Ajab! Saawwa muka afaaniin qabattee of hooqqattu daawwadhaa
Ajab! Saawwa muka afaaniin qabattee of hooqqattu daawwadhaa
Dhalli namaa waggoota 10,000 kan ta'uuf horii horsiisee waliin jiraateera.
Takkaa garuu horiin meeshaan yeroo dhimma bahan mul'atee hin beeku jedhu qorattoonni.
Saani maqaan ishee Veroonikaa jedhamtu kuni qe'ee baadiyyaa Ostiriyaa gaarreen qabu keessatti jiraatti.
Gaafa ishee hooksisu harataa ammayyaa magaalatti mana, qe'ee ittiin haxaa'an akka lamaan fayyadamti.
Ulee ykn harataa ofumaa afaaniin qabattee karaa harataa qabu dugdashee, karaa ulee isaammoo garaa jala hooqqatti.
Qorattoonni kuni ajaa'iba nutti ta'e jechaa jiru. Isin saawwa akkanaaa beektuu? Daawwadhaa!



