Barsiiftuu barattootashee beekumsaa fi nyaata soortu- Birqisaa Jamaal
Barsiiftuu Birqiisaa Jamaal jedhamu. Dhalatanii kan guddatan magaala Jimmaatti.
Erga barnootasaanii xumuraniin booda ammoo achuma Jimmatti barsiiftuu ta'uun hojjataa jiru.
Mucaa tokko beelaan kutaa keessatti gaggabee kufe fedhiifi kennaasaanii bara dheeraa hojiirra akka oolchaniif karra bane.
"Ani gabatee gurraacha irrattan barreessaa ture. Ennaan gara galee ilaalu mucaan tokko kufee, akka waan hollachiisaan qabee hollataa ture.
Achumaanan ijoollee wajjin gadi baasne'' jechuun taatee guyyaa jalqabaa hojii amma hojjataniif ka'umsa ta'e dubbatu barsiiftuu Birqiisaa Jamaal.
Isaan booda waggaa sadiin dura maallaqa intallii isaanii ji'aan Ameerikaa irraa ergituun barattoota KG fi kutaa 1-4 baratan kuma tokkoo oliif nyaata dhiyeessaa turan.
Barana garuu qaala'insa jireenyaatiin amma gara ijoolleen 190tti gad hirisuu dubbachuun, osoo mootummaafi qaamni biraa bira dhaabbatee hojii kana babal'isuudhaan ijoollee maatii harka qalleeyyii bira gahu barbaadu.












