Aadde Elemaa Bulee: Intala horsiisee bulaa duwwaarraa ka'uun amma miliyeenara ta'an

Aadde Elemaa Bulee
Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Elemaa Bulee bakka baaburri miidhaan daaku hin jirreetti baabuura dhaabsiisuun ofumaan daakuu

Aadde Elemaa Bulee jedhamu. Dhalatanii kan guddatanis godina Booranaa baadiyyaa Aanaa Yaaballoo keessatti.

Maatii horsiisee bulaa irraa kan dhalatan Aadde Elemaan amma hojii daldalaa fi invastimantiin naannawa itti dhalatanii hanga sadarkaa naannootti beekkamtii argataniiru.

Abbaan isaanii horsiisee bulaa ta'anilleen, naannawa isaan jiraatanitti gama daldalaatiinis nama beekamu akka turan himu.

Imalli jireenyaa Aaadde Elemaan ittiin gara milkaa'ina amma irra gahan kana qaqabaniin, kan kutannoo malee bakki ka'umsa namaa daangaa ta'uu akka hin dandeenye nama akeekudha.

Seenaa isaanii dhalootaa hanga jalqabbii daldalaa akkasumas iccitii hanga inveestarummaatti ittiin ce'uuf isaan qaqabsiise ilaalchisuun BBC Afaan Oromoo waliinn turtii taasisaniiru.

Akkaataa itti hojii daldalaa eegalan

Aadde Elemaa Bulee
Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Elemaa Bulee dubartii cimtuu fi haadha qabeenyaa hawaasa horsiisee bulaa keessaa argaman

Aaddee Elemaan qe'ee maatii isaanii hanga umuriin isaanii ganna 15 gahu caalaa hin turre. Umurii isaanii yeroo ganna 15 turantti namuma naannawa isaanii tokkotti heerumsiifamuun ijoollummaadhaan bultii ijaarratan.

Bultiin ijaaratan kunis akka qe'ee abbaa isaanii kan daldalaan gurra qabanii fi qabeenya horsiisee bulaan tokko qaburra kan darbe ta'uu dhabulleen harka maratanii horsiisa loonii qofatti hafuu hin feene.

"Maatiin itti heerumes warruma horsiisee bulaati. Gaafa ana fuudhan homaa hin qabnu ture. Qonnuma xixiqqaa wayii qotanna ture. Dabalataaf yaadee waan akka sukkaarii wayii mana keessatti gurguruun jalqabe," jechuun haala irraa ka'uun gara daldalaatti itti dhufan dubbatu.

"Kanin irraa ka'e duwwuma. Waan tokkoyyuu hin qabnu. Xiqqeenyumaanin daldala jalqabe. Hojii tokko yoo jalqabde hojiin dhibiilleen sii dhufti. Itti aansee dhadhaa hojjechuu jalqabe. Isaanilleen akka dansaa milkaa'e," jechuu wal jalaan attamiin milkaa'aa akka adeeman ibsu Aaddee Elemaan.

Hojiin daldalaa xiqqummaan jalqaban tuni guddachaa deemtee bu'aa argataniin si'a tokkoon yeroo itti jibicha ja'a bitatan ammoo hin dagatamni ta'u kaasu.

"Takka jedheen daandii gubbaatti mana ijaareen suuqii achitti bane. Cinaatti ammoo waan akka sukkaarii, lallaafaa waan namni barbaadu gurguruu jalqabe. Achiin ammoo midhaanis hojjechuu jalqabe," jedhu.

Hojiin daldalaa xiqqaan jalqaban guddachaa deemee booda magaala xiqqaa Diida Yaaballoo jedhamtutti baabura midhaan daaku dhaabuu BBCtti himan.

Hojii baabura dhaabuu kanaantis bu'aa irraa argataniin alattis, naannawa isaaniitti dubartii baabura midhaan daaku dhaabdee fi ofumaan midhaan daaktu ta'uunis gurra gaarii horatan Aaddee Elemaan.

'Doqdoqqee hoofuun jalqabe'

Aadde Elemaan daldalli isaanii gosaan dabalee jennaan bakkaa bakkatti socho'udhaan hojiicha gaggeessuun dirqama itti ta'e. Kanaaf jechas doqdoqqee bitachuun geejjibaaf itti fayyadamu eegaluu himu.

"Jalqaba yoon doqdoqqee kana bitu akka namni naa oofee ittiin na tajaajiluuf yaadeen ture. Sun ammoo akkan barbaadeetti naa te'uu dinnaan ofuma kootiin oofuu baruun qaba jedheen shaakale. Boodas ofumaan oofuu jalqabe," jechuun attamiin akka doqdoqqee ykn mootara ofiin oofuu akka eegalan dubbatu.

"Gaafan doqdoqqee oofuu jalqabu sana haadha ijoollee lamaan ture. Amma ijoollee torba horeera. Doqdoqqee kanas ganna 10niifan oofe. Ammalleen hojii daldalaa fi sochii kiyyaaf itti tajaajilamaan jira," jedhu.

Aadde Elemaan doqdoqqee oofachuun kun hojii daldalaa isaanii cimsuuf hedduu akka isaan tajaajile himuun. Aaddee Elemaan ofiisaanii qofa oofuu hin barbaadne. Abbaa warraa isaaniis shaakalsiisuun amma lamaan isaanituu itti fayyadamu.

Amma nama miliyoona sochoosu ta'eera

Hojii Aaddee Elemaan daldalaa xiqqaan sukkaariin jalqaban kunis amma waggootaan booda ittiin qabeenya guddaa horachuu kan himan yoo ta'u, amma daldalli isaanii sadarkaa guddaa qaqqabuu dubbatu.

"Amma magaala Yaaballootti hoteela ijaaraan jira. Baabura midhaan daakuus ittuma fufeera. Gara mootummaa Aanaa, Godinaa fi Oromiyaattillee yeroo hedduu badhaafame. Amma haadha qabeenyaa jedhamee Investimantiitti ceheera," jechuun milkaa'ina isaanii dubbatu.

Hojii ijaarsa hoteelaa jalqabaniin alattis lafa qonnaa hektaara 25 ta'u inveestimantiin fudhatanii hojii qonnaa irraatti bal'inaan bobba'uuf jalqabbii irra akka argaman dubbatan.

"Har'a nu warra adda duree miliyoona sochoosu taaneerra galata Rabbii. Inveestera taaneerra. Warra dura deemu malee warra eegee miti nu amma," jechuun bu'aa bahii hedduun booda cimanii hojjachuudhaan milkaa'ina irra gahan gammachuun dubbatan.

Aadde Elemaa Bulee
Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Elemaa Bulee suuqiis banuudhaan meeshaalee naannoo saaniitti barbaadaman dhiyeessuun daldalu

Hojii tuffii malee hojjechuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Elemaan iccitii milkaa'ina isaanii yoo himan ''hojii osoo hin tuffanne hojjechuu kiyyatu kanaan na gahe'' jedhu.

Kanaafis dubartoonnis ta'e nami kamuu hojii osoo hin tuffanne waan xiqqaarraa eegalanii guddachuun akka danda'amu na rraa barachuu danda'u jedhu haatii qabeenyaa hawaasa horsiisee bulaa keessaa bahan tun.

"Namni cuftinuu gaafa dhalatu tokkuma. Ammoo namni hojii osoo hin tuffanne waan xiqqoo irraa jalqabe gara guddoo inuma deema. Dubartiin cuftinu taa'uu dhiistee jabaattee akka hojjettun dhaamsa dabarsaaf" jechuun waamicha taasisan.

Dubartoonni waan hojjetaniin milkaa'uu ni danda'u kan jedhan harmeen kun, warri dhiiraas dubartoota mana keessatti ittisanii teessisuu irra hojii hojjetanii waan guddootti akka cehaniif gargaaruudhaan waliin guddachu qabu jechuun abbootii warraatifis dhaamsa dabarsan.

Milkaa'ina Aaddee Elemaan amma irra gahan kanaafis deeggarsii fi tumsi abbaa warraa isaanii guddaa akka ta'ee dubbatan. Akkasumas, ''abbaan warraa fi haati warraan kaanilleen waltumsanii guddachuu fi jireenya fooyya'aatti waliin bahu akka danda'amu nurraa haa baratan'' jechuun dhaamu.

Aaddee Elemaan waa'ee karoora saanii gara fuulduraa yoo ibsan ammoo, "Aniin fuuladura kana caalaa hojjechuuf karoorseen jira. Waan karoorfatan Waaqatu nama dura deemee nama milkeessa. Ani ammoo of dura kana caalaa hojjedhee sadarkaa federaalaatti badhaafamuun yaadaa jira," jedhan.

Sarara diimaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.