Dargaggoo waggaa 20 booda yaalii daqiiqaa 20n qaroosaa deebiise argate

Mucaa waggaa 20'f qaroo dhabe

Madda suuraa, Dr Kume

Kifluu Caalaa jedhama. Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assabiitti dhalatee guddate. Maatiisaaf ilma hangafa yoo ta'u, obbolaan jaha of duubaa qaba.

Daa'imummaa isaatti rakkoo fayyaa kan hin qabne yoo ta'u, kubbaa miilaa taphaachuu jaalata. Dhalatee ganna saddetiin booda garuu ijjisaa arguu hin dandeenye.

"Dhalladhee waggaa saddetitti ijjikoo badee ture" kan jedhu Kifluun, kutaa tokkoo hanga kudha lamaa Mana Barumsaa Qaro-dhabeeyyii Sabbataatti barate. Yunivarsiitii Hawaasaatti ammoo ganna sadiif barnoota Soshoolojii [Sociology] hordofee ALI'tti bara 2013 eebbifame.

''Guutummaa barnootasaa kan hordofe b]Bireelii [meeshaa namoonni qaro-dhabeeyyii ittiin barreessaniifi dubbisaniidhaani. Mudannoon tokko garuu dukkana ganna digdamaa seenaa taasise.

BBC'n mudannoo kanaa fi seenaa biroo ilaalchiisee Kifluu dubbiseera.

Kifluun hanga ganna saddeet guututti ijjisaa fayyaa ture. Otoo sababasaa hin beekiin ijjisaa guutummaatti arguu dadhabe.

"Akka carraa ta'ee manni yaalaa badaa hin jiru. Kan jiruttimmoo na geessaniiru. 'Galaatii firaa firee [kuduraa] garaa garaa kennaafii ni fayyaa' jedhan malee waanti tokko waanti yaala naa godhan hin jiru" jechuun yeroo ijjisaa arguu dhabe yaadata.

"Baay'ee rakkisaadha. Naannoo waggaa digdamaaf otoon hin argiin akkasumattan rakkachaa ture" jechuun dukkana ganna digdamaa duubatti deebi'ee hima. Ragaa qaroo dhabeessa ta'uusaa agarsiisu barbaacha dhaqee qaroosaa argate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Akka carraa ta'ee waraqaa ragaa meedikaala ijaa baafachuuf" gara Giddigala Waldhaansa Ijaa Yunivarsiitii Jimmaa akka deeme kan yaadachiisu Kifluun, "achi yeroon dhaqu akka carraa ta'ee saantima tokkoyyuu ofharkaa hin qabun ture.

''Doktoroonni gara garaa na ilaalanii, Dr Kumeetti [Hakima ijaa] na dabarsani" jechuunis yaadata.

Erga hakima ijaa kan taate Dr Kumalee Tolasaa waliin wal arganii booda waan ture akkasiin ibsa: "Ijjikeewoo ni argaa, maal taatee meedikaala baasifattaa? naan jette.

Meedikaala kana nan baafadha, an ammayyuu argaa hin jiruun jedheen. Sa'aatii kanatti birrii qabdaa? naan jette. Anoo saantima tokkoyyuu harkaa hin qabuun jedheen.

''Achiin booda, asumatti saantima kootiinan si yaala malee deebitee hin galtu naan jettee, isheedhumti na yaaltee na fayyiste" jechuun mudannoo dukkana ganna digdamaa ifatti jijjiire seenessa.

Ragaa Meedikaalaa qaroo dhabeessa ta'uusaa mirkaneessu barreessifachuuf gara Giddugala Fayyaa Yun.

Jimmaa akka deeme kan yaadachiisu dargaggeessi kun, "Dhugaa dubbachuuf taanaan hin amanne. Akkuma ta'ee haa ta'u silaas takkaa hin ilaalame waan ta'eef ilaalameetuman ilaala jedheetan malee ni fayya jedhee abdii godhadhee wantan itti gale hin qabu. Deebi'ees wantan argu natti fakkaatee hin turre," jechuun miirasaa waldhaansaan duraa yaadata.

"Baay'ee gammachuu hammana hin jedhamnetu natti dhagahame. Gammachuu daangaa hin qabnetu natti dhaga'ame. Carraa kanaan Dr Kumee baay'ee galateeffachuun barbaada. Birrii isheetiin, oguummaa isheetiin akkanatti na gargaaruu isheetti baay'een ishee galateeffadha" jechuunis dubbata Kifluun.

Ijjikoo yoo arge kubbaa taphachuun barbaada

Otoo ijjisaa arguu hin didiin dura ijoollee naannoo waliin kubbaa miilaa taphachuu akka jaalatu kan dubbatu Kifluun, erga waldhaansi godhameefii ijjisaa argee booda ogeeyyiin fayyaa hakimasaa Dr Kumee waliin turan kubbaa inni jaalatu bitanii akka kennaniif akkasiin yaadata.

"Ijjikee otoo si argee maal [gochuu] barbaadda? naan jedhan. Kubbaa taphachuun barbaadan jedheen. Amma otoo kubbaa sii binnee ni tapahattaaree? jedhnaii na gaafatanii turan kan jedhu Kifluun, "yeroo ijoommaakoo kubbaa baay'een jaaladhan ture.

''Akka carraa ta'ee gaafa sanas erga ijjikoo banameen booda warroonni [ogeeyyiin fayyaa Dr Kumee] wajjin dhufan Efreem faa kan jedhaman kubbaa bitanii naa kennani. Inumaa fudhadhee galee baay'een taphadhe" jechuun gaarummaa hakimootasaa yaadata Kifluun. Kubbaa sana irrattis hakimnisaa mallatteessitee kennitef.

Ammallee Bireeliidhaan dhumaan barreessuu fi dubbisuu irraan kan hafe barnoota qalamaa akka hin arganne kan kaasu dargaggeessi kun, "hamma ta'e shaakalaan jira. Xiqqoo xiqqoo nan barreessa. Carraa akkasii [barachuu] nan barbaadan ture garuu argachuu hin dandeenye. Namuma na gargaaree akkanatti na barsiisun dhabe" jechuun dubbata.

M/B Qaroo-dhabeeyyii Sabbataa: 'Bakka haadhaaf abbaa nuu bu'ani'

Erga ijjisaa arguu dhabee booda maatiinsaa gara Mana Barumsa Qaroo-dhabeeyyii Sabbataa akka geessan kan kaasu dargaggeessi kun, yeroo achitti barnoota eegalu "umuriinkoo naannoo waggaa 11 ni ta'a," jechuun yaadata.

"Manni Barumsa Qaroo-dhabeeyyii Sabbataa doormiitarii mataa isaatii qaba. Bakka haadhaaf abbaa bu'ee waan baay'ee nuu godhe. Achi keessatti nyaanni kan nuu qophaa'u, uffatas isaanumatu nuu miica.

''Torbee torbeedhaan guyyaa Jimaataa nuu [jijjiiru]. Warra hojjetan hundumaa qacaraniitu nu barsiisu. Baay'ee kunuunsa qaba; baay'ee namatti tola" jechuun turtii ganna 12 mana barumsichaatti dabarse dubbata, Kifluun.

Ammatti "hojii barbaadaadhuman jira. Dorgommii gara garaa hordofaan jira" kan jedhu dargaggeessi kun, "hawaasakoon tajaajiluu barbaada. Keessattuu dhimma daa'immaniif dubartootaa otoon hojjedhee baay'ee natti tola" jechuun hima.

Amma ijjisaa argus guutummaa barnootasaa kan hordofe garoo qaroo-dhabeessa ta'eetu. Kun dhiibbaa sirratti qabaataa jedhamee gaafatamee, "yeroo baay'ee dhiibbaan ni jiraata. Yeroo baay'ee namoonni Bireeliidhaan dhaan yoon barreessu beekuu dhiisuu danda'u. Kanaafuu, [barnoota] qalamaa osoon baradhee hamma tokko fayidaa qaba jedheen yaada," jedha.

Barsiistuu fi sabispeeshaalistiin yaala ijaa daa'immanii, Dr. Kumeen Yunivarsiitii Jimmaatti tumsituu pirofeesaraa (Associate Professor) ta'uun tajaajilaa kan jirtu yoo ta'u, dargaggeessa ganna digdamaaf dukkana keessa ture dabalatee namoota biroo hedduuf ifa deebisaa akka jirtu turtii kanaan dura BBC waliin taasisteen dubbattee turte.

Dhibeen ijaa baay'eensaa yaalamee kan fayyu ta'uu kan kaastu Dr. Kumeen namoonni hedduun garuu gara mana yaalaa akka hin deemne himti. Kan dargaggeessa kanaas rakkoo moora ijaa ta'uu dubbatti hakimni kun.

Sin yaala ijjiikee deebisee arga jettee dargaggeessichatti himuu isheetti "baay'een sodaadhee [ture]" kan jettu hakimni ijaa kun, "namni tokko waggaa digdamaaf jaamee deebisee arga jechuudhaafiyyuu, saayinsiisaa otuma beektuu keessikee [amanuudhaaf] xinnooshee ni rakkata. Galgalasaa rafee hin bulle," jechuun yeroo sana yaadatti.

Halkan sun bari'ee Dr. Kumeen garee ogeeyyii fayyaa ishee waliin kutaa baqaqsanii waldhaanuu seenan. Dukkanni ganna digdamaaf ture waldhaansa baqaqsanii yaaluu daqiiqaa digdamaaf qofa tureen seenaa ta'e.

Dargaggeessi kun waggaa digdamaan booda deebi'ee ifa arguu danda'e. Dargaggeessicha qofa otoo hin taane gareen ogeeyyii fayyaa kunneenis haalaan gammaduun kubbaa inni yeroo ijoollummaasaa taphachuu jaalatu bitanii kennaniif.

Kubbaa Dr. Kumeen irratti mallatteesite fudhatee galee baay'ee taphaataa akka tures BBC'tti himeera, dargaggeessichi.