Sirba 'Kun jaalala mitii maraachaadha' jedhuun kan beekamtu Sittiinaan maalitti jirti?

Madda suuraa, Nagaash Qimaant
Sittiinaa Abbaaduulaa artistii gameettii aadaa Oromoo Jimmaa weelluudhaan beeksistedha. Wellistuun kun waggoota dheeraaf dagatamtee turtus, Jimmi yeroo ka’u welluunshee biraa hafee hin beeku jedhama.
Sittiinaan sirboota aadaatii hanga qabsoo Oromoo, Jimmaa hanga Finfinneetti wellistoota Oromoo gameeyyii waliin wellisaa turte. Afaan Oromootiin cinaattis afaanota biroo lamaan sirbaa turte.
Waggoota soddomaa as ammoo addunyaa sirbaa keessaa baatee qalbii ishee gara Diinii [amantii]’tti deebifatteetti.
Sittiinaan godina Jimmaa aanaa Limmuu Kossaa magaalaa Limmuu Gannatitti maatii amantii isaaniitti cimoo ta’an irraa dhalatte. Magaalaa Jimmaa ganda Mantiinaatti guddatte. Isheen ijoolludhumaan sirba haa jalattuyyuu malee abbaanshee yaada isheetti gammadoo hin turre.
Sittiinaan ijoollummaa irraa eegaltee bu’aa ba’ii aartii Oromoo keessatti dabarsite, gumaachaa fi mudannoo ishee BBC’tti himteetti.
Imala aartiishee
Ijoollummaadhuma isheerraa kaastee akka sirba leellistu kan himtu, Sittiinaan ALI bara 1960’moota keessa gara aartii guddattuu magaala Jimmaa sadarkaa gandaa jirutti seenuun imala aartii ishee akka jalqabde yaadaan qaaritee dubbatti. Yeroo “walgahiin godhamuu” fi “mana cidhaatti, utuman tumamuun dhaqee sirba” jechuun jaalala aartiif qabduun haala rakkisaa dabarsuu yaadatti Sittiinaan.
“Abbaankoo ammoo Aliima, nama sheekii masgiidatti sagachiisudha. Ni sodaannas, sirbuu” jechuun maatiin sirbuu isheetti badaa gammadoo akka hin turres kaasti.
Ijoollummaadhumaan hawaasa Jimmaa biratti kan leellifamaa turte Sittiinaan, hawaasni naannichaa “obboleessakoo tokkooniyyi achi [mana muuziqaa Yaareed kan Finfinneetti argamu] galchi, sagaleen isiis miidhagaa waan ta’eef achi galchi” jechaa akka turan kaasti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boodarra gara poolisii orkestiraa Jimmaa seenuu, artistii beekamtuu amma lubbuun hin jirre, Almaaz Tafarraa waliinis sirbaa akka turan dubbatti, wellistuun kun. Dhamaatii isaaniitiifis ji’aan qarshii sagaltama akka argataa turan dubbatti.
Hamma maqaa masoo ishee ta’uutti kan gahe ammoo sirba isheen jalqaba wellistee hawaasa Oromoo biratti ittiin beekamtedha: Burtukaanii mitii hadhaa’aadhaa, kun jaalalaa mitii maraachaadhaa kan jedhu akka ture dubbatti, Sittiinaan.
Welluu kana keessatti, Sittiinaan sagalee kilolee isheetiin qofa otoo hin taane gattumee Oromoo Jimmaa biratti beekamuun dabaalamuun bareedina magaalaa Jimmaa mul’iste.
Kanaanis beekamtii guddaa horatte. Welluun ‘Burtukaanii’ sirba aadaa qabiyyee jaalalaa qabu yoo ta’u hawaasa Oromoo bira darbee akka biyyaattuu kan beekamedha.
Burtukaanii mitii hadhaadha, mitii hadhaadha kun jaalalaa mitii
Bokkaa roobee malee Burtukaanii
Qaqawwee bu’emoo Burtukaanii
Siifan bohee malee Burtukaanii
Anis du’eemoo Burtukaanii
Burtukaanii mitii hadhaadha, mitii hadhaadha kun jaalalaa mitii
Ulee ijoollee Jiddaa Burtukaanii
qabattee hin arginee Burtukaanii
Mudhii ijoollee Jimma Burtukaanii
hammateen hin arginee Burtukaanii…
“Abdii Qophee, Jamaal Guutamaafi Tamkiin Abdulhaakiim [obboleessa ishee] walaloo sirba” isheetiif barreessaa turuu kan himtu, artistiin kun, “irraa caala Abdii Qophee [Mohaammad] tu naa barreessa” jetti.
Erga mootummaan Sooshaalistii Dargii kufeen booda ammoo Finfinnee deemuun imala aartii ishee bara 1980’moota keessas akka ittifufte yaadatti, wellistuun kun.
Kufaatii Dargii fi Turtii Finfinnee
“Qaallichi Abbaa Raayyaa” jedhaman tokko, “Yaa Sittiinaa, mucattiin tokko sirba borcaa jirtii, sirba aadaa Jimmaa nama dabarsu [sirbu] dhabnee, adaraa akka sagalee kanaan dhaqxee” sirbitu jedhamtee gaafatamuu kan yaadattu artsistiin kun, sanumaan Finfinnee deemtee baandii Gadaatti dabalamuu yaadatti.
Baandii Gadaa keessattis akkuma hojii tolaatti dhama’aa turuu kaasti. Haala siyaasaa yeroo sana tureenis walqabatee haala rakkisaa ta’e dabarsuu himti.
“Siyaasni egaa isuma beekamu, cimaadha; siyaasa badaa [baay’ee] hojjenna” jechuun haala yeros ture kan yaadattu, Sittiinaan oliif gadi miliqaadhuma akka turan kaasti.
Finfinnee deemuu isheetiin carraa bal’aa artistootaa fi qabsaa’aota Oromoo hedduun walbaruufi waliin hojjechuu akka kenneef kan kaastu, Sittiinaan artistoota gameeyyii akka Zarihuun Wadaajoo, Ilfinash Qannoo, Fitaabeer Guddinaa, Hayiluu Kitaabaa, Daawwitee Mokonnin, Nuhoo Goobanaa, Hirphaa Gaanfuree, Mohaammad Sheekaa, Gabii Eda’oofi kaan waliin baandiilee Gadaa, Bilisummaafi Maccaaf Tuulamaa keessatti sirbaa aadaa Oromoo Jimmaa qofa otoo hin taane sirboota qabsoo hawaas-dinagdeefi siyaasa Oromoos wellisteetti.
‘Burtukaaniin’ alas Sittiinaan sirboota akka Oromiyaa, Ushururuu, Siin waama yaa boonaa fi Hamma deemuu kiyyaa jedhamaniin beekamtii bal’aa horattee turte.
“Rakkisaadhagaa, anillee hedduu waa danuu hin argine; hidhaanis jira, yeroo ati waa’ee ABO [Adda Bilisummaa Oromoo] kana kaastee sirbite” ija keessa seenuufi gaaga’amaaf saaxilamaa akka turanis himti wellistuun kun.
Bara 1990’moota keessas artistoota Oromoo gameeyyii waliin ta’uun baandii Maccaaf Tuulamaa keessatti wellisaa akka turtes kaasti Sittiinaan.
Yeroo wellistu “lafa dhiiteen sirba” kan jettu Sittiinaan, “Oromiyaa yeroon sirbu boohaan sirba waan ta’eef, uummanni na wajjiin boo’a” ture jechuun yaadatti.
Keessumaa sirbi Oromiyaa jedhu “waa’eedhuma jireenyaa sitti hima” kan jettu wellistuun kun qabsoo Oromoo yeroo sana keessattis akka gumaachaa turte dubbatti.
“Buna keenyallee bu’ataa jiru
Warqii keenyallee guurrataa jiru
Biyya isaaniitiin ittiin guddisuuf
Nama isaaniitiif ittiin barsiisuuf
Salphanneee jirra, kabajaa dhabnee
Biyya keenyarratti gad dhidhiitamnee…”
“Baay’ee wal jaalanna; Wallaahii baay’ee, wal mararfanna; walii walaloo walii kennina; walii yeedaloo walii kennina; wanti akkasii hin jiru, sirbas yoo ta’e walii dhiista” waloomaa fi tokkummaa yeroo sana artistoota Oromoo gidduu ture yaadatti, artistiin kun.
Siboota Afaan Amaaraas sirbaa akka turte himuun, sirba Hamamaal Abaatee kan ‘Kiyyaa kiyyaa kiyyaa kiyyaa, yaa Kaadhimaa kiyyaa looshee shaggaa” jedhu garmalee jaalachuun ijoollummaan wellisaa akka ture dubbatti, Sittiinaan. Kanuma irraa ka’uun “qaallittiin tokko Kiyyaa” jedhanii akka ishee waamanis kaasti.
“Jarri Sumaalee tokko na jaalatu; sagalee kanaan Afaan Sumaalee sirbuu qabda jedhani. Hiikasaas natti himanii naa kennan” jechuudhaan mudannoo ittiin sirbaa jaalalaa Afaan Somaaleetiin wellistes yaadatti, Sittiinaan.
“Altokko Ushururuu sirbeen, ‘caammaa [kophee] hin godhatinii miila duwwaadhaan sirbi; ergaa qabaa’ naan jedhe, Abdii Qopheen. Yeroon miilaan [miila duwwaan] gadi bahee sirbu, namichi tokko” waan dhabde itti fakkaatee kophee guddaa wayii biteefii waltajjii irratti akka itti kenne himuun, mudannoo waltajjii irratti ishee mudatee ture yaadatti.

Amma maal keessa jirti?
Sittiinaan hojii sirbaa dhiisuun gara amantaa isheetti qalbii erga deebifattee waggoota soddoma akka lakkoofsise himti. Kun ammoo hawaasa biratti miira adda addaa uumuu kaasuun, “waa tokko hin gaabbu, Alhamdulillaa; bagan hojjedhes, bagan dhiises” jechuun onnattee dubbatti.
Gama biraatiin, obboleettiin ishee quxusuun, Nafiisaa Abulhaakim ijoollummaadhumaan ishee jala deemaa akka turte kaasuun amma wellistuu ta’uun aartii Oromootiif gumaachaa jiraachuus himteetti, Sittiinaan.
Arstistii gameettiin aadaa Oromoo hawaasa Jimmaa beeksiste kun ijoollee sadii qabaachuu kaasuun, jireenyi isheen amma irra jirtu badaa akka itti hin tolle afaan keessa qabaachaa, mummu’amaa dubbatti.
“Kan anaa gadiis meeqatu jiragaa, kanas yaaduun qaba waan ta’eef rakkadheera jedhee odeessuun natti ulfaata” kan jettu Sittiinaan, “ergii du’anii boodammoo dhufanii namaa boo’uurra, waan tokko tokko otuun amma jiruu otuu qaqqajeelchanii jaraafis gammachuudha. Nu yeroo tolaa hojjenne; kaasettii guutuu tolan kenne” jechuun himti.
“Kan akka Zarihuunfaa rakkateeti; Halloonis akkasuma” kan jettu Sittiinaan jiruun ishees kanumaan akka walfakkaatu kaasuun, erga namni du’ee namaa boohuu otoo hin taane jiraatti nama utubuun akka nama hin gaabbisiisne himti.
Kaasettii Burtukaanii qarshii kuma tokkoon, Ushururuu qarshii dhibba shaniin hojjechuu fi kaan ammoo namoota biroo waliin hojjechuu kan dubbattu, Sittiinaan, “inni hadhaa [har’aa], hadhuma baasee, hadhuma sooroma; keenya garuu wanti akkasii hin jiru” jetti.
Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa lammaffaa bara 2023 qophaa’e irratti badhaafamtuu kan turte, Sittiinaan artistoota dur waliin sirbaniin deebitee wal arguu isheetti baay’ee gammaduu kaasuun, gariin ammoo akka itti maramanii boo’an yaadatti.
“Nan gammade ani waansaa hin beeku, ani ammas yoo ta’e ijoollee artistii yeroon argu baay’iseen gammada” jechuun namoota duraan waliin aartii Oromoo keessatti gatii baasan deebitee arguun akka itti tole himti.
Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa lammaffaa irratti gosa badhaasa addaa “Music care award” jedhamuun bara 2023 jalqabame irratti badhaafamtuu kan turte, Sittiinaan “takkaa namni maqaakoo kaasee hin beeku” jechuun dagatamtee turuu ishee akeektee turte.
“Nan barre, ammallee jarri [Uummanni Oromoo]; ganaadha jechuunis gumaachi ishee haalan akka hin hubatamne kaasti.
Yeroo ammaa magaalaa Jimmaa ganda Mantiinaa mana bulchiinsi magaalichaa isheef kenne keessa jiraachaa kan jirtu Sittiinaan, tibbana ammoo waa’een gumaachi ishee fi haalli amma itti jirtu miidiyaa hawaasaa irratti dubbii ijoo ta’eera.
Namoonni fi hiriyoonni ishee durii biyya keessaa fi alaa irraa bilbilanii akka gaafachaa jiranii fi ishee gargaaruufis sochiin tokko tokko jiraachuu BBC’tti himteetti, wellistuun kun.












