Layilaa Kaaliid: Dubartii Filisxeem yeroo jalqabaaf xayyaara butte

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti dubartii jalqabaa xiyyaara butte jedhamuun beekamti. Qabsoo Filisxeemotaa keessatti heddu yaadatamti, jaalatamtis.
Keessumaa bara 1960'ootafi 1970'oota keessa maqaanshee akka malee leellifama ture. Dubartii heddu miidhagduu, hidhannoon irraa bareedu jedhamti.
Kaan 'shororkeessituu' jedhanii yoo waaman, Filisxeemonniifi warri qabsoo Filisxeem deeggaran biratti 'qabsooftuu bilisummaa' jedhamtee jajamti.
Walakkaa jaarraa dura Hagayya 29, 1969tti Laayilaa Kaliidifi Saalim Isaawii xayyaara Ameerikaa Xaaliyaanirraa gara Giriikii imalu butuuf magaalaa Roomitti argaman.
Laayilaan miidhagina uumamaan qabdurratti uffannaa faashinii qalbii namaa hawwatu uffatteetti. Xayyaara butuufis boombifi dhukaatuwwan barbaachisan qabatteetti.
To'attoonni buufata xayyaaraa Xaaliyaanii uffannaafi miidhaginasheen waan hawwatamaniif meeshaa isheen qabattee xayyaara seentutti iddoo hin laanne.
Akkamittiin to'attoota buufata xayyaaraa Xaaliyaanii akka gowwoomsite akkana jechuun himti: "Shugguzii hidhadheera, kiisa keessaa ammoo boombiin qaba; boorsaa keessatti ammoo TNTfi dhukaatuwwan biroo dhokseera.
Huccuu faashinii miidhagaa uffadheen ture. Bakka sakattaa gaafa geenyu boorsa kiyya baneen itti agarsiise, poolisiin sakatta'u fuula keessa na ilaalee darbi naan jedhe."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paayileetonni Xayyaara Ameerikaa lakkoofsa balalii TWA Flight 840, imaltoonnis ta'ee hojjattoonni biroo waanti hunduu nagaafi akkuma yeroo idileeti jedhanii yaadu.
Laayilaa Kaliidifi Saaliim Isaawii xayyaaricha butuun Filisxeemota bakka bu'anii addunyaaf ergaa dabarsuu barbaadan waan qabaniif sa'aatii itti xayyaarri ka'u eeggatu.
Laayilaa Kaalid miseensa Popular Front for the Liberation of Palestine (PFLP) jedhamuu turte. Libaanos irraa ka'uun xayyaaruma butuuf jecha gara Room akka deemtetu himama. Yeroo tikeettii kutatanis, bakka paayileetonni jiranitti dhiyaachuuf teessuma gara jalqabaa filatan.
Xayyaarri TWA Flight 840 Xaaliyaanidhaa akkuma ka'een keessummeessitoonni imaltootaf bunaa, shaayiifi nyaata kennuu eegalan.
Laayilaan buna akka dhugdu itti himatte; Saalim ammoo alkoolii ajajate. Keessummeessitoonni imaltootaf nyaatafi dhugaatii kennuutti qabamaniiru. Kuni Laayilaafi Saalimiif haala mijataa uume.
Kutaa paayileetonni jiranitti dhiyoo waan jiraaniif, Saalim ariitiin kutaa paayileetotaa lixee. Laayilaan boombifi shugguxii qabattee ittaanun kuticha seente.
Xayyaara gara Israa'elitti qajeelchi!
Laayilaan barreessaa kitaaba Shoot the Woman First jedhuu kan ta'e Eliin Maakdonaald waliin turtee taasistee akka jettetti, xayyaaricha akka butaniif ergamni yeroo itti kennamu, xayyaarri Ameerikaa TWA Flight 840 Giriik magaalaa Ateens osoo hin taane, Israa'el Buufata Xayyaaraa Deeviid Bengooriyoon akka qubatuudha.
Akkaatuma hoggantoota qabsaa'ota Filisxeem irraa ergamni itti kennametti, xayyaarichi daandii imalaa gara Giriik godhatee ture jijjiirun gara Israa'el akka qajeelu ajaja kennite. Imaltoonni kutaa jalqabaa keessa jiran gara kutaa lammaffaatti akka darban ajajje.
Paayileetonnis ta'ee imaltoonni ajaja hin fudhatan taanan balaa mudachuu malu boombii harkashee keessa jiru itti agarsiiste.
Imaltoonni kutaa jalqabaa keessaa bahanii gara kutaa isa lammaffaatti darban. Paayileetonnis imala gara Giriikii haquun gara Israa'elitti fuula deebifatan. Kutaa paayileetotaa (cockpit) keessaa to'attoota sochii balalii wajjin kan haasa'u Laayilaa Kaliidi.
Israa'el xayyaaricha qubsiisuuf hayyamtuu akka hin taane beeksisuu hordofee paayileetonni xayyaaricha gara Sooriyaa maaalaa Damaasqoo akka qajeelan ajajje. Boombii harkatti qabattee jirti waan ta'eef carraan paayiletotaa waan isheen jettu fudhachuudha.
Laayilaa Kaliidifi Saaliim akka xayyaaricha butaniif ajaji yeroo itti kennamu imaltootas ta'ee paayileetotarraan miidhaa homaatuu akka hin geenyedha. Boombiifi meeshaan isheen qabatti ittumaan sodaachisuun xayyaaricha butuuf akka turetu himama.
Xayyaarichi magaalaa Damaasqoo erga gubateen booda imaltoonnifi paayileetonni xayyaricha keessaa akka bahan godhaman. Layilaafi Saalim boombii harkaafi dhukaatuwwan kutaa paayileetitti darbatanii xayyaarichi gubate.
'Xayyaaricha kan bunneef Filisxeemonni mirga biyya qabaachuu akka qaban addunyaatti beeksisuuf ture'
Laayilaa Kaliid osoo Israa'el biyya taatee hin hundaa'in dura magaalaa Hayifaatti dhalatte. Israa'el bara 1948tti hundeeffamuu hordofee waraana Israa'elifi Arabootaa taasifameen Filisxeemota walakkaa miliyeenaa olii buqqa'anii baqatan keessaa tokko Laayilaafi maatiisheeti.
Daa'imummaan Libaanostti baqattee achumatti guddatte. Shamarree ganna 15 taatee Sochii Sabboonummaa Arabaatti makamte. Umurii daa'imummaan sochii bilisummaa Filisxeemitti waan makamteef ergama garaa garaaf ramadamuutti kaate.
Yeroo umuriinshee ganna 25 ta'u, dhaabbanni Popular Front for the Liberation of Palestine ergama oppireeshinii idiladdunyaaf ishee kaadhime. Da'imummaan lafa dhalootashee magaalaa Hayifaatii erga baatee waggoota heddu booda qilleensa Hayifaarra akka balaliite ibsite.
Barruu My People Shall Live jedhu ofiishee barreesite keessatti akkamiin ijoollummaan qabsootti akka seentefi oppireeshinii xayyaara butuu keessatti akka hirmaatte ibsiteetti.
"Waa'ee magaalaan itti dhaladhee baay'ee hin yaadadhu. Yeroo umuriin koo waggaa afuriin achii [maatii koo waliin baqadhee] bahe," jechuun yeroo xayyaara butte gara Israa'el geessitu qilleensarraa magaalaa Hayifaa akka argite barreessite.
"[Magaalaa Hayifaatii erga bahee] waggaa 20 booda gaafa Hagayya 29, 1969 yeroo aniifi jaalli kiyya Saaliim Isaawii xayyaara bunnee biyya keenya Filisxeem kabajuuf garas geessinun qilleensarraa magaalaa dhaloota koo arge," jetti Laayilaan.
Xayyaara Ameerikaa TWA Flight 840 butuunshee Filisxeemonni qe'eesaanirraa baqatanii akka buqqaatotaa qofatti ilaalaman biyya mataasaanii qabaachuun akka maluuf addunyaaf ergaa dabarsuufi Israa'el Filisxeemota hiitee jirtu akka gadi lakkistu dirqisiisufi akka ta'e turtii waggootan dura miidiyaa Afrikaa Kibbaa SABC News jedhamu waliin turtii taasisteen ibsitee turte.
"Taaten sun hawaasi addunyaa buqqa'uu uummata Filisxeem 'Naqba' [miidhama hamaa] jedhamuun beekamuufi bara 1948 mudateef xiyyeeffannoo akka kennuuf mallattoo yaadachiisaa guddaa gochuufi.

Madda suuraa, Getty Images
Filisxeemonni qe'eesaanii irraa humnaan buqqifaman; addunyaan uummata Filisxeem akka buqqaatota deeggarsi namoomaa barbaadan qofaatti ilaala. Raakkoon jiru gaaffii siyaasaa akka ta'e hin ilaalan," jechuun xayyaara butuunshee addunyaan gaaffii uummata Filisxeemiif xiyyeeffannoo akka kennuuf akka ta'e ibsite.
"[Xayyaara butuu] yeroo gabaabaf akka taaktikiitti itti fayyadamuuf ture; hawaasi addunyaa maaliif Filisxeemonni kana godhu? Eenyu isaan? Maal barbaadu? jedhanii akka gaafatan gochuudhaf tute. Deebiin isaas warraaqsa bara 1967 booda dhoheen argame," jetti Laayilaan.
Gama biraan ammoo Israa'el waraana bara 1967 booda Filisxeemota hiitee turte akka gadi lakkiftuuf akka meeshatti itti fayyadamuuf akka tures himti.
Si'a lammaffaaf xayyaara butuu
Laayilaan bara 1969tti xayyaara buttee Sooriyaa erga geessitee booda, marsaa biraaf onnatte.
Kana gochuuf garuu gochaa bifashee jijjiiruu akka qabdu murteessite. Waldhaansa baqaqsanii yaaluu pilaastikaa (plastic surgery) si'a jaha akka taasiftetu amanama.
Libaanos irraa gara Jarman magaalaa Istootgart imalte. Achitti nama lamummaa Nikaraaguwaafi US qabu Paatriik Arguuloo waliin wal-arguun karoora xayyaara butuu baasan.
Jarman irraa gara Amistardaam imaluun xayyaara Daandii Qilleensa Israa'el lakkoofsa balalii El Al Flight 219 jedhamu butuuf tikeetii muratan.
Xayyaarri Israa'el kun Fulbaana 6, 1970 Amistardam irraa gara Niwu Yoork kan balal'iuuf beellamate ture.
Laayilaan xayyaarota biyyoota Lixaafi Daandii Qilleensaa Israa'el butuuf kan ishee dirqisiise gaaffiifi fedhii uummata Filisxeem gurra addunyaa biraan gahuuf akka ta'e BBCtti himtee turte.
Fulbaana 6, 1970 Laayilaa Kaliifi Paatriik xayyaara Daandii Qilleensaa Istaa'el lakkoosa balalii El Al Flight 219 qabuufi Amistardaam irraa gara Niwu Yoork imalu yaabbatan.
Humnoonni Israa'el hidhatan xayyaaricha keessa akka jiran Laayilaan fa'aa dursanii odeeffannoo qabu. Garuu waanti Laayilaafi Paatriik hin eegne biraatu isaan mudate.
"Ani boombii lama qaba, hiriyaan kiyya Paatirik ammoo shugguxii qaba. Humnoonni nageenyaa hidhatan xayyaaricha keessa akka jiran duraanuu beekna; garuu hojjattoonni xayyaarichaa akka hidhatan hin beeknu turre," jechuun akkaataa itti xayyaara Israa'el butuun jalaa fashale ibsiti.
"Balaliin eegalee sa'aatii tokkoofi walakkaa erga turee booda lamaan keenyayyuu kaanee dhaabanne. Ani boombi koo lamaan nan baase. Paatrikis shugguxiisaa baafate; sana booda sagalee keenya ol fuunee imaltoonni akka tasgabbaa'an itti himne.
Gidduu kanaan humnoonni nageenyaa [Israa'el] dhukaasa banan. Ani Paatirik duubatti gateen gara kutaa paayileetotaatti fiige. Akkan achi gaheen boombii akkan qabadhee jirun itti agarsiise, garuu [paayileetonni] balbala naa banuu didan."
Laayilaan paayileetonni akka balbala bananiif waldhaansoo osoo qabaa jirtuu duuban humnoonni Israa'el ishee qabatan. Hiriyaanshee Paatirikis humna caalamee shugguxiin irraa fudhatamee reebamee du'aaf jireenya gidduu jira.
"Osoon kutaa paayileetotaa seenuf waldhaansoo qabuu duubaa tokko dhufee mataa keessa na dhajee harka koo qabe. Boombiin harka koo keessa jiru dhohee xayyaarri samiirratti waan gubate natti fakkaate.
Ija banadhee gaafan ilaalu, hunduu inuma na cafaqa. Paatiriik lafa ciisee dhiigni keessaa yaa'aan arge," jechuun kan hin eegne ishee mudachuu himti.
Xayyaarri Amistardaam irraa gara Niwu Yoork imaluuf ture yaalii xayyaara butuu godhamerraa kan ka'e UK akka qubatu taasifame.
UK Buufata Xayyaaraa Hathrow erga qubatee booda, poolisiin UK Laayilaafi Paatirik ambulaansiin fuudhee deeme. Paatirik garuu dandamachuu hin dandeenye; ambulaansidhuma keessatti akka du'e himti Laayilaan.
"Akka du'e gaafa natti himan nan aare, nan iyye. Xayyaaricha akkan butee Filisxeemonni mana hidhaa Israa'el jiran akka bahan gochuuf ergamni natti kennamuusaatti gammadeen ture.
Garuu fashaluusaatti nan aaree gubadhe. Ergan qabamee guyyaattota shanii hanga jahaa midhaan hin nyaanne ture. Hiriyaan kiyya na biraa ajjeefamuusaatti gaddi gar-malee na miidhe," jechuun BBCtti dubbattee turte.
Xayyaara bara 1969 buttee turterraa kan ka'e beekamtii waan argatteef salphaatti humnoota nageenyaan qabamuu jalaa miliquufi xayyaara Israa'el butuuf baqaqsanii hodhuu pilaastikaa si'a heddu akka taasifte himti.
"Bifa koo jijjiiruu yoo ta'ellee uummata koof jecha waan hunda aarsaa gochuu akkan qabutu natti dhagahame. Kanaafa ji'a jahaaf dhukkubbiisaa dandamadheen oppireeshinii pilaastikaa taasisee ture," jetti Laayilaan.
Laayilaa Kaliid gadhiisuuf xayyaara biraa butame
Laayilaan xayyaara Israa'el Amistardaam irraa gara Niwu Yoork imalaa ture butuuf gaafa yaaltu, gara Joordaan geessun Buufata Xayyaaraa Daawusan akka qubatu gochuuf ture.
Yeroo sana Joordaan bakka xayyaaronni butaman hedduu qubatan akka ture himti Laayilaan. Haa ta'u malee, xayyaara Isra'eel butuuf yaaliin goote fashalee isheen UKtti hidhamtee hafte.
Laayilaan qabamuutti namoonni gaddaan xayyaara Biriitiish butuun ishee gadi dhiisisuuf murteessan.
"Waanti mudatee ture namni miseensa Popular Front for the Liberation of Palestine (PFLP) hin taane, tokko qabamuu kootti aaree akkan ani gadi lakkifamuuf guyyaa ittaanu xayyaara BOAC jedhamu [Yordaanos] keessatti bute," jetti Laayilaan.
Haa ta'u malee, miseensonni PFLP xayyaaricha boombidhaan haleeluun guban. Xayyaarichi akka gubatuuf sababa kan ta'e Humni Waraanaa Yordaanos buufata xayyaarichaa marsuu isaati. Gama biraan ammoo qabsaa'onni Filisxeem ijjannoosaanii ibsuuf hawaasa idiladdunyaaf ergaa dhabarsuuf akka ta'e himti Laayilaan.
Xayyaarota bakka garaa garaatti butuun mootummoonni addunyaa kaayyoo uummata Filisxeem akka baran gochuu keessatti bu'aa akka buuse himti.
Layilaan xayyaara si'a lammaffaa butuuf yaaltee harkaa fashalee UKtti erga hidhamtee ji'a tokko booda gadi lakkifamte.

Madda suuraa, Getty Images
Ishee gadi lakkisiisuf xayyaara UK butame keessaa namoota harka miseensota PFLP jiran gadi lakkisiisuf waliigaltee godhameen Layilaa Kaliid gadi lakkifamte.
Ergasii booda bara 1978tti gara Raashiyaa imaluun yuunivarsiitii seentee osoo barattuu Dhabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) barattoonni Filisxeem biyya garaa garaa keessa jiran Warraaqsa Filisxeemitti akka dabalamaniif waamicha godheen baruumsa addaan kutuun Raashiyaarraa gara Lobaanositti deebite.
yuunivarsiitiwwan garaa garaa keessa jiraniif waamicha godheen baruumsa addaan kuttee gara Libaanositti akka deebite ragaalen ni agarsiisu.
Bara 1992tti abbaa manaadi ijoolleeshee dubaraa waliin gara Yordaanos deemuun jiraachuu itti fufte.
Biyyoota garaa garaa kanneen akka Afrikaa Kibbaa deemun biyyuummaa Filisxeemif deeggarsi akka godhamu, sarbama mirgaa Filisxeemotarra gahu ilaalchisee hubannoo uumufi deeggarsa uummata Filisxeemif walitti qabuun beekamti.












