Dodolaa hanga Saandiyeegoo: Imala Ispeeshaalistii onneefi barreessituu, Dr Zabiibaa Roobaa

Dr Zabiibaa Roobaa

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Ispeeshaalistii dhibee onnee kan taate Dr Zabiibaa Roobaa kitaabilee kudhan barreessiteetti

Dr Zabiibaa Roobaa Gafarsoo jedhamti. Ameerikaa bulchiinsa Kaalifoorniyaa, magaalaa Sandiyeegoo jiraatti.

Sababni achi ishee geesse ammoo barnoota. Yuniversitii Saandiyeegoo keessaa hojjechaa baratti.

Dr Zabiibaan barnoota fayyaa (Medicine) kan qo'atte yoo ta'u, yeroo ammaa damee fayyaa onneerratti xiyyeffachuun barachaa jirti.

Barnoota fayyaa onnee irratti fuulleffattee barachaa jirtu xumurraan Ispeeshaalistii Dhibee Onnee taati jechuudha.

BBC waliin turtii taasisteen Yuniversitii Saandiyeegootti hojjechaa akka barattu dubbatte.

Dabalataan barnoota xiin-sammuu (Psychology) barachuus kan himte Dr Zabiibaan, ogummaa kanaanis hojjechaa akka jirtu ibsite.

Dr Zabiibaan damee aartii keessas jirti. Wallee fi walaloo hojjechuu akkasumas kitaaba barreessuun aartii Oromoo guddisuu keessatti hirmaatteetti.

Hanga ammaatti kitaabilee seenaa, asoosamaa fi fayyaarratti xiyyeeffatan kudhan barreessitee hawaasa biraan geesseetti.

Amma ammoo iddoo dhalootashee, magaalaa Dodolaatti hospitaala ijaarsisuuf hojii eegaluu himte.

Barnoota, dalagaa, kitaaba barreessuu, hospitaala ijaaruu fi tajaajila gorsa xiin-sammuu (Psychology) kennuu akkamiin walfaana deemsisaa akka jirtu BBCtti himteetti.

Dodolaa hanga Saandiyeegoo, Kaalifoorniyaa

Dr Zabiibaa Roobaa Godina Arsii Lixaa magaalaa Dodolaatti dhalatte.

Barnootashee hanga kutaa 10 xumurtee magaalaa Shaashamanneetti barnoota IT (Information Technology) dhaan dippiloomaa argatte.

Ergasii gara Awustiraalaa imaluun barnoota kutaa 11 fi 12 achitti xumurte.

''Barnoota sadarkaa lammaffaa (kutaa 11 fi 12) Awustiraaliyaatti xumureen Yunivarsity Diyaakin (Deakin University) seene,'' jette Dr Zabiibaan.

Barnootashee erga xumurtee booda gara US, Kaalifoorniyaa imaluun barnootaa fi hojii itti fufte.

Yuniversitii Saandiyeegoo keessatti gorsa xiin-sammuu (psychology) fi ogummaa fayyaatiin hojjetaa jiraachuu himte Dr Zabiibaa Roobaa.

''Barnoota gosa garaagaraan baradha. Barnoota xiin-sammuullee (Psychology) baradheera. Amma ammoo barnoota fayyaa onneetiin ispeeshaalaayiz gochaan jira.''

Barnoota fayyaa barachaa kitaabilee kudhan…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Zabiibaa Roobaa mata dureewwan garaagaraa irratti kitaabilee 10 barreessuun Ameerikaa fi Awurooppaa dabalatee biyyoota garaagaraa keessatti eebbisiisteetti.

Kitaabilee muraasa ammoo Itoophiyaatti eebisiisuu himte.

Kitaabileen Dr Zabiibaa bifa asoosamaa fi seenaan kan barreeffaman yoo ta'an: Asoosama dheeraa ''Yaadannoo hin du'in'' jedhu fi asoosama gabaabaa seenaa jaalalaa irratti hundaa'e ''Yuuboo'' bara 2019 hawaasa biraan ga'uu BBCtti himte.

Bara 2020 ammoo kitaaba seenaa mata duree ''Bokkuu'' jedhuun barreessitee fi asoosama dheeraa ''Korma Nyaaraa'' jedhu hawaasaan geesseetti.

Kitaaba seenaa ''Miiloo'' jedhu, kan abbaashee waliin barreessuu himte, fi asoosama dheeraa ''Tasbee Durbaa'' jedhu bara 2021 dubbistoota biraan ga'uu himte Dr Zabiibaan.

Ogeettiin fayyaa kun kitaaba waa'ee fayyaa onnee bifa asoosamaan barreeffame ''Dambalii'' fi kitaaba seenaa ''Dhaddacha Walaabuu'' jedhu bara 2022 barreessuu BBCtti himteetti.

Kitaaba seenaa ''Shanacha'' jedhuu fi kitaaba asoosamaa ''Xiifa Arsee'' ammo bara 2023 gabaarra oolchite.

Dr Zabiibaa Roobaa ijoollummaarraa seenaa maatiin itti himan dhagahaa guddatte.

Waan dhageessu barreessuun akka nama bira ga'u gochuun kaayyooshee ganamaa ture.

''Akkan kitaaba barreessuuf iccitiin addaa hin jiru. Jabina maatii, fedhii fi dandeettii kiyya. Barattuu kutaa ja'aa ta'ee akkanumaan nan barreessan ture. Maddisaa achumarraati.''

Keessattuu kitaabilee seenaa gargaarsa abbaasheetiin akka barreessitu himte.

''Abbaan kiyya barsiisaadha. Hayyuu seenaatillee. Galgala wayita galu waa hedduu na dubbisiisa. Kun akkan jabaadhee barreessu ykn akkan afaan kanatti cimu kan na taasise keessaa tokko.''

Kitaabileen ishee, keessattuu kan asoosamaa, fakkeeffamanii osoo hin taane seenaa dhugaarratti kan hundaa'an ta'uu kan himte ogeettiin fayyaa kun, muuxannoosheellee bifa kitaabaan barreessuu ibsiteetti.

''An uumee hin barreessu. Qabiyyeen kitaabilee kiyyaallee hawaasuman keessaa ba'erratti fuulleffata. Seenaa dhugaan barreessa. Asoosama barreessuun salphaa miti. An durseen yaadan barreessu bilcheessa. Kitaabilee asoosamaallee kan Ingliffaan barreeffaman dabalatee kan afaanota garaagaraa nan dubbisa.''

Dr Zabiibaan ogummaa fayyaa cinaatti hojii biraa hojjechuun, keessattuu kitaaba barreessuun baayyee cima jetti. Garuu karoorri furmaata jette.

Isheen ammoo kitaaba barreessuurratti dabalataan walaloowwan fi wallee hojjetaas turteetti.

''Baayyee ulfaata garuu yoo karoorsite salphaadha. An guyyaatti fuula shan barreessuun qaba jedhee ofirratti murteesseen hojjedha. Haala kanaan yoo yeroo kenniteef hojjechuun ni danda'ama,'' jetti.

''Ogummaa kiyyaan hawaasa kiyya tajaajiluuf jedheen hospitaala ijaaruuf karoorfadhe''

Dr Zabiibaa Roobaa ogummaa baratteen tajaajila kan kennitu biyya ambaatti. Kitaaballee irra-jireessaan biyyoota alaatti eebbisiistee raabsite.

Muuxannoo horatteen hawaasa keessaa dhalatte tajaajiluun kaayyooshee gooroo ta'uu kan himtu ogeettiin fayyaa kun, yeroo ammaa eebba kitaabaa fi ijaarsa hospitaalaa jalqabsiisuuf gara biyyaa imaltee akka jirtu BBCtti himte.

Yaada hospitaala ijaaruu jedhuun erga magaalaa Dodolaatii lafa fudhattee akka turte kan himte Dr Zabiibaan, amma maatiishee waliin ta'uun ijaarsa hospitaala kanaa eegalchiisuuf Oromiyaa akka jirtu ibsite.

''Yaadi kun tureera. Lafallee ergan fudhee tureera. Amma maatii kiyya hunda walin taanee hojiitti seenuuf jirra.''

Ogeettiin fayyaa kun yeroo barattuu turte yaada hospitaala ijaarsisuu kana akka fiddeefi bara 2023 lafa fudhachuun amma hojiitti seenuu ibsite.

''Kan ijaarru hospitaala qofa osoo hin taane yunivarsitiillee. Waluma keessa. Yaadicha anumatu fide. Garuu boodarra maatii itti dabaleera. Amma lafa hektaara 5.8 irratti ijaarsa jalqabuuf.''

Hospitaala maallaqa guddaan ijaaramuuf karoorfame kana jalqabanii xumuruuf tumsi mootummaas akka isaan jajjabeesse dubbatte Dr Zabiibaa Roobaa.

''Dhuguma maallaqi isaa guddaadha. Ammoo baankiidhaanillee walqabsiisuu yaadaa jirra. Kan ijaarru maatii guutuudhaan. Garuu deeggarsi mootummaa nu faana jira. Waggoota shan keessatti ni xumurra jennee karoorsineerra.''

Ijaarsa hospitaala kanaa jalqabsiisuuf adeemsi jiru saffisaan akka xumuramuuf waajjirri pirezidantii mootummaa naannoo Oromiyaa, bulchiinsonni magaalaa Dodolaafi Godina Arsii Lixaa akkasumas biiroon lafaa Oromiyaa akka isaan tumse himte.

Karoora fuulduraa fi gorsa

Dr Zabiibaa Roobaa ogummaa fayyaa fi barnoota xiin-sammuu (Psychology) baratteen tajaajila kennuurratti akkuma xiyyeeffattu, kitaaba barreessus xiyyeeffannaan akka itti fuftu himte.

''Hojii tokko ofirraa dhiiseen isa kaan qabadhee deema kan jedhu hin qabu. Waanan amma eegale hundumaa ittan fufa. Yoo naa danda'ame hojii dabalataallee nan eegala.''

Hojiinshee inni ijoon Yunivarsitii Saandiyeegoo keessa kan ta'e Dr Zabiibaa Roobaa, amma ammoo ijaarsa hospitaalaa iddoo dhalootashee, Dodolaatti, eegalteetti.

Hojiin ijaarsa hospitaalaa xiyyeeffannaa guddaa barbaada, garuu haalli kun gufuu itti ta'uu akka hin dandeenye dubbatte.

''Namuu bakka jiruu waan danda'een gumaacha. Akka maatiitti waan hojjennuuf hin ko'oommadhu. Kanaafuu hojii Saandiyeegoo, kitaaba barreessuu fi ijaarsa hospitaalaallee milkeessuurraa wanti duubatti na deebisu hin jiru.''

Ammoo yaadi barreessaa tokkoo hawaasa irratti xiyyeeffate sanaan hin simatamu taanaan itti fufanii kitaaba barreessuurratti dhiibbaa guddaa akka uumu hin haalle.

''Wanti barreessaa garmalee abdii kutachiisu yoo kitaabi barreeffame hin dubbifamin hafedha. Hawaasni yaada barreessaa irraa fudatee hin fayyadamu taanaan hamileetu nama bu'a.''

Garuu hojiin gaariin ni tura malee inuma hawaasa fayyada kan jettu Dr Zabiibaan, ''hin dubbifamne jennee kitaaba barreessuu dhiisuun sirrii miti. Yeroo hawaasni keenya aadaa dubbisuu gabbifatutti barri ol nu kaasuu danda'a. Baratu aartiitti na fide, baratu ol na kaasas,'' jechuun hamileedhaan kitaaba barreessuu akka itti fuftu himte.

''Kun dhimma kitaabaa qofa osoo hin taane jireenyumatu akka yaadanitti namaaf hin deemu,'' kan jettu Dr Zabiibaan, muuxannoosheerraa ka'uun dubartootaaf ergaa dabarsite.

''Shamarran Oromoo of ta'uu fi ofitti amanummaa gabbifachuu qabdu. Yoo akkas ta'an bakka yaadan hunda ni ga'u. Dubartummaan milkaa'inarraa duubatti nama hin deebisu.''

Namuu kallattii danda'uun hawaasa keessaa ba'e tajaajiluu qaba kan jette Dr Zabiibaan, isheenis mul'ata ijoollummaasheerraa egaltee qabaachaa turte milkeessuuf ijaarsa hospitaalaa akka eegalte himte.

Dr Zabiibaa Roobaa biyyatti kitaabota ishee lama eebbisiisuuf karoora qabdi.

Waajjira pirezidantii naannoo Oromiyaa irraa deeggarsa argachaa jiraachuun walqabsiistee tumsa manni maxxansaa Meelbaa taasiseef galateeffatteetti Dr Zabiibaan.

''Ergan biyya seenee manni maxxansaa Meelbaa hojii kiyya hundaa itti gaafatama fudhatee naaf maxxansaa jira. Baayyeen galateeffadha.''

Hojiilee gama hogbarruu fi ogummaa fayyaan hojjetteefis badhaasaa fi beekamtiiwwan argachuu himte.

''Ergan Oromiyaa seeneehuu walduraa duubaan badhaasota sadi fudheera. Badhaasa Gaaddisa Award jedhamu kan marsaa sadaffaarratti badhaafameera. Jaarmiyaa Oro Book jedhamuu fi kaanirraalee kennaawwan fi beekamtii adda addaa argadheera.''

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.