Namni amantii Islaamaa jalqaba fudhatte, haatii warraa Nabii Muhaammad, Khadijjaan eenyu?

Khadijjaa biint Khuwaaylid

Madda suuraa, Getty Images

Kuni seenaa dubartii amantii Islaamaa yeroo ammaa kana hordoftoota biiliyoona lamatti siqu qabu jalqaba fudhatteeti.

Khadijjaa biint Khuwaaylid jedhamti. Jaarraa 6ffaa keessa Saa'udii Arabiyaa ammaa saba Qureesh jedhamurraa dhalatte.

Ustaaz Ahimaddiin Jabal nama dhimma Musliimaafi Islaamaa irratti kitaabota garagaraa barreessaniifi gorsaa pireezidantii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa tahuunis tajaajilaa turan.

Khadijjaan gaaffii gaa'elaa namoota hawaasa keessatti sadarkaa olaanaa qabanirraa otoo hin hafiin didaa turtus booda al lama gaa'ila godhachuu himu.

Abbaa warraashee jalqabaa irraa daa'ima tokko godhachuun booda abbaan warraashee kun du'an.

Lammata heerumtee ijoollee lama godhachuun ergasii abbaa warraashee isa kanaa wajjinis adda bahan.

Roobart Hooylaand Yunivarsiitii Niiw Yoorkitti seenaa Baha Gidduugalaa qoratu.

Khadijjaan intala daldalaa qabeenya maatishee gara impaayara daldalaatti nama geeddarte dha jedhu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaanshee erga dirree waraanaa irratti du'aniin booda daldala kana fudhachuun hojiitti bobbaate.

''Addunyaa kana irratti karaa mataasheen jiraachaa turte,'' jechuun ogeettiin seenaa Bitaanii Hiyuus kanaan dura BBC dokimantariitti himaniiru.

''Inumaa qaxalummaa isheen daldala irratti agarsiistetu imala seenaa addunyaa kanaa geeddaretti ishee geesse,'' jedhu.

Ustaaz Ahimaddiin abbootii warraa lamaan booda Khadijjaan lammata akka hin heerumne kakattee namoota gargaraa of jalatti qacaruun daldala ishee akka itti fufte himu.

Nabi Muhammadis umrii isaanii waggaa 16 irraa jalqabee daldala keessatti bobba'anii akka turan Ustaaz Ahimaddiin dubbatu.

Isaanis amala gaariifi naamusaan namoota biratti fudhatama waan qabaniif Muhammad al-amiin(Muhammad amanamaa sana) jedhamuun beekamu ture jedhan.

Khadijjaan bara sana daldala kaaraavaanii Saa'udii, Makkaa hanga Sooriyaa gahu daldaltoota kaan wajjin tahun hojjetti ture.

Yeroo kanatti ''namni amanamaa Muhammad jedhamu jira odeeffannoo jedhu argattee Muhammad waliin daldaluun qaba jettee waamsifte,'' jechuun jalqabbii wal-argaa Nabii Muhammadiifi Khadijjaa ibsu Ustaaz Ahimaddin.

Khadijjaan ''waliin haa hojjennu ana bira kaappitaalli jira jechuun qabeenya Muhammad waliin dabaluun bu'aa waliin qoddachuu dhaan waliin daldalaa akka turan'' galmeen seenaa akka ibsu Ustaaz Ahimaddiin.

Daldala kana erga waliin hojjechuu jalqabanii booda Khadijjaan amala isaanii qo'atee akka itti himu gargaaraashee, Meysaraa jedhamu wajjin bobbaafte jedhan.

Gargaaraanshee waa'ee amanamummaafi naamusa Nabiyyuu Muhammad kanaan dura maqaa Muhammad al-amiin jedhamuun beekaman mirkaneessuufii himu.

''Kanaan booda dhimmichi daldalarraa gara jaalalaatti darbee, itti heerumuu barbaaddee, ofii itti himuu sodaattee hiriyyaashee Nafiisaa jedhamtutti himatte,'' jechuun ibsu.

Haaluma kanaan Nabii Muhaammad gaaffii jaalalaashee fudhatanii isheen waggaa 40tti isaan ammoo waggaa 25tti wal-fuudhan.

Quraana

Madda suuraa, Getty immages

Imaamni UK, Maanchestar keessa jiraatan Asaad Zamaan Khadijjaan dubartii barashee dursite akka taate dubbatu.

''Danqaraa dubartoonni bara ammayya kana keessa jiranillee cabsuuf rakkatan isheen waggaa 1,400 dura milkeessite,'' jedhan.

Bara sanaaf Khadijjaan nama itti heerumtu filachuufi akka ishee fuudhuuf gaafachuun waan hin baratamne akka tahe himan.

Nabii Muhammad hamma isheen waggaa 65tti lubbuun darbitutti waggaa 25f haadha warraa biraa otoo hin fuudhiin waliin jiraatanii ijoollee jaha godhachuu ammoo Ustaaz Ahimaddiin dubbatu.

Tahus kuni seenaa jaalalaa irra ce'ee amantii addunyaa kanaa baay'ina hordoftootaan sadarkaa lammaffaarra jiruuf bu'uura tahe.

Abbaan warraa Khadijjaa Muhammad Nabii amantii Islaamaa tahan.

Khadijjaan amantii Islaamaa akkamiin fudhatte?

Dubartii salaatarra jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Nabii Muhammad akkuma Khadijjaa saba Qureesh keessatti kan dhalatan yoo tahu yeroo sana gareeleen gargaraa naannicha keessa jiraatan waaqa tolfamaatti amanu ture.

Nabii Muhammad Khadijjaa fuudhuun waggoota muraasaan booda imala amantii jalqabuun gaarreen Makkaatti ol bahu ture.

Akka amantii Islaamatti Muhammad Waaqa (Allaah) biraa karaa malaayikaa Gaabri'eel (malaayika Maariyaamitti mul'achuun haadha Yasuus akka taatu itti hime) ergaa fudhatan.

Haala kanaan ture Quraanni, kitaabni qulqullaa'aa Musliimaa kan Muhammaditti bu'e.

Yeroo ergaa kana jalqaba fudhatan, waan tahe waan hin barreef sodaatanii akka ture himama.

''Khadijjaan garuu abshiiruu,'' jechuun jajjabeessite jedhan Ustaaz Ahimaddiin.

Fooziyaa Booraa Yunivarsiitii Liids UK'tti piroofeesar seenaa amantii Islaamaati.

Nabii Muhammad yeroo Quraanni irratti bu'e waan tahaa ture hubachaa hin turre jetti.

''Waan tahaa ture hubachuu hin dandeenye. Sababiinsaas kanaan dura nama Waaqa tokkotti amanu argee waan hin beekneefi,'' jetti.

''Akka maddeen tokko tokko jedhanitti Quraanni gaafa bu'e qaamaanillee rifaasisaa ture,'' jechuun ibsiti.

Hayyoonni baayyeen akka waliigalanitti Khadijjaan nama jalqabaa waa'ee amantii Islaamaa dhageesse yoo tahu nama jalqaba amantii kana fudhattedhas.

Fooziyaan ''Khadijjaan ergaa kana fudhattee amante,'' jetti.

''Kunis Nabii Muhammad ergaa Rabbi biraa fudhatan namootatti lallabuuf jajjabina kenneefi,'' jechuun ibsiti.

Beektonni amantii Islaamaa qoratan Nabii Muhammad manguddoota yeroos turan diduun ''Waaqa tokko qofaatu jira, innis Allaah dha. Kaaniif akka waaqaatti sagaduun (shirkiin) dhorkaa tahuu barsiisan.

Akka Fooziyaan jettutti yeroo Nabiyyuu Muhammad amantii Islaamaa barsiisuu jalqaban hawaasni Makkaa bayyee isaan qollifatanii Rabbi tokkotti amanuusaanii mormaa turan.

''Tahus Khadijjaan, deeggarsaa fi eegumsa yeroos isaan barbaachisu hunda kennaafi turte''

Bara 619 Khadijjaan Nabii Muhammad wajjin waggaa 25f jiraachuun booda dhukkubsattee gaafa lubbuun darbu Muhammad akkaan gaddan.

Roobart Hooylaand Yunivarsiitii Niiw Yoorkitti seenaa Baha Gidduugalaa qoratu.

''Maddeen seenaa akka himanitti Nabii Muhammadiif Khadijjaan hiriyyaa gaarii, waayelota isaanii kanneen akka Abu Bakir fi Omaar faa caalaa itti siqxi ture,'' jedhan Roobart.

Bara isheen duutes Muslimoonni baayyee ''bara gaddaa'' jechuun akka yaadatan himu.

Dhumarratti Nabii Muhammad haadholii warraa gargaraa fuudhaniiru.

Hayyuun amantii Musliimaa Faatimaa Baarkaatullaa haasaa sagantaa BBC waliin taasifteen seenaan Khadijjaa hadiisa- seenaafi seeneffama jireenya Nabii Muhammad irraa argaman jetti.

Seenaa kanas hordoftoonnisaanii jalqabaa boodarra yaadachuun barreessan.

Hadiisi ammoo haadha warraa ishee dhumaa Nabii Muhammad, Ayishaadhaan seeneffame. Isheenis amantii Islaamaa keessatti maqaa guddaa qabdi.

Fakkeenyummaa Khadijjaa

Fooziyaan akka jettutti seenaa Khadijjaa beekuun ilaalcha hawaasni Musliimaa durii dubartoonni manatti akka hafan barbaadu jedhu jijjiira.

''Khadijjaan dubartii daldalaa karaa mataasheen hojjechuun dabalataan nama ofitti amanamummaa guddaa qabdu turte,'' jetti.

Hojjettoota dandeetti addaa qabaniifi daldalashee bu'aa qabeessa godhan ofiin filachuun qacarti ture.

Nabii Muhammad Khadijjaan waan barbaaddu dalagurraa ishee hin dhorkine. Inumaa yeroos Islaamni dubartootaaf mirgaafi iddoo guddaa kenna ture.

''Anaaf akka nama seenaafi Musliima tokkootti Khadijjaan nama na onnachiistu dha. Intallishee Faatimaafi haati warraa dhumaa Ayishaanillee akkasuma,'' jetti Fooziyaan.

''Dubartoonni kunneen hayyoota, siyaasa keessatti dammaqinaan kan hirmaataniifi amantii Islaamaa babal'isuu keessatti shoora guddaa qabu,'' jetti.

''Waa'ee dubartoota kanaa namoota amantii Islaamaa hordofanis tahe warra hin hordofne barsiisuun baayyee natti tola,'' jetti Fooziyaan.