'Ee Waaqa nu baasi, dubartiin sibiila tumtu maali? jedhanii ajaa'ibsiifatu'

Halimaa Guyyoo

Aadde Halimaa Guyyoo Godaanaa jedhamti. Ilaalcha hawaasa kanneen sibiila tumun jiraataniif qaban cabsuun sibiila tumuun ijoollee ofii guddifatti.

Guutuu addunyaarratti hojiin sibiilaa tumuu damee hojii baay'inaan dhiirotaan hojjatamuudha.

Bara durii irra kaasee namoonni ogummaa sibiila tumuutiin meeshaalee qonnaa, muuziqaa, kan waraanaafi kaan hojjachaa turan.

Jireenya ummata Oromoo keessattis sibiilli ga’e guddaa qaba.

Haata’u malee, hojii kanarratti hirmaannaan dubartoonni qaban baay’ee xiqqaadha.

Keessumaa ammoo naannoo Marsabeet, Kaaba Keeniyaa bakka Aaddee Halimaan jiraattu keessatti dubartiin sibila tumtu hin jirtu.

Isheenis hojii sibiila tumuu kana hojjachuu kan eegalte fedhii ykn barnootaan utuu hin ta’in haala jireenyaa rakkisaa ta’eetu dirqisiise. 

Amma meeshaa kamuu sibiila irra hojjechuu dandeessi
Ibsa waa'ee suuraa, Amma meeshaa kamuu sibiila irra hojjechuu dandeessi

Maaltu ta’e?

Aadde Halimaa Guyyoo naannoo Marsabeetii bakka Jaldeessa jedhamtutti dhalattee guddate. Achumatti heerumte, ijoollee torbas deesse. Garuu daa’imman lama waan jalaa baddalamaniifu amma ijoollee shan qabdi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isheenis kan heerumte umriinshee xiqqoo taateeti. Eerga ijoollee ja’a deesseen booda ammoo abbaa warraasheen waldhabde. 

Wal hiikuun isaanii hadhaa’aa ture, abbaan warrashee ijoollee hunda itti dhiisee, qabeenya xinnoo qaban dhorkate, mana keessaa baaseen. 

Jaarsoliin biyyaa gidduu seenuun akka isheen waa argattuuf yaalanii turan, garuu hin milkoofne. “Kora hedduun boodas Waaqumaaf ijoollee keetiin jedhanii dubbii buufatan.”

Isheen barnoota homaatu hin qabdu, ijoolleenshee baay’ee xixiqqaa turan, qabeenyas homaayyu hin qabdu turte. 

Kanaafuu, “Ijoollee tana akkamiin guddisa jedhee yaadi guddoo na nyaate. Yaada kiyya keessatti sibiila tumuun natti dhufe. Kuninis ergan wanta godhu yeroo dheeraaf of gaafachaa ture,'' jetti. 

Haala hamaa keessa irraa ka'uun cilee fa'i gubuu eegalte. ''Cilee kanaan faayidaa hin arganne garuu miidhaa guddoo isaan narra gahe,'' jette. 

“Maallaqni cilee irra argadhu liqee nyaataa ijoollee tiyyaa irratti dhuma, uffata tokko bituu hin danda’u, boqonnas hin argadhu.”

Ijoolleenshee lamatu barachaa ture, erga jaarsaan wal hiikaniin booda kaffaltii mana barumsaa dhabuun manatti deebi’an. Kunis baay’ee qalbii ishee cabse.

“Mana namaa yoo hadhiin seente jireenyi isaanii kan cabu, ijoolleen guddoo miidhamti. Jennaan ta dabarte malee ijoolleen tiyya barnoota hin dhabdu jedhe maallaqa kuufadhe meeshalee tumaa bitachuu jalqabe.”

Sibiila kana fakkaatu irra meeshaalee babbareeda oomishuun beekamti.
Ibsa waa'ee suuraa, Sibiila kana fakkaatu irra meeshaalee babbareeda oomishuun beekamti.

Maaliif hojii tumaa filatte?

Bara tokko hongeen hamtuu buute, horiin dhabame, ummanni baay’ee beelaan miidhaman. Gaafas ijoolle lama qabdi. 

Abbaan warraashee hojii barbaaduuf isaan dhiisee bakka bira deemee ture. Waan nyaannu omaatu manaa hin qaban gaafa inni deeme. Akka ijoolleenshee beelaan irratti hin duunef hojii sibilaa kana hojjechuu murteessite. 

Abbaanshee hojii sibiila tumuu kana hojjatu ture. Garuu dubartoonni hojii akkasii waan hin hojjanneef gaafas baruu hin dandeenye jetti.

Ta’us abbaan warraashee abbaashee jalaa barachuun hojii kanaan itti fufe. Isheenis isaaf buufaa turte. 

“Warra tokkootti magaalaa keessatti hojii akkanaa qaba. Anis duraan jaarsa kiyya jala ta’uun waan godhan argaan ture. Kanaaf micciiraa midhaasee magaalaa keessa marsaa ture. Maallaqni ittiin gurguruu nyaata ijoollee tiyyaaf bituuf oola ture.

“Jennaan warri tokkoo albee 20 ajajan. Meeshaa tumuun waan hin qabneef namoota kana biratti tumaa ture, isaaniifis qoodan kennaaf.

''Torbaan muraasaan boodaa innis 5,000 naaf erge ijoolleen qulaamsii (waan afaan godhatan ittiin bitiif) jedhe. Gaafas ammoo anis ijoolle tiyyaaf waa biteef.

''Beesee inni erge liqee duraan qabnu ittiin baasee.''

Akkanaan jiraachaa turee bara sun kan jedhan Aadde Haalimaan, erga isaan wal dhiisaniin booda akka namoota hin kadhanne kan ijoolleen tiyyaa barnoota dhabde mana dhabuun karaarra hin joorre hojii tana filadhe jette.

Bakkuma sibiila tumtuutti ijoollesheef nyaata qopheesiti
Ibsa waa'ee suuraa, "Hojii ummataa na tufachiise ijoolleekoo hamilee cabsuu hojjachuu hin barbaanne"

Jireenyi isaanii jijjiiramuu 

Erga jalqabdeen booda milka’inna guddaa argatte.

“Wanti hunda caalaa barbaachisaa ta'e ijoolleen koo liqee hin nyaattu akka garaatti waan barbaadan nyaatan. Yoo qabeenna guddaa qabaachuu baates ollaa biyyaa takka hin kajeelle.

“Uffata akka ijoollee biyyaa qabdi, sababa kaffaltiin mana barumsatii manatti ergamanii hin beekan.”

Hojii sibiila tumuu kanaan Aadde Halimaan horii duraan hin qabne horatte. Garuu ammoo hongeen cimaan isaan keessa jiran hundasaanii dhabamsiise. 

Duraan bakka bultii hin qabdu turte, hojii kanaan Jaldeessatti lafa bitattee mana ijaarte. Akkasumas bakka Diriba jedhamtuutti lafa bitte. 

Walitti bu'iinsa hawaasa Gabraa fi Booranaa kan yeroo dheeraaf naannicha tureen meeshaleenshee hatame, manashee cabsan.

Erga nagaan deebitee, bakka durii jiraatanitti deebi’uudhaan hojiisheen itti fufteetti. Saakuu qofa utuu hin ta’in iddoo garagaraa deemudhaan meeshaa adda addaa gurgurti.

“Gaarummaan hojii tana, adoo gabaan jiraachuu baatee, ani tumuu hin dhiisu. Walitti qabe gaafa namoonni barbaadan itti gurgura. Kanaaf kasaaraa tokkollee argadhe hin beeku.”

“Mi’a ani midhaassu kana namni tokko bitate biyya ala geesse ture. Namoonni Itoophiyaa fi Naayirobii irrallee akkasuma ajajanii bitatan.”

Daqiiqaa muraasa keessatti faaya harka kana sibiila gatame irra hojjatte

Meeshaalee akkamii tumtii?

Aadde Halimaan meeshaa sibiila faayidaa dhabuun gataman irraa oomishaalee ajaa'ibsiisoo ta’an hojjechuun beekamti.

“Meeshaan sibiilaa ani hin midhaassine hin jiru, duraan wantoota xixxiqoon jalqabe amma dizaayinii adda addaa nan hojjedha.”

Meeshaalee aadaa kanneen akka kallacha kan abbootiin Gadaa addarratti godhatan, malmala kan dubartoonni Gabraa mataatti keewwatan, faayaa harkaa dubartiin ilma deesse kewwattu (umura), faayaa mormaa (qalima), micciirraa fi kanneen biroo hojjatti.

Meeshaalee akka qottoo, haaduu, eeboo, goraadee, gubaa, waxalee, qabduu, mutaa, saamsa, luugama, qottuu, qonyee fi meeshalee addaadda hojjatti.

Meeshalee kana gurguruun Aadde Haliimaan ijoolleeshee fi yatiima sadii guddisaa jirti
Ibsa waa'ee suuraa, Meeshalee kana gurguruun Aadde Haliimaan ijoolleeshee fi yatiima sadii guddisaa jirti

Namoonni waa'eshee maal jedhu?

Gaafa dura jalqabdu ummanni baay’ee ajaa’ibsiifate. “Niitii akka dhiiraa wa tumtuu taanii jedhanii maqaan moggaafame.”

“Ee Waaqaa nu baasii, dubartiin sibiila tumtuu maali? Booranni waan akkanaa arge hin dhageenye. Kuniin falfala'' jedhanii namoonnni gaafii kaasan jiru ture jetti.

Garuu yaadaa fi jechasaanii kanaan Aadde Halimaan duubatti hin deebine. “Wallaalaan waan hedduu namaan jedhu waan ta’eef hin hammeeffadhu.”

Madooshaa
Ibsa waa'ee suuraa, Amma ammoo bakka hojiishee dhufuun namoonni hedduun bira oolu

Fudhatama argachuu

Akka yaada isheetti, uummanni dhugaa qabu, duraan waan akkanaa argani waan hin beekneef rifachuunsaani sirri turre. 

Erga barataniin booda uummanni baay’ee jaalate shakkii duraan qaban dhiisuun hojii ishee dinqisiifatan.

“Namoonni garii dhiifama na gaafatan, beekumsa dhabaatti nu jechisiise addunyaa keessatti dubartoonni xiyaara hojjettan jiru jechuun akka ani itti fufu na jajjabeessan.” 

Amma yeroo aadaa Gabraa fi Boorana ummannii meeshaasaani itti amanan Aadde Halimaa qofa. 

“Guyyaa Gadaamojjii, waqtii ijoollee nyaachisaa fi sirna aadaa hunda meeshaa narraa bitan, intalti taan me? Isii qofa feena jetti jaarroleen, adoo namni bira fide kiyya qofa fudhatan.”

Jechooti duraan isheen jedhan kaan hundi badeera. Ijoolleenshee hundi hojii kana ni beekti. Ammoo yoo ishee gargaartu malee akka hojiitti hin fayyadamtu. 

Mucaanshee maandha/quxissuun buufaa jira
Ibsa waa'ee suuraa, yeroo manneen barnootaa cufaman, ilmeshee buufuun gargaara

Dhaamsa dubartootaaf

Sababa hongee, waraanaa fi qala’iinsa jireenya namoonni hedduun keesumaammoo dubartoonni baay’ee miidhamaa jiru.

Naannoo Jaldeessa Kawuntii Marsabeetii bakka Halimaa jiraattu dubartoonni kalaqa kana irra baruuf gaafatan.

“Namni kan of gargaaretti galma ga’a, ati hunda keenya caalaa jireenya qabda, namni liqee si dhorkatu hin jiru sababa ati hojjette baafachuu dandeettu naan jedhan.

“Anis koottaa isan barsiisaa jedhe namoota dhufe argisiisaa jira.”

Dubartiin yoo abbaa warraa hin qabne hawaasa keessatti baay'ee tuffatamti. Kana irra kan ka’e utuu rakkoo isheen qabdu beekanii ollaa isaanii irraa deeggarsa akka dhabde dubbatti.

“Yoo deeggarsi mootummaa fi dhaabbilee kaan irra dhufe, anis dagatamaa ture. Maaliif dagatame jedhe jaarsolii gaafannaan, ati hojii deemtaa gaaddisa keessatti nama siif dubbatu hin qabdu naan jedhan.”

“Hiyyeessa kan loluuf Waaqa qofa, waan garii yoo yaadadhu garaatti na hammaata hin fedhu,” jechuun bootti.

Dhaamsii cimaan isheen dubartootaaf dabarsitu, hojiin kamuu salphinna hin qabdu kanaaf nama kadhachuu mannaa yaada tokko irratti hundaa’udhaan hojii dhuunfaa yaaluun wayya.

“Namni yoo rakkoo qabaate, yoo maraatee hin badin yookaan of hin ajjeesini, yaadni samuu isaanii keessa jiraannaan adoo waan guddoo argachuu baatee ijoollee ofi guddifachuu danda’a.”

Aaddee Halimaa hojiishee kanaan uumataa keessa jiraattu baay'ee fayyade
Ibsa waa'ee suuraa, Aaddee Halimaa hojiishee kanaan ummataa keessa jiraattu baay'ee fayyade