Dubartiin Israa'el waggoota 50'f Filisxeemota buqqisuun qubsuma babal'isaa jirtu eenyu?

Daani'ellaa Waayis

Madda suuraa, BBC/Goktay Koraltan

Gara jabeettii naatoo namaa hin qabne jedhanii bulguutti kan fakkeessan jiru. Keessumaa Filisxeemotaafi lammiilee Israa'el mirga Filisxeemotaaf quuqaman biratti Daani'eellaa Waayis akka malee balaaleffatamti.

Qubattoonni Israa'el Weest Baank keessaa Filisxeemota buqqisuun qubsuma babal'ifatan ammoo 'nama Rabbi biraa ergamte' fakkeessanii jaju. Maqaa masoo "Giiftii Qubattootaa" (the god mother of settlers) jechuunis waamu.

Ilaalcha finxaalessummaa qabdi jedhamuun himatamti. Keessumaa Filisxeemonni Weest Baank keessa jiraatan akka buqqa'aniifi qubattoonni Israa'el garas deemun bakka qabatanii lakkoofsi qubattootaa akka dabaluuf umuriishee walakkaa ol hojjataa jirti.

Yeeroo ammaa lakkoofsi qubattoota Israa'el Weest Baank keessa jiraatanii walakkaa miliyeenaa ol ta'ee jira.

Qubattoonni Israa'el kun Weest Bakkeewwan garaa garaa keessa faca'uun kan gaggeeffamu yoo ta'u, yeroo ammoo qubsuma gara magaalaa xixiqqootti ol guddate 140 ta'antu jira.

Daani'eellaa Waayis qubsuma kana hundumaa keessaa harka akka qabdu dookumentarii BBCn "The Settlers" jechuun hojjate irratti dubbattee turte.

Biyyoota Awurooppafi Ameerikaa dabalatee Yihudoonni biyyoota garaa garaa irraa dhufuun Weest Baank keessa akka qubataniif waggoota 50 darban hojjataa turte.

"Waggoota 50 darban qubsuma ijaaraman hundumaa keessatti hirmaadhera," jechuun dubbatte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'eel Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day) jedhamuun beekamu bara 1967tti biyyoota Arabaa wajjin gaggeessiteen Weest Baank Yordaanos irraa fudhatte.

Bara 1975 irraa eegaluun qubattoonni Weest Baank keessatti akka gaggeeffamu hayyamte.

Qubattoota Israa'el bara 1975tti jalqaba Weest Baank qubatan keessaa Daani'eellaa Waayis ishee tokkoodha. Yeroo sana qubattoota lakkoofsan 10 hin caalletu achi qubate.

Waggoota 50 keessatti lakkoofsi qubattootaa Israa'el Weest Baank keessa buufatanii 500,000 hanga 700,000 akka ta'an ragaaleen ni agarsiisu.

Daani'eellan amma dubartii ganna 79ti. Daayireektara dhaabbata Sochii Qubattootaa NACHALA jedhamuu ta'uun tajaajilaa jirti. Gareen qubattoota ilaalcha leellistummaa qabaniifi Weest Baank bakki Filisxeemonni hedduun jiraatan durduriinsaan kan "abboota keenyati" jedhanii amananiidha.

Weest Baank maqaa "Yihudaafi Samaariyaa" jedhuun waamu. Muummee Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu dabalatee Yihudoonni heddu Weest Baank maqaa Yihudaafi Samaariyaa jedhuun waamu.

Yihudaafi Saamaariyaan jedha 'Macaafa Qulqulluu' keessaa fudhatame yoo ta'u, "lafa kana Waaqayyotu abboota keenyaf kakatee kenne" jechuun amanu.

Gareen Sochii Qubattoota NACHALA jedhamuufi Daani'eellaa Waayis gaggeesitu kun Weest Baank "achii dhufi isaa kan abboota keenyati" jechuun Macaafa Qulqulluu akka ragaatti dhiyeessu.

"Filisxeem yoomiyyuu biyya ta'uu hin dandeessu"

Daani'eellaan akka jettutti kaayyonshee lakkoofsi Yihudootaa Weest Baank keessa jiraatanii hanga danda'ametti miliyeena tokkoo ol akka ta'uufi furmaata waldhabdee Israa'eliifi Filisxeem jaarraa tokkotti dhiyaateeti ta'a jedhamuun kan yaadamu, Filisxeem biyya walabaa gochuu, danquudha.

Qubattoonni Israa'el walakkaa jaarraa keessatti walakkaa miliyeenaa ol akka ta'an gochuu keessatti shoorri Daani'eellaa Waayis olaanadha.

Turtii waggaa jaha dura miidiyaa Israa'el Haaretz wajjin taasifteen, lakkoofsi amma jiru miliyeenaa ol akka ta'u halkanii guyyaa akka hojjattu himte.

Gaazexeessaa Haaretz kan ta'e Biraadlii Baristan akka jedhutti, sochii Daani'eellaafi fakkaatonnishee taasisaniin abjuun Filisxeem biyya ta'uu dukkanaa'era.

Biraadliin akkuma Daani'eellaa lammii Israa'el yoo ta'u, sochii qubattoonni Israa'el Weest Baankitti taasisan ni morma, egeree Israa'elis kan dukkanessu ta'uu ibsuun Daani'eellaan maalif Filisxeemota buqqisuun qubattoota akka qubachiiftu gaafate.

"Falaasamni kiyya [Israa'elota Weest Baank keessa qubsiisuu] olaantummaa argachuusaatti gammachuutu natti dhagahama; akkasumas yaada furmaataa biyya lama jedhu akka hin milkoofne godhee jira," jechuun deebii laatte.

Weest Baank keessa Israa'elota heddu qubachiisuusheerraa kan ka'e "Filisxeemonni bakka kamitti biyya mataasaanii ijaarratu?" jechuun qabatamaan lafarratti hojiin qubattoonni akka ishee hojjatan Filisxeem biyya walabaa akka hin taanef karaa cufee akka jiru himti.

Daani'eellaan ofiishee qarqara Galaana Meditiraaniyaanii magaalaa Tel Aviiv irraa dhufuuni Weest Baank kan qubatte. Teel Aviiv yeroo jiraatan jireenya gaarii akka qaban himuun garuummoo abjuu qubattoota Weest Baank keessa qubsiisuu galmaan gahuuf jireenya gaarii dhiiftee akka dhufte himti.

"[Yeroo jalqaba dhufnu] namoonni maalif bakka dukkanaa [misoomni homaatuu hin jirre] deemtu? Amma achi [Weest Baank] deemtanii dunkaana keessa jiraachufii? nuun jechaa turan. Dhuguma ammoo jireenya mijataa keessaa bahanii jireenya darabaa jiraachuun maraatummaa fakkaata ture," jechuun kumaatama achi qubsiisuu karoorfattee akka dhufte himti.

Bara 1975tti qubattoonni jalqabaa dhufanii yeroo Weest Baank keessa buufachuun dunkaana dhaabanii jiraachuu eegalan waraanni Israa'el achii akka deemaniif hari'aa ture.

Loltoonni Israa'el qubattoota kana hari'us nuffii malee deddeebi'anii dunkaana dhaabun jiraachuu eegalan.

Boodarra kibba Naabulisitti kan argamu buufata waraanaa cinaa akka qubataniif mootummaan hayyameef. Ministiira Muummee Israa'el yeroo sanaa kan turan Isaak Raabin, namoonni kun jireenyi baadiyyaa gaafa itti ulfaate ofiiin nuffanii deemu jedhee amanaa akka ture ibsa gabaasni Haaretz.

Daani'eellaa fa'aan garuu qubsumaasaanii babal'isuun qubattoota kaan hawwachuu itti fufan.

"Dhuma bara 1975 yeroo dhufnu, guutummaa Yihudaafi Samaariyaa [Weest Baank] keessa qubattoonni jiraatan maatii Yihudootaa 10 hin caallu turre. Amma guutummaa Yihudaafi Samaariyaa keessa Yihudoota walakkaa miliyeenatu jira," jechuun ibsiti.

Lakkoofsi qubattootaa akkaan dabalaa deemun ammoo Filisxeemonni Weest Baank akka biyya walabaatti akka hin ijaarranneef danqaa uuma.

Hojiin qubattoota heddu qubsiisuu isaan hojjatan abjuu Filisxeem biyya walabaa ijaarrachuu dukkaneessee akka jiru ibsiti Daani'eellan.

"Jalqabarratti [Filisxeem biyya akka hin taane] ani nan beeka. Gama siyaasatiinis, waan qabatamaan lafarratti hojjatames yoo ilaalte waanuma ta'uu danda'uu miti.

"Yihudoota kuma dhibbaan lakkaa'amantu as [Weest Baank] jira. Baha Yerusaalem keessas Yihudoota 3000 ta'antu jira. Filisxeem eessatti biyya taati?" jechuun yaada Filisxeem biyya ta'uu jedhu tasumaa ta'uu akka hin qabne himti.

'Lafti laga Efraaxisii hanga Naayilitti jiru kan keenya ta'a'

Kaayyoon Daani'eellafi namoota akka ishee qubsuma babal'isuuf dhimmanii hojjatanii Weest Baank qofaatti kan dhabbatu miti.

Biyyoota ollaa kanneen akka Iraaq, Sooriyaa, Libaanos dabalatee hanga laga Naayilitti kan Israa'el gochuudha.

Akka isheen jettutti daangaan Israa'el kan ammaa kanaan kan daangahu osoo hin taane laga Efraaxiisii kaasee hanga laga Naayilitti "Waaqayyo akka abbootasaanif kakate" amanti.

"Biyyi Yihudootaa lafa Waaqayyo Macaafa Qulqulluu keessatti laga Efraaxisii hanga Naayilitti kakateef akka ta'un barbaada. Kuni ammoo akka ta'u shakkii hin qabu," jette turtii Haaretz waliin taasifteen.

Kun Kibba Libaanos fa'aa ni dabalataa jedhee gaazexeessan Haaretz yoo gaafatu, "Eeyyee, [Kibba Libaanos qofa osoo hin taane] Iraaq hamma tokko, Iraan hamma tokkoofi Sooriyaa hamma tokko kan dabalatuudha," jechuun deebifteef.

Kana milkeessuf ammoo toora tooran itti deemaa akka jiran himti.

Weest Baankitti qubattoota heddu qubsiisuun akka milkoofte himti. Ammayyuu namoonni heddu Weest Baank dhufanii lafa akka qabatan waamicha gochaa jirti. Kan ittaanu Gaazadha.

Israa'elifi Hamaas gidduutti bara 2023tti waraanni eegaluu hordofee Daani'eellaa Waayisiifi namoonni akkashee Gaazarra ija kaa'ataniiru- akkuma Weest Baankitti godhan Gaazattis qubsuma gaggeessuf.

Daani'eellaa Waayis bara darbe turtii BBC waliin taasifteen, Yihudoota Gaazaa keessa qubsiisuuf sochii eegaluu himte. Kanaaf ammoo namoota 500 fedhiin Gaazaa keessa qubachuu barbaadan galmeessitee jiraachus ibsite.

Israa'el waraana kanaan dura Hamaas wajjin gaggeessitee turteen Gaazaa qabachuu hordofee qubattoonni Israa'el 9,000 ta'an Gaazaa keessa buufatanii turan.

Haa ta'u garuu bara 2005 Gaazaa gadi dhiistee bahuun qubattoota achi turanis waraanni Israa'el dirqiin baase.

Qubattoonni akka Daani'eellaa garuu tarkaanfii sana dogoggora seenati jechuun mootummaa Israa'el komatu.

Hamaas bara 2023 Israa'el irratti lola banuu hordofee qubattoonni Israa'el duraan Gaazaa keessaa bahaniifi kaanis yeroon Gaazaa to'an amma akka ta'e duula gaggeessaa jiru.

Filisxeemonni Gaazaa keessaa bahuun biyyoota Arabaa keessa qubachuu qabu jettee amanti.

"Araboonni Gaazaa achi keessa turuu hin qaban. Eenyutu achi [Gaazaa] taa'uu qaba yoo jedhame Yihudoota."

"Addunyaan bal'oodha, Afrikaan guddoodha, Kanaadaan guddoodha, Addunyaan uummata Gaazaa fudhachuu ni danda'a," jechuun BBCtti dubbattee turte.