Dr. Kumalee ogeettii ijaa dukkana bara dheeraa namootaa ifatti jijjirtu

Dr Kume Tolasa
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Kume Tolasa

Dr Kumalee Tolasaa jedhamti. Yeroo baay'ee, Dr Kumee jedhamuun waamamti. Maatiinshee barsiisota. Haatishee barsiistuu Fiiziksii fi Herreegaa jabduudha.

Maatiinshee ijoollee shan kan horatan yoo ta'u, Kumeen mucaa sadaffaadha. Digirii ishee jalqabaa ogummaa hakima namaa (medicine) fi kan lammaffaa ogummaa yaalii ijaa (ophthalmology)n yunivarsiitii Jimmaatti baratte.

Maatiin ishee barsiisota waan turaniif daa'imummaan Mattuu- Goree turte.

Daradarummaan ammoo Tulluu Boolloo fi Walisoo, amma ammoo yunivarsiitii Jimmaatti barsiistuu fi yaala ijaa kennuun tajaajilaa jirti.

Maatiin Kumee akkasheen doktara taatu fedhu turan.

Dr Kumeen amma yaala ijaatiin ogeetti maqaa guddaa horatte yoo taatu, sabispeeshaalistii yaala ijaa daa'immaniiti.

Barnootashees Yunivarsiitii Jimmaatii hanga Neeppaal, Afrikaa Kibbaa fi Kooriyaa Kibbaatti hodofteetti.

Harmeenshee fakkeenya guddaa akka taateefis dubbatti. Barattootaa fi namoota waldhaansa kennituuf waliinis hariiroo gaarii qabdi.

Imalashee ogummaashee keessattis dargaggeessa mana barumsaa qaro dhabeeyyiitti barataa ture, kan ijjisaa ifa osoo hin argiin waggaa 20f turee fi dubartii ulfa taatee ijjishee jaame, waggaa torbaaf mucaashee sagaleedhaan malee bifaan hin beekne dabalatee, hojii garaa nama ciibsan hedduutti milkaa'uu miira gammachuun yaadatti.

Seenaan gaddisiisoo lapheeshee cabsanis hin dhabaman. Warreen gargaaruu hin dandeenyeef ammoo manatti galtee Waaqayyoon kadhattiif.

Barsiistuu fi sabispeeshaalistiin yaala ijaa daa'immanii, Dr. Kumeen Yunivarsiitii Jimmaatti tumsituu pirofeesaraa (Associate Professor) ta'uun tajaajilaa jirti.

Akkamiin sadarkaa kanarra akka geessee fi bu'aa bayii waldhaansa ijaa keessatti ishee mudatan irratti BBC waliin turtii taasisteetti.

Dr Kumalee Tolasaa
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Kumalee Tolasaa yunivarsiitii Jimmaatti barsiistuu fi yaala ijaa kennuun tajaajilaa jirti

Akkamiin ogeettii yaala ijaa beekamtuu taate

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barataan cimaa ta'e tokko "maal taata? ennaa jedhamu doktariin ta'a jedhama" jechuun waan ijoollummaa kan yaadattu Dr Kumeen, yaaduma sanaan barnoota fayyaa namaa (medicine) akka seente himti. Hakima yaala baqaqsanii yaaluu (surgeon) ta'uu akka barbaaddu himti.

Garuu abbaan manaashees ispeeshaalistii gosa barnoota kanaa waan tureef mana tokkotti ogummaa walfakkaatu qabaachuun gaarii miti jettee yaadashee akka jijjiirte ibsite.

"Namoota baay'ee waliin baadiyyaa keessatti hojii tola ooltummaa hojjenna. Namoonni yaala ijaa argachuuf dhufan namoota baay'ee turan; garuu ogeessonni yaala ijaa lama qofa turan. Maal goona jara kana akkamitti gargaarra jennee, hamma tokkosaan gargaarre. Boodarra 'maaliif ati ogummaa yaala ijaa hin galtu' naan jedhani" jechuun yaadatti.

Achinis akka tasaa gara ogummaa hakima ijaatti seenuu himti. Yeroo isheen ispeeshalistummaa yaala ijaa barataa turtetti barataan waan hin turreef qofaashee barattee akka xumurtes kaasti.

Erga ogummaa kana barachuu eegaltee booda garuu haalaan akka itti gammadde himti.

Dr Kumalee Tolasaa

'Guyyaa guyyaanan Waaqa galateeffadha'

Yeroo digirii jalqabaa barattu waa'ee damee kanaarratti torban sadii qofaaf barachuu kan himtu Dr Kumeen, waa'een yaala ijaa "baay'ee hin beekamu" jetti.

Ogummaa kana galuuf murteessuun dura kitaaba bitattee dubbisaa turuu kaasuun, erga ogummaa yaala ijaa barattee ittiin tajaajila kennuu eegaltee garuu "guyyaa guyyaattan Waaqa galateeffadha" jechuun itti gammaduu ishee ibsiti.

"Yaala ijaa jechuun kan namaa baay'ee itti gargaartudha. Hojii baay'ee kan itti hojjettudha. Saayinsiinsaas baay'ee namatti tola. Saayinsiinsaan xinnooshee addadha kan warra kaanirraa.

''Akka Fiiziksii, akka Herregaas, akka Baawolojiis ni ta'a; waan hundumaa ni ta'a waan ta'eef, gaariidha. Baay'ee natti toleera," jechuun dabaltee waa'ee saayinsii yaala ijaa ibsiti.

'Dhukkuboonni ijaa baay'een kan yaalaman ta'us garuu namni baay'een hin beeku'

"Namni baay'een fayyaa ijaarratti hubannoo hin qabu. Dhukkuboonni ijaa baay'een isaa kan yaalamuudha. Garuu namni baay'een hin beeku. Manasaa keessa taa'a. Inni kaan qaroo dhabeessa ta'ee taa'a. Kaan dhukkuba ijaa yaalamuu danda'an qabatee taa'a.

''Baay'een isaa akka abaarsaatti ilaalama" kan jettu Dr. Kumeen, akka ogummaattis yaalli ijaa xiyyeeffannoo gahaa waan hin qabneef kan baratan nama muraasa ta'uu himti.

Akka idil-addunyaattis ta'ee akka biyya keenyaatti, sababii qaroo ijaa dhabuutiif dhibbantaa shantamaa ol kan gumaachu moora ijaati.

Dhibeen moora ijaa ammoo baay'inaan kan dhufu, dullumaan kan walqabatu ta'uu kan kaastu hakimni ijaa tun, baay'inaan namoota umuriin isaanii 55 ol ta'an irratti akka mul'atus kaafti.

Yeroo dheeraa bilbila harkaa yookaan kompiitara irratti dabarsuun miidhaa hanga qaroo dhabuu fidutti geessisuu akka danda'u yaaddanii beektuu?

'Iskiriinii irratti dabarsuun hanga qaroo dhabuutti nama qaqabsiisuu mala'

Namoota yeroo baayyee yeroo dheeraa iskiriinii kompitaraafi bilbilaa irratti dabarsuun ijarratti miidhaa cimaa qaba.

Miidhaan isaa dargaggoota irratti kan mul'atu ammoo goginsa ijaati. "Dargaggoota shan yoon ilaale, arfan isaanii kan goginsa ijaa qabaatu jedheen yaada. Kunis yeroo dheeraaf kompiitara fayyadamuudhaan kan dhufudha."

Yeroo dheeraa bilbilaafi kompiitara irratti dabarsuun gogiinsa ijaa fida. Kun ammoo "infeekshiniifi alaarjikii addaa addaatiif nama saaxila. Gara qaro dhabumaattis ni geesa. Namoonni alarjikii qaban goginsi ijaa yeroo itti deddeebi'u, ijasaanii sukkuumuurraan kan ka'e rakkoo qaroon ijaa baay'ee haphachuu namatti fida.

''Kun ammoo yeroo keessa urachuufaa fida; ijichi ni dhangala'aa, qaroon ni bada jechuudha, akka salphaatti ilaalama garuu qaro dhabummaaf baay'ee nama saaxila" jechuun ibsiti.

Rakkoon biraa gogiinsa ijaa waliin walqabatu computer vision syndrome jedhama. "Ijji keenya baay'ee gaafa dhiphatu, hojiin gaafa itti baay'atu maashaan ijaa keenya sababii dadhaba ta'eef, baay'ee kottoonfatee hafa. Nama baay'eetu rakkoo kana qaba," jechuun dabaltee ibsiti hakimni kun.

Dr Kumalee Tolasa

Dargaggeessa ganna 20'f qaro dhabeen, 'Ijjikee yoo arge maal goota? jedheen akka tasaa gaafadhe. Suuta jedhee yaadeetu kubbaan taphadha naan jedhe'

Bara 2015 yaala ijaa jalqabuu kan dubbattu Dr Kumeen, imala kana keessatti "waan baay'eetu na quunname" jetti.

"Kan nama gammachiisu namoonni baay'een ni argu. Yeroo adda addaa irratti kana hojjennee ilaallamee, ni fooyya'amoo hin fooyya'u? Yaa ilaalluu (let's see) jedhama. Gara yaala ijaatti gaafa dhufu garuu 'Akka argan haa goonu' (Let us make him see) jedhama.

''Namichi kun akka ilaalu haa goonuudha" jechuun namoonni hedduun akka arganiif dhama'uun gammachuu guddaa akka kennuuf dubbatti.

"Mucaa yeroo hunda baay'ee na dinqisiisu waggaa jahatti moora ijaatiin qaroo dhabe tokkodha. Maatiinis baay'ee quba hin qaban waan ta'eef, gara mana barumsaa qaro-dhabeeyyiitti Sabbataatti geessan.

''Achiis barumsasaa kutaa 12ffaa fixee, gara yunivarsiitii Hawaasaa gale. Akka tasaa gargaarsi mootummaan barattoota harka qalleeyyiif godhu jira waan jedhameef, ragaa qaroo dhabeessa ta'uusaa ibsu barabaacha dhufe," jechuun mudannoo seenaa dargaggeess kana jijjiire ibsiti, Dr. Kumeen.

"Akka tasaa barataankoo tokko ragaa sana barreesseefii, mallatteessi jedhee natti fide. Maalinni jennaan, moora ijaati naan jedhe. Moorri ijaa ni fayyaa maaliifan mallatteessaan? jedheen. 'Naan galle garuu tureera mucaan' naan jedhe. Waggaa meeqan? jedheen. 'Amma inni waggaa 26 garuu waggaa jahatti qaro dhabe' naan jedhe. Achii booddeen nan yaalamee jedheen.

Akkas jechuu koottiyyuu baay'een sodaadhe. Namni tokko waggaa digdamaaf qaroo dhabe deebisee arga jechuudhaaf iyyuu, saayinsiisaa osuma beektuu keessikee amanuudhaaf xinnooshee ni rakkata.

''Galgalasaa rafee hin bulle. Ijjikee yoo arge maal goota? jedheen akka tasaa gaafadhe. Suuta jedhee yaadeetu 'kubbaan taphadha' naan jedhe. Animmoo waan akkasii hin yaanne. Kubbaa taphachuu jechuunuu waan guddaadha jedheen, keessa kootti baay'een gadde gaaficha,'' jetti Dr Kumeen.

Dargaggeessi ganna digdamaaf qaroo dhabee ture kunis, ni hojjetameef, ni arge. Dhadhaabbata ittiin deemu uleesaa gate. Kan inni ittiin barate bireelii (braille) meeshaa qaro dhabeeyyiin ittiin barreessanii fi dubbisaniin sababii ta'eef, ABCD booddee barachaa ture. Amma baay'ee waan gaariirra jira," jechuun mudannoo ajaa'ibaa seenaa dargaggeessa ganna 20 jijjiire gammachuun seenessite Dr Komeen.

Namoonni baay'een qaro dhabanii yeroo dheeraaf turan hedduun yaalamanii fayyuu kan dubbattu Dr. Kumaan, seenaa dubartii ganna torbaan booda qaro dhabummaa irraa fayyite tokkos akkasiin yaadatti.

"Dubartiin tokko erga qaroo dhabdee booda mucaa deesse. Mucaashee sanas osoo hin argiin waggaa torba guute. Kana hunda erga turee booddee wallaansaan ijjishee arge. Muchaashees argite," jechuun seenaa biraa hin daganne himti.

Dr Kume Tolesa

'Of ajjeesuuf funyoo bitatee erga galee booda'

Gama biraatiin, nama qaro-dhabeessa ture garuu hiriyaansaa jireenyasaa jijjire tokko akka hin daganne kaafti.

Hiriyaan nama qaro-dhabeessa kanaas, gareen hakimoota ijaa yunivarsiitii Jimmaa irraa tajaajila tola- ooltummaa kennuuf gara Teeppii akka dhaqan raadiyoorraa dhagaha. Kanas hiriyaasaatti hime.

Namni ijjisaa hin argine sun garuu abdii kutannoo cimaa keessa waan tureef of ajjeesuuf funyoo bitachaa ture.

"Maatiinsaa irraa du'aniiru. Nama bira taa'a ture. Hojjetee, gargaaree jiraata ture. Erga qaro dhabeen booda garuu omaa gochuu hin dandeenye. Kanaaf, namarratti ba'aa ta'aa jira. Kana kanafaa yaadee of ajjeesuuf jedhee funyoo bitatee erga galee booda," hiriyaansaa oduu gammachiisaa raadiyoorraa dhagahe itti hime jechuun yaadatti Dr. Kumeen.

Erga gareen hakimoota ijaa achi gahanii booda wayita ilaalamuutti, "ijasaa qofa osoo hin taane qaamasaa keessaa dhukkuba baay'ee qaba ture. Dhiiga baay'ee hin qabu ture. Isas akka yaalamu ta'ee, booddeerratti ijjisaa lamaanuu ni arge. Erga argee booddee mucaa ollaa isa waliin taphatu tokkotu dhufee haasofsiisa. Duraan sagaleesaa qofa beeka waan ta'eef, hin argine ture. Gaafasa arguu boo'uu eegale. Baay'ee namatti tola," jechuun miira gammachuu namoota waggoota baay'ee booda ifa arganii yaadatti Dr Kumeen.

'Kan nama gaddisiisu waan baay'eetu jira'

Imala yaala ijaa keessaatti wantonni ishee gammachiisan akkuma jiran mudannoon ishee gaddisiisan, lapheeshee cabsanis jiraachuu himti Dr Kumeen.

Hunda caalaa sababa garagaraatiin waan dhukkubsattootaaf gochuu qabdu otoo hin godhiiniif yoo hafte akka daran ishee gaddisiisu dubbatti.

"Mucaan tokko ijasaarraa kaansarii qaba. Mucichi dhaloonni isaayyuu baay'ee nama gaddisiisa. Haatisaas daandiirra teessee nama kadhattu turte, otoo isa hoosisaa jirtuu karaarratti duute. Namni fuudhee isa guddisaa ture,'' jechuun haala dhaloota mucaa kanaa himti.

Akka tasaammoo kaansariin ijaa qabate. ''Nu bira dhufee qoricha fudhataa ture. Ija tokko [yaaluun] hin danda'amu waan ta'eef ni baasne. Ija tokko yaaluudhaaf baay'ee gargaaraa jirra. Garuu ijasaa kana yaaluudhaaf qorichi kaansarii ijasaa keessa naqamu jira. Isa kaan fudhatee fixeera. Garuu kaansarichi guutummaatti ijarraa hin banne gatii ta'eef, ijasaa keessatti qoricha waraanuun barbaachisaa ture.

''Qorichichi biyya keessa hin jiru. Biyya alaatii yeroo baay'ee barreessee, asiifi achi jedhee fichisiise. Qorichichi dhufee erga waraanamee booddee ammoo akka kaansarichi karaa qaawwa waraanamee bahee iddoo biraatti hin facaane gochuuf funyoo mashinasaa hantuutni nu jalaa nyaate.

''Deemnee kana fichisiisuudhaaf ammoo adeemsa baay'ee fudhata. Waxabajjii bardheengaddaa [2024] jalqabee maashinichi torbee darbe nuu dhufe. Erga maashinichi dhufee boodammoo, meeshaan keessaa hafe tokko jira.

''Amma mucaan achuma sireerra jira. Maal goona kan jedhu cinqamaa jirra. Kan nama gaddisiisu waan baay'eetu jira" jechuun dhimmoota yeroo tokko tokko yaala ijaa akka barbaadamuun hin kennineef ishee daangessan ibsiti.

'Akka isheen hin argine ijashee lamaanuu mukaan jaamse'

Dhimmi gaddisiisaan gara biraa ammoo, "waa'ee mucattii waggaa sagalii tokko kanan yaadadhu. Isheenis nama waggaa kudha jahaatiin gudeedamte. Akka isheen hin argineef ijashee lamaanuu mukaan jaamse. Yaaliin danda'amu godhameeraaf garuu ijichi deebisee waan argu miti. Xinsammuunshees baay'ee miidhamee turte.

''Abbaa isheetiin ala, nu dabalatee, namni kaan eenyuyyu akka isheetti bu'u hin barbaaddu. Dirqamaan yaalaa turre. Xinsammuun baay'ee akka yaalamtu godhameera. Iddoo ijoolleen qaroo dhabeeyyii itti baratan erga deemtee amma waggaa lammaffaa isheeti,'' jetti Dr Kumeen.

Haalashee hubachuuf ''dura abbaashee haasofsiiseen. Bakki ijoolleen qaroo dhabeeyyii itti baratan jira garuu fagoodha, maal wayya? jedhee gaafannaan, haa deemtu jedhe,'' jechun hayyama abbaa argachu himti.

Yoo abbaa waliin jiraatte wanti ishee irratti haasa'amaa jiru baay'ee ta'u kaasuun akka caalaa hin miidhamne akka barbaadan dubbachu kaafti.

''Kanafaatu 'ummata keessa jira. Akkamitti akka jijjiiramu hin beekamu. Barumsa guddaa barbaada'" jechuun mudannoo gaddisiisoo imala yaala ijaa keessatti ishee mudatan kaasti.

Dr Kume wayita Waraqaa ragaa fudhatu

Balaa qaama miidhamummaatti qoosuu

Qoosaan namoota dhalootaanis ta'ee guyyaa keessa miidhaan qaamaa isaan mudatetti qoofamu hawaasa biratti ni mul'ata. Sun ammoo bifa jijjiirrachuun hammaatee gara miidiyaa hawaasaa irrattis bal'inaan qabiyyee qoodaman ta'aa jira.

Innis ammoo miidhaa xiinsammuu cimaaf nama saaxila. Namoonni akka ofjibban, akka dhokatan taasisa.

"Qoosaan anuu nan jaaladha, garuu qoosaan nuti qoosnu nama biraa irratti maal qaqqabsiisa isa jedhu yaaduun barbaachisaadha. Yaada ykn ilaalchan qaburratti yoo qooste rakkoo hin qabu. Ilaalcha kana itti amaneen fudhadhe, garuu waanan ofii kootii ofitti hin finnerratti qoosuun namni sun maal gochuu danda'a?" jechuun gaafatti hakimni ijaa kun.

"Amma utuu namichi [itti qoofamu] hiriyaa, obbolaasaanii ta'ee ni qoosuu? Hin qoosani. Kanaafuu, sirriitti itti yaaduun barbaachisaadha. Mucaa tokko kanan yaadadhu hamma kutaa saddeetiitti baratee booddee manaa ba'ee bakkee jiraataa ture. Ijjisaa shalalaa qaba ture. Na bira dhufee, ijakoo naa sirreessi naan jedhe,'' jechuun mudannooshee yaadatti.

Waan hundumaa ilaallee gaafa guyyaan baqaqsanii yaaluu gahee gallu, umuriinsaa waggaa 14, maatiin bira hin jiru. Waggaa 18 gadi mallatteessuu waan hin dandeenyeef maatii fidi jenneen; maatii hin qabu nuun jedhe. Namuma beektu tokko fiduu qabda jenneen. Achii boo'aa deeme. Torbansaatti abbaasaa fidee dhufe. Abbaasaatiin maaf duraan mucaakee fiddee hin dhufne? jenneen.

''Innis, 'mucaan kun nama hin ta'u; nama miti; kan nama ta'us kan fooyya'us miti' jedhee baay'ee itti aaraa ture'' jetti.

Erga waldhaansi baqaqsanii yaaluu taasifameefii ijjisaa sirratee booda guyyaa tokko gara hospitalaa dhufee seenaa dargaggeessi kun itti hime akkanaan yaadatti Dr. Kumeen.

"Ji'asaatti deebi'ee na bira dhufe mucichi. 'Sin galateeffadha' naan jedhe. 'Ani barumsa dhiisee, maatii wajjinis wal lolee, karaarran jiraadhan ture. Erga ijjikoo yaalamee booda gara mana barumsaatti deebi'eera. Maatii wajjinis araarameera' jedhe" jetti.

Mucichis sababii ijjisaa rakkoo qabuuf ijoolleen mana barumsaatti itti qoosaa, akkeessaa waan turaniif innis amala hamaa ta'ee agarsiisaa turuu himti.

Kunammoo akkanni barattoota baay'ee waliin wal loluuf sababa ta'e. Manni barumsaas yeroo hedduu akka inni maatii fidu taasisaa waan tureef maatiinsaas isa nuffuunii mucaa badaadha jechuun ofirraa dhiibaa turan.

Dhumarratti akkanni daandii irratti bahu isa taasise kan dubbattu Dr. Kumeen, hawaasni qaama miidhamummaatti qoosuun balaa hamaa qabaachuu ibsiti.

'Mana keessatti akka maatiitti ni kadhannaaf'

Namoota sababa ijjisaanii dhalootaan ykn guyyaa keessa miidhaan irra gaheef yaala fayyaa qofa osoo hin taane akkasaan gorsa xiinsammuu fi dandeettii jireeyaa gara garaa argatan, waliisaanii akka jajjabeessan, akka mari'ataniif akka gargaartu dubbatti.

"Isa kaan ni kadhannaaf, akka maatiitti mana keessatti ni kadhannaaf" kan jettu Dr. Kumeen, "saayinsiif amantaan faallaa miti; wal gargaaru. Amantaan kan uume Waaqayyodha jedha. Saayinsiin ammoo isa uumame qorachuudha. Kan barachaa jirru isa uumamedha" jechuun yaala saayinsawaa otoo kennituu waa'ee dhukkubsattoota yaala jirtuu akka Waaqa kadhattuuf dubbatti.

Dhukkubsattoota waldhaansaaf dhufan keessaa tokko tokko kan garmalee ishee gaddisiisan ta'uu kan kaastu hakimni tun, yeroo manatti galtullee akka jeeqamtuu dubbatti.

Haala akkasii keessatti gargaarsii fi gorsi maatiishee olaanaa ta'uu dubbatti.

'Nama gaddeebisuun gaariidha jedhee hin yaadu'

"Ani barumsakoo filadheen baradhe. Dhukkubsataan na bukkee dhufan kamuu filatee miti kan dhukkubsate. Kanaaf, nama gaddeebisuun gaariidha jedhee hin yaadu. Har'a fayyaa ta'uun danda'a karaa biraatiin ammoo dhukkubsachuu nan danda'a; gargaarsasaas barbaachuu nan danda'a.

''Akka amantaa koottis, namni Waaqayyoon naaf jedhee samiirraa gadi dhufee na gargaare; du'arraa gara fayyinaatti na fide jedhee amanu namni akkakoo tokko akkamittiin nama kaan gaddeebisuu danda'a? namaaf jiraatta malee kan jedhu [amantaa] guddaan qaba" jechuun walitti dhufeenyi isheen dhukkubsattoota yaaltu waliin qabdu miira maatii ta'uu ibsiti.

Walitti dhufeenya dhukkubsattootaa qofa osoo hin taanee kan barataasheefi ishee jidduu yoo ibsitus ''Isiniif ana gidduu kan jiru yeroo duwwaadha' jetti.

"Anis barataa ta'een dabarse. Tarii ammas barataa ta'uu nan danda'a. Namni bara jireenyasaa keessatti baratee ni fixa jedhee hin yaadu. Barsiisaan yeroo hunda barataadha. Yeroo hunda barattoota kootiin isiniif ana gidduu kan jiru yeroo duwwaadhan jedhaan,'' jetti.

Yeroodhaan booddee ''jarri na bukkee qaqqabu. Na darbaniis waan biraa na barsiisuu danda'u. Kanaaf, afaaniin walitti darbuun gaariidha jedhee hin yaadu" jechuun baraattoota ishee waliin haariiroo gaarii qabaachuu dubbatti Dr. Kumeen.

Dr Kumeen wayita badhaasa argateetti

Madda suuraa, Dr Kume

'Fakkeenya kan naa taate haadha kooti'

"Anaaf fakkeenyikoo haadha kooti. Haatikoo barsiistuu cimtuudha. Fiiziksii fi Herreega barsiisti. Garuu dhiibbaa guddaa keessa darbite. Yeroo hunda gaafasheen nutti haasoftu, 'ani utuun akka keessan carraa akkanaa argadhee kana caalaan ta'an ture' nuun jetti.

''Baadiyyaa keessatti dhalattee guddatte. Maatii keessammoo durbi ishee duwwaa turte; warri kaan dhiirota turan. Kanaafuu, hojii mana keessaa hojjechuun kan isheeti. Otuma hojjettuu baratti.

'''Barruuleekoo akkas lafa kaa'een, midhaan daakaan qayyabachaa ture' jetti. Akkas gooteetu kan as qaqqabde. Gaafanshee ilaalu seeraan hojjetti, waan harkasheerraa qabdu seeraan itti fayyadamti; [homtuu] harkashee irratti hin badu.

''Itti fayyadama yeroorratti waan guddaa na gargaarte. Beekuudhaaf, barachuudhaaf [fedhii] isheen qabdu isheerraan fudhe" kan jettu Dr. Kumeen, milkaa'ina har'a argatteef cichoominnii fi fakkeenyummaan harmeeshee guddaa ta'uu dubbatti.

Dr Kume Tolesa

Dhaamsa dubartootaaf

"Dhiibbaa baay'eetu jira garuu ammoo dhiibbaa sanarra darbinee hojjechuu dandeenya. Cimina keessa keenyaatu baay'ee barbaachisaadha. Hanqaaquun bakkeedhaan yoo rukutame ni caba; ni du'a jedhama. Keessaan gara bakkeetti yoo cabe garuu cuuciitu baha gatii ta'eef jireenyatu dhufa jedhama.

''Kanaafuu, gad ofdeebiftanii ani hin danda'u yoo jettan, jiraachuu hin dandeessan. Eeddoo barbaaddan gahuu hin dandeessan. Waanti isin keessa jiru jireenya akka fiduuf, ofii keessanii cabsitanii bahuudhaaf yaaduu qabdu malee abalu na cabse jechuun gaarii miti," jechuun dubartoonni dhiibbaa isaan irra gahuun osoo hin daanga'iin akka jabaatanii cichoominaan deeman dhaamti hakimni ijaa kun.

Digirii ishee jalqabaa ogummaa hakima namaafi kan lammaffaa ogummaa hakima ijaan yunivarsiitii Jimmaatti kan baratte Dr Kumeen, falaasamni yunivarsiitichaa 'Hawaasa Keessa Jirra' (We are in the community) jedhu "ilaalchi nuti ummataaf qabnu akka jijjiiramu nu godheera" jetti.

Hojii yaala ijaa amma hojjechaa jirtuun namoota baay'ee gargaaruun karoorashee fuulduraa ta'uu kaasuun, yunivarsiitii Jimmaa fi hawaasa Jimmaa bal'aa ogummaa isheetiin tajaajiluuf sochii adda addaa taasisaa jiraachuu dubbatti.