Dr. Nagaasee: Dubartii qormaata jireenyaarra aanuun ispeeshaalistii ulfaa fi gadameessaa taate

Dr. Nagaasee Abbabaa Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo ganda Dambalii Kattaatti dhalatte.
Abbaanshee Abbabaa Akkanaa barsiisaa yoo ta’an, haati ishee ammoo Nagaaseen dhalattee ganna sadiitti boqotani. Haatishee guddiste ammoo dhukkubsattuu waan turteef daa’imummaatti itti gaafatamummaa mana keessaa ulfaataa fudhatte.
Obboloota dhiiraa jahaafi dubaroota afur ta’anii akka guddatan kan himtu Dr. Nagaaseen, hangafni ishee akaakayyuu isaanii biratti waan guddatteef, itti gaafatamummaan hunduu isheerra akka ture dubbatti.
Kunis, haala barnootaashee irratti dhiibbaa qabaachaa ture. Yeroo barnoota sadarkaa lammaffaa barachaa turte ammoo mucaa ishee hangafaa ulfaa’uun barnoota addaan kutte.
Digiriishee jalqabaa barachuuf yunivarsiitii Hawaasaa erga seentee boodas mucaashee lammaffaa dahuuf barnoota addaan kutte. Ijoollummaadhaa kaastee qormaatashee mudatan hunda dandamachuun har’a ispeeshaalistii ulfaafi gadameessaati.
Karaan dheeraa keessa dabarte dubartoota biroo kan barsiisudha jettu akkanaan BBC’f qooddeetti.

Abbaanshee bakka gara garaatti socho’uun barsiisaa waan turaniif, barnoota sadarkaa tokkoffaa manneen barnootaa godinichatti argamanitti barachuu kan kaastu Dr. Nagaaseen, sadarkaa 2ffaa ammoo mana barnootaa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii Walisootti baratte.
Osoo barnoota sadarkaa lammaffaa barattuu gara heerumaatti kan seente Dr. Nagaaseen, osoo kutaa 11ffaa barattuu mucaa ishee hangafaa deesse. Sana booda barnootashee sadarkaa lammaffaa goolabuun barnoota digirii jalqabaatiif Yunivarsiitii Hawaasaa seente.
Otumaa barachaa jirtuu ammoo mucaashee lammaffaa dahuuf barnoota addaan kutuun manatti deebite.
Barnootaaf jaalala addaa qabaachuu kan himtu Dr. Nagaaseen, barnoota ‘Narsiingii’ dippiloomaadhaan hordofuuf Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Naqamtee seente.
Waggoota lamaaf erga ogummaa narsiin tajaajiltee booda digirii jalqabaa qondaala fayyaa (Health Officer)tiin ammoo yunivarsiitii Jimmaa irraa eebbifamte.
Sana booda, magaalaa Walisoo Hospitaala Luqaasitti waggoota sadiif tajaajilte. Ittaansunis sagantaa ‘New innovative medicine’ jedhamuun barnoota fayyaa namaa (medicine) barachuuf yunivarsiitii Wallaggaa seente.
Abjuunshee ganamaa hakima ta’uu akka ture kan yaadattu ogeettiin kun, guyyaan barnoota kanaan itti ebbifamtes guyyaa gammachuu jireenyashee keessatti hin dagatamne akka ta’e dubbatti.
Qorumsa jireenyaafi imala barnoota fayyaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr. Nagaaseen erga kutaa 12ffaa xumurteen booda barnoota ispeeshaalistii ulfaafi gadameessaa bira gahuuf ganna 15 ol itti fudhate. Jireenyi ijoollummaashee qormaataan kan guute ta’uu kan kaastu Dr. Nagaaseen, kutannoofi abdiin cimanii dhama’uun milkaa’ina isheetiif sababa ta’uu himti.
Hiriyaashee mana barumsaa waliin hariiroo jaalalaa keessa akka turan kan kaastu hakimni kun, kutaa 11ffaatti ulfoofte. Sana booda bultii akka dhaabbatanis himti.
“Ni cima; kutaa 12tti darbee barnoota waggaa tokko addaan kuteera. Walduukaa deemsisuun [barnootaafi haadha daa’imaa ta’uu] wanta ulfaatudha.
''Barnoota baay’ee waanan jaaladhuuf, abbaankoo barnootatti akkan jabaadhu, yoon baradhe nama guddaa ta’uu akkan danda’u, eeddoon barbaadu gahuu akkan danda’u waan natti himaa tureef ittuman ciche” jechuun dubbatti, Dr. Nagaaseen.
Yeroo hunda dhihoo kiyya kan jiru isa waan ta’eef waa’ee abbaa koon dubbadha” kan jettu Dr Nagaaseen, abbaanshees rakkoo jireenya baadiyaa ofiin keessa darbe waan ta'eef muuxannoo jireenyasaa irraa akka isheef qoodaa, jajjabeessaa ture himti.
Kun ammoo akka abjuu ishee ganamaa, hakima ta’uu milkeesssituuf gargaareera. Fakkeenyaaf, firoota abbaashee baratanii milkaa’an maqaa kaasuun, ''akka Pirofeesar Nugusee, akka Dr Ayinaalam doktara taata” jedhamaa waan guddatteef sunis akkashee jajjabeessaa ture himti.
Yeroonsheen yunivarsiitii Hawaasaa irraa barnoota addaan kutuun mucaashee lammataa deesse garmalee itti ulfaatee turuu kan kaastu Dr. Nagaaseen, ''osoon eenyuunuu hin mari’atiinan barnootakoo addaan kute. Garuu natti dhaga’ama ture. Boru eessan dhaqa? Nan deebi’amoo hin deebi’u? kan jedhus yaaddoo ture”.
Dursitee barnoota digirii eegaltee waan addaan kutteef, waggaa tokko teessee eeguu qabdi turte. “Haalli jiru natti cime” kan jettuu Nagaaseen (Dr), narsiingii dippiloomaadhaan Kolleejjii Fayyaa Naqamteetti barachuu eegalte.
“Mana barnootaa narsiingii galee ammoo barnootakoo digirii addaan kutee maaliifan as dhufe? jedhee natti dhaga’ama ture” jetti. Akkuma narsiingii xumurteen barnoota digirii jalqabaa qondaala fayyaatiin yunivarsiitii Jimmaarraa eebbifamte.
“Isa boodan gara qalbii kiyyaatti deebi’e malee baay’een gaddan ture. Ta'us hundasaayyuu keessan darbe” jechuun imala ulfaataa dabarsite yaadati Dr. Nagaaseen.
Ijoollummaadhaan fedhii hakima ta’uu qabaachu kan kaastu Dr. Nagaaseen, “Hakiman ta’a; yoon sun ta’uu baate barsiisaan ta’a” jechaa akka turte himti. Yeroo isheen barnoota addaan kutaa turtetti abbaanshees abdii kutanii akka ture yaadatti.
“Hakima ta’uun hafee, narsiingiin galee, achiin qondaala fayyaan ta’ee, garuu hakiman ta’an jedhan ture. Baay’eedhuman barbaada ture hakima ta’u. Garuu karaansaa hin jiru ture, maaltu akka akkas na yaachisaa tures hin beeku” jetti Dr. Nagaaseen.
Erguma qondaala fayyaa taatee dhukkubsataa waldhaanuu jalqabdee boodayyuu keessishee akka itti hin quufne yaadachiisuun yeroodhuma sana “hakima bira darbee ispeeshaalistii ulfaa fi gadameessaan ta’a jedhee yaadaan ture” jechuun himti.
'Immaakoo yeroo sana maaliif nu dhiistee barnoota deemte?’
Haadha mucaa dhiiraafi dubra tokko kan taatee Dr. Nagaaseen, gara barnootaatti fuulleffachaa waan turteef, “yeroon mana barumsaa narsiingii galu, mucaankoo isheen dubaraa kan ji’a afuriin gatee deeme. Yeroo boqonnaa kootti dhaqeen waanan danda’uun nan kunuunsa ture," jetti.
''Booddee garuu yeroon qondaala fayyaa baradhu ijoolleenkoo na bira turan. Waanan gochuu qabu gochaan barnoota isaaniis hordofaa walumaan jiraachaa turre. Yeroon ‘medical school’ (mana barnoota fayyaa) galu ammoo deebi'een gargar baane,” ittigaafatamummaa dachaa keessa baate himti.
Barnootaaf jecha ijoolleeshee manatti dhiistee yeroo deemaa turtetti abbaa manaashee, maatiisheefi maatii abbaa manaashee biras “olumaaf gadi” jechaa turan jechuun kaasti.
“Gara caalu ennaan medicine galeetti, ‘otoo nu dhiistee deemuu baattee’ jedhee inni dhiiraa, ‘garuu ammoo gaafa baatu [xumurtu] doktara taata mitii, haa ta’u’ naan jedhaa ture.
''Ergan fixee ammoo isheen durbaa, ‘Immaakoo yeroo sana maaliif nu dhiistee barnoota deemte?’ jettee guyyaa tokko na gaafatte. Kanan baradhee siniifis fakkeenya hin taane, yoon hin baranne anis bakka fedhiikoo hin gahu; barachuun koo isiniifisiidha, jireenya amma jiraannuufis gaariidha jedhan ture. Booddee garuu hubatteetti; ‘baga baratte’ naan jette!” jechuun miira ijoollee ishee ibsiti.

Madda suuraa, Dr Negase
Dubartootaaf maal dhaamti?
“Anaa wanni humna naa ta’e, waanuma ganama abbaankoo natti hime. Barnoonni gaariidha; barachuutu sirra jira. ‘Ijoolleen durbaa yoo baratte, yoo of dandeesse, maatiifi biyyasheef illee ni fayyaddi’ naan jedha ture.
''Jaalala barumsaa isatu na keessa bulche. Ani barnootuman jaaladha. Waanan bira gahuu barbaadu milkeessuun qaba jedheen onnadha. Abjuukoo ganamaa bira akkan gahu kan na gargaare abbaa kooti” jechuun abbaashee attamiin jajjabeessaa akka turan dubbatti Dr. Nagaaseen.
Duraan maatiin dhiirota barsiifachuun dubaroota ammoo hojii manaa akka tajaajiltu taasisuun heerumsiisuutu ture. Garuu “ijoollee durbaa ofitti siqsanii, gorsanii jajjabeessuun guddisuutu maatiirra jira” jetti.
Durboonnis galma keeyyachuun isa bira gahuuf danqaa mudachuu malu, “maluma malaan gorsa maatiifi hiriyoota irraa fudhachuun keessa darbuun ni danda’ama,” jechuun gorsiti Dr. Nagaaseen.
“Waan dursamuu qabu dursisiisuun nurra jiraata. Fakkeenyaaf ani yeroo sanatti osoon hiriyaa qabaachuu baadhee dahuunis, karaarraa goruun hin dhufu ture.
''Kanaaf, of eeggannoo gochuu qabna. Waanti hojjennu hundumtisaa boru maal qabatee dhufa? jechuun yaaduu qabna. Ija dunuunfannee deemuu hin qabnu” jetti.
“Waan nu qunnamus namaan mari’achuu qabna. Hiriyaa nuun olii, hangafoota keenyaa ykn maatiidhumallee beeksisuu qabna waan keessa darbaa jirru. Gidiraa keessa jirru maatiin nuu beekuu qabu. Akkasitti keessa darbuun ni danda’ama” jechuun gorsiti Dr. Nagaaseen.
“Hundaa ol gaafan ‘medical school’ [mana barnoota fayyaa namaa]tii eebbifame baay’een gammade. Narsiingiis qondaala fayyaas eebbifameera; ijoollummaakootti waanin barbaadu waan ta’eef, gaafan hakima namaatiin eebbifame baay’een gammade.
''Haadholii ulfaafi ijoollee durbaa rakkoon isaanii kan kiyya waliin walfakkaatu yaaluudhaaf, ispeeshaalistii ulfaafi gadameessaa ta’uu koottis gammadeera” jechuun kaasti Nagaaseen (Dr).
Gara fuulduraatti ammoo ijoollee durbaa jajjabeessuu baay’een barbaada. Tarii dadhabanii, sababa gara garaatiin karaa irratti hafan” jettu gorsuufi jajjabeessuun galma isaanii bira akka ga’an gargaaruuf fedhii qabaachuu dubbatti ispeeshaalistiin kun.












