Aadde Adaanach Abeebee kantiibaa magaalaa Finfinnee ta'uun muudaman

Adaanach Abeebee

Madda suuraa, ETV

Manni marii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaa Magaalaa Finfinnee gochuun filate.

Aadde Adaanech Kantiibaa itti aantuu magaalaa Finfinnee ta'uun hojjechaa kan turan oggaa tahu, waggoota shanan dhufaniif aangoo kennameef kanaan tajaajiluuf waadaa seenaniiru.

Filannoo Marsaa 6ffaa akka biyyaatti adeemsifameen booda Bulchiinsi magaalaa Finfinnee yaa'iisaa jalqabaa guyyaa har'aa taa'aa jira.

Manni marii bulchiinsa magaalichaa yaa'ii Kibxata adeemsiseen Aadde Adaanech Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ta'anii akka hojjetaniif irra deebiin kan filate wayita tahu, Aadde Buzeenaa Alqaadir ammoo Afyaa'ii gochuun filateera.

Manni marii magaalaa Finfinnees sagalee guutuudhaan Kantiibaa Finfinnee akka ta'aniif mirkaneessaniiru.

Kana malees, manni marichaa Aadde Buzeenaa Alqaadir Afyaa'ii gochuun filateera.

Paartii Teessoo hedduu injifate Biltsiginnaa keessaa kan filataman Aadde Buzeenaa Alqaadir, miseensonni mana marichaas sagalee guutuudhaan mirkaneessan.

Manni marii magaala Finfinnee teessoo 138 kan qabu oggaa tahu, afyaa'iin haaraa filatamanis kakuu raawwachuun hojii isaanii jalqabaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Daandiin hafaa namaaf ta'u kamiyyuu hin jiru'

Aadde Adaanach Abeebee eenyu?

Adaanach Abeebee kan dhalatanii guddatan Godina Arsii Aanaa Asakoo ganda Caffee jedhamu wayita tahu, barnoota sadarkaa tokkoffaa achumatti, kan sadarkaa lammaffaa ammoo Matahaaraatti baratan.

Isaan booda barnoota digrii seeraan ergan xumuranii booda haadha alangaa ta'uun biiroo haqaa Oromiyaatti ramadamanii hojjachuu eegalan.

Naannichatti sadarkaa hooggansaa garagaraan hojjechaa erga turan booda, ALI bara 1997'tti aanaa isaanii bakka bu'uun paarlaamaaf filataman.

Kana malees Aadde Adaanach waggoota jahaaf Waldaa Misooma Oromiyaa hogganaa turan. Dabalataanis waggaa tokkoo fi walakkaaf kantiibaa magaalaa Adaamaa tahuun tajaajilaniiru.

Sadarkaa federaalaatti ammoo Ministira Galiiwwanii fi Abbaa Alangaa waliigalaa Federaalaa ta'uun hojjechaa turan.