Imala obbolaa dubaraa arfan daa'imummaa irraa hanga PhDn milkaa'uutti

Madda suuraa, Dr Seble
Akka saddettan dhala leencaa obbolaa saddet ta'anii haadhaafi abbaa tokko irraa dhalachuun waliin burraaqaa guddatan. Gara jalqabaa durboonni shan walitti aananii dhalatan. Obboleeyyan dubaraa shanan boodarra ammoo obbolaa dhiirotaa sadii argatan. Isaan keessaa arfansaanii PhD hojjatan.
Abbaan ilmaan saddetii Obbo Hayiluu Digiluu Joorgoo ammoo ogeessa fayyaa turan. Haatisaanii Aadde Eelsaabeet Qixxeessaa Gumaa waa mara dandeessee kunuunsitee isaan guddiste.
Abbaan isaanii barnootaaf bakka addaa qabu turan. Suurri hunda isaanii gurrooduuba isaaniitti fannifamee taa'a. Erga baratanii eebbifamanii booda suurri ijoollummaa isaanii kaafamee kan eebbaatiin bakka bu'a. Kun keessa isaaniitti xiiqii uumuun akka milkaa'aniif yaadameetu.
Obboleeyyan saddettanuu barataniiru. Hunduu digirii jalqabaatiin eebbifamaniiru. Shanan isaanii ammoo barnoota digirii lammaffaa, Maastarsii goolabaniiru.
Shanan isaanii keessaa ammoo dubartoonni afur barnoota digirii sadaffaa (PhD) isaaniitiin eebbifamaniiru. Seenaa obboleeyyan arfan barnoota PhD'n milkaa'anii BBC'n akkanaan qindeesseera.
Sablee Hayiluu (PhD) maatiisheetiif intala lammaffaa yoo taatu, ogeettii gaggeessummaa fi xiinsammuuti. Raadiyoo Shaggar sagantaa 'Gaaffii tokko qaba' jedhu irratti ganna 12 ol tola ooltummaadhaan tajaajilteetti.
Saganticha irrattis gaaffilee xiinsammuu dhaggeeffatoonni kaasan deebisuudhaan beekamti.
Dhuunfaadhaan ammoo saayinsii geggeessummaa fi xiinsammuus walitti fiduudhaan leenjii kenniti. Tajaajila waldhaansaafi gorsa xiinsammuus kenniti.
'Namni barate hin kufu'

Madda suuraa, Dr Seble Hayiluu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan isaanii Obbo Hayiluun ogeessa narsii akkasumas Faarmaasii turan. Haatiisaanii Aadde Eelsaabeet ammoo barreessituu ta'uun tajaajilaa turan. Haadha manaaf abbaa manaa wal jaalatan turan.
Abbaafi haatisaanii ''namoota amantaa turan. Abbaa manaaf haadha manaa wal kabajan, wal jaalatan turan'' jechuun ibsiti Dr. Sableen.
"Banootaaf bakka olaanaa qabu. Namni barate hin kufu. Namni barate ofta'ee jiraachuu danda'a jechuun waan amananiif hundimti keenya akka barannu barbaadu" jechuun waa'ee abbaafi haadhashee dubbatti Dr. Sableen.
"Suurri saddeettan keenyaa gorroduuba mana keenya irratti maxxanfama. Yeroo namni baratee eebbifamu suurri ijoollummaa isaa achii ka'ee suura eebbaatiin bakka buufama. Barnoota jajjabeessuudhaaf karaa isaan ittiin nu onnachiisaa turan keessaa isa tokkodha" jechuun oolmaa maatiishee kaasti.
"Namoota jaalalaafi tokkummaa maatiitti amanan turani. Akka nuti wal gargaarru nu jajjabeessu turan. Kanaaf, wal gargaaraa guddanne. Haalli guddina keenyaa maatii, amantaafi barnootaa kan bu'uureffatedha.
''Maatiin keenya akka nuti barannu baay'ee barbaadu. Hundi keenyayyuu digirii jalqabaa qabna. Shanan keenya ammoo digirii lammaffaa qabna. Arfan keenya ammoo digirii sadaffaa (PhD) keenya baranne. Arfan keenya yeroo digirii sadaffaa hojjennu salphaa hin turre" jechuun ibsiti.
Fedhiisaa qabna turre. Obboleettii keenya ishee sadaffaa, Dr. Xeenaayee Hayiluuti kan dursee PhD barachuu jalqabe. Banoota ishee sadarkaa olaanatiin gahuu waan barbaaddeef barnootashee digirii sadaffaa yunivarsiitii Campbell'tti eegalte. Xeenaayeen (PhD) ogeettii waldhaansa gaa'ilaafi maatii 'marriage and family care therapist'ti.

Madda suuraa, Dr Seble
Maatiisaanii keessaa Dr. Xeenaayeen rakkoon dubbisuun walqabatu 'Dyslexia' jedhamu waan qabduuf, barnootatti xiyyeeffannoo addaa akka hin kennine kan yaadachiistu, obboleettiin hangaafaashee Dr. Sableen, "waamichadha" jettee akka amantu dubbatti.
"Ijoollummaa isheetiin rakkoon fayyaa [dubbisuu rakkisu 'Dyslexia' waan ishee mudateef, sirnaan dubbisuu rakkatti. Waldhaansoo cimaatu ture. Kanaaf, barnootatti hangana bakka hin kennitu turte. Garuu, waamichadha jetteetu itti galte" jechuun waa'ee obboleettiishee jalqaba PhD barattee dubbatti.
"Ani akkas ta'ee barachuu ergan danda'ee, isin ammoo qaxalee taatanii ana caala haala gaariin milkeessuu dandeessu jechuun nu onnachiisaa turte. Addumatti na jajjabeessaa turte. Anaaf ammoo haalonni naaf hin mijanne tokko tokko turan,'' jechuun haala ture yaadatti Dr Sableen.
''Kafaltiinsaa olaanaadha. Akkamittan deddeebi'aa baradha. Hojiikoo akkaman godha. Itti gaafatamummaakoo biroo maalan godha?" gaafiin jedhu barnoota PhD ishee eegaluuf akka ishee rakkise kaasti Dr. Sableen.
Gartokkee manni barnootichaa carraa barnootaashee deggaruun kaan ammoo obboleeyyanshee dubaraa keessumaa Dr. Xeenaayeen deeggaruun barnootashee akka eegalte yaadachiisti. Haala kanaan nama lammaffaa maatii isaanii keessaa barnoota PhD eegalte taate.
Haala kanaan barnoota PhD ishee akka eegalte kan kaan kaastu Dr. Sableen isheen ammoo hangafa ishee Dr. Masarat akkasumas qixisuu qixisuushee kan taate Dr. Tsaggaanesh onnachiisuun barnoota digirii sadaffaa akka eegalan taasisuu dubbatti.
Haaluma kanaan lamaan isaanii barnoota PhD isaanii eegalani. "Haala kanaan waamicha keenya, ogummaa keenya waliin barnoota deemu" barachuu akka eegalan himti.

Madda suuraa, Dr Seble Hayiluu
Yunivarsiitii Finfinneetii hanga Yunivarsiitiiwwan Ameerikaatti
"Anii fi qixisuunkoo Dr. Xeenaayee kan walitti dhiyaatudha. Dr. Xeenaayeen waldhaansa gaa'ilaafi maatii baratte. Ani kanaan dura waldhaansa gorsa xiinsammuun [Counselling psychology] baradhe.
''Waldhaansa irratti waan ogummaadhaan walitti dhiyaatan hedduu qabna. Manni barumsaa keenya garuu gara garadha. Isheen yunivarsiitii Campbell'tti baratte. Ani ammoo duraan Mega/Oxford graduate jedhama amma bakka jedhamuttan baradhe'' jetti.
Rakkoon baay'een sadarkaa dhuunfaafi maatii qofatti otoo hin taane jireenya hawaasummaatiin hidhata qabaachuu kan kaastu Dr. Sableen, erga waldhaansaafi gorsa xiinsammuu irratti ganna baay'ee hojjetteen booda gara jijjiirama hawaasaatti luucceffatte.
"Namni [waldhaanamee] jijjiirame tokko gara sirna hawaasummaa hin jijjiiramneetti yoo deebi'e hudhameetu hafa" kan jettu Dr Sabaleen, qorannoon ishee hedduun jireenya hawaasummaatiin, jijjiirama hawaasaa fiduun akkamiin danda'ama kan jedhu irratti xiyyeeffataa dhufe.
Ogummaan Dr. Masaratii fi Dr. Tsaggaanesh ammoo narsiingiidha. Barnoota PhD isaanii ammoo Yunivarsiitii Aspen Koloraadootti hordofani. Dr. Tsaggaanesh Ispeeshaalistii dhukkuba Movement disorder jedhamuudha.
Dhukkubsattoota rakkoo nuuroolojii qaban irratti xiyyeeffachuun qorannoo taasiste. Dr. Masarat digrii jalqabaa barnoota Baayolojiitiin Yun. Finfinnee irraa eebbifamte.
Hospitaala McLaren Flint keessatti ammoo narsummaadhaan tajaajilti. "Hospitaala isaanii keessa [dhukkubsattoonni] kufuun baay'inaan mul'ata ture. Sun ammoo rakkoo fi gaaga'ama geesisaa ture. Dhukkubsattoota kanneen gaaga'amarraa oolchuu irratti fuulleffachuun qorannoo taasiste" jechuun ogummaa obbolashee lamaan kan boodarra PhD isaanii eegalanii ibsiti Dr. Sableen.

Madda suuraa, Dr Seble
Dr Sableen digirii jalqabaa Maaneejimantii fi bulchinsa hawaasaatiin [Management and Public Administration], digirii lammaffaa ammoo Saayikoolojiidhaan Yunivarsiitii Finfinnee irraa eebbifamte.
Dabalataan ammoo, digirii lammaffaas Ameerikaa Varjiiniyaa, Liibartii yunivarsiitii irraa Gorsaan [Counselling] dhaan xumurte. Digirii biraas Tiwoolojiidhaan Kolleejjii Ivaanjelikaal irraa Digirii ishee lammaffaa xumurte. Dhiyeenya ammoo digirii sadaffaa (PhD) ishee yunivarsiitii Oxford Tennessee irraa argatte.
Dr. Xeenaayeen digirii jalqabaashee Akkaawontingii biyya Ameerikaatti baratte. Digirii lammaffaa ammoo waldhaansa gaa'ilaafi maatiitiin Oklaahoomaatti baratte.
Phd ishee ammoo Ameerikaa Koloraadoo, yunivarsiitii Campbell irraa eebbifamte. Dr. Tsaggaanesh digirii jalqabaa fi lammaffaa ishee ogummaa narsiingiitiin Metropolitan State University Saint Paul, Minisootaa, Ameerikaa irraa eebbifamte. PhD ishee ammoo yunivarsiitii Aspen Koloraadootti baratte.
Ogummaan "koo fi Dr. Xeenaayee waldhaansa xiinsammuu irratti kan xiyyeeffa yoo ta'u Dr. Masaratii fi Dr. Tsaggaanesh ammoo waldhaansa fayyaa qaamaa irratti fulleffatan" jechuun dubbatti Dr. Sableen.
Imalli barnoota obboleeyyan dubaraa arfan Finfinneedhaa hanga Ameerikaatti dheerate milkiin kan goolabame.
'Hakimaafis hakimatu barbaachisa'

Madda suuraa, Dr Seble
"Abbaan keenya Naqamtetti ogeessa [fayyaa] narsii ture. Beeruut deemees barateera. Faarmaasiis Yunivasrtii Finfinneetti barateera. Dhaabbata fayyaa Iswiiz, F. Hoffmann-La Roche jedhamuufis bakka bu'aa meedikaalaa ta'uun hojjeteera.
''Mana qorichaas qaba ture. Mana qorichaa Iyyesuusii, Madaanalemiifi Madin jedhaman kan isaa turan. Kanaaf, maatiin keenya seenaa ogummaa waldhaansaatiin walqabatu qaba" jechuun haariiroo abbaanshee ogummaa fayyaa waliin qabu himti Dr. Sableen.
Faana abbaasaanii hordofuudhaan obboleessi isaanii tokko ogummaa Faarmaasii barachuu, obboleeyyanishee dubaraa lama ogummaa narsiingii baratanis "faana ogummaa abbaa keenyaa qabatanniru" jechuun dabaltee himti Dr. Sableen.
Maatiinsaanii ofirraa hafanii namoota biroof kan yaadan turan kan jettu Dr. Sableen, gara ogummaa waldhaansa fayyaa qaamaa fi xiinsammuutti luucceffachuun obboleeyyanshee sanaan akka walqabatu himti.
"Hundumti keenya gammadodha. Anii fi obboleettiinkoo qixisuun dhimmoota gorsaa fi waldhaansa xiinsamuutiin walqabatan baay'ee waan ilaalluuf waliin mari'anna. Walii keenya wal gargaarree hojjenna.
''Madaa xiinsammuu namootaa dhaggeeffachaa waan oolluuf nurratti dhiibbaansaa ni ulfaata. Hakimaafis hakimatu barbaachisa akkuma jedhamu, walii walii keenya gargaarra" jechuun kan kaastu Dr. Sableen, dhimma maamiltootaa isaan mudatan xiinxaluun olitti dhiibbaa isaan irra jirus hir'isuudhaan akka qoricha waliif ta'an ibsiti.
"Nuti rakkoo mataa keenyaayyuu baachuun nutti ulfaateera. Ati akkamittiin kan nama kana hundumaa dhageessa naan jedhu ijoolleenkoo. Dhugaa dubbachuuf, lamaan keenyayyuu akka waamichaatti yaanna. Namni waan uumameef yeroo hojjetu, waamichaa isaatiif yeroo jiraatu gammadaa ta'a" jechuun ogummaa isaaniitti gammadoo ta'uu ibsiti.
Dr. Masarat sadarkaa gaggeessummaa olaanaarra hojjechaa turte. Dr. Tsaggaaneshis ogummaa narsiingiitiin keessummaa movement disorder irratti fuulleffachuun tajaajila waldhaansa fayyaa akka kennan himti.
Kanaanis, "hundumti keenya ogummaa irratti bobbaane irratti gammadoo taanee hojjechaa jira" jechuun ibsiti Dr. Sableen.
'Barnoonni PhD imala salphaa hin turre; Imala abdii nama kutachiisudhas…'

Madda suuraa, Dr Seble
"Hundumti keenya imala jajjabaa keessa dabarre. Qormaata barnootaan walqabatu mo'anii darbuunis cimaa ture. Digirii jalaqabaa irraan kan hafe kan lammaffaafi sadaffaa" otoo hojjetanii akka baratan himti Dr. Sableen.
"Barnoonni PhD imala salphaa miti" kan jettu Dr. Sableen, obboleeyyan kunneen ijoollee guddisaa, itti gaafatamummaa maatiifi barnootaa baatanii cichoominaan sadarkaa kanarra gahuun imala ulfaataa akka ture ibsiti.
"Haala kana keessa taa'anii barnootaan milkaa'uun, ittigaafatamummaa salphaa miti. Cichoomina guddaa gaafata. Kufuuf ka'uu gaafata. [Barnootarraa] ari'atamnee beekna. Deebineemmoo eegalleerra. Bu'aa bayii hedduu qaba. Digirii sadaffaa ennaa barannu ammoo waantonni addaan citan baay'een turan.
''Sababa weerara Kooviid-19'n barnoota keenya addaan kunne turre. Miseensi maatii nu jalaa boqotes jira. Miirri keenya miidhamee ture. Imala abdii nama kutachiisudhas" jechuun bu'aa bayii keessa darban kan yaadatu Dr. Sableen, sadan isaanii vaayirasii Kooviid-19 dandamatanii akka darbanis dubbatti.
Imalli barnootaa mataansaa qormaata ofiisaa qabaachuu kan kaastu Dr. Sableen, yeroo PhD barattu "gorsaan al afur natti jijjiirameera. Sana jechuun qorannookee akka haaraatti irra deebitee eegalu akka jechuuti" jechuun bu'aa bayii ishee mudate himti.
''Bu'aa bayii hedduu keessa baanee waan baranneef imala salphaa miti; danqaalee baay'ee qaba. Imala dheeraafi nuffisiisaa ture, garuu haala kana hunda cichoominaan darbinee milkaa'uu dandeenye.''
"Dubartiidhaaf imalli jireenyaa salphaa miti. Bu'aa bayii baay'ee garuu mo'ichaan darbuun ni danda'ama ergaa jedhuuf fakkeenya gaarii ta'uu dandeenya jedheen amana. Waanti hunduu nuuf mijaa'ee miti kan baranne,'' jechuun ibsiti.
Itti dabalunis, "Dhugaa dubbachuudhaaf milkaa'inni barnootaa keenya baay'ee qaroo waan taaneefi sammuu addaa waan qabnuuf miti. Tokkoo tokkoon keenya baay'ee rakkanneetu kan baranne'' jetti.
''Gariin keenya ammoo wal gargaarreetu as geenye. Haala ulfaataa keessa dabarree kaayyoo uumamaneef milkeessuu ni dandeenya. Namoota kan jajjabeessinu ofta'uudhaan. Dubartoota jajjabeessuun barbaada.
''[Qormaata] nuti keessa dabarre namoonni keessa darbuu danda'u. Jireenya keenyarraa barachuu danda'u. Dubartoonnis walii waliisaanii gargaaruun milkaa'uu danda'u" jechuun gorsiti ogeettiin waldhaansa xiinsammuu kun.
'Waan tokko jalqabuurra xumuruutu caala'

Madda suuraa, Dr Seble
Obboleeyyan arfan bu'aa bayii jireenyaa jajjabaa keessa darbuun yeroo gara garaatti barnoota digirii sadaffaa isaanii milkiin goolaban kunneen, dhuma ji'a Bitootessaa walitti dhufuun guyyaa itti Waaqa galateeffataniifi waliin gammadan tokko qopheessan.
"Haati keenya waan tokko jalqabuurra xumuruutu caala jetti. Gargaarsa uumaa keenyaafi oolmaa maatii keenyaatiif beekamtii kennuu barbaanna.
''Haatii fi abbaan keenya amma lubbuun hin jiran. Garuu nu jaalatanii, nu gargaaranii bakka kanaan waan nu gahaniif, leegaasii isaanii jiraannee itti fufsiisuudhaan beekamtii kennuuf jenneetu firoottan haadhaafi abbaa keenyaa, namoota mana amantaatti nu tajaajilan, firootaa fi hiriyoota keenya hunda waamnee waliin gammaduu fi galateeffachuuf.
''Walii walii keenyas baay'ee wal gargaarreerra. Maallaqaan, beekumsaan walgargaarreerra. Namni tokko qofaasaa kaayyoo jireenyasaa jiraachuu hin danda'u waan ta'eef tokkoon keenya waamicha nama biraa deeggaruudhaan as geenyeerra'' jetti Dr Sableen.
''Kanammoo wal galateeffachuu fi waliin gammaduutu nurra jiraata. Sababa kanaan Bitootessa 27 Bishooftuutti wal arginee guyyaa galataa qopheeffanne" jechuun kaayyoo waliiin ta'uun sagantaa qopheeffataniif ibsiti Dr. Sableen.
Suura obboleeyyan arfan PhD'n eebbifama huccuu eebbaatiin faayamanii ka'an dinqifatamuun toora miidiyaalee hawaasaarratti qoodamaa tureera.
Obboleeyyan dubaraa arfan PhD'n eebbifamiin ala obboleettiin isaanii tokko barnoota dinagdee (Economics)n eebbifamuun waajjira Biyyoota Gamtoomanii [UN] keessa hojjataa jirti.
Obbolaan dhiiraa sadii walitti aanuun dhalatanis akkasuma hojii ogummaafi biizinasiirratti bobba'uun milkaa'aniiru.
Obbolaan isaanii jalqabaa faana abbaasaanii hordofuun ogeessa Faarmaasii ta'e. Mana qorichaa abbaan isaanii hundeessan amma isatu to'ata.
Kan lammaffaa ammoo ogummaa Akkaawontiingii fi Sooshoolojii kan barate yoo ta'u Akkoo Kooffii, Akkaadamii Joorgoo fi Laabiraatoorii Wuddaasee dabalatee hojiilee biizinasii gara garaatti nama milkaa'edha.
Obboleessa isaanii duguuggaa garaa ta'e ammoo, barnootaan sadarkaa Maastersii kan gahe yoo ta'u, dhaabbata biizinasii Mo'aa jedhamu keessatti hoji gaggeessaa olaanaa ta'ee hojjetaa jirachuu kan himti Dr. Sableen, miseensi maatiisaanii hunduu daandii milkaa'inaarra akka jiru dubbatti.
"Barnoonni ofii isaatiin galma miti; daandiidha, karra saaqiidha. Bakka gahuu barbaannu akka geenyuuf kan nu gargaarudha" jechuun waa'ee barnootaa ibsiti.
Akka maatii "Hayiluu Digiluutti yeroon yaadu, hawaasa keessatti hojiilee dhiibbaa uuman hojjechuu qabna jedheen amana. Gama barnootaan, amantaatiin, biizinasiidhaan ta'uu mala waan hojjennu keessatti nurra darbee kaaniif kan ta'u, sanyii warri keenya nuun gahan nuti ammoo baay'isnee kaaniin gahuu qabna'' jechuun ofirra darbuun warra kaaniif hafuuf karoora qaban dubbatti.
''Amma jalqabbiirra jiraachuu malla, kana bal'isnee kaaniif ta'uun, itti gaafatamummaa keenyadha jedheen yaada. Waanuma dandeenyu kan fayyadu baay'isnee hawaasaaf gochuu qabna" jechuun gaarummaaf jaalala maatii isaaniirra dhaalan kaaniif gumaachuuf yaada qabaachuu dubbatti Dr. Sableen.












