Barsiistuu barattootashee beela baasuuf nyaataa fi beekumsa soortu

Birqiisaa Jamaal
Ibsa waa'ee suuraa, Barsiiftuu Birqiisaa Jamaal

"Ani gabatee gurraacha irrattan barreessaa ture. Ennaan gara galee ilaalu mucaan kufee, akka waan hollachiisaan qabee hollataa ture. Achumaanan chookii fi kitaabakoo lafa kaa'ee ijoollee wajjin gadi baasne'' jechuun taatee guyyaa jalqabaa hojii amma hojjattuuf ka'umsa ta'e dubbatti barsiiftuu Birqiisaa Jamaal.

''Ani dhibee nama kuffisuu qabe se'een, lapheesaatti carqiidhaan bishaan qabee ennaan jedhu, ijoolleen biroo dhufanii lakkii 'nan beela'e' jedhaa jira. Edas hagabuu bule, har'as oooo hin nyaatiin dhufe jedhan," jechuun taatee osoo daree keessatti isaan mudatee ture BBCtti himti.

Achiinis, "battalumatti qarshiikoo fuudhee mana nyaatatti erge. Miriindaafi nyaata tokko biteefii nyaachise. Mucichis nyaatee miriindaa erga dhugee boda lubbuunsaa itti deebi'ee ol jedhe. Gaafa sana ana miti kan manatti gale. Kan Rabbiin na argu, utuman gadduun gale'' jedhan.

Galgala mucaankoo biyya alaatii yoo bilbiltuu sagaleenkoo itti jijjirame. Achiinis 'maal taate?' jettee na gaafatte. Anis waan mucaa beela'ee sana mudateen ofitti gaddaan jiran jedheen. Nuwoo guyyaatti yeroo afur, shan nyaannaa, namni waan nyaatu dhabaa jiraa edaa? kan jedhu mataakoo baay'ee na jeeqee. Ishiinis dhageessee gaddite" jechuun haala ture miira gaddaatiin ibsiti.

Yeroo sanatti mootummaan manneen barnootaa Finfinneetti sagantaa nyaataa barattootaa jalqabsiisuun sadarkaa naannoleettis akka jalqabamu ifoomsee turuu kan kaasan barsiiftuu Birqiisaan, manni barumsaa isaanii garuu kana akka hin jalqabne mucaasheetti akka himan dubbatti.

'Maaltu si barbaachisarree eegaluudhaa?'

Intalli isaanis, "'egaa maaltu isin barbaachisa?' naan jette. Qarshiitu nu barbaachisa. Abbaa manaakee waliin haasa'aatii, ijoolleedhuma biyya kanaa biyya hambaa dhaqan dubbisin jedheen. Badaa gadditee, tole naan jette," jechuun miira mucaasaanii yaadatu barsiistuun kun.

Manni barumsaa isaanii sagantaa nyaata barattootaa eegaluuf jecha barattoota duraan Mana Barumsaa Jireenitti baratanii biyyoota gara garaa jiranitti himuun, akkasaan gargaaran itti himuuf akka mari'atan intalasaaniitti himuu kan kaastu barsiiftuu Birqiisaan, mucaanshees yaada harmee isheetti waliigaluun, qarshiin hagam akka gahu gaafatti.

"An kana jedhee sitti hin himu. Boorsaa keetis hin beeku. Isinumti abbaa manaakee waaliin haasa'aatii hamma ni ga'a jetten ergaan jedheen. Isheenis abbaa manaa isiitiin mari'attee ji'aan birrii kuma digdamii shanii hanga kuma soddomaatti nuu ergaa turte,'' jechun tajaajilli nyaata barattootaaf kennan attamiin akka eegale himti.

''Ammas akkasumatti nuuf ergiti. Amma ji'a darbe birrii kuma soddomii lamatu na qaqqabe. Isumaanan zayitii, shunkurtii, soogidda galche" jechuun dubbatu.

Barsiiftuu Birqiisaa Jamaal

Qaala'insa jireenyaa fi carraa nyaata barattootaa

Jalqaba yeroo barattootaaf nyaataa dhiyeessuu eegalan barsiisonni maallaqa walitti buusuun, qodaas manaa fiduun akka jalqaban kaasuun, hospitaalli Yunivarsiitii Jimmaas qodaa gara garaa akka gumaacheef himan.

Yeroo jalqabaa barattoota Mana Barumsaa Jireen Sadarkaa Tokkoffaa KG [oolmaa daa'immanii]fi kutaa 1- 4tiif nyaata qopheessuun jalqabuu kan himan barsiiftuun kun, "ergan nyaachisuu eegalee waggaa sadaffaa jalqabeera'' jetti.

''Ruuziin qumxaan tokko abbaan kiilogiraama 25 bara kaan, bardheengaddaa rakasa ture. Ennaa sana birriin kun olamaa daa'immanii (KG) hanga kutaa afuriitti kan gahu. Amma garuu nu gahuu didee jennaan, birriin kun ol deebi'uurra ijoollee KG qofa gargaaruu wayya jennee, bulchiinsa Mana Barnootaa waliin haasofnee jalqabne" jechuun dhiibbaa qaala'insi gatii dhiyeessitii nyaata barattootaarratti uume himu.

'Maatiidhumaan asitti baranne'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Jireen hidhata addaa maatiisaanii waliin akka qabu kan kaastu barsiistuun kun, bakka biraa deemtee hojjechuu akka hin dandeenye dubbatti.

"Maatiidhumaan asitti baranne. Lafti mana barumsaa kun akka jiruun kan jaraa [Abbaan manaa isaanii] ture. Mootummaatu fudhatee mana barumsaa irratti ijaare. [Abbaan manaakoo] asuma barsiisa ture. Anis asumattin baradhe. Asittin isatti heerume. Ijoolleen kootis asitti baratan" jechuun hariiroo maatiin isaanii fi manni barumsaa kun waliin qaban kaasti.

"Ani akkuma maatii kootiiti. Maatiikoo keessaa tokko jechuun ni danda'ama" jechuun jaalala mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Jireeniif qaban ibsu barsiistuun kun.

Manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Jireen ALI bara 1939 kan hundaa'e yoo ta'u, Mana Barnootaa seena qabeettii namoonni maqaa gurguddaa qaban danuun asitti akka baratan dubbatti.

Namoonni akka Abbaabiyyaa Sulxaan, Abbaa Jihaad Abbaaqoyyaa, Obboleessi isaanii Mohaammad Shariif, Dr Moggaa Firrisaa, Muktaar Kadir [pirezdantii Mootummaa Oromiyaa duraanii], Dr. Jamaal Abbaa Fiixaa [pirezdantii Yun. Jimmaa] fi kaan ogeeyyii hedduun asitti akka baratan himti.

'Uffata ofii baaftee kennitiif'

Mucaan barsiistuu Birqiisaa Jamaal, Daraartuu Hasan Abbaa Maccaas biyya Ameerikaa kan jiraattu yoo ta'u, hojii tola ooltummaa haatishee barattoota isheef gochaa jirtu abbummaadhaan gargaarsa maallaqaa taasisaa jirti.

Barsiistuu Kunis maallaqa intallishee ji'aan ergituuniidha kan barattoota isaanii nyaachisan. "Baay'ee gara laafettiidha. Mana barumsaa kana ala barattu tokkoffaa bahaa turte. Sadarkaa olaanaas akkuma sanatti barattee fixxe. Walakkaadhaan Mana barumsaa dhuunfaatti barattee turte.''

''Ennaa achii galtu nyaata a fi maallaqa geejiba kennameef illee nama rakkataa karaa irratti arginaan, kennuudhaan miilaan galti malee bira hin dabarfattu. Safara keessatti yoo namni rakkate, uffata dhabee jedhe uffata ofii baaftee kennitiif. Fuuldurattis gaarummaa kanaan akka itti fuftu abdiin godhadhan ture," jechuun eenyummaa mucaasaanii ibsite.

"Lafa mootummaa gaafadhuutii, ijoollee abbaafi haadha hin qabne walitti qabnee, mana ijaarree, qallaba jaraa dandeenyee waliin hojjenna," jechuun mucaanshee akka gaafatte kan kaastu barsiistuun kun, ammas bulchiinsi magaalaa Jimmaa haala mijeesseefii mul'ata kana akka dhugoomsan abdatu.

'Namni maaddii keenyarraa nyaatu baay'eedha'

"Dhaloonnikoo Aanaa Maannaa bakka Dhaabasaa jedhama. Maatii guddaa keessattan dhaladhee guddadhe. Abbaankoo abbaa qabeenyaa turan. Gafoo [oyiruu qonnaa] iddoo hundaa qabu, namuma beekamaadha. Masgiida ijaaraniiru. Namni biyya biyyaa ka'eetu qiraatiidhaaf [barnoota amantaatiif] mana keenya dhufa.

''Yeroo hunda manni keenya diggisiidha; manuma cidhaa fakkaata. Namni nu wajjin jiraatu, maatiin keenya gara digdama, soddomaa ta'a. Namni maaddii keenyarraa nyaatu ammoo baay'eedha. Kana keessatti dhaladheen guddadhe. Akkamitti harki kankoo ol sassaabamuu danda'a?" jechuun haala guddinsaanii yaadatu barsiistuun kun.

"Jalqaba KG hanga kutaa afurii ture kanan nyaachisu. Amma gatiin olka'ee jennaan kutaa 1-4 dhiisee gara KG'ttan gadi deebi'e. Kanan dhiisuu danda'eef ammoo nama na gargaaru dhabuudhaan. Otoo abbaan qabeenyaa biyya kanaas, mootummaanis taanaan namumti Rabbii jedhee gargaaree kutaa 1-4 itti daballee nyaachisuu dandeenya ture" jetti Birqiisaan.

"Amma ennaan gara KGtti gadi deebi'u, barsiisota wajjin barattoota gaafachuun jalqabe. Abbaan keessan maal hojjeta, maatiin keessan ijoollee meeqa qabu? jedhee seenaa jaraa gaafachaan maqaa qabataa ture. Inni kaan ijoollee shanfaatu mana keessa jira,'' jechuun ijoollee gargaara haala itti adda baasan ibsu.

Akkasumas ''Maatiin jaraa waa tokko hin qaban of harkaa. Ijoolleen beelarra bu'aa jiru mitii. Maatiin akkana rakkataa [otoo jiraatuu] ofii keenyaa guyyaatti sadii, afur nyaachuun haraama nurratti ta'a. Namni tokko nyaachuu dhabe, kan akka mucaa sanaa maatii meeqatu jira?" jechuun waan arganiitti gadduu ibsiti.

Barattoonni kunneen baay'een isaanii "ijoollee karaarra bulan, ijoollee haadhaaf abbaa hin qabne, kan maatiin isaanii qoraan gurguranii yoo [qoraan] argatan gurguranii yoo dhaban ammoo dhufanii maratanii ijoollee wajjin bulan, kan uffata namaa miichantu jiru, kan kadhateedhuma ijoolleesaa nyaachisus jira… kana kanatu mataa si naannessa.

Jara akkasii ennaa yaaddu baay'ee si gaddisiisa. Isa kana ennaa keessa deemtee seenaa jaraa dhageessu, jireenya si jibbisiisa, Wallaahii! Jireenyi nu jiraannuuf jireenya jarri jiraatan fardaaf lafa" jechuun dabaltee ibsiti barsiistuun kun.

'Guyyaa guutuu sagaleen ijoollee gurrakoo keessaa natti dhagahama'

Barattoonni isaan nyaachisuu jalqaban garuu sababa gatiin meeshaalee qaala'een nyaata dhaban yeroo isaan argan "maaf dhaabatee? naan jedhu, ni jalqabama isa dhufutti jalqabama jedheetuman gara fuuldureetti abdii kennaaf.

''Ennaa ijoolleen na gaafatte guyyaa guutuu sagaleen ijoollee na gaafattee sun gurrakoo keessaa natti dhagahamaa [oola]. Na jeeqa guyyaa lama, sadii. Akkaataan namni itti jiru otoo ilaalamee badaa jabaadha" jechuun waan ishee gaddisiisu dubbatti.

Gargaarsaa maallaqaa mucaa isaaniirraa argataniin qofa waggoota sadiif barattoota nyaachisaa kan jiran barsiistuun kun, "ijoollee ishiin KG baratan ammoo bibbicuudha karaadhumatti si gaafatti. Sumatti maramteetu garaa si hammeessiti. Ofii keetii nyaattee ijoollee dhoowwattaa?" jechuun sodaaf yaaddoo maallaqa kana qofaan barattoota kanneen nyaachisuun irratti uume ibsiti.

"Guyyaan baay'ee itti gammade, gaafa ishiin [mucaan isaanii] qarshii ergitee jennaan ruuziin bitamee, ijoolleedhaa kennamee, ijoolleen itti gammaddee [galma] guutanii ennaa jarri nyaatan, baay'ee itti gammadeera; isa dhugumaa" jechuun ibsiti.

"Baay'ee kanan gadde, [kutaa] tokkoo hanga afurii ennaa narraa citanidha. Otoo harki kankoo bal'aa ta'ee akkuma duraanii ijoolleen kun nyaatanii kan jedhun gadde" jetti.

Duraan barattoota KG fi kutaa 1-4 kan 1,000 ol ta'an nyaachisaa kan turte barsiistuun kun, amma garuu barattoota KG 195 ta'an qofa nyaachisaa kan jirti.

Sababii hir'ina maallaqaatiin barattoota kaan sooruu dadhabuutti ishee gaddisiisan dubbatti barsiistuun kun. Gargaarsa dabalataa argannaan garuu warreen kutaa tokkoo hanga afuriis itti dabaluun nyaachisuuf fedha qabaachuu itti dabaluun himti.