'Imalli Dr Adaanech hooggantoota egeree guutuu addunyaaf kaka'umsa ta'a'

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa
Kantiibaan magaalaa Finfinne Aadde Adaanach Abeebee Yunivarsiitii biyya US kutaa Filooridaa jiruufi isteeta Joorjiyaarraa badhaasa argatan.
Yunivarsiitiin Trinity International University of Ambassadors jedhamu Aadde Adaanecha Abeebeef gahee fakkeenyummaa qabu gama hooggansaan taphataniif dooktarummaa kabajaa kenneera.
Isteetni Joorjiyaa ammoo lammummaa kabajaa Isteetichaa kenneefii jira.
Aadde Adaanach qaamaan argamuun kabaja kennameef kan fudhatan yeroo ta'u, kabaja kana ''gammachuu guddaan'' kan simatan akka ta'e dubbatan.
Milkaahinni gama hooggansaan argatan kun deeggarsa maatii, hawaasa, waahillan hojiifi hooggansa olaanuun kan argame akka ta'es dubbatan Aadde Adaanech.
''Imallikoo kan agarsiisu injifannoo dhuunfaan argamee ol dhuga baatuu deeggarsa hin raafamne maatiin naa godhanidha.''
Imallisaanii kun ''kaka'umsa guddaa fi deeggarsa waloon humna tokkummaafi galma waloo qabaachuun qabu agarsiisa'' jechuun waltajjicharratti dubbatan.
Bakka bu'aan isteeta Joorjiyaa Rippaablikaan Deewee Maakileen ''Dr. Adaanech Abeebee Disaasaa murannoo hin raafamneen jijjiiramni akka jiraatu, tokkummaan akka dhufu haala Itoophiyaa keessa jirurratti gahee olaanaa baate. Hooggansishee fakkeenyyummaa qabu fi murannoon hawaasa tajaajiluuf qabdu dhaloota jabaa fuula duratti dhufuuf galaa abdiiti'' jedhan.
Hundeessituun Trinity International University of Ambassadors Corp. Dr Jaakliin Moheer Dr. Adaanech Abeebee Disaasaa guutuu addunyaatti dhaaloota gara hooggansaa dhufuu fedhuuf hamilee taati'' jedhanii, kabaja kennaniifin gammaduu ibsan.
Hooggansi isaanii Itoophiyaa kessatti bu'aa buuseen kabaja kanaaf isaan filachuus dubbatan.
Aadde Adaanach Abeebee eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Adaanach Abeebee kan dhalatanii guddatan Godina Arsii Aanaa Asakoo ganda Caffee jedhamu wayita tahu, barnoota sadarkaa tokkoffaa achumatti, kan sadarkaa lammaffaa ammoo Matahaaraatti baratan.
Isaan booda barnoota digrii seeraan ergan xumuranii booda haadha alangaa ta'uun biiroo haqaa Oromiyaatti ramadamanii hojjachuu eegalan.
Naannichatti sadarkaa hooggansaa garagaraan hojjechaa erga turan booda, ALI bara 1997'tti aanaa isaanii bakka bu'uun paarlaamaaf filataman.
Kana malees Aadde Adaanach waggoota jahaaf Waldaa Misooma Oromiyaa hogganaa turan. Dabalataanis waggaa tokkoo fi walakkaaf kantiibaa magaalaa Adaamaa tahuun tajaajilaniiru.
Sadarkaa federaalaatti ammoo Ministira Galiiwwanii fi Abbaa Alangaa waliigalaa Federaalaa ta'uun hojjechaa turan.
Aadde Adaanecha Fulbaan bara 2021 Kantiibaa itti aatuu bulchiinsaa magaalaa Finfinnee ta'uun erga muudamanii hanga ammaa magaalittii bulchaa jiru.
Kantiibaa dubartii jalqabaa magaalaa Finfinneetis.
Addee Adaanach Abeebee waggoota dura gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasisaniin 'dubartoonni carraa dhaban malee oggansaaf umamaan gadi ta'anii miti' jehdaniiru.












