiyeessiteen Israa'el biyya taatee hundoofte. Araboonnifi Filisxeemonni yaada dhiyaate fudhachuu diduun waraanni Israa'elifi Arabootaa eegale.

Filisxeemonni walakkaa miliyeenatti lakkaa'aman bara 1948 yeroo Israa'el hundooftu buqqa'an qe'eetti hin deebine.

Gooldaa Meeyir bara bulchiinsashee gaaffii uummata Filisxeem fudhatama kan hin qabne gootee dhiyeessaa turtes, ragaaleen ergasii bahan garuu Filisxeemonni Weest Baank keessa jiraataa turan biyya mataasaanii yoo ijaarratan ni deeggarti turte.

Miidiyaan Israa'el Haaretz qaboo yaa'ii Gooldaa Meeyir yeroo Waraana Yoom Kippuur booda kaabineeshee waliin irratti mariyatteefi Manni Galmee Biyyaalessaa Israa'el ifa godhee ture waabeffachuun akka gabaasetti, Filisxeem biyya walabaa akka taatu yoo irratti walii galame mormii akka hin qabne ibsitee turte.

Bara 1973tti Masiriifi Sooriyaan waraana qindaa'aa osoo Israa'el hin eegin irratti banuurraa kan ka'e kufaatii Israa'e mudateen waraanichi erga xumurameen booda bara 1974tti fedhiisheen aangoo gadi lakkifte.

Angoo gadhiiftee waggaa muraasa booda bara 1978tti duute.

Gooldaa Meeyor gaggeessituu biyyaa ta'uusheen dubartoota hedduuf kaka'uumsa taatus, ilaalcha leellistummaa qabduu akkasumas gaaffii uummata Filisxeemif nama naatoo hin qabne jedhamuunis komatamti.