Waa'ee kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech maal beektu?

Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee

Madda suuraa, FB/Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee

Adaanach Abeebee kan dhalatanii guddatan Godina Arsii Aanaa Asakoo ganda Caffee jedhamu wayita tahu, barnoota sadarkaa tokkoffaa achumatti, kan sadarkaa lammaffaa ammoo Matahaaraatti baratan.

Isaan booda barnoota digrii seeraan ergan xumuranii booda haadha alangaa ta'uun biiroo haqaa Oromiyaatti ramadamanii hojjachuu eegalan.

Naannichatti sadarkaa hooggansaa garagaraan hojjechaa erga turan booda, ALI bara 1997'tti aanaa isaanii bakka bu'uun paarlaamaaf filataman.

Kana malees Aadde Adaanach waggoota jahaaf Waldaa Misooma Oromiyaa hogganaa turan. Dabalataanis waggaa tokkoo fi walakkaaf kantiibaa magaalaa Adaamaa tahuun tajaajilaniiru.

Sadarkaa federaalaatti ammoo Ministira Galiiwwanii fi Abbaa Alangaa waliigalaa Federaalaa ta'uun hojjechaa turan.

Aadde Adaanecha Fulbaan bara 2021 Kantiibaa itti aatuu bulchiinsaa magaalaa Finfinnee ta'uun erga muudamanii hanga ammaa magaalittii bulchaa jiru.

Kantiibaa dubartii jalqabaa magaalaa Finfinneetis.

Addee Adaanach Abeebee waggoota dura gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasisaniin 'dubartoonni carraa dhaban malee hoggansaaf umamaan gadi ta'anii miti' jehdaniiru.

Badhaasa argatan keessaa..

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee badhaasa hoggantuu Afrikaa filatamtuu bara kanaa mo’atan.

Badhaasni kun hoggantoota Afrikaa gahumsa gaarii agarsiisaniif wagga waggaan Barruu Hoggansa Afrikaa [African Leadership Magazine Person of the Year] teessoo isaa Yunaayitid Kingidam (UK) godhateen kan kennamuudha.

Dhaabbanni kun xalayaa badhaafamuu Kantiibaa Adaanech beeksisuuf barreesseen, ‘baga gammadde’ ittiin jedheera.

“Michoonni keenya murteessoo ta’an filatanii kan nuuf dhiyeessan, akkasumas guddinaafi misooma biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti milkaa’ina argamsiiftaniif, akkasumas gumaacha taasifataniif madaallii dandeettiirratti hundaa’e gaggeeffame hordofee, hoggantuu cimtuu …bara kanaa ta’uun badhaafamtuu ta’uu keessan yeroon isin beeksisu kabaja addaatiinidha,” jedha xalayaan kun.

“Badhaasa kanaaf filatamuun keessan ‘…malaammaltummaa ittisuudhaaf, akkasumas Itoophiyaa keessatti jijjiiramni bal’aan akka dhufu gochuu keessatti murannoon hojjechuu dabalatee Finfinneetti kantiibaa dubartii jalqabaa ta’uun milkaa’ina ajaa’iba ta’e waan argamsiiftaniifidha.”

Kantiibaa Adaanech badhaasa mo’atan kana hordofee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti maxxansaniin, “Bdhaasichi bu’aa cimina walooti,” jedhan.

“Milkaa’ina kanaaf warra ana waliin hojjetaniifi nu deeggartan hunda galanni kiyya isin haa qaqqabu,” jechuun galateeffatan Aadde Adaanech.

Aadde Adaanech badhaasa Hoganaa Filatamaa Afrikaa bara 2023 [African Persons of the Year Awards 2023] marsaa 12ffaa qophaa'e kana Pirezidantii duraanii Taanzaaniyaa Dr. Jakaayaa Kikuweetee, Hoggantuu dhimma Haqaa Keeniyaa Maartaa Koomee dabalatee hoggantoota Afrikaa biroo waliin mo'atan.

Aadde Adaanech Kantiibaa Finfinnee erga ta'anii badhaafamuun kun kan jalqabaa miti.

Yunivarsiitiin Trinity International University of Ambassadors jedhamu Aadde Adaanecha Abeebeef gahee fakkeenyummaa qabu gama hooggansaan taphataniif dooktarummaa kabajaa kenneera.

Isteetni Joorjiyaa ammoo lammummaa kabajaa Isteetichaa kenneefii jira.

Pirojektiiwwan gurguddoo magaalaa Finfinnee bu'uurarraan jijjiiran akka paarkiiwwan, mana-kitaabaafi Godambaa Adwaa hojjetaniin alatti, hojiiwwan rakkoo hawaasa harka-qalleeyyii ta'an furuuf hojjetaman maqaan kantiibaa Finfinnee yeroo ammaa kun gaariin akka ka'u gochaa jira.

Misooma Kolidarii magaalaa Finfinnee bara kana hojjetameen hoggansi Aadde Adaanech kennan sirna badhaasa Afrika Ismarti Siitii Naayiroobiitti gaggeeffame irratti ka'eera.

Kallattii Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed kennaniin kan hojjetamaa jiru misoomni Kolidarii kun magaala Finfinne yeroo gabaabaa keessatti bifa addaa akka qabaattu taasiseera.

Finfinnee qofa osoo hin taane magaalaa Shaggar, Bishooftuu, Hawwaasaa, Aarbaa Minchi, Gondar fi magaalota kaanittis babal'isuun hojjechaa jiru.