'Mallattoo cabanii hafuu ta'uu hin barbaadu'- Tsaggaa Balaachoo

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Mallattoo cabanii hafuu ta'uu hin barbaadu'- Tsaggaa Balaachoo
'Mallattoo cabanii hafuu ta'uu hin barbaadu'- Tsaggaa Balaachoo

Akeekkachiisa: Qabiyyee miira keessan miidhuu danda'u qabaachuu mala

Tsaggaa Balaachoon miseensa poolisii eegduu kantiibaa magaalaa Hawaasaa tureen butamtee guyyoota sagal dabarsite, gudeeddiinis irratti raawwate.

Dhimmi ishee dubbii ijoo kan ta’e, namootas kan dheekkamsiise erga miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamee booda ture.

Namni Yahuwaalaamabiraat W/Maariyaam jedhamu badii raawwaten hidhaan itti murameera.

Namootaaf ‘’mallattoo ciminaa’’ ta’un barbaada kan jettu Tsaggaan, waggaa darbe eegaleemmoo biyyaa baateetti.

Turtii addatti BBC waliin taasifteen yeroo jalqabaaf akkaataa butamte, guyyoota butii jala dabarsite, sababa biyyaa baateefi kaanirratti dubbatte.

Dhihaadhaa!